< 2 Saamuʼeel 15 >

1 Kana irratti Abesaaloom gaarii lolaatii fi fardeen akkasumas namoota fuula isaa dura fiigan shantama ofii isaatiif qopheeffate.
Ikawa baada ya haya Absalomu akaandaa gari la farasi na farasi kwa ajili yake pamoja na watu hamsini wa kwenda mbele zake.
2 Innis ganamaan kaʼee daandii gara karra magaalaatti nama geessu irra dhaabata ture. Yeroo namni kam iyyuu iyyata isaa mootii duratti dhiʼeeffatee murtii argachuuf dhufutti, Abesaaloom ofitti isa waamee, “Ati magaalaa kamii dhufte?” jedhee gaafata. Namni sunis, “Garbichi kee gosoota Israaʼel keessaa gosa tokko keessaa dhufa” jedhee deebisaaf.
Absalomu alikuwa akiamka mapema na kusimama kando ya njia iliyoelekea katika lango la mji. Mtu yeyote aliyekuwa na shauri la kuja kwa mfalme kwa ajili ya hukumu, Absalomu alimwita na kumwuliza, “Unatoka mji upi?” Na mtu yule hujibu, Mtumishi wako anatoka mojawapo ya kabila za Israeli.”
3 Ergasiis Abesaaloom, “Kunoo iyyanni kee dhugaa fi qajeelaa dha; garuu akka inni si dhagaʼuuf namni mootiin iddoo buufate tokko iyyuu hin jiru” jedhaan.
Hivyo Absalomu umwambia, “Tazama, shitaka lako ni jema na la haki, lakini hakuna aliyepewa mamlaka na mfalme kusikiliza shitaka lako.
4 Abesaaloomis itti dabalee, “Maal qaba, utuu ani biyya kanatti abbaa murtii taʼee! Silaa namni iyyata yookaan himata qabu kam iyyuu na bira dhufee anis murtii qajeelaa isaaf nan kennan ture” jedha.
Absalomu uongeza, “Natamani kwamba ningefanywa mwamzi ndani ya nchi ili kwamba kila mtu aliye na shitaka angeweza kuja kwangu nami ningempa haki.
5 Akkasumas yeroo namni tokko fuula isaa duratti jilbeenfachuuf gara isaa dhufutti Abesaaloom harka diriirfatee ol isa qabuudhaan isa dhungata.
Hivyo ikawa kila mtu aliyekuja kumweshimu Absalomu yeye hunyosha mkono na kumshika na kumbusu.
6 Abesaaloom akkasiin Israaʼeloota murtii qajeelaa argachuuf gara mootii dhufan hunda simachuudhaan garaa namoota Israaʼel hate.
Absalomu alifanya hivi kwa Israeli wote waliokuja kwa mfalme kwa ajili ya hukumu. Hivyo Absalomu akaipotosha mioyo ya watu wa Israeli.
7 Abesaaloomis gara dhuma waggaa afuraffaatti mootichaan akkana jedhe; “Akka ani Kebroon dhaqee wareega Waaqayyoof wareegee ture tokko dhiʼeessuuf naaf eeyyami.
Ikawa mwishoni mwa miaka minne Absalomu akamwambia mfalme, “Tafadhari niruhusu niende ili nitimize nadhiri niliyoiweka kwa Yahwe huko Hebroni.
8 Ani garbichi kee yeroon biyya Sooriyaa keessa Geshuur jiraachaa turetti, ‘Yoo Waaqayyo gara Yerusaalemitti na deebise, ani Kebroonitti Waaqayyoof nan sagada’ jedhee wareega kana wareegeen ture.”
Kwa maana mtumishi wako aliweka nadhiri alipokuwako Geshuri katika Shamu akisema, 'Ikiwa Yahwe kweli atanirejesha Yerusalemu, ndipo nitamwabudu yeye.”
9 Mootichis, “Nagaan deemi” jedheen. Kanaafuu Abesaaloom gara Kebroon deeme.
Hivyo mfalme akamwambia, “Nenda kwa amani”. Absalomu akainuka na kwenda Hebroni.
10 Abesaaloom garuu akka isaan, “Isin akkuma sagalee malakataa dhageessaniin, ‘Abesaaloom Kebroonitti mootii taʼeera’ jedhaa” jedhaniif guutummaa gosoota Israaʼel keessa dhoksaadhaan ergamoota bobbaase.
Kisha Absalomu akatuma wapelelezi katika jamaa zote za Israeli, kusema, “Mara msikiapo sauti ya tarumbeta semeni, 'Absalomu anatawala katika Hebroni.”
11 Namoonni dhibbi lama Yerusaalemii baʼanii Abesaaloom faana buʼan. Isaan akka keessummaatti affeeramanii calʼisaniituma deeman malee waaʼee dhimma sanaa waan tokko illee quba hin qaban ture.
Watu mia mbili waliokuwa wamearikwa kutoka Yerusalemu wakaenda na Absalomu. Wakaenda katika ujinga wao bila kujua Absalomu alichokipanga. Wakati
12 Abesaaloom yeroo aarsaa dhiʼeessutti namichi gosa Giiloo kan Ahiitofel jedhamu, gorsaan Daawit akka magaalaa isaa Giiloodhaa dhufuuf waamsise. Kanaafuu fincilli sun jabaatee duukaa buutonni Abesaaloomis baayʼachaa dhufan.
Absalomu akitoa dhabihu, alituma watu kwa Ahithofeli katika mji wake huko Gilo. Yeye alikuwa mshauri wa Daudi. Uaini wa Absalomu ukawa na nguvu kwa kuwa watu waliomfuata waliendelea kuongezeka.
13 Ergamaan tokkos Daawit bira dhufee, “Garaan namoota Israaʼel gara Abesaaloom itti deebiʼee jira” jedhee itti hime.
Mjumbe akaja kwa Daudi na kusema, “Mioyo ya watu wa Israeli inaambatana na Absalomu.”
14 Ergasiis Daawit qondaaltota isaa warra isa wajjin Yerusaalem keessa turaniin akkana jedhe; “Kaʼaa ni baqannaa! Yoo kanaa achii tokkoon keenya iyyuu Abesaaloom jalaa hin baanu. Dafnee asii deemuu qabna; yoo kanaa achii inni ariitiidhaan dhufee nu qaqqabee nu balleessaatii; magaalattii illee goraadeedhaan dhaʼa.”
Hivyo Daudi akawambia watumishi wake waliokuwa pamoja naye huko Yerusalemu, “Haya na tuinuke na kukimbia kwani hakuna hata mmoja atakayesalimika kwa Absalomu. Jiandaeni kuondoka mara moja asije akatupata mara hata akasababisha madhara juu yetu na kuushambulia mji kwa makali ya upanga.”
15 Qondaaltonni mootichaas, “Nu tajaajiltoonni kee waan gooftaan keenya mootichi murteesse kam iyyuu gochuuf qophaaʼoo dha” isaan jedhan.
Watumishi wa mfalme wakamwambia, “Tazama, watumishi wako wapo tiyari kufanya lolote bwana wetu mfalme atakaloamua.
16 Kanaafuu mootichi warra mana isaa jiraatan hunda of faana fudhatee qajeele; saajjatoowwan isaa kudha garuu akka isaan masaraa mootii eeganiif achumatti dhiise.
Mfalme akaondoka na familia yake yote pamoja naye, lakini mfalme akawaacha wanawake kumi waliokuwa masuria wa mfalme ili walitunze kasri.
17 Mootichis akkasiin namoota hunda of faana fudhatee baʼe; isaanis xinnoo achi fagaatanii iddoo tokko dhadhaabatan.
Baada ya mfalme kwenda na watu wote pamoja naye, wakasimama katika nyumba ya mwisho.
18 Namoonni isaa hundinuu Kereetotaa fi Pheletota hunda wajjin mooticha dura qajeelan; akkasumas Gaatonni dhibba jaʼa kanneen Gitii isa faana baʼanis fuula mootichaa dura darban.
Jeshi lake lote likaenda pamoja naye na mbele yake wakaenda Wakerethi na Wapelethi, na Wagiti mia sita wote waliokuwa wamemfuata kutoka Gathi.
19 Mootichis Itaayi namicha Gitii sanaan akkana jedhe; “Ati maaliif nu faana dhufta? Deebiʼiitii Abesaaloom mooticha wajjin turi. Ati keessummaa biyya keetii boojiʼamtee dhuftee dha.
Kisha mfalme akamwambia Itai Mgiti, “Kwa nini wewe pia uende nasi? Rudi na ukae na mfalme Absalomu kwa kuwa wewe ni mgeni tena mfungwa. Rudi mahali pako mwenyewe.
20 Ati kaleessuma dhufte. Egaa ani utuun ofii kootiifuu garan dhaqu hin beekin akka ati nu faana joortun si godhaa? Amma beenuu namoota biyya keetii fudhadhuutii deebiʼi. Gara laafinnii fi amanamummaan si wajjin haa taʼan.”
Kwani ni jana tu umeondoka, kwa nini nikufanye uzunguke nasi popote? Hata sijui niendako. Hivyo rudi pamoja na wenzako. Utiifu na uaminifu viambatane nawe.”
21 Itaayi garuu deebisee mootichaan, “Dhugaa Waaqayyo jiraataatii fi duʼa gooftaa koo mootichaa, jireenyas taʼu duʼa taanaan ani tajaajilaan kee gara gooftaan koo mootichi deemu kam iyyuu nan deema” jedhe.
Lakini Itai akamjibu mfalme na kusema, “Kama Yahwe aishivyo na kama bwana wangu mfalme aishivyo, kwa hakika mahali popote bwana wangu mfalme aendako, mtumishi wako pia ndipo atakapokwenda, kwamba ni maisha au kifo.”
22 Daawit immoo Itaayiin, “Yoos darbii fuula duratti deemi” jedhe. Kanaafuu Itaayi namichi Gitii sun namoota isaatii fi maatii isaa kanneen isa wajjin turan hunda fudhatee deeme.
Hivyo Daudi akamwambia Itai, haya tangulia uende pamoja nasi.” Hivyo Itai Mgiti akaenda pamoja na mfalme, pamoja na watu wake wote na familia zao zote.
23 Yeroo namoonni sun hundi darbanittis warri baadiyyaa jiraatan hundi sagalee ol fudhatanii booʼan. Mootichis Sulula Qeedroon ceʼee deeme; namoonni hundinuus ceʼanii gara gammoojjiitti qajeelan.
Nchi yote ikalia kwa sauti kadili watu walivyokuwa wakivuka Bonde la Kidroni, mfalme naye pia akavuka. Watu wote wakasafiri kuelekea nyikani.
24 Zaadoqis achi ture; Lewwonni isa wajjin turan hundinuu taabota kakuu Waaqaa baatanii turan; isaanis taabota Waaqaa lafa kaaʼan; Abiyaataar immoo hamma namoonni hundi magaalaa keessaa baʼanitti aarsaa dhiʼeesse.
Walikuwepo pia Sadoki pamoja na Walawi wote wamebeba sanduku la Mungu la agano. Wakaliweka sanduku la Mungu chini na kisha Abiathari akaungana nao. Wakasubiri mpaka watu wote walioondoka mjini walipokwisha kupita.
25 Ergasii mootichi Zaadoqiin akkana jedhe; “Ati taabota Waaqaa fuudhiitii gara magaalaatti deebiʼi. Yoo ani fuula Waaqayyoo duratti surraa argadhee jiraadhe, inni deebisee na fidee taabota sanaa fi lafa ofii jiraatu na argisiisa.
Mfalme akamwambia Sadoki, “Ulirudishe sanduku la Mungu mjini. Ikiwa nitaona neema machoni pa Yahwe atanirudisha na kunionesha tena sanduku na mahali likaapo.
26 Garuu yoo inni, ‘Ani sitti hin gammanne’ naan jedhe, ani qophaaʼaa dha; inni waan fedhe na haa godhu.”
Lakini ikiwa atasema, sipendezwi nawe,' tazama mimi nipo hapa, na anitendee yaliyo mema machoni pake.”
27 Mootichis Zaadoq lubichaan, “Ati nama mulʼataan waa argu mitii? Egaa ilma kee Ahiimaʼazin akkasumas Yoonaataan ilma Abiyaataar fudhadhuutii nagaan gara magaalaatti deebiʼi. Atii fi Abiyaataar ilmaan keessan lamaan fudhadhaatii deemaa.
Pia mfalme akamwambia Sadoki kuhani, “Je wewe siyo mwonaji? Rudi mjini kwa amani na wanao wawili, Ahimaazi mwanao na Yonathani mwana wa Abiathari.
28 Ani immoo hamman dhaamsa kee dhagaʼutti malkaa gammoojjii keessaa bira nan tura.”
Tazama nitasubiri katika vivuko vya Araba mpaka nitakapo pata neno kutoka kwenu kunitaarifu.”
29 Kanaafuu Zaadoqii fi Abiyaataar taabota Waaqaa sana fuudhanii Yerusaalemitti deebiʼanii achuma turan.
Hivyo Sadoki na Abiathari wakalirudish sanduku la Mungu Yerusalemu nao wakakaa humo.
30 Daawit garuu Gaara Ejersaatti ol baʼe; yeroo ol baʼuttis booʼaa deemaa ture; innis mataa isaa haguuggatee kophee malee deema ture. Namoonni isa wajjin turan hundinuus mataa isaanii haguuggatanii booʼaa deemu turan.
Lakini Daudi akaenda bila viatu huku akilia hata Mlima wa Mizeituni, naye alikuwa amefunika kichwa chake. Kila mtu miongoni mwao waliokuwa pamoja naye akafunika kichwa chake, nao wakaenda huku wakilia.
31 Yeroo kanatti, “Ahiitofelis warra Abesaaloom wajjin fincilan keessaa tokkoo dha” jedhamee Daawititti himame. Kanaafuu Daawit, “Yaa Waaqayyo, gorsa Ahiitofel sana jalaa busheessi” jedhee Waaqa kadhate.
Mtu mmoja akamwambia Daudi kusema, Ahithofeli ni miongoni mwa waaini walio pamoja na Absalomu.” Hivyo Daudi akaomba, “Ee Yahwe, tafadhari badili ushauri wa Ahithofeli kuwa upumbavu.”
32 Yeroo Daawit iddoo wal gaʼii iddoo itti namoonni Waaqa waaqeffatan gaʼettis Huushaayi namichi gosa Arkii sun wandaboo ofii tarsaasee daaraa mataatti firfirfatee isa simachuuf baʼe.
Ikawa Daudi alipofika juu njiani mahala Mungu alipokuwa akiabudiwa, Hushai Mwarki akaja kumlaki vazi lake limeraruliwa na mavumbi kichwani pake.
33 Daawitis akkana jedheen, “Ati yoo na wajjin deemte baʼaa natti taata.
Daudi akamwambia, “Ikiwa utaenda nami utakuwa mzigo kwangu.
34 Garuu yoo gara magaalaatti deebitee Abesaaloomiin, ‘Yaa mootii, ani duraan garbicha abbaa keetiin ture; amma garuu garbicha kee nan taʼa’ jettee gorsa Ahiitofel busheessite na gargaaruu dandeessa.
Lakini ukirudi mjini na kumwambia Absalomu, 'Nitakuwa mtumishi wa mfalme kama nilivokuwa mtumishi wa baba yako, ndivyo nitakavyokuwa mtumishi wako,' ndipo utayageuza mashauri ya Ahithofeli kwa ajili yangu.
35 Zaadoqii fi Abiyaataar luboonni suma wajjin achi jiraatu mitii? Ati waan masaraa mootiitii dhageessu hunda isaanitti himi.
Je haunao pamoja nawe Sadoki na Abiathari makuhani? Hivyo chochote ukisikiacho katika kasri, uwaambie Sadoki na Abiathari makuhani.
36 Ilmaan isaanii lamaan Ahiimaʼaz ilmi Zaadoqii fi Yoonaataan ilmi Abiyaataar isaanuma wajjin achi jiraatan. Ati waan dhageessu hunda harka isaaniitiin naa ergi.”
Tazama wanao pamoja nao wana wao wawili, Ahimaasi, mwana wa Sadoki, na Yonathani mwana wa Abiathari. Mniletee habari juu ya kila mnachokisikia.”
37 Kanaafuu Huushaayi michuun Daawit utuma Abesaaloom Yerusaalem seenaa jiruu achi gaʼe.
Hivyo Hushai, rafiki wa Daudi, akaja mjini wakati Absalomu anafika na kuingia Yerusalemu.

< 2 Saamuʼeel 15 >