< 2 Saamuʼeel 1 >

1 Saaʼol erga duʼee booddee, Daawit Amaaleqoota rukutuu irraa deebiʼee Siiqlaag keessa guyyaa lama ture.
Baada ya kifo cha Sauli, Daudi alipokuwa amerudi kutoka kuwashinda Waamaleki, Daudi alikaa siku mbili huko Siklagi.
2 Guyyaa sadaffaatti namichi tokko qubata Saaʼolii dhufe; innis wayyaa isaa tarsaasee mataa isaatti awwaara firfirfatee ture. Yommuu Daawit bira gaʼettis ulfina isaaf kennuuf jedhee addaan lafatti gombifame.
Siku ya tatu akaja mtu mwenye nguo zilizoraruka na mavumbi kichwani mwake kutoka kwenye kambi ya Sauli. Alipomjia Daudi, akajitupa chini ili kumpa heshima.
3 Daawitis, “Ati eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. Namichi immoo, “Ani qubata Israaʼelootaa keessaan baqadhee dhufe” jedhe.
Daudi akamuuliza, “Wewe umetoka wapi?” Akamjibu, “Nimetoroka kutoka kambi ya Waisraeli.”
4 Daawitis, “Maaltu dhalate? Mee natti himi” jedhee gaafate. Innis, “Namoonni adda waraanaatii ni baqatan. Baayʼeen isaanii harcaʼaniiru; duʼaniirus. Saaʼolii fi ilmi isaa Yoonaataanis duʼaniiru” jedheen.
Daudi akamuuliza, “Ni nini kilichotokea? Niambie.” Akasema, “Watu walikimbia kutoka vitani. Wengi wao walianguka na kufa. Naye Sauli na Yonathani mwanawe wamekufa.”
5 Kana irratti Daawit dargaggeessa oduu kana fideen, “Akka Saaʼolii fi ilmi isaa Yoonaataan duʼan ati akkamitti beekte?” jedhe.
Ndipo Daudi akamwambia huyo kijana aliyemletea taarifa, “Je, umefahamuje kwamba Sauli na Yonathani mwanawe wamekufa?”
6 Dargaggeessi sunis akkana jedhee deebise; “Akkuma tasaa ani Tulluu Gilboʼaatti ol baʼeen ture; Saaʼolis eeboo isaatti irkatee achi ture; gaariiwwan lolaatii fi abbootiin fardaa isa bira gaʼan.
Yule kijana akasema, “Nilijipata huko Mlima Gilboa, naye Sauli alikuwa huko akiegemea mkuki wake, na magari ya vita na wapanda farasi wa upande wa adui wakawa wamemkaribia sana.
7 Innis yommuu garagalee na argetti na waame; anis, ‘Maal siif ajajamu?’ jedhee isa gaafadhe.
Alipogeuka na kuniona, akaniita, nami nikasema, ‘Je, nifanye nini?’
8 “Innis, ‘Ati eenyu?’ jedhee na gaafate. “Ani immoo, ‘Ani nama Amaaleq’ jedheen deebise.
“Akaniuliza, ‘Wewe ni nani?’ “Nikamjibu, ‘Mimi ni Mwamaleki.’
9 “Ergasiis inni, ‘Narra dhaabadhuu na ajjeesi! Waan lubbuun na keessaa hin baʼiniif ani akka malee dhiphachaan jiraatii’ naan jedhe.
“Kisha akaniambia, ‘Nikaribie mimi na uniue! Niko katika maumivu makali ya kifo, lakini bado ningali hai.’
10 “Kanaafuu ani sababiin akka inni erga kufee hin fayyine beekeef isa irra dhaabadheen isa ajjeese. Gonfoo mataa isaatii fi bitawoo harka isaa fuudhee gooftaa kootiif fideera.”
“Kwa hiyo nikamkaribia nikamuua, kwa sababu nilijua kwamba baada ya kuanguka hangeweza kupona. Nami nikachukua lile taji lililokuwa kichwani mwake na utepe uliokuwa mkononi mwake nami nimevileta hapa kwa bwana wangu.”
11 Daawitii fi namoonni isa wajjin turan hundi wayyaa of irraa baasanii tatarsaasan.
Ndipo Daudi pamoja na watu wote waliokuwa pamoja naye wakazishika nguo zao na kuzirarua.
12 Isaanis Saaʼolii fi Yoonaataaniif, loltoota Waaqayyootii fi mana Israaʼel hundaaf gaddanii ni booʼan; hamma galgalaatti ni sooman; isaan goraadeedhaan dhumaniiruutii.
Wakaomboleza, wakalia pia na kufunga mpaka jioni kwa ajili ya Sauli na Yonathani mwanawe, kwa ajili ya jeshi la Bwana na nyumba ya Israeli, kwa sababu wameanguka kwa upanga.
13 Daawitis, “Ati eessaa dhufte?” jedhee dargaggeessicha oduu fide sana gaafate. Innis, “Ani ilma Amaaleq, namicha galtuu taʼe tokkoo ti” jedhee deebise.
Daudi akamwambia yule kijana aliyemletea taarifa, “Wewe ni mwenyeji wa wapi?” Akamjibu, “Mimi ni mwana wa mgeni, Mwamaleki.”
14 Daawit immoo, “Yoos ati dibamaa Waaqayyoo tokko galaafachuuf harka kee ol fudhachuu maaliif hin sodaatin ree?” jedhee gaafate.
Daudi akamuuliza, “Kwa nini hukuogopa kuinua mkono wako ili kumwangamiza mpakwa mafuta wa Bwana?”
15 Ergasii Daawit namoota isaa keessaa tokko waamee, “Dhaqiitii dhaʼii isa ajjeesi!” jedhe. Innis isa dhaʼe; namichis ni duʼe.
Kisha Daudi akamwita mmoja wa watu wake na kumwambia, “Nenda ukamuue!” Kwa hiyo akampiga, naye akafa.
16 Daawitis, “Sababii afaanumti kee, ‘Ani nama Waaqayyo isa dibe ajjeeseera’ jedhee dhugaa sitti baʼeef dhiigni kee matuma keetti deebiʼa” jedheen.
Kwa maana Daudi alikuwa amemwambia, “Damu yako iwe juu ya kichwa chako mwenyewe. Kinywa chako mwenyewe kimeshuhudia dhidi yako uliposema, ‘Nilimuua mpakwa mafuta wa Bwana.’”
17 Daawit faaruu kanaan Saaʼolii fi ilma Saaʼol Yoonaataaniif booʼe;
Daudi akafanya maombolezo haya kuhusu Sauli na Yonathani mwanawe,
18 akkasumas faaruu iddaa jedhamu kana akka namoonni Yihuudaa barsiisfaman ajaje; kunis kitaaba Yaashaar keessatti barreeffameera. Innis:
naye akaagiza kwamba watu wa Yuda wafundishwe ombolezo hili la upinde (ambalo limeandikwa katika Kitabu cha Yashari):
19 “Yaa Israaʼel, ulfinni kee gaarran kee irratti ajjeefameera. Namoonni jajjaboon akkamitti akkas kukkufan!
“Walio fahari yako, ee Israeli, wameuawa juu ya mahali pako palipoinuka. Jinsi wenye nguvu walivyoanguka!
20 “Waan kana Gaati keessatti hin dubbatinaa; daandiiwwan Ashqaloon irrattis hin labsinaa; yoo kanaa achii intallan Filisxeemotaa ni gammadu; intallan warra dhagna hin qabatiniis ni ililchu.
“Msilisimulie hili katika Gathi, msilitangaze hili katika barabara za Ashkeloni, binti za Wafilisti wasije wakafurahia, binti za hao wasiotahiriwa wasije wakashangilia.
21 “Yaa tulluuwwan Gilboʼaa, fixeensi isin irra hin buʼin yookaan bokkaan isinitti hin roobin; yookaan lafti qotiisaa midhaan aarsaaf dhiʼeeffamu biqilchu isin keessatti hin argamin. Gaachanni nama jabaa achitti xuraaʼeeraatii; gaachanni Saaʼol siʼachi zayitii hin dibamu.
“Enyi milima ya Gilboa, msipate umande wala mvua, wala mashamba yazaayo sadaka ya nafaka. Kwa maana huko ndiko ngao ya mwenye nguvu iliponajisiwa, ngao ya Sauli haitapakwa tena mafuta.
22 “Dhiiga namoota dhumanii keessaa, foon namoota jajjaboo irraa, iddaan Yoonaataan duubatti hin deebine; goraadeen Saaʼolis akkasumaan hin deebine.
Kutokana na damu ya waliouawa, kutokana na miili ya wenye nguvu, ule upinde wa Yonathani haukugeuka nyuma. Upanga wa Sauli haukurudi bure.
23 Saaʼolii fi Yoonaataan yeroo lubbuun jiraachaa turanitti, jaallatamoo namni isaanitti gammadu turan; isaan yeroo duʼaattis gargari hin baane. Isaan risaa caalaa ariifatu, leenca caalaas jabaatu turan.
“Sauli na Yonathani, maishani walipendwa na kuneemeka, na katika kifo hawakutengana. Walikuwa wepesi kuliko tai, walikuwa na nguvu kuliko simba.
24 “Yaa intallan Israaʼel, Saaʼol isa wayyaa bildiimaa fi uffata haphii isinitti uffise, kan wayyaa keessan warqeedhaan miidhagse, sanaaf booʼaa.
“Enyi binti za Israeli, lieni kwa ajili ya Sauli, ambaye aliwavika nguo nyekundu na maridadi, ambaye aliremba mavazi yenu kwa mapambo ya dhahabu.
25 “Namoonni jajjaboon akkamitti waraana keessatti kufu! Yoonaataan gaarran keessan irratti ajjeefameera.
“Tazama jinsi mashujaa walivyoanguka vitani! Yonathani ameuawa mahali pako palipoinuka.
26 Yaa Yoonaataan obboleessa ko, ani siif gaddeera; ati anaaf nama akka malee jaallatamaa turte. Jaalalli ati naaf qabdu dinqisiisaa ture; jaalala dubartii caalaa dinqisiisaa ture.
Nahuzunika kwa ajili yako, Yonathani ndugu yangu, kwangu ulikuwa mpendwa sana. Upendo wako kwangu ulikuwa wa ajabu, wa ajabu zaidi kuliko ule wa wanawake.
27 “Namoonni jajjaboon akkamitti kufan! Miʼoonni lolaa balleeffamaniiru!”
“Tazama jinsi mashujaa walivyoanguka! Silaha za vita zimeangamia!”

< 2 Saamuʼeel 1 >