< 2 Mootota 9 >

1 Elsaaʼi raajichi ilmaan raajotaa keessaa nama tokko waamee akkana jedheen; “Mudhii kee hidhadhuutii bilqaaxxii zayitii kana fuudhii Raamooti Giliʼaad dhaqi.
Nabii Elisha akamwita mtu mmoja kutoka kwa wana wa manabii na kumwambia, “Jikaze viuno, uichukue hii chupa ya mafuta, na uende Ramoth-Gileadi.
2 Yeroo achi geessutti Yehuu ilma Yehooshaafaax ilma Nimshii sana barbaadi. Gara isaa dhaqiitii miiltota isaa biraa isa fuudhiitii diinqatti isa galchi.
Ukifika huko, mtafute Yehu mwana wa Yehoshafati, mwana wa Nimshi. Enda kwake, umtenge na wenzake, na umpeleke katika chumba cha ndani.
3 Ergasii bilqaaxxii sana fuudhii zayitii sana mataa isaatti naqiitii, ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera.’ Ergasii balbala banadhuutii fiigi malee hin turin!”
Kisha chukua hii chupa na umimine mafuta juu ya kichwa chake, nawe utangaze, ‘Hivi ndivyo asemavyo Bwana: Ninakutia mafuta uwe mfalme juu ya Israeli.’ Kisha ufungue mlango na ukimbie; usikawie!”
4 Kanaafuu raajichi dargaggeessi sun kaʼee Raamooti Giliʼaad dhaqe.
Basi yule kijana nabii akaenda Ramoth-Gileadi.
5 Yommuu achi gaʼettis ajajjoota loltootaa kanneen walitti qabamanii tataaʼan arge. Innis, “Yaa ajajaa, ani ergaa siif qaba” jedhe. Yehuun immoo, “Nu keessaa, ati eenyuuf ergaa qabda?” jedhee gaafate. Innis, “Yaa ajajaa, siʼiif” jedhee deebise.
Wakati alipofika, akawakuta maafisa wa jeshi wameketi pamoja, akasema, “Nina ujumbe wako, ee jemadari.” Yehu akauliza, “Kwa yupi miongoni mwetu?” Akamjibu, “Kwako wewe, jemadari.”
6 Yehuun kaʼee mana ol seene. Raajichi sun mataa Yehuutti zayitii naqee akkana jedheen; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Ani saba Waaqayyoo, Israaʼel irratti mootii godhee sin diba.
Yehu akainuka na kuingia ndani ya nyumba. Ndipo yule nabii akamimina mafuta juu ya kichwa cha Yehu na kutangaza, “Hivi ndivyo asemavyo Bwana, Mungu wa Israeli: ‘Ninakutia mafuta uwe mfalme juu ya watu wa Bwana, yaani Israeli.
7 Ati mana gooftaa keetii mana Ahaab balleessuu qabda; anis dhiiga garboota koo raajotaatii fi dhiiga garboota Waaqayyoo kanneen Iizaabel dhangalaafte hunda haaloo nan baasa.
Inakupasa uiangamize nyumba ya bwana wako Ahabu, nami nitalipiza kisasi cha damu ya watumishi wangu manabii na damu ya watumishi wote wa Bwana iliyomwagwa na Yezebeli.
8 Manni Ahaab guutumaan guutuutti ni bada. Ani dhiira maatii Ahaab kanneen Israaʼel keessatti hafan hunda garbas taʼu birmaduu nan balleessa.
Nyumba yote ya Ahabu itaangamia. Nitamkatilia mbali kila mzaliwa wa kiume wa Ahabu katika Israeli, aliye mtumwa ama aliye huru.
9 Ani mana Ahaab akkuma mana Yerobiʼaam ilma Nebaatii fi akkuma mana Baʼishaan ilma Ahiiyaa sanaa nan godha.
Nitaifanya nyumba ya Ahabu kuwa kama ile nyumba ya Yeroboamu mwana wa Nebati, na kama ile nyumba ya Baasha mwana wa Ahiya.
10 Iizaabelin immoo sarootatu biyya Yizriʼeel keessatti nyaata; namni tokko iyyuu ishee hin awwaalu.’” Innis ergasii balbala banatee fiige.
Kuhusu Yezebeli, mbwa watamla kwenye kiwanja huko Yezreeli, wala hakuna mtu atakayemzika.’” Kisha akafungua mlango na kukimbia.
11 Yehuun gara ajajjuuwwan isa wajjin turan sanaatti gad baanaan isaan keessaa namni tokko, “Wanni hundi nagumaa? Namichi maraatuun kun maaliif si bira dhufe?” jedhee isa gaafate. Yehuunis, “Ati namichaa fi waan inni dubbate ni beekta” jedhee deebiseef.
Yehu alipotoka nje na kurudi kwenda kwa maafisa wenzake, mmoja wao akamuuliza, “Je, kila kitu ni salama? Kwa nini huyu mwenye wazimu alikuja kwako?” Yehu akajibu, “Wewe unamfahamu huyo mtu, na aina ya mambo ambayo yeye husema.”
12 Isaanis, “Kun dhugaa miti! Nutti himi” jedhaniin. Yehuun, “Wanni inni natti hime kanaa dha; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera’” jedhee deebiseef.
Wakasema, “Hiyo siyo kweli! Tuambie.” Yehu akasema, “Haya ndiyo aliyoniambia: ‘Hivi ndivyo asemavyo Bwana: Ninakutia mafuta uwe mfalme juu ya Israeli.’”
13 Isaan dafanii wayyaa isaanii of irraa fuudhanii gulantaawwan duwwaa irra isa jala afan. Ergasii immoo malakata afuufanii, “Yehuun mootii dha!” jedhan.
Wakaharakisha kuvua mavazi yao, na kuyatandaza chini ya Yehu ili akanyage juu kwenye ngazi ya nje. Kisha wakapiga tarumbeta na kupaza sauti wakisema, “Yehu ni mfalme!”
14 Kanaafuu Yehuun ilmi Yehooshaafaax ilmi Nimshii Yooraamitti malate. Yeroo sanatti Yooraamii fi Israaʼel hundi Raamooti Giliʼaad irraa Hazaaʼeel mooticha Sooriyaa eegaa turan;
Basi Yehu mwana wa Yehoshafati, mwana wa Nimshi, akafanya shauri baya dhidi ya Yoramu. (Wakati huu, Yoramu na Israeli wote walikuwa wakiilinda Ramoth-Gileadi dhidi ya Hazaeli mfalme wa Aramu,
15 Yehooraam mootichi garuu madaa warri Arraam yeroo inni Hazaaʼeel mooticha Arraamiitiin wal loletti isa madeessan sanaaf walʼaansa argachuuf jedhee Yizriʼeelitti deebiʼee ture. Yehuun, “Yoo yaadni kee kana taʼe, akka namni tokko iyyuu magaalaa keessaa gad baʼee dhaqee oduu kana Yizriʼeel keessatti odeessu hin eeyyamin” jedhe.
lakini Mfalme Yoramu alikuwa amerudishwa Yezreeli ili kujiuguza kutokana na majeraha ambayo Waaramu walimtia katika vita na Hazaeli mfalme wa Aramu.) Yehu akasema, “Kama hii ndiyo nia yenu, msimruhusu hata mmoja kutoroka nje ya mji kwenda kupeleka habari huko Yezreeli.”
16 Innis ergasii gaarii isaa seenee sababii Yooraam achitti boqochaa jiruu fi sababii Ahaaziyaa mootichi Yihuudaa isa arguuf gad buʼeef Yizriʼeelitti qajeele.
Ndipo Yehu akaingia katika gari lake la vita na kuendesha kwenda Yezreeli, kwa sababu Yoramu alikuwa amepumzika huko, na Ahazia mfalme wa Yuda alikuwa ameenda kumwona.
17 Eegduun gamoo eegumsaa kan Yizriʼeel keessaa irra dhaabachaa ture sun yommuu loltoota Yehuu kanneen dhufaa jiran argetti, “Ani loltoota dhufaa jiran tokkon arga” jedhee iyye. Yehooraamis, “Abbaa fardaa tokko waamiitii akka inni isaanitti gad baʼee, ‘Isin naguma dhuftanii?’ jedhee isaan gaafatuuf itti ergi” jedhee ajaje.
Mlinzi aliyesimama juu ya kinara cha Yezreeli alipoona askari wa Yehu wanakuja, akaita akisema, “Naona askari wanakuja.” Yoramu akaamuru, “Mtwae mpanda farasi umtume akakutane nao na kuuliza, ‘Je, mmekuja kwa amani?’”
18 Abbaan fardaa sunis Yehuu arguuf gulufee dhaqee, “Mootichi, ‘Isin naguma dhuftanii?’ jedha” jedheen. Yehuun immoo, “Ati nagaa irraa maal qabda? Garagaliitii na duukaa buʼi” jedhee deebise. Eegduun sunis, “Ergamaan isaan bira gaʼeera; garuu as hin deebine” jedhee hime.
Mpanda farasi akaondoka kwenda kukutana na Yehu na kusema, “Hivi ndivyo asemavyo mfalme: ‘Je, mmekuja kwa amani?’” Yehu akamjibu, “Una nini na amani? Unga msafara nyuma yangu.” Mlinzi akatoa habari, “Mjumbe amewafikia lakini harudi.”
19 Kanaafuu mootichi abbaa fardaa lammaffaa erge. Innis gara isaanii dhaqee, “Mootichi, ‘Isin naguma dhuftanii?’ jedha” jedheen. Yehuun immoo, “Ati nagaa irraa maal qabda? Garagaliitii na duukaa buʼi” jedhee deebise.
Basi mfalme akamtuma mpanda farasi wa pili. Wakati alipowafikia akasema, “Hivi ndivyo asemavyo mfalme, ‘Je, mmekuja kwa amani?’” Yehu akajibu, “Una nini na amani? Unga msafara nyuma yangu.”
20 Eegduun sunis, “Inni isaan bira gaʼeera; garuu as hin deebine. Oofichi isaa akkuma ooficha Yehuu ilma Nimshii sanaa ti; inni akkuma nama maraate tokkootti oofaatii” jedhee hime.
Yule mlinzi akatoa taarifa akasema, “Mjumbe amewafikia, lakini hata yeye harudi. Uendeshaji ule ni kama wa Yehu mwana wa Nimshi, anaendesha kama mwenye wazimu!”
21 Kana irrati Yehooraam, “Gaarii koo naa qopheessaa” jedhee ajaje. Erga gaariin qopheeffamee booddee Yehooraam mootichi Israaʼelii fi Ahaaziyaan mootichi Yihuudaa, tokkoon tokkoon isaanii gaarii isaanii yaabbatanii Yehuu simachuu dhaqan. Isaanis lafa qotiisaa Naabot namicha Yizriʼeel sanaa keessatti isa argatan.
Yoramu akaagiza, akasema, “Weka tayari gari langu la vita.” Na baada ya gari kuwa tayari, Yoramu mfalme wa Israeli, na Ahazia mfalme wa Yuda, wakaondoka kila mmoja kwenye gari lake ili kukutana na Yehu. Walikutana naye katika shamba lililokuwa mali ya Nabothi, Myezreeli.
22 Yehooraam yommuu Yehuu argetti, “Iyyuu, ati naguma dhuftee?” jedhee gaafate. Yehuun immoo, “Hamma sagaagalummaa fi falfalli haadha kee Iizaabel biyya guutee jirutti nagaa maaltu jiraachuu dandaʼa?” jedhee deebise.
Yoramu alipomwona Yehu akauliza, “Je, Yehu, umekuja kwa amani?” Yehu akajibu, “Kunawezaje kuwa na amani wakati ibada za sanamu na uchawi wa mama yako Yezebeli ungaliko?”
23 Yehooraam of irra garagalee Ahaaziyaadhaan, “Yaa Ahaaziyaa, wanni kun maltummaa dha!” jedhee baqate.
Yoramu akageuka nyuma na kukimbia, akimwambia Ahazia, “Huu ni uhaini, Ahazia!”
24 Yehuun xiyya isaa darbatee gatiittii Yehooraam gidduu waraane; xiyyi sunis onnee isaa keessa fullaʼe; innis gaarii isaa keessatti kufe.
Kisha Yehu akatwaa upinde wake na kumchoma Yoramu katikati ya mabega. Mshale ukapenya kwenye moyo wake, naye akaanguka ghafula ndani ya gari lake.
25 Yehuunis ajajaa gaarii isaa Bidqaariin akkana jedhe; “Isa fuudhiitii lafa qotiisaa Naabot namicha Yizriʼeel sanaa keessatti gati. Akka Waaqayyo gaafa anii fi ati gaariidhaan Ahaab abbaa isaa duubaan gulufaa turre sana akkana jedhee waaʼee isaa raajii dubbate yaadadhu:
Yehu akamwambia Bidkari, mwendeshaji wa gari lake, “Mwinue na umtupe katika shamba lililokuwa mali ya Nabothi, Myezreeli. Kumbuka jinsi mimi na wewe tulivyokuwa tukiendesha pamoja magari yetu nyuma ya Ahabu baba yake, wakati Bwana alipotoa unabii huu kumhusu:
26 ‘Ani kaleessa dhiiga Naabotiitii fi dhiiga ilmaan isaa argeera, jedha Waaqayyo; ani dhugumaan akka ati gatii dhiiga sanaa lafa qotiisaa sana irratti baaftu nan godha’ jedha Waaqayyo. Egaa amma isa fuudhiitii akkuma dubbii Waaqayyootti lafa qotiisaa sana keessatti isa gati.”
‘Jana niliona damu ya Nabothi na damu ya wanawe, nami kwa hakika nitakufanya uilipe juu ya shamba hili, asema Bwana.’ Sasa basi, mwinue na umtupe juu ya kiwanja, kulingana na neno la Bwana.”
27 Ahaaziyaa mootichi Yihuudaa yommuu waan kana argetti karaa Beet Hagaanitti geessuun baqate. Yehuun, “Isas ajjeesaa!” jedhee iyyaa isa ariʼe. Isaanis karaa Guuritti geessu irratti Yibleʼaam biratti isa madeessan; inni garuu Megidootti baqatee achitti duʼe.
Wakati Ahazia mfalme wa Yuda alipoona kilichotokea, akakimbia kupitia barabara ya Beth-Hagani. Yehu akamkimbiza akipaza sauti na kusema, “Muue naye pia!” Wakamjeruhi katika gari lake kwenye njia ielekeayo Guri karibu na Ibleamu, lakini akatorokea Megido na akafia huko.
28 Tajaajiltoonni isaa gaariidhaan Yerusaalemitti isa geessanii awwaala isaa kan Magaalaa Daawit keessaatti abbootii isaa biratti isa awwaalan.
Watumishi wake wakambeba kwa gari la vita na kumpeleka Yerusalemu, wakamzika pamoja na baba zake kwenye kaburi lake katika Mji wa Daudi.
29 Bara Yooraam ilma Ahaab keessa waggaa kudha tokkoffaatti Ahaaziyaan mootii Yihuudaa taʼe.
(Katika mwaka wa kumi na moja wa Yoramu mwana wa Ahabu, Ahazia alianza kutawala katika Yuda.)
30 Ergasii Yehuun kaʼee Yizriʼeel dhaqe. Iizaabel yommuu waan kana dhageessetti ija ishee kuulattee mataa dhaʼattee foddaa keessaan ala ilaalte.
Kisha Yehu akaenda Yezreeli. Yezebeli aliposikia habari hii, akayapaka macho yake rangi, akatengeneza nywele zake na kutazama nje dirishani.
31 Akkuma Yehuun karraan ol seeneen Iizaabel, “Zimrii, ati namichi gooftaa kee ajjeefte naguma dhuftee?” jetteen.
Yehu alipokuwa akiingia langoni, Yezebeli akasema, “Je, umekuja kwa amani, Zimri, wewe muuaji wa bwana wako?”
32 Innis foddaa sana keessaan ol ilaalee, “Eenyutu na bira jira? Eenyuu dha?” jedhe. Xuʼaashiiwwan lama yookaan sadii taʼan gara isaa gad ilaalan.
Yehu akaangalia juu dirishani na kuita, “Je, ni nani aliye upande wangu? Ni nani?” Matowashi wawili au watatu wakamtazama.
33 Yehuun, “Ishee gad darbadhaa!” jedheen. Kanaafuu isaan gad ishee darbatan; akkasiin dhiigni ishee keenyan manaatii fi fardeen kotteedhaan ishee irra yaaʼan sanatti faffacaʼe.
Yehu akasema, “Mtupeni huyo mwanamke chini!” Kwa hiyo wakamtupa chini, nayo baadhi ya damu yake ikatapanyika ukutani na nyingine juu ya farasi walipokuwa wakimkanyaga kwa miguu yao.
34 Yehuun ol seenee waa nyaatee dhuge. Innis, “Dubartii abaaramtuu kana fuudhaatii awwaalaa; isheen intala mootii turteetii” jedhe.
Yehu akaingia ndani, akala na akanywa. Akasema, “Mshughulikieni huyo mwanamke aliyelaaniwa. Mzikeni, kwa sababu alikuwa binti wa mfalme.”
35 Isaan garuu yeroo ishee awwaaluuf gad baʼanitti buqqee mataa ishee, harkaa fi miilla ishee malee waan tokko illee hin argine.
Lakini walipotoka kwenda kumzika, hawakukuta kitu chochote isipokuwa fuvu la kichwa, miguu yake na mikono.
36 Isaanis deebiʼanii Yehuutti himan; innis akkana jedhe; “Kun dubbii Waaqayyo karaa garbicha isaa Eeliyaas namicha Tishbii sanaatiin akkana jedhee dubbatee dha: Lafa qotiisaa Yizriʼeel keessaa tokko irratti saroonni foon Iizaabel ni nyaatu.
Wakarudi na kumwambia Yehu, ambaye alisema, “Hili ndilo neno la Bwana alilosema kupitia kinywa cha mtumishi wake Eliya Mtishbi, kwamba: Katika kiwanja cha Yezreeli, mbwa wataikula nyama ya Yezebeli.
37 Reeffi Iizaabelis akka namni tokko iyyuu, ‘Kun Iizaabel’ jechuu hin dandeenyeef lafa qotiisaa Yizriʼeel keessaa tokko irratti akkuma kosii taʼa.”
Maiti ya Yezebeli itakuwa kama mavi shambani katika uwanja wa Yezreeli, kwamba hakutakuwepo mtu atakayeweza kusema, ‘Huyu ndiye Yezebeli.’”

< 2 Mootota 9 >