< 2 Phexros 3 >

1 Yaa michoota jaallatamoo, ani amma xalayaa lammaffaa isiniif barreessuu koo ti. Lamaan isaanii iyyuu keessatti isin yaadachiisuudhaan qalbii keessan qulqulluu sana nan kakaasa.
This second epistle, beloved, I now write to you; in [both] which I stir up your pure minds by way of remembrance:
2 Isin dubbii dur raajota qulqulluudhaan dubbatamee fi ajaja Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenyaa kan karaa ergamoota keessaniitiin dubbatame sana akka yaadattan nan barbaada.
That ye may be mindful of the words which were spoken before by the holy prophets, and of the commandment of us the apostles of the Lord and Savior:
3 Akka bara dhumaa keessa gaʼistoonni gaʼisaa hawwii hamaa kan ofii isaanii duukaa buʼaa dhufan duraan dursaatii beekaa.
Knowing this first, that there will come in the last days scoffers, walking after their own lusts,
4 Isaanis, “‘dhufaatiin’ inni waadaa gale kun meerre? Wanni hundinuu erga abbootiin keenya duʼanii jalqabee akkuma yeroo jalqaba uumamaatti itti fufeeraatii” jedhu.
And saying, Where is the promise of his coming? for since the fathers fell asleep, all things continue as [they were] from the beginning of the creation.
5 Garuu isaan akka samiiwwan bara baayʼeen dura dubbii Waaqaatiin uumaman, akka laftis bishaan irraa fi bishaaniin tolfamte utuma beekanuu didan.
For this they willingly are ignorant of, that by the word of God the heavens were of old, and the earth standing out of the water and in the water:
6 Addunyaan yeroo sanaas bishaanuma kanaan liqimfamee bade.
By which the world that then was, being overflowed with water, perished:
7 Dubbiidhuma kanaanis samiiwwanii fi lafti yeroo ammaa jiran kunneen guyyaa murtii, kan badiisa namoota Waaqaaf hin bulleetiif kaaʼamanii ibiddaaf turfamaniiru.
But the heavens and the earth, which are now, by the same word are kept in store, reserved to fire against the day of judgment and perdition of ungodly men.
8 Yaa michoota jaallatamoo, isin garuu waan tokkicha kana hin irraanfatinaa. Gooftaa biratti guyyaan tokko akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ti.
But, beloved, be not ignorant of this one thing, that one day [is] with the Lord as a thousand years, and a thousand years as one day.
9 Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.
The Lord is not slack concerning his promise, as some men count slackness; but is long-suffering toward us, not willing that any should perish, but that all should come to repentance.
10 Guyyaan Gooftaa garuu akkuma hattuutti dhufa. Samiiwwan sagalee guddaadhaan dhabamu; wanni samiiwwan keessa jiru hundinuus hoʼa guddaadhaan baqa; laftii fi wanni ishee irra jiru hundinuus ni gubata.
But the day of the Lord will come as a thief in the night; in which the heavens will pass away with a great noise, and the elements will melt with fervent heat, the earth also and the works that are therein will be burned up.
11 Wanni hundinuu akkasitti bada erga taʼee, isin nama akkamii taʼuu qabdu ree? Jireenya qulqulluu fi Waaqaaf bulu jiraachuu qabdu;
[Seeing] then [that] all these things will be dissolved, what manner [of persons] ought ye to be in [all] holy deportment and godliness,
12 kanas guyyaa Waaqaa eeggachaa, dhufaatii isaas ariifachiisaa gochuu qabdu. Guyyaa sana samiiwwan ibiddaan badu; wanni samiiwwan keessa jirus hoʼaan baqa.
Looking for and hasting to the coming of the day of God, in which the heavens being on fire will be dissolved, and the elements will melt with fervent heat?
13 Nu garuu akkuma waadaa isaatti samiiwwan haaraa fi lafa haaraa qajeelinni keessa jiraatu eegganna.
Nevertheless we, according to his promise, look for new heavens and a new earth, in which dwelleth righteousness.
14 Kanaafuu yaa michoota jaallatamoo, isinis sababii waanuma kana eeggataniif akka warra xurii fi hirʼina hin qabne, warra nagaan isa wajjin jiraatan taataniif yaalii isinii dandaʼame hunda godhaa.
Wherefore, beloved, seeing that ye look for such things, be diligent that ye may be found by him in peace, without spot, and blameless.
15 Akkuma Phaawulos obboleessi keenya jaallatamaan sun ogummaa Waaqni kenneefiin isinii barreesse sana akka obsi Gooftaa keenyaa fayyina taʼe yaadatti qabadhaa.
And account [that] the long-suffering of our Lord [is] salvation; even as our beloved brother Paul also, according to the wisdom given to him, hath written to you;
16 Innis waaʼee waan kanaa dubbatee xalayoota isaa hunda keessatti haaluma kanaan barreessa. Xalayoota isaa keessas waan hubachuun nama rakkisu tokko tokkotu jira; wallaaltonnii fi warri jabaatanii hin dhaabanne akkuma Katabbiiwwan Qulqulluu kaan jalʼisan sana kanas badiidhuma ofii isaaniitiif ni jalʼisu.
As also in all [his] epistles, speaking in them of these things; in which are some things hard to be understood, which they that are unlearned and unstable wrest, as [they do] also the other scriptures, to their own destruction.
17 Kanaaf yaa michoota jaallatamoo, isin sababii duraan dursitanii waan kana beektaniif akka dogoggora finciltootaatiin fudhatamnii hundee jabaattanii irra dhaabattan irraa hin kufneef of eeggadhaa.
Ye therefore, beloved, seeing ye know [these things] before, beware lest ye also, being led away with the error of the wicked, fall from your own steadfastness.
18 Garuu ayyaanaa fi beekumsa Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin guddadhaa. Ammas, bara baraanis ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen. (aiōn g165)
But grow in grace, and [in] the knowledge of our Lord and Savior Jesus Christ. To him [be] glory both now and for ever. Amen. (aiōn g165)

< 2 Phexros 3 >

The Great Flood
The Great Flood