< 2 Saamuʼeel 16 >

1 Daawit fiixee gaarichaa darbee xinnoo erga deemee booddee Ziibaan tajaajilaan Mefiibooshet harroota lamatti buddeena dhibba lama, bixxillee ija wayinii dhibba tokko, bixxillee ija harbuu dhibba tokkoo fi daadhii wayinii qalqalloo tokko feʼee isa simachuuf itti dhufe.
And when David was a little past the summit, behold, Ziba, Mephibosheth's servant, met him, with a couple of asses saddled, and upon them two hundred [loaves] of bread, and a hundred raisin-cakes, and a hundred cakes of summer fruits, and a flask of wine.
2 Mootichis, “Kana hunda maaliif fidde?” jedhee Siibaa gaafate. Ziibaan immoo, “Harroota akka maatiin mootichaa Yaabbataniif, buddeenaa fi bixxillee ija wayinii akka namoonni nyaataniif, daadhii wayinii immoo akka warri gammoojjii keessatti dadhaban ittiin bayyanataniif” jedhee deebise.
And the king said to Ziba, What meanest thou by these? And Ziba said, The asses are for the king's household to ride on; and the bread and summer fruits for the young men to eat; and the wine, that such as are faint in the wilderness may drink.
3 Mootichis, “Ilmi ilma gooftaa keetii eessa jira?” jedhee gaafate. Ziibaan immoo deebisee, “Inni waan, ‘Manni Israaʼel harʼa mootummaa akaakayyuu kootii naa deebisa’ jedhee yaaduuf Yerusaalem keessa jiraata” jedhe.
And the king said, And where is thy master's son? And Ziba said to the king, Behold, he abides at Jerusalem; for he said, To-day shall the house of Israel restore me the kingdom of my father.
4 Mootichis Ziibaadhaan, “Wanni kan Mefiibooshet taʼe hundinuu amma kan kee ti” jedhe. Ziibaanis, “Ani akkan fuula gooftaa kootii, fuula mootichaa duratti surraa argadhuuf ofi qabeen si kadhadha” jedhe.
And the king said to Ziba, Behold, thine are all that pertained to Mephibosheth. And Ziba said, I humbly bow myself: may I find favour in thy sight, my lord, O king.
5 Akkuma Daawit mootichi Bahuuriim gaʼeen namichi balbala maatii Saaʼol tokko itti dhufe. Maqaan isaas Shimeʼii ilma Geeraa ti; namichi kunis Daawitin abaaraa gad baʼe.
And when king David came to Bahurim, behold, there came out from thence a man of the family of the house of Saul, whose name was Shimei, the son of Gera: he came forth, and cursed,
6 Innis utuma qondaaltonnii fi waardiyyoonni Daawit hundinuu mirgaa fi bitaan Daawitin marsanii jiranuu hunda isaaniitti dhagaa darbachaa ture.
and cast stones at David, and at all the servants of king David; and all the people and all the mighty men were on his right hand and on his left.
7 Shimeʼiinis akkana jedhee isa abaaraa ture; “Asii baʼi; asii baʼi; ati nama dhiigaa ti; namicha hamaa nana!
And thus said Shimei as he cursed: Away, away, thou man of blood and man of Belial!
8 Waaqayyo dhiiga mana Saaʼol kan ati iddoo isaa buutee moote sanaa hundaaf gatii kee siif kenneera. Waaqayyo mootummaa kee sirraa fuudhee ilma kee Abesaaloomiif kenneera. Ati sababii nama dhiigaa taateef ni badda!”
Jehovah has returned upon thee all the blood of the house of Saul, in whose stead thou hast reigned; and Jehovah has given the kingdom into the hand of Absalom thy son; and behold, thou art [taken] in thine own evil, for thou art a man of blood.
9 Abiishaayi ilmi Zeruuyaa mootichaan, “Sareen duʼaan kun maaliif gooftaa koo mooticha abaara? Ani dhaqeen mataa isaa irraa kuta” jedhe.
And Abishai the son of Zeruiah said to the king, Why should this dead dog curse my lord the king? let me go over, I pray thee, and take off his head.
10 Mootichi garuu akkana jedhe; “Yaa ilmaan Zeruuyaa, anii fi isin maal wal irraa qabna? Yoo inni sababii Waaqayyo, ‘Ati Daawitin abaari’ isaan jedheef na abaare eenyutu, ‘Ati maaliif waan kana goota?’ jedhee isa gaafachuu dandaʼa?”
And the king said, What have I to do with you, ye sons of Zeruiah? so let him curse, for Jehovah has said to him, Curse David! Who shall then say, Why dost thou so?
11 Ergasii Daawit Abiishaayii fi qondaaltota isaa hundaan akkana jedhe; “Ilmi koo kan gudeeda kootii baʼe iyyuu lubbuu koo balleessuu barbaada. Yoos namichi gosa Beniyaam kun hammam kana caalaa hin goone ree! Isa dhiisaa; waan Waaqayyo isa ajajeef inni na haa abaaru.
And David said to Abishai, and to all his servants, Behold, my son, who came forth of my bowels, seeks my life: how much more now a Benjaminite? let him alone and let him curse; for Jehovah has bidden him.
12 Tarii Waaqayyo dhiphina koo argee abaarsa ani harʼa abaaramaa jiru kana waan gaariitti naa geeddara taʼaa.”
It may be that Jehovah will look on mine affliction, and that Jehovah will requite me good for my being cursed this day.
13 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa karaa isaanii itti fufan; Shimeʼiin immoo isa abaaraa, dhagaa itti darbachaa, awwaaras itti bittinneessaa fuullee isaatiin gaara cina deemaa ture.
And David and his men went by the way; and Shimei went along on the hill's side over against him, and cursed as he went, and threw stones at him, and cast dust.
14 Mootichii fi namoonni isa wajjin turan hundi dadhabbii guddaadhaan dhufanii achitti aara galfatan.
And the king, and all the people that were with him, came weary, and refreshed themselves there.
15 Yeroo kanattis Abesaaloomii fi namoonni Israaʼel hundi gara Yerusaalem dhufan; Ahiitofelis isa wajjin ture.
Now Absalom, and all the people, the men of Israel, came to Jerusalem, and Ahithophel with him.
16 Huushaayi namichi gosa Arkii michuun Daawit sun Abesaaloom bira dhaqee, “Yaa mootii bara baraan jiraadhu! Yaa mootii bara baraan jiraadhu!” jedheen.
And it came to pass, when Hushai the Archite, David's friend, came to Absalom, that Hushai said to Absalom, Long live the king! Long live the king!
17 Abesaaloomis, “Jaalalli ati michuu keetiif qabdu kanaa? Ati maaliif michuu kee wajjin hin deemne?” jedhee Huushaayin gaafate.
And Absalom said to Hushai, Is this thy kindness to thy friend? why didst thou not go with thy friend?
18 Huushaayi immoo Abesaaloomiin akkana jedhe; “Lakki; ani kan nama Waaqayyo, sabni kunii fi namoonni Israaʼel hundi filatanii nan taʼa; isa wajjinis nan jiraadha.
And Hushai said to Absalom, No; but whom Jehovah, and this people, and all the men of Israel choose, his will I be, and with him will I abide.
19 Kanaa achi ani eenyun tajaajila? Ani Ilma tajaajiluu hin qabuu? Ani akkuman abbaa kee tajaajile sana siʼi illee nan tajaajila.”
And again, whom should I serve? should it not be in the presence of his son? as I have served in thy father's presence, so will I be in thy presence.
20 Abesaaloomis Ahiitofeliin, “Mee nu gorsi. Nu maal gochuu qabna?” jedhe.
And Absalom said to Ahithophel, Give counsel among you what we shall do.
21 Ahiitofelis deebisee, “Ol seeniitii saajjatoowwan abbaa keetii kanneen inni akka isaan masaraa mootii eeganiif dhiisee biraa deeme wajjin ciisi. Ergasii Israaʼeloonni hundi akka ati abbaa kee jibbite dhagaʼanii, harki warra si wajjin jiran hundaas ni jabaataa” jedheen.
And Ahithophel said to Absalom, Go in to thy father's concubines, whom he has left to keep the house; and all Israel shall hear that thou art become odious with thy father; and the hands of all that are with thee shall be strong.
22 Kanaafuu bantii manaa irra Abesaaloomiif dunkaana dhaaban; innis Israaʼeloota hunda duratti saajjatoowwan abbaa isaa wajjin ciise.
So they spread a tent for Absalom upon the roof; and Absalom went in to his father's concubines in the sight of all Israel.
23 Bara sanatti gorsi Ahiitofel kennaa ture akkuma waan namni tokko Waaqa gaafatuutti ilaalama ture. Akki itti Daawitis taʼu Abesaaloom gorsa Ahiitofel hunda dhagaʼaa turan kanaa dha.
And the counsel of Ahithophel, which he counselled in those days, was as if a man had inquired of the word of God: so was all the counsel of Ahithophel both with David and with Absalom.

< 2 Saamuʼeel 16 >