< 2 Saamuʼeel 17 >

1 Ahiitofelis Abesaaloomiin akkana jedhe; “Ani namoota kuma kudha lama filadhee halkanuma kana Daawitin nan ariʼa.
亚希多弗又对押沙龙说:“求你准我挑选一万二千人,今夜我就起身追赶大卫,
2 Anis yeroo inni dadhabee laafutti isa nan dhaʼa. Sodaa itti buusee akka namoonni isa wajjin jiran hundis baqatan nan godha. Ani mooticha qofa dhaʼee
趁他疲乏手软,我忽然追上他,使他惊惶;跟随他的民必都逃跑,我就单杀王一人,
3 namoota isaa hundas deebisee sittin fida. Duuti namicha ati barbaaddu sanaa deebiʼuu nama hundaa ti jechuu dha; ergasii namoonni hundinuu nagaan jiraatu.”
使众民都归顺你。你所寻找的人既然死了,众民就如已经归顺你;这样,也都平安无事了。”
4 Karoorri kunis Abesaaloomii fi maanguddoota Israaʼel hundatti waan gaarii fakkaate.
押沙龙和以色列的长老都以这话为美。
5 Abesaaloom garuu, “Mee Huushaayi namicha gosa Arkii sanas waamaatii waan inni jedhu haa dhageenyu” jedhe.
押沙龙说:“要召亚基人户筛来,我们也要听他怎样说。”
6 Abesaaloom yeroo Huushaayi isa bira dhufetti, “Ahiitofel gorsa kana nuu kenneera. Waan inni jedhe kana haa goonuu? Yoo taʼuu baate immoo yaada kee nuu kenni” jedheen.
户筛到了押沙龙面前,押沙龙向他说:“亚希多弗是如此如此说的,我们照着他的话行可以不可以?若不可,你就说吧!”
7 Huushaayis deebisee Abesaaloomiin akkana jedhe; “Gorsi Ahiitofel kenne yeroo kanatti gaarii miti.
户筛对押沙龙说:“亚希多弗这次所定的谋不善。”
8 Ati abbaa keetii fi namoota isaa ni beekta; isaan loltootaa fi warra akkuma amaaketa ilmaan ishee jalaa fudhatamteetti nama sodaachisanii dha. Kana irratti abbaan kee muuxannoo waraanaa guddaa qaba; inni halkan halkan loltoota bira hin bulu.
户筛又说:“你知道,你父亲和跟随他的人都是勇士,现在他们心里恼怒,如同田野丢崽子的母熊一般,而且你父亲是个战士,必不和民一同住宿。
9 Amma illee inni holqa keessa yookaan lafa biraa dhokatee jira taʼa. Yoo inni duraan dursee loltoota kee dhaʼe, namni waaʼee kanaa dhagaʼu kam iyyuu, ‘Loltoonni Abesaaloom duuka buʼan ni dhuman’ jedhee odeessa.
他现今或藏在坑中或在别处,若有人首先被杀,凡听见的必说:‘跟随押沙龙的民被杀了。’
10 Ergasii immoo sababii Israaʼeloonni hundinuu akka abbaan kee nama waraanaa taʼee fi akka warri isa wajjin jiranis jajjaboo taʼan beekaniif loltoonni ciccimoon warri onneen isaanii akka onnee leencaa taʼe sodaadhaan dhuman.
虽有人胆大如狮子,他的心也必消化;因为以色列人都知道你父亲是英雄,跟随他的人也都是勇士。
11 “Egaa wanni ani si gorsu kana: Israaʼeloonni lakkoobsi isaanii akka cirracha qarqara galaanaa baayʼatu kanneen Daanii hamma Bersheebaatti argaman hundi si biratti walitti haa qabamaniitii ati isaan dura buʼii lolatti seeni.
依我之计,不如将以色列众人—从但直到别是巴,如同海边的沙那样多—聚集到你这里来,你也亲自率领他们出战。
12 Akkasiin lafa inni jirutti isa dhoofna; akkuma Fixeensi ganamaa lafa irra buʼuttis isa irra buuna. Innis taʼu namoonni isaa tokko iyyuu lubbuun hin hafan.
这样,我们在何处遇见他,就下到他那里,如同露水下在地上一般,连他带跟随他的人,一个也不留下。
13 Yoo inni gara magaalaa sanaatti baqates, Israaʼeloonni hundinuu funyoo fidanii hamma dhagaan xinnaan tokko hin hafnetti magaalaa sana gara sululaatti harkifna.”
他若进了哪一座城,以色列众人必带绳子去,将那城拉到河里,甚至连一块小石头都不剩下。”
14 Abesaaloomii fi Israaʼeloonni hundinuu, “Gorsa Ahiitofel caalaa gorsa Huushaayi namicha gosa Arkii sanaatu wayya” jedhan. Waaqayyo Abesaaloomitti badiisa fiduuf jedhee gorsa Ahiitofel gaarii sana faayidaa dhabsiiseeraatii.
押沙龙和以色列众人说:“亚基人户筛的计谋比亚希多弗的计谋更好!”这是因耶和华定意破坏亚希多弗的良谋,为要降祸与押沙龙。
15 Huushaayiis akkana jedhee Zaadoqii fi Abiyaataar lubootatti hime; “Ahiitofel, ‘Akkasii fi akkas godhaa’ jedhee Abesaaloomii fi maanguddoota Israaʼel gorsee ture; ani garuu, ‘Akkanaa fi akkana godhaa’ jedheen isaan gorse.
户筛对祭司撒督和亚比亚他说: “亚希多弗为押沙龙和以色列的长老所定的计谋是如此如此,我所定的计谋是如此如此。
16 Amma gara Daawititti ergamoota ergaatii, ‘Ati halkan kana holqawwan gammoojjii keessa hin bulin; utuu hin turin ceʼii deemi; yoo kanaa achii mootichii fi namoonni isa wajjin jiran hundinuu ni liqimfamtu’ jedhaa itti himaa.”
现在你们要急速打发人去,告诉大卫说:‘今夜不可住在旷野的渡口,务要过河,免得王和跟随他的人都被吞灭。’”
17 Yeroo sanattis Yoonaataanii fi Ahiimaʼaz iddoo Een Roogeel jedhamu turan. Intalli xomboreen tokko dhaqxee isaanitti himti turte; isaan immoo dhaqanii Daawit mootichatti himu turan; isaan akka yeroo magaalaa seenanitti hin argamneef of eeggachaa turaniitii.
那时,约拿单和亚希玛斯在隐·罗结那里等候,不敢进城,恐怕被人看见。有一个使女出来,将这话告诉他们,他们就去报信给大卫王。
18 Garuu dargaggeessi tokko isaan argee Abesaaloom itti hime. Kanaafuu lamaan isaanii iyyuu dafanii achii baʼanii mana namicha Bahuuriim keessa jiraatu tokkoo seenan. Namichi kunis dallaa isaa keessaa boolla qaba ture; isaanis boolla sana keessa lixan.
然而有一个童子看见他们,就去告诉押沙龙。他们急忙跑到巴户琳某人的家里;那人院中有一口井,他们就下到井里。
19 Niitiin namicha sanaas afaan boollichaa gubbaa waa diriirsitee midhaan achi irra afte. Namni tokko iyyuu waan kana hin beekne.
那家的妇人用盖盖上井口,又在上头铺上碎麦,事就没有泄漏。
20 Namoonni Abesaaloom yommuu dubartittii bira mana dhufanitti, “Ahiimaʼazii fi Yoonaataan meerre?” jedhanii gaafatan. Dubartittiinis, “Isaan laga ceʼanii deemaniiru” jettee isaaniif deebifte. Jarris barbaadanii isaan dhaban; kanaafuu Yerusaalemitti deebiʼan.
押沙龙的仆人来到那家,问妇人说:“亚希玛斯和约拿单在哪里?”妇人说:“他们过了河了。”仆人找他们,找不着,就回耶路撒冷去了。
21 Erga namoonni Abesaaloom deemanii booddee Ahiimaʼazii fi Yoonaataan boolla keessaa ol baʼanii Daawit mootichatti himuu dhaqan. Isaanis, “Ammuma kana kaʼiitii laga ceʼi; Ahiitofel, ‘Akkasii fi akkas godhaa’ jedhee sirratti isaan gorseeraa” jedhaniin.
他们走后,二人从井里上来,去告诉大卫王说:“亚希多弗如此如此定计害你,你们务要起来,快快过河。”
22 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa hundi kaʼanii Yordaanosin ceʼan. Yeroo lafti bariitetti namni utuu Yordaanosin hin ceʼin hafe tokko iyyuu hin turre.
于是大卫和跟随他的人都起来,过约旦河。到了天亮,无一人不过约旦河的。
23 Ahiitofelis yommuu akka gorsi isaa fudhatama dhabe beeketti harree isaa feʼatee gara magaalaa iddoo mana jireenya isaatti qajeele. Innis erga mana isaa tottolfatee booddee of fannise. Akkasiinis duʼee awwaala abbaa isaa keessatti awwaalame.
亚希多弗见不依从他的计谋,就备上驴,归回本城;到了家,留下遗言,便吊死了,葬在他父亲的坟墓里。
24 Daawit gara Mahanayiim deeme; Abesaaloom immoo namoota Israaʼel hunda wajjin Yordaanosin ceʼe.
大卫到了玛哈念,押沙龙和跟随他的以色列人也都过了约旦河。
25 Abesaaloomis Amaasaa qooda Yooʼaab ajajaa loltootaa godhee muude; Amaasaan kun ilma namicha gosa Israaʼel kan Yitraa jedhamu isa Abiigayiil haadha Yooʼaab, obboleettii Zeruuyaa, intala Naaʼaash sana fuudhee ture.
押沙龙立亚玛撒作元帅,代替约押。亚玛撒是以实玛利人以特拉的儿子。以特拉曾与拿辖的女儿亚比该亲近;这亚比该与约押的母亲洗鲁雅是姊妹。
26 Israaʼeloonnii fi Abesaaloom biyya Giliʼaad keessa qubatan.
押沙龙和以色列人都安营在基列地。
27 Yommuu Daawit Mahanayiim gaʼettis, Shoobiin ilmi Naahaash namichi gosa Amoon kan Rabbaadhaa dhufe, Maakiir ilmi Amiiʼeel kan Lodebaarii dhufee fi Barzilaayiin namichi gosa Giliʼaad kan Rogeliimii dhufe
大卫到了玛哈念,亚扪族的拉巴人拿辖的儿子朔比,罗·底巴人亚米利的儿子玛吉,基列的罗基琳人巴西莱,
28 afata, waciitii fi miʼoota suphee irraa hojjetaman fidan. Akkasumas akka isaan nyaataniif qamadii fi garbuu, daakuu fi akaayii, baaqelaa fi misira,
带着被、褥、盆、碗、瓦器、小麦、大麦、麦面、炒谷、豆子、红豆、炒豆、
29 dammaa fi itittuu, hoolotaa fi baaduu aannan loon Daawitii fi namoota isaatiif fidan. Isaanis, “Namoonni lafa gammoojjiitti beelaʼaniiru, dadhabaniiru, dheebotaniirus” jedhanii turaniitii.
蜂蜜、奶油、绵羊、奶饼,供给大卫和跟随他的人吃;他们说:“民在旷野,必饥渴困乏了。”

< 2 Saamuʼeel 17 >