< 2 Phexros 1 >
1 Simoon Phexros garbichaa fi ergamaa Yesuus Kiristoos irraa, Gara warra karaa qajeelummaa Waaqa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin amantii akkuma amantii keenyaa gatii guddaa qabu sana argattaniitti:
这封信函来自耶稣基督的仆人和使徒西门·彼得,写给与我们一样,对我们的上帝和救主耶稣基督有着无价信任、真正是良善正义之人。
2 Beekumsa Waaqaatii fi beekumsa Gooftaa keenya Yesuusiin ayyaannii fi nagaan isiniif haa baayʼatu.
你们在上帝和我们的主耶稣的知识中成长过程中,愿你们获得更多恩典和平安。
3 Humni waaqummaa isaa karaa isa ulfina isaatii fi gaarummaa isaatiin nu waame sana beekuu keenyaatiin waan jireenyaa fi Waaqatti buluuf nu barbaachisu hundumaa nuuf kenneera.
通过他的神圣力量,我们已获得重要的一切,过上以上帝为中心的生活。这是因为认识他,他以自己的荣耀和善良召唤我们。 通过这种方式,他为我们提供了神奇而无价的承诺。
4 Kennaa kanaanis isin badiisa sababii hawwii hamaatiin addunyaa keessa jiru jalaa baatanii akka amala waaqummaa isaa sana keessatti hirmaattaniif jedhee karaa kennaa kanaatiin waadaa isaa guddaa fi kan gatii guddaa qabu nuuf galeera.
通过这些承诺,你可以分享这神圣的天性,摆脱这个世界邪恶欲望所产生的腐朽。
5 Sababuma kanaaf amantii keessan irratti gaarummaa, gaarummaa irrattis beekumsa dabalachuuf waan isinii dandaʼame hunda godhaa;
正是因为这缘故,要尽你所能!你的善行加上你对上帝和信;你的知识加上你的善行;
6 akkasuma beekumsa irratti of qabuu, of qabuu irratti obsaan dhaabachuu, obsaan dhaabachuu irratti Waaqatti buluu,
你的自控能力加上你的知识;你的自控能力加上耐心;你的耐心加上敬畏;
7 Waaqatti buluu irratti jaalala obbolummaa, jaalala obbolummaa irratti immoo jaalala dhugaa dabaladhaa.
你的敬畏会带来对信徒的爱;对信徒的爱,会带来爱。
8 Yoo isin waan kana hunda qabaattanii ittuma isinii baayʼachaa deeme, wanni kun akka isin Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos beekuu keessatti dadhaboo fi buʼaa dhabeeyyii hin taane isin godha.
你越多地具备这样的品质,那么在认识我们的主耶稣基督时,他们就更不容易变得没有效果和毫无效率。
9 Garuu namni waan kana hin qabne kam iyyuu jaamaa dha; fagoottis arguu hin dandaʼu; cubbuu isaa durii sana irraa qulqulleeffamuu isaa irraanfateera.
因为没有这些品质的人,往往都目光短浅或非常盲目。他们忘记自己已经从过去的罪孽中被洗净。
10 Kanaaf yaa obboloota ko, waamamuu fi filatamuu keessan mirkaneeffachuuf caalaatti hinaaffaa qabaadhaa. Yoo waan kana gootan isin hin gufattan;
所以兄弟姐妹们,要更坚定地让自己真正“被召唤和被挑选。”你这样做就永远不会坠落。
11 akkasiin gara mootummaa bara baraa kan Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoositti galuun guutummaatti isiniif kennama. (aiōnios )
你将受到热烈欢迎,进入我们主和救世主耶稣基督的永恒国度。 (aiōnios )
12 Kanaafuu isin wantoota kanneen beektanii, dhugaa amma qabdan kanatti jabaatanii dhaabattanii iyyuu ani yeroo hunda wantoota kanneen isin yaadachiisuu nan barbaada.
所以我总是提醒你们这些事情,即使你们已经了然并且坚持你所拥有的真理。
13 Ani hamman dunkaana kana keessa jirutti waan kana isin yaadachiisuudhaan isin dammaqsuu koo qajeelaa nan seʼa;
但我仍然认为,趁我在世之时,通过提醒你们来鼓励你们,这是个好主意。
14 ani akka Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos naaf ibsetti, dunkaana koo kana akkan dafee of irraa baasu beekaatii.
我知道,我离开今生之日已经不远——我们的主耶稣基督已向我表明这一点。
15 Ani akka isin erguma ani isin biraa godaanee booddee yeroo hunda waan kana yaadachuu dandeessan gochuuf nan carraaqa.
我会尽其所能,在我离开之后,你们还能时常回忆起这些事。
16 Nu yommuu waaʼee humnaa fi dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isinitti himnetti, surraa isaa ijuma keenyaan argineeti malee oduu haxxummaadhaan uumame duukaa buunee miti.
当我们对你们说:我们主耶稣基督的大能即将到来,我们所说的并非虚构的神话,我们曾亲眼目睹他的威严。
17 Innis yommuu sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani isatti baayʼee nan gammada” jedhu sun Ulfina Surra qabeessa sana biraa dhufeefitti, Waaqa Abbaa biraa kabajaa fi ulfina argateeraatii.
如果听到那庄严荣耀的声音说:“这是我的爱子,是真正令我喜悦的”,就代表从天父上帝那里获得威严荣耀。
18 Nu mataan keenya iyyuu yeroo isa wajjin tulluu qulqulluu irra turretti, utuu sagaleen kun samii irraa dhufuu dhageenye.
当我们在圣山与他一起时,亲耳听到从天上传来的这个声音。
19 Kanaafuu dubbiin raajonni dubbatan sun ittuma caalee nuuf mirkaneeffame; isinis hamma boruun baqaqee bakkalchi barii garaa keessan keessatti baʼutti yoo akkuma ibsaa dukkana keessatti ibsuutti dubbii kanaaf xiyyeeffannoo kennitan waan gaarii gochuu keessan.
我们还有先知的确凿之语,绝对值得信赖,关注它一定会让你受益。它就像一盏灯,照亮黑暗之地,直到天亮;就像晨星,它的光照亮你的思想。
20 Raajiin Katabbii Qulqulluu kam iyyuu hiikkaa raajichaa kan mataa isaatiin akka hin dhufin duraan dursitanii beekuu qabdu.
最重要的是,你应该意识到,圣经中的任何预言都不能由个人的一时兴起来解释,
21 Raajiin takkumaa fedhii namaatiin hin dhufneetii; garuu namoota Waaqaatu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate.
因为预言并非起源于人类,而是先知在圣灵的感应下,代表上帝说话。