< 2 Saamuʼeel 12 >
1 Waaqayyos Naataanin gara Daawititti erge. Innis gara Daawit dhufee akkana jedhe; “Namoota lamatu magaalaa tokko keessa jiraata ture; inni tokko sooressa, kaan immoo hiyyeessa ture.
Then the LORD sent Nathan to David, and when he arrived, he said, “There were two men in a certain city, one rich and the other poor.
2 Namichi sooressi sun hoolotaa fi loon akka malee baayʼee qaba ture;
The rich man had a great number of sheep and cattle,
3 namichi hiyyeessi sun garuu goromtii hoolaa kan bitate xinnoo tokko malee homaa hin qabu ture; innis goromtii hoolaa sana ni kunuunse; hoolaan sunis isaa fi ijoollee isaa biratti guddatte. Isheen nyaata isaa irraa nyaachaa, dhugaatii isaa irraa dhugaa, bobaa isaa jala ciisaa turte. Goromtiin hoolaa kun isaaf akkuma intala isaa turte.
but the poor man had nothing except one small ewe lamb that he had bought. He raised it, and it grew up with him and his children. It shared his food and drank from his cup; it slept in his arms and was like a daughter to him.
4 “Gaaf tokko keessummaan tokko mana namicha sooressa sanaa dhufe; namichi sooressi sunis hoolota yookaan loon ofii isaa keessaa tokko fuudhee keessummichaaf nyaata qopheessuu mararsiifate. Qooda kanaa ilmoo hoolaa namicha hiyyeessa sanaa fuudhee keessummaa mana isaa dhufe sanaaf qopheesse.”
Now a traveler came to the rich man, who refrained from taking one of his own sheep or cattle to prepare for the traveler who had come to him. Instead, he took the poor man’s lamb and prepared it for his guest.”
5 Daawitis namicha sanatti akka malee aaree Naataaniin akkana jedhe; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, namichi waan kana godhe sun duʼuu qaba!
David burned with anger against the man and said to Nathan: “As surely as the LORD lives, the man who did this deserves to die!
6 Namichi sun qooda hoolaa sanaa harka afur baasuu qaba; inni gara laafina malee waan kana godheeraatii.”
Because he has done this thing and has shown no pity, he must pay for the lamb four times over.”
7 Naataanis Daawitiin akkana jedhe; “Namichi sun suma! Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera; harka Saaʼol jalaas si baaseera.
Then Nathan said to David, “You are that man! This is what the LORD, the God of Israel, says: ‘I anointed you king over Israel, and I delivered you from the hand of Saul.
8 Ani mana gooftaa keetii siif kenneera; niitota gooftaa keetii illee bobaa keetti siif kenneera. Ani mana Israaʼelii fi mana Yihuudaa siif kenneera. Utuu kunneen hundi sitti xinnaatanii silaa kana caalaa iyyuu siifin kenna ture.
I gave your master’s house to you and your master’s wives into your arms. I gave you the house of Israel and Judah, and if that was not enough, I would have given you even more.
9 Ati maaliif waan ija isaa duratti hamaa taʼe hojjechuudhaan dubbii Waaqayyoo tuffatte? Ati Uuriyaa namicha Heet sana goraadeen ajjeeftee niitii isaa fudhatteerta. Ati goraadee Amoonotaatiin isa ajjeefte.
Why then have you despised the command of the LORD by doing evil in His sight? You put Uriah the Hittite to the sword and took his wife as your own, for you have slain him with the sword of the Ammonites.
10 Kanaafuu amma sababii ati na tuffattee niitii Uuriyaa namicha Heet sana ofii keetiif fudhatteef goraadeen mana kee irraa hin fagaatu.’
Now, therefore, the sword will never depart from your house, because you have despised Me and have taken the wife of Uriah the Hittite to be your own.’
11 “Waaqayyo akkana jedha: ‘Kunoo, ani manuma kee keessaa waan hamaa sitti nan kaasa; utuma iji kee arguu niitota kee fuudhee fira sitti aanuuf nan kenna; innis guyyuma saafaadhaan isaan wajjin ni ciisa.
This is what the LORD says: ‘I will raise up adversity against you from your own house. Before your very eyes I will take your wives and give them to another, and he will lie with them in broad daylight.
12 Ati dhoksaatti akkas goote; ani garuu Israaʼeloota hunda duratti guyyuma saafaadhaan waan kana nan godha.’”
You have acted in secret, but I will do this thing in broad daylight before all Israel.’”
13 Kana irratti Daawit Naataaniin, “Ani Waaqayyotti cubbuu hojjedheera” jedhe. Naataan immoo deebisee akkana jedhe; “Waaqayyo cubbuu kee sirraa haqeera; atis hin duutu.
Then David said to Nathan, “I have sinned against the LORD.” “The LORD has taken away your sin,” Nathan replied. “You will not die.
14 Taʼus sababii ati waan kana gochuudhaan Waaqayyoon tuffatteef daaʼimni siif dhalate sun ni duʼa.”
Nevertheless, because by this deed you have shown utter contempt for the word of the LORD, the son born to you will surely die.”
15 Erga Naataan gara mana ofii isaa deemee booddee Waaqayyo daaʼima niitiin Uuriyaa Daawitiif deesse ni dhaʼe; mucichis ni dhibame.
After Nathan had gone home, the LORD struck the child that Uriah’s wife had borne to David, and he became ill.
16 Daawitis daaʼima sanaaf Waaqa kadhate. Innis soomee mana isaatti galee halkan hunda lafa rafaa ture.
David pleaded with God for the boy. He fasted and went into his house and spent the night lying in sackcloth on the ground.
17 Maanguddoonni mana isaas lafaa isa kaasuuf isa bira dhadhaabatan; inni garuu ni dide; isaan wajjinis homaa hin nyaanne.
The elders of his household stood beside him to help him up from the ground, but he was unwilling and would not eat anything with them.
18 Daaʼimni sunis guyyaa torbaffaatti ni duʼe. Tajaajiltoonni Daawit akka daaʼimni sun duʼe isatti himuu sodaatan; isaan, “Nu yeroo daaʼimni sun lubbuun jirutti Daawititti dubbannee ture; inni garuu nu dhagaʼuu dide. Amma akkamiin daaʼimni sun duʼeera jennee itti himna? Yoo nu itti himne inni of miidha taʼa” jedhanii yaadanii turaniitii.
On the seventh day the child died. But David’s servants were afraid to tell him that the child was dead, for they said, “Look, while the child was alive, we spoke to him, and he would not listen to us. So how can we tell him the child is dead? He may even harm himself.”
19 Daawit akka tajaajiltoonni isaa walitti asaasaa jiran hubatee daaʼimni sun duʼuu isaa beeke. Innis, “Mucichi ni duʼee?” jedhee gaafate. Isaanis, “Eeyyee duʼeera” jedhanii deebisan.
When David saw that his servants were whispering to one another, he perceived that the child was dead. So he asked his servants, “Is the child dead?” “He is dead,” they replied.
20 Daawitis lafaa kaʼe. Erga dhagna isaa dhiqatee dibatee booddees uffata isaa geeddaratee mana Waaqayyoo seenee waaqeffate. Ergasii immoo gara mana ofii isaatti galee nyaata gaafannaan dhiʼeessaniif; innis ni nyaate.
Then David got up from the ground, washed and anointed himself, changed his clothes, and went into the house of the LORD and worshiped. Then he went to his own house, and at his request they set food before him, and he ate.
21 Tajaajiltoonni isaas, “Ati maaliif akkana goota? Yeroo mucichi lubbuun jirutti ni soomte; ni boosses. Amma garuu mucichi duʼeera; ati immoo kaatee nyaatta!” jedhanii isa gaafatan.
“What is this you have done?” his servants asked. “While the child was alive, you fasted and wept, but when he died, you got up and ate.”
22 Innis akkana jedhee deebise; “Ani yeroo mucichi lubbuun turetti nan soome; nan booʼes. Ani, ‘Eenyutu beeka? Waaqayyo garaa naa laafee mucichi ni fayya’ jedhee yaadeen ture.
David answered, “While the child was alive, I fasted and wept, for I said, ‘Who knows? The LORD may be gracious to me and let him live.’
23 Amma garuu inni duʼeera; yoos ani maaliifin sooma? Ani isa deebisuu nan dandaʼaa? Anatu gara isaa dhaqa malee inni gara koo hin dhufu!”
But now that he is dead, why should I fast? Can I bring him back again? I will go to him, but he will not return to me.”
24 Ergasiis Daawit niitii isaa Batisheebaa ni jajjabeesse; dhaqees ishee wajjin ciise. Isheenis ilma deesseef; maqaa isaas Solomoon jedhanii moggaasan. Waaqayyos isa ni jaallate;
Then David comforted his wife Bathsheba, and he went to her and lay with her. So she gave birth to a son, and they named him Solomon. Now the LORD loved the child
25 Waaqayyo waan isa jaallateef akka inni Yidiidiyaa jedhamee waamamuuf karaa Naataan raajichaatiin dubbii erge.
and sent word through Nathan the prophet to name him Jedidiah because the LORD loved him.
26 Yeroo sanattis Yooʼaab magaalaa Amoonotaa kan Rabbaa jedhamu waraanee daʼannoo masaraa mootummaa qabate.
Meanwhile, Joab fought against Rabbah of the Ammonites and captured the royal fortress.
27 Yooʼaabis akkana jedhee Daawititti ergamoota erge; “Ani magaalaa Rabbaa waraanee madda bishaan ishee qabadheera.
Then Joab sent messengers to David to say, “I have fought against Rabbah and have captured the water supply of the city.
28 Egaa ati loltoota hafan walitti qabadhuutii magaalattii marsii qabadhu. Yoo kanaa achii ani magaalattii nan fudhadha; isheenis maqaa kootiin moggaafamti.”
Now, therefore, assemble the rest of the troops, lay siege to the city, and capture it. Otherwise I will capture the city, and it will be named after me.”
29 Kanaafuu Daawit loltoota hunda walitti qabatee dhaqee Rabbaa waraanee qabate.
So David assembled all the troops and went to Rabbah; and he fought against it and captured it.
30 Daawitis mataa mootii isaanii irraa gonfoo fudhate; Gonfichis mataa Daawit irra kaaʼame. Gonfoon sun hamma warqee taalaantii tokkoo ulfaatee dhagaawwan gati jabeeyyiis of irraa qaba ture. Daawitis magaalaa sana keessaa boojuu akka malee baayʼee fudhatee
Then he took the crown from the head of their king. It weighed a talent of gold and was set with precious stones, and it was placed on David’s head. And David took a great amount of plunder from the city.
31 namoota achi keessa turanis gad yaasee akka isaan magaaziidhaan, gasoo sibiilaatii fi qottoodhaan hojii hojjetan godhe; suphees isaan dhoofsise. Daawit magaalaawwan Amoonotaa hunda keessattis akkasuma godhe. Ergasii Daawitii fi loltoonni isaa hundinuu Yerusaalemitti ni deebiʼan.
David brought out the people who were there and put them to work with saws, iron picks, and axes, and he made them work at the brick kilns. He did the same to all the Ammonite cities. Then David and all his troops returned to Jerusalem.