< 2 Saamuʼeel 11 >

1 Birraa keessa yeroo mootonni waraanaaf baʼanitti, Daawit tajaajiltoota isaatii fi loltoota Israaʼel hunda wajjin Yooʼaabin erge. Isaanis Amoonota barbadeessanii magaalaa Rabbaa jedhamtu marsan. Daawit garuu Yerusaalemitti hafe.
年初,正當諸王出征的季節,達味派約阿布率領他的將官和以色列人出征;他們蹂躪了阿孟子民,就包圍辣巴。當時達味住在耶路撒冷。
2 Gaaf tokko galgala Daawit siree isaa irraa kaʼee bantii masaraa mootummaa irra asii fi achi deddeebiʼaa ture. Innis bantii gubbaa dhaabatee dubartii dhagna ishee dhiqattu tokko arge. Dubartiin sun baayʼee bareedduu turte;
一天傍晚,達味由床上起來,在宮殿的房屋頂上散步;從房頂上看見一個女人在沐浴,這女人容貌很美。
3 Daawitis waaʼee ishee beekuuf nama itti erge. Namichi sunis, “Isheen Batisheebaa intala Eliʼaam, niitii Uuriyaa namicha gosa Heet sanaatii mitii?” jedhe.
達味遂派人打聽這女人是誰;有人告訴他說:「這不是厄里安的女兒,赫特人烏黎雅的妻子巴特舍巴嗎﹖
4 Daawitis nama itti ergee ishee fichisiise. Isheenis gara isaa dhufte; innis ishee wajjin ciise. Isheen xuraaʼummaa ishee irraa qulqullooftee turte. Ergasii gara mana isheetti deebite.
達味便派人將他接來;她來到他那裡,達味就與她同寢,那時她的月經剛潔淨了。事後,她便回了家。
5 Dubartiin sun ulfooftee, “Ani ulfaaʼeera” jettee Daawititti ergaa ergite.
不久,那女人自覺懷孕,就打發人告訴達味說:「我懷了孕。」
6 Kanaafuu Daawit, “Uuriyaa namicha gosa Heet sana naa ergi” jedhee Yooʼaabitti dhaamsa erge. Yooʼaabis gara Daawititti isa erge.
達味派人給約阿布說:「打發赫特人烏黎雅來見我。」約阿布就打發烏黎雅去見達味。
7 Daawitis yommuu Uuriyaan gara isaa dhufetti waaʼee Yooʼaab, waaʼee loltootaatii fi haala waraanni keessa jiru isa gaafate.
烏黎雅一來到他跟前,達味就問:「約阿布近來如何﹖士兵好嗎﹖戰事怎樣﹖」
8 Ergasii immoo Daawit Uuriyaan, “Gara mana keetiitti gad buʼiitii miilla kee dhiqadhu” jedhe. Kanaafuu Uuriyaan masaraa mootiitii baʼee deeme; kennaan mootichaas isa faana ergame.
達味向烏黎雅說:「你下到家中洗洗腳吧! 」烏黎雅剛離開皇宮,隨後就送來了王的飲食。
9 Uuriyaan garuu tajaajiltoota gooftaa isaa hunda wajjin karra masaraa mootii dura ciise malee gara mana ofii isaatti gad hin buune.
烏黎雅卻同他的主人的僕役一起睡在宮門旁,沒有下到家裡。
10 Daawitis yommuu akka Uuriyaan gara mana isaa hin deemin itti himametti, “Ati reefuu karaadhaa dhufte mitii? Maaliif gara mana keetii hin deemne?” jedhee isa gaafate.
有人報告達味說:「烏黎雅並沒有回到自己家裡。」達味便向烏黎雅說:「你不是由遠道回來的嗎,為什麼不下到你家裡去呢﹖」
11 Uuriyaan immoo Daawitiin, “Taabonnii fi Israaʼel, Yihuudaanis dunkaana keessa jiru; gooftaan koo Yooʼaabii fi namoonni gooftaa koo dirree irra bulu. Egaa ani akkamitti nyaachuu fi dhuguuf, niitii koo wajjinis rafuuf jedhee gara mana koo deema? Duʼa kee ti; ani waan akkasii hin godhu!”
烏黎雅回答達味說:「約櫃,以色列和猶大人都住在帳幕裡,我主約阿布和我主的僕人都在野外露宿,我豈能回家吃喝,和我妻子一起睡覺﹖上主永在,陛下萬歲! 我絕不做這樣的事。」
12 Daawit, “Ati harʼas as buliitii ani bor sin geggeessaa” jedheen. Kanaafuu Uuriyaan gaafa sanaa fi guyyaa itti aanu Yerusaalem keessa ture.
達味向烏黎雅說:「今天你還留在這裡,明天我要打發你回去。」烏黎雅那天就留在耶路撒冷。第二天,
13 Daawitis isa affeere; innis fuula isaa duratti nyaatee dhuge; Daawitis isa macheesse. Uuriyaan garuu halkan sana afata isaa irra tajaajiltoota gooftaa isaa gidduu ciisuuf gad baʼe malee gara mana ofii isaa hin deemne.
達味召他來與自己一起飲宴,將他灌醉,傍晚,烏黎雅出去,仍與他主人的僕役睡在一起,並沒有到家裡去。
14 Daawitis lafti bariinaan xalayaa barreessee harkuma Uuriyaatiin Yooʼaabitti erge.
到了早晨,達味給約阿布寫了一封信,要烏黎雅親手帶去。
15 Xalayicha keessattis, “Iddoo waraanni itti cimetti Uuriyaa ramadi. Akka inni achitti dhaʼamee duʼuufis isa dhiisaa duubatti deebiʼaa” jedhee barreesse.
他在信上寫說:「你應派烏黎雅到戰事最激烈的前線,然後,在他後邊撤退,讓他受攻擊陣亡。」
16 Kanaafuu Yooʼaab utuu magaalattii marsaa jiruu iddoo akka loltoonni ciccimoon jiran beeketti Uuriyaa ramade.
約阿布察看那城以後,知道那裡有最強悍的敵人,就派烏黎雅到那裡去了。
17 Yommuu namoonni magaalaa sanaa itti gad baʼanii Yooʼaabin lolanitti, loltoota Daawit keessaa namoonni tokko tokko duʼan; Uuriyaan namichi gosa Heet sunis ni ajjeefame.
城內的人出來,與約阿布交戰,達味的僕役中,有些人陣亡了,赫特人烏黎雅也陣亡了。
18 Yooʼaabis guutummaa oduu waaʼee lola sanaa Daawitiif erge.
約阿布派人去向達味報告這次戰事的一切經過,
19 Akkana jedhees ergamaa sana ajaje; “Yommuu ati waaʼee waraana kanaa mootichatti himtee fixxutti,
他吩咐使者說:「若你把戰事的經過向君王報告完了以後,
20 aariin mootichaa ni bobaʼa; innis akkana jedhee si gaafachuu dandaʼa; ‘Isin maaliif loluuf akkas magaalaa sanatti dhiʼaattan? Isin akka isaan dallaa irraa xiyya isinitti darbatan hin beeknee?
王若向你發怒說:為什麼你們靠近城牆作戰﹖你們不知道有人會由城牆上射擊嗎﹖
21 Eenyutu Abiimelek ilma Yirubesheet sana ajjeese? Dubartiin tokko dallaa irraa majii dhagaa daakuu itti gad dhiiftee Tebeesitti isa hin ajjeefnee? Isin maaliif akkas dallaa sanatti dhiʼaattan?’ Yoo inni waan kana si gaafate, ‘Tajaajilaan kee Uuriyaan namichi gosa Heet sunis duʼeera’ jedhii itti himi.”
誰擊殺了耶魯巴耳的兒子阿彼默肋客﹖不是一個女人從城牆上把一塊磨石丟在他身上﹖他就死在特貝茲嗎﹖為什麼你們靠近城牆呢﹖你就答說:你的僕人赫特人烏黎雅也陣亡了。」
22 Ergamaan sunis kaʼee deemee yommuu achi gaʼetti waan Yooʼaab akka inni itti himu isa ajaje hunda Daawititti hime.
使者就前來見達味,把約阿布打發他報告的一切全向達味報告了。達味對約阿布大怒,向使者說:「你們為什麼靠近城牆作戰﹖你們不知道有人會由城牆上射擊嗎﹖誰射擊了耶魯巴耳的兒子阿彼默肋客﹖不是一個女人從城牆上把一塊磨石丟在他身上,他就死在特貝茲嗎﹖為什麼你們靠近城牆呢﹖」
23 Ergamaan sun Daawitiin akkana jedhe; “Namoonni nutti jabaatanii dirreetti gad nutti baʼan; nus ariinee gara karra magaalattiitti isaan deebifne.
報信的人向達味說:「那些人向我們衝來,下到平原來攻打我們,我們就追擊他們到城門邊,
24 Ergasiis warri xiyya darbatan dallaa irraa tajaajiltoota keetti darbatan; namoonni mootii tokko tokkos ni duʼan. Tajaajilaan kee Uuriyaan namichi Heet sunis ni duʼe.”
射手就從城牆上射擊我們. 君王的僕役大約死了十八人,你的僕人烏黎雅,那個赫特人也死了。
25 Daawitis ergamaa sanaan, “Egaa akkana jedhii Yooʼaabitti himi; ‘Wanni kun abdii si hin kutachiisin; goraadeen yeroo tokko isa tokko, yeroo kaan immoo kan biraa nyaata. Cimsii magaalattii dhaʼiitii balleessi.’ Waan kanas Yooʼaabin jajjabeessuuf jedhi” jedhe.
「達味向報信的人說:「你去告訴約阿布說:不必對這事過傷心,因為刀劍有時砍這人,也有時砍那人;你只管加緊攻城,將城毀滅。你要鼓勵他。
26 Niitiin Uuriyaa yommuu akka dhirsi ishee duʼe dhageessetti ni boosseef.
「烏黎雅的妻子聽說他丈夫陣亡了,就為他丈夫舉哀。
27 Erga yeroon booʼichaa darbee booddee Daawit mana ofii isaatti ishee fudhate; isheenis niitii isaa taatee ilma deesseef. Garuu wanni Daawit hojjete sun Waaqayyo hin gammachiisne.
居喪期一滿,達味就派人將他接到自己的宮中,成了他的妻子,給他生了一個兒子。達味這樣行事,使上主大為不悅。

< 2 Saamuʼeel 11 >