< 2 Mootota 9 >

1 Elsaaʼi raajichi ilmaan raajotaa keessaa nama tokko waamee akkana jedheen; “Mudhii kee hidhadhuutii bilqaaxxii zayitii kana fuudhii Raamooti Giliʼaad dhaqi.
Da rief der Prophet Elisäus einen der Prophetensöhne und sprach: "Gürte deine Lenden! Nimm diese Ölflasche mit dir und geh nach Ramot im Gilead!
2 Yeroo achi geessutti Yehuu ilma Yehooshaafaax ilma Nimshii sana barbaadi. Gara isaa dhaqiitii miiltota isaa biraa isa fuudhiitii diinqatti isa galchi.
Und kommst du dort an, dann merk auf! Dort ist Jehu, Josaphats Sohn und Nimsis Enkel. Trittst du ein, dann laß ihn aus seiner Brüder Mitte aufstehen und führ ihn in das innerste Gemach!
3 Ergasii bilqaaxxii sana fuudhii zayitii sana mataa isaatti naqiitii, ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera.’ Ergasii balbala banadhuutii fiigi malee hin turin!”
Dann nimm die Ölflasche, gieße daraus auf sein Haupt und sage: 'So spricht der Herr: "Ich salbe dich zum König über Israel!"' Dann öffne die Tür und fliehe unverweilt!"
4 Kanaafuu raajichi dargaggeessi sun kaʼee Raamooti Giliʼaad dhaqe.
Da ging der Jüngling - der Jüngling war ein Prophet - nach Ramot im Gilead.
5 Yommuu achi gaʼettis ajajjoota loltootaa kanneen walitti qabamanii tataaʼan arge. Innis, “Yaa ajajaa, ani ergaa siif qaba” jedhe. Yehuun immoo, “Nu keessaa, ati eenyuuf ergaa qabda?” jedhee gaafate. Innis, “Yaa ajajaa, siʼiif” jedhee deebise.
Als er hinkam, saßen die Hauptleute des Heeres da. Er sagte: "Hauptmann! Ich habe dir etwas zu sagen." Jehu fragte: "Wem von uns allen?" Er sprach: "Hauptmann! Dir!"
6 Yehuun kaʼee mana ol seene. Raajichi sun mataa Yehuutti zayitii naqee akkana jedheen; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Ani saba Waaqayyoo, Israaʼel irratti mootii godhee sin diba.
Da stand er auf und ging ins Haus hinein. Da goß er ihm das Öl aufs Haupt und sagte zu ihm: "So spricht der Herr, Israels Gott: 'Ich salbe dich zum König über des Herrn Volk, über Israel.
7 Ati mana gooftaa keetii mana Ahaab balleessuu qabda; anis dhiiga garboota koo raajotaatii fi dhiiga garboota Waaqayyoo kanneen Iizaabel dhangalaafte hunda haaloo nan baasa.
Schlage nieder das Haus Achabs, deines Herrn, damit ich räche meiner Diener, der Propheten, Blut sowie das Blut aller anderen Diener des Herrn an Izebel
8 Manni Ahaab guutumaan guutuutti ni bada. Ani dhiira maatii Ahaab kanneen Israaʼel keessatti hafan hunda garbas taʼu birmaduu nan balleessa.
und an dem ganzen Achabhause! Zugrunde geht das ganze Achabhaus. Von Achab tilge ich die Wandpisser, wie Mündige in Israel.
9 Ani mana Ahaab akkuma mana Yerobiʼaam ilma Nebaatii fi akkuma mana Baʼishaan ilma Ahiiyaa sanaa nan godha.
Ich mache so das Achabhaus gleich dem des Nebatsohns Jeroboam und gleich dem Haus des Achiasohnes Baësa.
10 Iizaabelin immoo sarootatu biyya Yizriʼeel keessatti nyaata; namni tokko iyyuu ishee hin awwaalu.’” Innis ergasii balbala banatee fiige.
Izebel aber fressen Hunde auf der Flur von Jezreel, und niemand ist, der sie bestattet.'" Darauf öffnete er die Tür und floh.
11 Yehuun gara ajajjuuwwan isa wajjin turan sanaatti gad baanaan isaan keessaa namni tokko, “Wanni hundi nagumaa? Namichi maraatuun kun maaliif si bira dhufe?” jedhee isa gaafate. Yehuunis, “Ati namichaa fi waan inni dubbate ni beekta” jedhee deebiseef.
Als Jehu nun zu den Dienern seines Herrn hinaustrat, fragte man ihn: "Steht es gut? Weshalb ist dieser Verrückte zu dir gekommen?" Er sprach zu ihnen: "Ihr kennt ja den Mann und sein Geschwätz."
12 Isaanis, “Kun dhugaa miti! Nutti himi” jedhaniin. Yehuun, “Wanni inni natti hime kanaa dha; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera’” jedhee deebiseef.
Sie sprachen. "Ausflüchte! Sag es uns!" Da sagte er: "So und so hat er zu mir gesprochen: 'So spricht der Herr: "Ich salbe dich zum König über Israel."'"
13 Isaan dafanii wayyaa isaanii of irraa fuudhanii gulantaawwan duwwaa irra isa jala afan. Ergasii immoo malakata afuufanii, “Yehuun mootii dha!” jedhan.
Da nahmen sie eilends jeder sein Gewand und legten es unter ihn auf die Treppenziegel. Dann stießen sie in das Horn und riefen: "Jehu ist König."
14 Kanaafuu Yehuun ilmi Yehooshaafaax ilmi Nimshii Yooraamitti malate. Yeroo sanatti Yooraamii fi Israaʼel hundi Raamooti Giliʼaad irraa Hazaaʼeel mooticha Sooriyaa eegaa turan;
Also verschwor sich Jehu, Josaphats Sohn und Nimsis Enkel, gegen Joram. Joram aber lag auf der Wacht zu Ramot im Gilead mit ganz Israel gegen Arams König Chazael.
15 Yehooraam mootichi garuu madaa warri Arraam yeroo inni Hazaaʼeel mooticha Arraamiitiin wal loletti isa madeessan sanaaf walʼaansa argachuuf jedhee Yizriʼeelitti deebiʼee ture. Yehuun, “Yoo yaadni kee kana taʼe, akka namni tokko iyyuu magaalaa keessaa gad baʼee dhaqee oduu kana Yizriʼeel keessatti odeessu hin eeyyamin” jedhe.
Der König Joram aber kehrte heim, um sich in Jezreel heilen zu lassen von den Wunden, die ihm die Aramäer schlugen, als er mit Arams König Chazael kämpfte. Jehu sprach: "Ist es euch genehm, dann gehe niemand heimlich aus der Stadt in der Absicht, hinzugehen und es in Jezreel zu melden!"
16 Innis ergasii gaarii isaa seenee sababii Yooraam achitti boqochaa jiruu fi sababii Ahaaziyaa mootichi Yihuudaa isa arguuf gad buʼeef Yizriʼeelitti qajeele.
Hierauf bestieg Jehu einen Wagen und fuhr nach Jezreel. Denn dort lag Joram, und der Judakönig Achazja war herabgezogen, Joram zu besuchen.
17 Eegduun gamoo eegumsaa kan Yizriʼeel keessaa irra dhaabachaa ture sun yommuu loltoota Yehuu kanneen dhufaa jiran argetti, “Ani loltoota dhufaa jiran tokkon arga” jedhee iyye. Yehooraamis, “Abbaa fardaa tokko waamiitii akka inni isaanitti gad baʼee, ‘Isin naguma dhuftanii?’ jedhee isaan gaafatuuf itti ergi” jedhee ajaje.
Auf dem Turme zu Jezreel aber stand der Wächter und sah Jehus, Schar herankommen. Er sprach: "Ich sehe eine Schar." Da sprach Joram: "Hole einen Reiter und schicke ihn jenen entgegen, daß er frage: 'In friedlicher Absicht?'"
18 Abbaan fardaa sunis Yehuu arguuf gulufee dhaqee, “Mootichi, ‘Isin naguma dhuftanii?’ jedha” jedheen. Yehuun immoo, “Ati nagaa irraa maal qabda? Garagaliitii na duukaa buʼi” jedhee deebise. Eegduun sunis, “Ergamaan isaan bira gaʼeera; garuu as hin deebine” jedhee hime.
Da ritt der Reiter ihm entgegen und sprach: "So fragt der König: 'In friedlicher Absicht?'" Jehu sprach: "Was geht dich der Frieden an? Schwenke hinter mich ein!" Der Wächter meldete es und sprach: "Der Bote ist bei ihnen angelangt, kehrt aber nicht um."
19 Kanaafuu mootichi abbaa fardaa lammaffaa erge. Innis gara isaanii dhaqee, “Mootichi, ‘Isin naguma dhuftanii?’ jedha” jedheen. Yehuun immoo, “Ati nagaa irraa maal qabda? Garagaliitii na duukaa buʼi” jedhee deebise.
Da sandte er einen zweiten Reiter. Er kam zu ihm und sprach: "So fragt der König: 'Friedlich?'" Jehu sprach: "Was geht dich der Frieden an? Schwenke hinter mich ein!"
20 Eegduun sunis, “Inni isaan bira gaʼeera; garuu as hin deebine. Oofichi isaa akkuma ooficha Yehuu ilma Nimshii sanaa ti; inni akkuma nama maraate tokkootti oofaatii” jedhee hime.
Der Wächter meldete: "Auch er ist bei ihnen angelangt, kehrt aber nicht um. Und das Fahren gleicht dem Fahren des Nimsisohnes Jehu; denn er fährt unsinnig."
21 Kana irrati Yehooraam, “Gaarii koo naa qopheessaa” jedhee ajaje. Erga gaariin qopheeffamee booddee Yehooraam mootichi Israaʼelii fi Ahaaziyaan mootichi Yihuudaa, tokkoon tokkoon isaanii gaarii isaanii yaabbatanii Yehuu simachuu dhaqan. Isaanis lafa qotiisaa Naabot namicha Yizriʼeel sanaa keessatti isa argatan.
Da sprach Joram: "Spanne ein!" Man spannte seinen Wagen ein, und der König von Israel, Joram, fuhr mit dem Judakönig Achazja hinaus, jeder auf seinem Wagen. So fuhren sie Jehu entgegen und trafen ihn auf des Jezreeliters Nabot Grundstück.
22 Yehooraam yommuu Yehuu argetti, “Iyyuu, ati naguma dhuftee?” jedhee gaafate. Yehuun immoo, “Hamma sagaagalummaa fi falfalli haadha kee Iizaabel biyya guutee jirutti nagaa maaltu jiraachuu dandaʼa?” jedhee deebise.
Als Joram den Jehu erblickte, fragte er: "In friedlicher Absicht, Jehu?" Er sprach: "Was, friedliche Absicht bei deiner Mutter Izebel Hurerei und ihren zahllosen Ränken!"
23 Yehooraam of irra garagalee Ahaaziyaadhaan, “Yaa Ahaaziyaa, wanni kun maltummaa dha!” jedhee baqate.
Da lenkte Joram um und floh. Er rief Achazja zu "Verrat! Achazja!"
24 Yehuun xiyya isaa darbatee gatiittii Yehooraam gidduu waraane; xiyyi sunis onnee isaa keessa fullaʼe; innis gaarii isaa keessatti kufe.
Da spannte Jehu den Bogen bis aufs äußerste und traf Joram zwischen die Arme. Der Pfeil fuhr ihm durchs Herz, und er sank in seinem Wagen nieder.
25 Yehuunis ajajaa gaarii isaa Bidqaariin akkana jedhe; “Isa fuudhiitii lafa qotiisaa Naabot namicha Yizriʼeel sanaa keessatti gati. Akka Waaqayyo gaafa anii fi ati gaariidhaan Ahaab abbaa isaa duubaan gulufaa turre sana akkana jedhee waaʼee isaa raajii dubbate yaadadhu:
Dann sprach er zu seinem Krieger Bidekar: "Nimm ihn und wirf ihn auf des Jezreeliters Nabot Grundstück! Denk daran, wie ich und du hinter seinem Vater Achab Seite an Seite ritten, als der Herr über ihn diesen Ausspruch tat:
26 ‘Ani kaleessa dhiiga Naabotiitii fi dhiiga ilmaan isaa argeera, jedha Waaqayyo; ani dhugumaan akka ati gatii dhiiga sanaa lafa qotiisaa sana irratti baaftu nan godha’ jedha Waaqayyo. Egaa amma isa fuudhiitii akkuma dubbii Waaqayyootti lafa qotiisaa sana keessatti isa gati.”
'Ich habe gestern Nabots und seiner Söhne Blut gesehen - ein Spruch des Herrn - und ich vergelte es dir auf diesem Grundstück.' Ein Spruch des Herrn. So nimm ihn und wirf ihn auf das Grundstück nach des Herrn Wort!"
27 Ahaaziyaa mootichi Yihuudaa yommuu waan kana argetti karaa Beet Hagaanitti geessuun baqate. Yehuun, “Isas ajjeesaa!” jedhee iyyaa isa ariʼe. Isaanis karaa Guuritti geessu irratti Yibleʼaam biratti isa madeessan; inni garuu Megidootti baqatee achitti duʼe.
Dies hatte der Judakönig Achazja mit angesehen; da floh er gegen das Gartenhaus. Jehu jagte ihm nach und rief: "Schlagt auch diesen auf dem Wagen!" Es war auf der Steige von Gur bei Ibleam. Doch er entkam nach Megiddo; dort aber starb er.
28 Tajaajiltoonni isaa gaariidhaan Yerusaalemitti isa geessanii awwaala isaa kan Magaalaa Daawit keessaatti abbootii isaa biratti isa awwaalan.
Dann fuhren ihn seine Diener nach Jerusalem und begruben ihn in seiner Grabstätte bei seinen Ahnen in der Davidsstadt.
29 Bara Yooraam ilma Ahaab keessa waggaa kudha tokkoffaatti Ahaaziyaan mootii Yihuudaa taʼe.
Im elften Jahr des Achabsohnes Joram war Achazja über Juda König geworden.
30 Ergasii Yehuun kaʼee Yizriʼeel dhaqe. Iizaabel yommuu waan kana dhageessetti ija ishee kuulattee mataa dhaʼattee foddaa keessaan ala ilaalte.
Nun kam Jehu nach Jezreel. Als Izebel davon hörte, schminkte sie die Augenlider, schmückte ihr Haupt und schaute zum Fenster hinaus.
31 Akkuma Yehuun karraan ol seeneen Iizaabel, “Zimrii, ati namichi gooftaa kee ajjeefte naguma dhuftee?” jetteen.
Als Jehu durch das Tor kam, sprach sie: "Geht es Zimri, dem Mörder seines Herrn, gut?"
32 Innis foddaa sana keessaan ol ilaalee, “Eenyutu na bira jira? Eenyuu dha?” jedhe. Xuʼaashiiwwan lama yookaan sadii taʼan gara isaa gad ilaalan.
Da blickte er zum Fenster hinauf und rief: "Wer hält es mit mir? Wer?" Da blickten zu ihm zwei oder drei Kämmerlinge herunter.
33 Yehuun, “Ishee gad darbadhaa!” jedheen. Kanaafuu isaan gad ishee darbatan; akkasiin dhiigni ishee keenyan manaatii fi fardeen kotteedhaan ishee irra yaaʼan sanatti faffacaʼe.
Er rief: "Stürzt sie herab!" Und sie stürzten diese hinab. Von ihrem Blut aber spritzte an die Mauer und an die Rosse, und sie zerstampften sie.
34 Yehuun ol seenee waa nyaatee dhuge. Innis, “Dubartii abaaramtuu kana fuudhaatii awwaalaa; isheen intala mootii turteetii” jedhe.
Er aber ging hinein und aß und trank. Dann sprach er: "Seht nach dieser Verfluchten und begrabt sie! Sie ist doch eine Königstochter."
35 Isaan garuu yeroo ishee awwaaluuf gad baʼanitti buqqee mataa ishee, harkaa fi miilla ishee malee waan tokko illee hin argine.
Da gingen sie hin, sie zu begraben, fanden aber von ihr nichts mehr als den Schädel, die Füße und Arme.
36 Isaanis deebiʼanii Yehuutti himan; innis akkana jedhe; “Kun dubbii Waaqayyo karaa garbicha isaa Eeliyaas namicha Tishbii sanaatiin akkana jedhee dubbatee dha: Lafa qotiisaa Yizriʼeel keessaa tokko irratti saroonni foon Iizaabel ni nyaatu.
Sie kamen zurück und meldeten es ihm. Er sprach: "Das ist des Herrn Wort, das er durch seinen Diener, den Tisbiter Elias, gesprochen hat: 'Das Fleisch Izebels fressen Hunde auf der Flur von Jezreel.
37 Reeffi Iizaabelis akka namni tokko iyyuu, ‘Kun Iizaabel’ jechuu hin dandeenyeef lafa qotiisaa Yizriʼeel keessaa tokko irratti akkuma kosii taʼa.”
Izebels Leichnam wird wie Ackerdünger auf der Flur von Jezreel, daß man nicht sagen kann: "Das ist Izebel."'"

< 2 Mootota 9 >