< 2 Saamuʼeel 14 >

1 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa akka garaan mootichaa Abesaaloom itti deebiʼe beeke.
Now Joab the son of Zeruiah perceived that the king’s heart was toward Absalom.
2 Kanaafuu Yooʼaab gara Teqooʼaatti nama ergee dubartii ogeettii tokko fichisiise. Innis akkana isheedhaan jedhe; “Sobiitii akka nama gadda keessa jiruu taʼi. Wayyaa gaddaa uffadhu; dibata kam iyyuu hin dibatin. Akka dubartii nama duʼe tokkoof guyyaa hedduu gaddite tokkoos taʼi.
And Joab sent to Tekoa, and fetched thence a wise woman, and said unto her, I pray thee, feign thyself to be a mourner, and put on mourning apparel, I pray thee, and anoint not thyself with oil, but be as a woman that had a long time mourned for the dead:
3 Mooticha bira dhaqiitii waan kana itti himi.” Yooʼaabis waan isheen dubbattu isheetti hime.
and go in to the king, and speak on this manner unto him. So Joab put the words in her mouth.
4 Dubartiin sun yommuu Teqooʼaadhaa gara mootichaa dhuftetti ulfina isaaf kennuuf addaan lafatti gombifamtee, “Yaa mootii, na gargaari!” jette.
And when the woman of Tekoa spake to the king, she fell on her face to the ground, and did obeisance, and said, Help, O king.
5 Mootichis, “Ati maal rakkatte?” jedhee ishee gaafate. Isheenis akkana jette; “Sababii dhirsi koo duʼeef ani dhugumaan niitii dhirsa hin qabnee dha.
And the king said unto her, What aileth thee? And she answered; Of a truth I am a widow woman, and mine husband is dead.
6 Ani garbittiin kee ilmaan lama qaban ture. Isaanis alatti wal lolan; sababii namni wal irraa isaan dhowwu tokko iyyuu achi hin turiniif inni tokko isa kaan dhaʼee ajjeese.
And thy handmaid had two sons, and they two strove together in the field, and there was none to part them, but the one smote the other, and killed him.
7 Kunoo, gosti hundi ana garbittii keetti kaʼeera; isaanis, ‘Waan inni obboleessa ofii isaa ajjeeseef akka nu sababii lubbuu obboleessa isaa kan inni ajjeese sanaa isa ajjeefnuuf dabarsii nutti kenni; ergasii dhaaltuu isaa illee ni galaafanna’ jedhu. Isaanis akkasiin akka dhirsi koo maqaa yookaan sanyii lafa irraa hin qabaanneef ibsaa koo tokkicha hafe kana dhaamsu.”
And, behold, the whole family is risen against thine handmaid, and they said, Deliver him that smote his brother, that we may kill him for the life of his brother whom he slew, and so destroy the heir also: thus shall they quench my coal which is left, and shall leave to my husband neither name nor remainder upon the face of the earth.
8 Mootichis dubartii sanaan, “Ani waaʼee keetiif ajaja nan dabarsaatii ati mana keetti gali” jedhe.
And the king said unto the woman, Go to thine house, and I will give charge concerning thee.
9 Dubartiin Teqooʼaa sun garuu, “Yaa gooftaa ko, yaa mooticha, yakki sun anaa fi maatii abbaa koo irra haa buʼu; mootichii fi teessoon isaa yakka irraa haa qulqullaaʼan” jette.
And the woman of Tekoa said unto the king, My lord, O king, the iniquity be on me, and on my father’s house: and the king and his throne be guiltless.
10 Mootichis deebisee, “Yoo namni kam iyyuu waan tokko illee sitti dubbate isa natti fidi; innis deebiʼee si hin rakkisu” jedhe.
And the king said, Whosoever saith aught unto thee, bring him to me, and he shall not touch thee any more.
11 Ishee immoo, “Kanaafuu akka namni haaloo dhiigaa baasu sun ittuma fufee nama biraa ajjeesee akkasiin ilmi koo hin ajjeefamneef mootichi Waaqayyoon Waaqa isaa haa waammatu” jette. Innis, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, rifeensi tokkittiin mataa ilma keetii irraa lafa hin buʼu” jedhe.
Then said she, I pray thee, let the king remember the LORD thy God, that the avenger of blood destroy not any more, lest they destroy my son. And he said, As the LORD liveth, there shalt not one hair of thy son fall to the earth.
12 Ergasiis dubartittiin, “Akka ani garbittiin kee gooftaa koo mootichatti dubbii tokkittii dubbadhu naa eeyyami” jette. Innis, “Dubbadhu” jedhee deebise.
Then the woman said, Let thine handmaid, I pray thee, speak a word unto my lord the king. And he said, Say on.
13 Dubartittiin immoo akkana jette; “Yoos ati maaliif waan akkasii saba Waaqaatti yaadde? Mootichi ilma isaa kan biyyaa baqate sana hin deebifneetii; akkana jechuun isaa ofitti muruu isaa mitii?
And the woman said, Wherefore then hast thou devised such a thing against the people of God? for in speaking this word the king is as one which is guilty, in that the king doth not fetch home again his banished one.
14 Nus akkuma bishaan lafatti dhangalaʼee deebiʼee hin waraabamneetti ni duuna. Waaqni garuu karaa namni biyyaa baqate sun ittiin deebiʼu barbaada malee akka inni isa irraa fagaatee hafu hin fedhu.
For we must needs die, and are as water spilt on the ground, which cannot be gathered up again; neither doth God take away life, but deviseth means, that he that is banished be not an outcast from him.
15 “Kanaafuu sababii namoonni na sodaachisaniif ani dubbii kana gooftaa koo mootichatti himuuf dhufeera. Garbittiin kees waan kana yaadde; ‘Ani mooticha nan gaafadha; innis waan garbittiin isaa gaafatte tole jedha taʼa.
Now therefore seeing that I am come to speak this word unto my lord the king, it is because the people have made me afraid: and thy handmaid said, I will now speak unto the king; it may be that the king will perform the request of his servant.
16 Mootichi waan kana dhagaʼee harka namicha anaa fi ilma koo dhaala Waaqni nuu kenne nu dhabsiisuu yaaluu jalaa garbittii isaa ni baasaatii.’
For the king will hear to deliver his servant out of the hand of the man that would destroy me and my son together out of the inheritance of God.
17 “Ammas garbittiin kee akkana jetti; ‘Sababii gooftaan koo mootichi waan gaarii fi hamaa gargari baasee beekuutti akkuma ergamaa Waaqayyoo taʼeef dubbiin gooftaa koo mootichaa boqonnaa naaf haa kennu. Waaqayyo Waaqni kee si wajjin haa taʼu.’”
Then thine handmaid said, Let, I pray thee, the word of my lord the king be comfortable: for as an angel of God, so is my lord the king to discern good and bad: and the LORD thy God be with thee.
18 Kana irratti mootichi dubartittiidhaan, “Ati waan ani si gaafadhu kam iyyuu na hin dhoksin” jedhe. Dubartittiinis, “Gooftaan koo mootichi haa dubbatu” jette.
Then the king answered and said unto the woman, Hide not from me, I pray thee, aught that I shall ask thee. And the woman said, Let my lord the king now speak.
19 Mootichi, “Waan kana hunda keessatti harki Yooʼaab si wajjin jiraa?” jedhee gaafate. Dubartiin sun immoo akkana jettee deebifte; “Yaa gooftaa koo mooticha, duʼa kee ti; dubbii gooftaan koo mootichi dubbatu irraa namni gara mirgaatti yookaan gara bitaatti goruu dandaʼu tokko illee hin jiru. Dhuguma namni akka ani waan kana dubbadhu na ajajee fi kan dubbii kana hundas afaan garbittii keetii keessa kaaʼe Yooʼaabuma garbicha kee ti.
And the king said, Is the hand of Joab with thee in all this? And the woman answered and said, As thy soul liveth, my lord the king, none can turn to the right hand or to the left from aught that my lord the king hath spoken: for thy servant Joab, he bade me, and he put all these words in the mouth of thine handmaid;
20 Yooʼaab garbichi kee waan kana gochuun isaa haala yeroo ammaa jiru geeddaruuf. Gooftaan koo ogummaa akkuma ogummaa ergamaa Waaqayyoo qaba; inni waan lafa irratti taʼu hunda ni beeka.”
to change the face of the matter hath thy servant Joab done this thing: and my lord is wise, according to the wisdom of an angel of God, to know all things that are in the earth.
21 Mootichis Yooʼaabiin, “Tole; ani waan kana nan godha. Ati dhaqii Abesaaloom dargaggeessicha fidi” jedhe.
And the king said unto Joab, Behold now, I have done this thing: go therefore, bring the young man Absalom again.
22 Yooʼaabis ulfina isaaf kennuuf addaan gombifamee mooticha eebbise. Yooʼaab, “Sababii mootichi kadhannaa garbicha isaa dhagaʼeef inni akka fuula gooftaa isaa mootichaa duratti fudhatama argate harʼa ni beeka” jedhe.
And Joab fell to the ground on his face, and did obeisance, and blessed the king: end Joab said, Today thy servant knoweth that I have found grace in thy sight, my lord, O king, in that the king hath performed the request of his servant.
23 Ergasii Yooʼaab Geshuur dhaqee Abesaaloomin deebisee Yerusaalemitti fide.
So Joab arose and went to Geshur, and brought Absalom to Jerusalem.
24 Mootichi garuu, “Inni gara mana isaa deemuu qaba; inni fuula koo arguu hin qabu” jedhe. Kanaafuu Abesaaloom gara mana isaatti gale; fuula mootichaas hin argine.
And the king said, Let him turn to his own house, but let him not see my face. So Absalom turned to his own house, and saw not the king’s face.
25 Guutummaa Israaʼel keessa namni akka Abesaaloom miidhaguma isaatiin baayʼee jajame tokko iyyuu hin turre. Inni mataa isaatii jalqabee hamma faana miilla isaatti hirʼina tokko iyyuu hin qabu ture.
Now in all Israel there was none to be so much praised as Absalom for his beauty: from the sole of his foot even to the crown of his head there was no blemish in him.
26 Yommuu rifeensi mataa isaa itti ulfaatutti waggaatti yeroo tokko of irraa mura ture; yeroo inni rifeensa mataa isaa kana madaalli mootiitiin madaaluttis rifeensi isaa saqilii dhibba lama ulfaata ture.
And when he polled his head, (now it was at every year’s end that he polled it: because [the hair] was heavy on him, therefore he polled it: ) he weighed the hair of his head at two hundred shekels, after the king’s weight.
27 Abesaaloom ilmaan sadii fi intala tokko dhalche. Maqaan intala sanaa Taamaar jedhama; isheenis dubartii akka malee bareeddu turte.
And unto Absalom there were born three sons, and one daughter, whose name was Tamar: she was a woman of a fair countenance.
28 Abesaaloom utuu fuula mootichaa hin argin waggaa lama Yerusaalem keessa jiraate.
And Absalom dwelt two full years in Jerusalem; and he saw not the king’s face.
29 Ergasii Abesaaloom Yooʼaabin gara mootichaatti erguuf jedhee nama itti erge; Yooʼaab garuu isa bira dhufuu dide. Kanaafuu yeroo lammaffaa nama itti erge; inni garuu dhufuu dide.
Then Absalom sent for Joab, to send him to the king; but he would not come to him: and he sent again a second time, but he would not come.
30 Ergasiis Abesaaloom hojjettoota isaatiin, “Ilaa, lafti qotiisaa Yooʼaab lafa qotiisaa kootti aana; innis garbuu achii qaba. Dhaqaatii ibidda itti qabsiisaa” jedhe. Kanaafuu hojjettoonni Abesaaloom dhaqanii lafa qotiisaa sanatti ibidda qabsiisan.
Therefore he said unto his servants, See, Joab’s field is near mine, and he hath barley there; go and set it on fire. And Absalom’s servants set the field on fire.
31 Kana irratti Yooʼaab gara mana Abesaaloom dhaqee, “Hojjettoonni kee maaliif lafa qotiisaa kootti ibidda qabsiisan?” jedheen.
Then Joab arose, and came to Absalom unto his house, and said unto him, Wherefore have thy servants set my field on fire?
32 Abesaaloomis deebisee Yooʼaabiin akkana jedhe; “Kunoo ani akka ati, ‘Inni, “Ani maaliifin Geshuurii dhufe? Utuun hamma ammaatti achuma jiraadhee naaf wayya ture!” jedha’ jettee mootichatti naaf himtuuf gara mootichaatti si ergachuuf, na bira kottu jedhee sitti dhaammadheen ture. Ani amma illee fuula mootichaa arguun fedha; yoo ani yakka tokko illee hojjedhee jiraadhe inni na haa ajjeesu.”
And Absalom answered Joab, Behold, I sent unto thee, saying, Come hither, that I may send thee to the king, to say, Wherefore am I come from Geshur? it were better for me to be there still: now therefore let me see the king’s face; and if there be iniquity in me, let him kill me.
33 Kanaafuu Yooʼaab gara mootichaa dhaqee waan kana itti hime. Mootichis Abesaaloomin waamsise; innis dhufee fuula mootichaa duratti addaan lafatti gombifame. Mootichis Abesaaloomin dhungate.
So Joab came to the king, and told him: and when he had called for Absalom, he came to the king, and bowed himself on his face to the ground before the king: and the king kissed Absalom.

< 2 Saamuʼeel 14 >