< 2 Mootota 7 >

1 Elsaaʼi, “Dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa. Waaqayyo akkana jedha: Bor yoona karra Samaariyaa duratti daakuun safartuun tokko saqilii tokkotti, garbuun safartuun lama immoo saqilii tokkotti gurgurama” jedhe.
And Elisaie said, Hear you the word of the Lord; Thus says the Lord, As at this time, to-morrow a measure of fine flour [shall be sold] for a shekel, and two measures of barley for a shekel, in the gates of Samaria.
2 Ajajaan loltootaa kan mootichi irree isaatti irkate sun nama Waaqaa sanaan, “Utuma Waaqayyo karra burqaa Samiiwwanii banee iyyuu wanni kun taʼuu dandaʼaa?” jedhe. Elsaaʼi immoo, “Ati ijuma keetiin argita; garuu tokkoo isaa illee hin nyaattu!” jedhe.
And the officer on whose hand the king rested, answered Elisaie, and said, Behold, [if] the Lord shall make flood-gates in heaven, might this thing be? and Elisaie said, Behold, you shall see with your eyes, but shall not eat thereof.
3 Yeroo kanatti namoota lamxii qaban afurtu balbala ittiin magaalattii seenan dura ture. Isaanis akkana waliin jedhan; “Nu maaliif hamma duunutti as teenya?
And there were four leprous men by the gate of the city: and one said to his neighbor, Why sit we here until we die?
4 Yoo nu, ‘Kottaa magaalaa seennaa’ jenne, beelli achi jira; nus ni duuna. Yoo as turre ni duuna. Kanaafuu kottaa gara qubata warra Sooriyaa dhaqnaa. Yoo isaan nu maaran ni jiraanna; yoo isaan nu fixan immoo ni dhumna.”
If we should say, Let us go into the city, then [there is] famine in the city, and we shall die there: and if we sit here, then we shall die. Now then come, and let us fall upon the camp of the Syrians: if they should take us alive, then we shall live; and if they should put us to death, then we shall [only] die.
5 Isaan galgala dimimmisaan kaʼanii gara qubata warra Sooriyaa ni dhaqan. Yommuu isaan qubata sana bira gaʼanitti namni tokko iyyuu achi hin turre;
And they rose up while it was yet night, to go into the camp of Syria; and they came into a part of the camp of Syria, and behold, there [was] no man there.
6 Kunis sababii Gooftaan akka warri Sooriyaa didichuu gaariiwwanii, fardeeniitii fi kan waraana guddaa dhagaʼanii, “Kunoo, mootiin Israaʼel nu dhaʼuuf jedhee mootii Heetotaatii fi mootii warra Gibxi nutti bitateera!” waliin jedhan godheef.
For the Lord had made the army of Syria to hear a sound of chariots, and a sound of horses, [even] the sound of a great host: and [each] man said to his fellow, Now has the king of Israel hired against us the kings of the Chettites, and the kings of Egypt, to come against us.
7 Kanaafuu isaan dunkaana isaanii, fardeenii fi harroota isaanii dhiisanii dimimmisaan baqatan. Qubata isaaniis akkuma jirutti dhiisanii lubbuu isaanii oolfachuudhaaf ni baqatan.
And they arose and fled while it was yet dark, and left their tents, and their horses, and their asses in the camp, as they were, and fled for their lives.
8 Namoonni lamxii qaban sun daarii qubata sanaa bira gaʼanii dunkaana tokko seenan. Isaanis waa nyaatanii dhuganii meetii, warqee fi wayyaa guurratanii dhaqanii dhokfatan. Amma illee deebiʼanii dunkaana biraa seenanii waa keessaa guurratanii akkasuma dhokfatan.
And these lepers entered a little way into the camp, and went into one tent, and ate and drank, and took thence silver, and gold, and raiment; and they went and returned thence, and entered into another tent, and took thence, and went and hid [the spoil].
9 Kana irratti isaan akkana waliin jedhan; “Nu waan qajeelaa hojjechuutti hin jirru; guyyaan kun guyyaa oduu gaarii ti; nu garuu inuma calʼifne. Yoo nu hamma bariʼutti calʼifne adabbiitu nu eeggata. Kanaafuu kottaa dafnee dhaqnee oduu kana mana mootummaatti himnaa.”
And [one] man said to his neighbor, We are not doing [well] thus: this day is a day of glad tidings, and we hold our peace, and are waiting till the morning light, and shall find mischief: now them come, and let us go into [the city], and report to the house of the king.
10 Isaanis dhaqanii namoota karra magaalaa eegan waamanii, “Nu gara qubata warra Sooriyaa ni dhaqne; namni tokko illee achi hin turre; sagaleen nama tokkoo iyyuu hin dhagaʼamne. Fardeenii fi harroota hidhamanii fi dunkaana akkuma dhaabametti dhiifame qofatu ture” jedhan.
So they went and cried toward the gate of the city, and reported to them, saying, We went into the camp of Syria, and, behold, there is not there a man, nor voice of man, only horses tied and asses, and their tents as they were.
11 Warri karra eegan sunis oduu kana ni labsan; oduun sunis masaraa mootummaa keessatti ni dhagaʼame.
And the porters cried aloud, and reported to the house of the king within.
12 Mootichis halkaniin kaʼee ajajjoota loltoota isaatiin akkana jedhe; “Ani waan warri Sooriyaa nutti hojjetan isinittin hima; isaan akka nu beelaan miidhamaa jirru beeku; kanaafuu isaan, ‘Dhugumaan isaan gad ni baʼu; ergasiis nu utuma lubbuun jiranuu isaan qabnee magaalattii seenna’ jedhanii yaaduudhaan baadiyyaa keessa dhokachuudhaaf qubata dhiisanii baʼan.”
And the king rose up by night, and said to his servants, I will now tell you what the Syrians have done to us. They knew that we are hungry; and they have gone forth from the camp and hidden themselves in the field, saying, They will come out of the city, and we shall catch them alive, and go into the city.
13 Ajajjoota loltoota isaa keessaa tokko akkana jedhee deebise; “Namoonni tokko tokko fardeen magaalaa keessatti hafan keessaa shan fudhatanii haa deeman. Rakkinni isaanii akkuma Israaʼeloota asitti hafan hundaa ti; dhugumaan isaan akkuma Israaʼeloota dhuman sana hundaa ni taʼu. Kanaafuu kottaa waan taʼe beekuudhaaf isaan erginaa.”
And one of his servants answered and said, Let them now take five of the horses that were left, which were left here; behold, they are the number left to all the multitude of Israel; and we will send there and see.
14 Kanaafuu isaan gaariiwwan lama fardeen isaanii wajjin ni filan; mootichis, “Dhaqaatii ilaalaa” jedhee loltoota Sooriyaa duubaan isaan erge.
So they took two horsemen; and the king of Israel sent after the king of Syria, saying, Go, and see.
15 Isaanis hamma Yordaanositti isaan duukaa buʼan; kunoo karaan hundi uffataa fi miʼa warri Sooriyaa yeroo ariitiidhaan baqatanitti daddarbataniin guutamee ture. Ergamoonni sunis deebiʼanii mootichatti himan.
And they went after them even to Jordan: and, behold, all the way was full of garments and vessels, which the Syrians had cast away in their panic. and the messengers returned, and brought word to the king.
16 Ergasiis namoonni gad yaaʼanii qubata warra Sooriyaa ni saaman. Kanaafuu akkuma Waaqayyo dubbate sana daakuun safartuun tokko saqilii tokkotti, garbuun safartuun lama immoo saqilii tokkotti gurgurame.
And the people went out, and plundered the camp of Syria: and a measure of fine flour was sold for a shekel, according to the word of the Lord, and two measures of barley for a shekel.
17 Mootichis yeroo kanatti ajajaa loltootaa kan irree isaatti irkatee ture sana itti gaafatamaa karraa godhee muude; namoonnis karra duratti isa irra yaaʼan; innis akkuma namni Waaqaa yeroo mootichi mana isaa dhufetti dubbate sana ni duʼe.
And the king appointed the officer on whose hand the king leaned [to have charge] over the gate: and the people trampled on him in the gate, and he died, as the man of God [had] said, who spoke when the messenger came down to him.
18 Kunis akkuma namni Waaqaa sun, “Bori yoona karra Samaariyaa duratti daakuun safartuun tokko saqilii tokkotti, garbuun safartuun lama immoo saqilii tokkotti ni gurgurama” jedhee mootichatti hime sana taʼe.
So it came to pass as Elisaie had spoken to the king, saying, Two measures of barley [shall be sold] for a shekel, and a measure of fine flour for a shekel; and it shall be as at this time to-morrow in the gate of Samaria.
19 Ajajaan loltootaa sunis nama Waaqaa sanaan “Utuma Waaqayyo karra burqaa samiiwwanii bane illee wanni kun taʼuu dandaʼaa?” jedhe. Namni Waaqaa sun immoo, “Ati ijuma keetiin argita; garuu tokkicha isaa illee hin nyaattu!” jedhe.
And the officer answered Elisaie, and said, Behold, [if] the Lord makes flood-gates in heaven, shall this thing be? and Elisaie said, Behold, you shall see [it] with your eyes, but you shall not eat thereof.
20 Wanni isa irra gaʼes dhugumaan kanaa dha; inni waan namoonni karra duratti isa irra yaaʼaniif duʼeetii.
And it was so: for the people trampled on him in the gate, and he died.

< 2 Mootota 7 >