< 2 Mootota 8 >
1 Yeroo kanatti Elsaaʼi dubartii ilma ishee duʼaa kaaseef sanaan, “Sababii Waaqayyo beela waggaa torba turu tokko biyya kanatti ajajeef, maatii kee wajjin asii deemiitii iddoo jiraachuu dandeessu kam iyyuu jiraadhu” jedhe.
Und Elisa redete mit dem Weibe, deren Sohn er lebendig gemacht hatte, und sprach: Mache dich auf und gehe hin mit deinem Haushalt und halte dich in der Fremde auf, wo du kannst! Denn der HERR hat eine Hungersnot herbeigerufen. Und sie kommt auch in das Land, sieben Jahre lang.
2 Dubartiin sunis kaatee akkuma namni Waaqaa sun jedheen goote. Ishee fi maatiin ishee dhaqanii biyya Filisxeemotaa keessa waggaa torba jiraatan.
Das Weib machte sich auf und tat, wie der Mann Gottes sagte, und zog hin mit ihren Hausgenossen und hielt sich im Lande der Philister auf, sieben Jahre lang.
3 Isheenis dhuma waggaa torbaatti biyya Filisxeemotaatii deebitee manaa fi lafa ishee kadhachuuf gara mootichaa ni dhaqxe.
Als aber die sieben Jahre vorbei waren, kam das Weib wieder aus dem Lande der Philister, und sie ging hin, um den König wegen ihres Hauses und wegen ihres Ackers anzurufen.
4 Mootichis, “Mee waan Elsaaʼi hojjete gurguddaa natti himi” jedhee Gehaaz tajaajilaa nama Waaqaa sana wajjin haasaʼaa ture.
Der König aber redete eben mit Gehasi, dem Knechte des Mannes Gottes, und sprach: Erzähle mir doch alle die großen Taten, welche Elisa getan hat!
5 Utuma Gehaaz akka Elsaaʼi nama duʼe illee duʼaa kaase isatti himuutti jiruu dubartiin Elsaaʼi ilma ishee duʼaa kaaseef sun manaa fi lafa ishee kadhachuudhaaf gara mootichaa dhufte. Gehaazis, “Yaa gooftaa koo mooticha, dubartiin Elsaaʼi mucaa ishee duʼaa kaaseef sun kunoo ti” jedhe.
Während er aber dem Könige erzählte, wie jener einen Toten lebendig gemacht hatte, siehe, da kam eben das Weib, deren Sohn er lebendig gemacht hatte, dazu und rief den König an wegen ihres Hauses und wegen ihres Ackers. Da sprach Gehasi: Mein Herr und König, hier ist das Weib, und dies ist ihr Sohn, den Elisa lebendig gemacht hat!
6 Mootichi waaʼee waan sanaa dubartittii gaafate; isheenis itti himte. Innis ergasii qondaala tokko dubbii isheetti ramadee, “Galii guyyaa isheen biyyaa baatee jalqabee lafa qotiisaa ishee irraa argame hunda itti dabaliitii waan kan ishee ture hunda deebisiif” jedheen.
Da fragte der König das Weib, und sie erzählte es ihm. Da gab ihr der König einen Kämmerer und sprach: Verschaffe ihr alles wieder, was ihr gehört; dazu allen Ertrag des Ackers seit der Zeit, da sie das Land verlassen hat, bis jetzt.
7 Elsaaʼi Damaasqoo dhaqe; Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa immoo dhukkubsatee ture. Mootiin sunis yommuu, “Namni Waaqaa sun as dhufee jira” jedhanii itti himanitti,
Und Elisa kam nach Damaskus. Da lag Benhadad, der König von Syrien, krank. Und man sagte es ihm und sprach: Der Mann Gottes ist hierher gekommen!
8 Hazaaʼeeliin akkana jedhe; “Kennaa wayii fudhadhuutii dhaqii nama Waaqaa sana simadhu. Karaa isaatiinis, ‘Ani dhukkuba kana irraa nan hafaa?’ jedhii Waaqayyoon gaafadhu.”
Da sprach der König zu Hasael: Nimm Geschenke mit dir und gehe dem Manne Gottes entgegen und befrage den HERRN durch ihn und sprich: Werde ich von dieser Krankheit genesen können?
9 Hazaaʼeelis waan Damaasqoo keessaa akka malee gaggaarii taʼe fudhatee kennaa feʼiisa gaala afurtamaatiin Elsaaʼin simachuu dhaqe. Ol seenees fuula isaa dura dhaabatee, “Ilma kee Ben-Hadaad mooticha Sooriyaatu, ‘Ani dhukkuba kana irraa hafaa?’ jedhee sitti na erge” jedheen.
Hasael ging ihm entgegen und nahm Geschenke mit sich und allerlei Güter von Damaskus, eine Last für vierzig Kamele. Und als er kam, trat er vor ihn hin und sprach: Dein Sohn Benhadad, der König von Syrien, hat mich zu dir gesandt und läßt dir sagen: Kann ich auch von dieser Krankheit genesen?
10 Elsaaʼi immoo, “Dhaqiitii, ‘Ati dhugumaan irraa hafta’ jedhiin; garuu Waaqayyo akka inni dhugumaan duʼu na argisiiseera” jedhee deebiseef.
Elisa sprach zu ihm: Gehe hin und sage ihm: Du wirst genesen! Aber der HERR hat mir gezeigt, daß er gewiß sterben wird.
11 Elsaaʼi hamma Hazaaʼeel qaanaʼutti utuu ija irraa hin buqqifatin isa ilaale. Ergasii namni Waaqaa sun booʼuu jalqabe.
Und der Mann Gottes richtete sein Angesicht auf ihn und starrte ihn unverwandt an, bis er sich schämte; dann weinte er.
12 Hazaaʼeelis, “Gooftaan koo maaliif booʼa?” jedhee gaafate. Inni immoo akkana jedhee deebise; “Sababii ani miidhaa ati Israaʼelitti fiddu beekuuf; ati daʼannoo isaaniitti ibidda naqxa; dargaggoota isaanii goraadeedhaan fixxa; daaʼimman isaanii lafaan dhooftee mimmiciriqsita; dubartoota isaanii kanneen ulfaaʼan garaa baqaqsita.”
Da sprach Hasael: Warum weint mein Herr? Er sprach: Weil ich weiß, was für Unheil du den Kindern Israel antun wirst! Du wirst ihre festen Städte mit Feuer verbrennen und ihre junge Mannschaft mit dem Schwert töten und ihre Kindlein zerschmettern und die Frauen aufschlitzen, die guter Hoffnung sind.
13 Hazaaʼeel, “Ani garbichi kee sareen kun akkamiin waan hamtuu akkanaa hojjedha?” jedhe. Elsaaʼi immoo, “Waaqayyo akka ati mootii Sooriyaa taatu na argisiiseera” jedhee deebiseef.
Hasael sprach: Was ist dein Knecht, der Hund, daß er solch große Dinge tun sollte? Elisa sprach: Der HERR hat mir gezeigt, daß du König über Syrien wirst!
14 Hazaaʼeel ergasii Elsaaʼi biraa baʼee gara gooftaa isaatti deebiʼe. Yommuu Ben-Hadaad, “Elsaaʼi maal siin jedhe?” jedhee gaafatettis, Hazaaʼeel, “Inni akka ati dhugumaan irraa haftu natti hime” jedhee deebise.
Und er ging von Elisa weg und kam zu seinem Herrn; der sprach zu ihm: Was sagte dir Elisa? Er sprach: Er sagte mir, du werdest gewiß genesen!
15 Inni garuu guyyaa itti aanu wayyaa furdaa tokko fuudhee bishaan keessa cuuphee fuula mootichaa haguuge; akkasiin mootichi duʼe. Ergasii Hazaaʼeel iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Am folgenden Tage aber nahm er die Decke und tauchte sie ins Wasser und breitete sie über sein Angesicht, so daß er starb. Und Hasael ward König an seiner Statt.
16 Bara Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa shanaffaatti Yooraam ilmi Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa sun mootii taʼee bulchuu jalqabe.
Im fünften Jahre Jorams, des Sohnes Ahabs, des Königs von Israel, ward Jehoram, der Sohn Josaphats, König in Juda.
17 Yeroo sanatti umuriin isaa waggaa soddomii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche.
Zweiunddreißig Jahre alt war er, als er König ward, und regierte acht Jahre lang zu Jerusalem.
18 Innis akkuma manni Ahaab godhee ture sana karaa mootota Israaʼel duukaa buʼe; intala Ahaab fuudhee tureetii. Fuula Waaqayyoo durattis waan hamaa hojjete.
Und er wandelte auf dem Wege der Könige von Israel, wie das Haus Ahabs tat; denn die Tochter Ahabs war sein Weib, und er tat, was dem HERRN übel gefiel.
19 Taʼus Waaqayyo sababii garbicha isaa Daawitiif jedhee Yihuudaa balleessuun fedhii Waaqayyoo hin turre. Inni Daawitii fi sanyii isaatiif ibsaa bara baraa dhaabuuf kakuu galee ture.
Aber der HERR wollte Juda nicht verderben, um seines Knechtes David willen, wie er ihm verheißen hatte, ihm unter seinen Söhnen eine Leuchte zu geben immerdar.
20 Bara Yooraam keessa Edoom Yihuudaatti fincilee mootii ofii isaa moosifate.
Zu seiner Zeit fielen die Edomiter von Juda ab und machten einen König über sich.
21 Kanaafuu Yooraam gaariiwwan isaa hunda wajjin Zaaʼiiri dhaqe. Warri Edoomis isaa fi ajajjoota gaariiwwan isaa marsan; inni garuu halkaniin kaʼee isaan ni dhaʼe; loltoonni isaa garuu gara biyya isaaniitti baqatan.
Da zog Jehoram gen Zair und alle Wagen mit ihm; und er machte sich auf bei Nacht und schlug die Edomiter, die ihn und die Obersten über die Wagen umzingelt hatten, so daß das Volk in seine Hütten floh.
22 Edoom hamma harʼaatti illee akkuma Yihuudaatti finciletti jira. Libnaanis yeruma sanatti fincile.
Dennoch fielen die Edomiter von Juda ab bis auf diesen Tag. Auch Libna fiel zu jener Zeit ab.
23 Wantoonni bara mootummaa Yooraam keessa hojjetaman kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
Was aber mehr von Jehoram zu sagen ist, und alles, was er getan hat, ist das nicht geschrieben in der Chronik der Könige von Juda?
24 Yooraam abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti isaan biratti ni awwaalame. Ahaaziyaan ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Und Jehoram legte sich zu seinen Vätern in der Stadt Davids; und Ahasia, sein Sohn, ward König an seiner Statt.
25 Bara Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa kudha lammaffaatti Ahaaziyaan ilmi Yooraam mootii Yihuudaa taʼee bulchuu jalqabe.
Im elften Jahre Jorams, des Sohnes Ahabs, des Königs von Israel, wurde Ahasia, der Sohn Jehorams, König in Juda.
26 Ahaaziyaan yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokko ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa dha; isheenis intala ilma Omrii mooticha Israaʼel sanaa turte.
Zweiundzwanzig Jahre alt war Ahasia, als er König ward, und regierte ein Jahr lang zu Jerusalem. Und seine Mutter hieß Atalia, eine Tochter Omris, des Königs von Israel.
27 Innis karaa mana Ahaab duukaa buʼee, akkuma manni Ahaab godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; inni karaa fuudhaatiin maatii Ahaabitti firoomee tureetii.
Und er wandelte auf dem Wege des Hauses Ahabs und tat, was böse war in den Augen des HERRN, wie das Haus Ahabs; denn er war Tochtermann im Hause Ahabs.
28 Ahaaziyaanis Yooraam ilma Ahaab wajjin Hazaaʼeel mooticha Arraam loluudhaaf Raamoot Giliʼaaditti duule. Warri Arraamis Yooraamin ni madeessan;
Und er zog mit Joram, dem Sohne Ahabs, in den Krieg wider Hasael, den König von Syrien, nach Ramot in Gilead; aber die Syrer verwundeten Joram.
29 kanaafuu Yehooraam mootichi madaa warri Arraam yeroo inni Raamaat keessatti Hazaaʼeel mooticha Arraam wajjin wal loletti isa madeessan sana fayyuuf jedhee Yizriʼeelitti deebiʼe. Kana irratti Ahaaziyaan ilmi Yooraam mootichi Yihuudaa sababii inni madaaʼee tureef Yooraam ilma Ahaab arguuf gara Yizriʼeelitti gad buʼe.
Da kehrte der König Joram zurück, um sich zu Jesreel heilen zu lassen von den Wunden, welche ihm die Syrer in Ramot geschlagen hatten, als er mit Hasael, dem König von Syrien, stritt. Und Ahasia, der Sohn Jehorams, der König in Juda, kam hinab, um Joram, den Sohn Ahabs, in Jesreel zu besuchen; denn er lag krank.