< 2 Mootota 6 >
1 Ilmaan raajotaa sun Elsaaʼiin akkana jedhan; “Kunoo, iddoon nu si wajjin wal geenyu nutti dhiphateera.
眾先知的弟子對厄里叟說:「看,我們同你住的地方太窄小了,
2 Akka nu Yordaanos dhaqnee tokkoon tokkoon keenya muka cirannee iddoo jiraannu achitti ijaarrannuuf nuu eeyyami.” Innis, “Dhaqaa” jedheen.
請你讓我們到約旦河去,每人取一根樑木,在那裏建造我們的住所。」他答說:「你們去罷! 」
3 Isaan keessaa namni tokko, “Maaloo ati nu garboota kee wajjin hin deemtuu?” jedhee gaafate. Elsaaʼi immoo, “Nan deema” jedhee deebise.
其中一個人說:「請你也同你的僕人一起去! 」厄里叟答說:「我去。」
4 Innis isaan wajjin deeme. Isaan Yordaanos dhaqanii muka cirachuu jalqaban.
先知便同他們一起去了。他們到了約旦河,就砍伐樹木。
5 Isaan keessaa tokko utuu muka muruutti jiruu qottoon muka isaa irraa buqqaʼee bishaan keessa buʼe. Namichi sunis, “Wayyoo kaa, yaa gooftaa koo; wanni kun waan ergifatamee dha!” jedhee iyye.
其中一個,砍木樑時,斧頭掉在水裏了,就大聲叫喊說:哎唷! 我主,這把斧子是借來的啊! 」
6 Namni Waaqaa sunis “Qottoon eessa buʼe?” jedhee gaafate. Yommuu inni iddoo qottoon sun buʼe isa argisiisetti Elsaaʼi muka xinnaa tokko kutee achi keessa buusee akka sibiilli sun bishaan gubbaa deemu godhe.
天主的人問他說:「斧頭掉在那裏﹖」那人將那地方指給先知看。先知即砍下一塊木頭,丟在那裏,使斧頭浮了上來。
7 Innis, “Ol fudhadhu” jedheen. Namichi sunis harka diriirfatee qottoo isaa fudhate.
先知對他說:「你拿上來罷! 」他就伸手拿了上來。
8 Yeroo sanatti mootiin Sooriyaa Israaʼeliin wal lolaa ture. Innis erga ajajjoota loltoota isaatiin mariʼatee booddee, “Ani lafa akkasiitii fi lafa akkasii keessa qubata koo nan dhaabbadha” jedhe.
阿蘭王同以色列交戰時,與自己的臣商議說:要在某某地方埋伏。
9 Namni Waaqaa sunis, “Sababii namoonni Sooriyaa achitti gad buʼaa jiraniif ati akka karaa sanaan hin dabarre of eeggadhu” jedhee mootii Israaʼelitti ergaa erge.
但天主的人打發人去見以色列王說:「你要小心提防,不要經過某某地方,因為阿蘭人已在那裏設下埋伏。」
10 Kanaafuu mootiin Israaʼel gara iddoo namni Waaqaa sun waaʼee isaa dubbate sanaatti nama ergee ni toʼate. Elsaaʼis akka mootichi iddoowwan akkasii irraa of eeggatu ammumaa amma isa akeekkachiise.
以色列王就派人去偵察天主的人警告他的地方;他就小心防備,不只一兩次。
11 Wanni kun akka malee mootii Sooriyaa aarse. Innis ajajjoota loltoota isaa walitti waamee, “Isin amma nama nu keessaa mootii Israaʼeliif hojjechaa jiru natti hin himtanii?” jedhee gaafate.
阿蘭王為此事心中頗為煩惱,遂將臣僕召來,對他說:「難道你們不能告訴我:我們中誰支持以色列王嗎﹖」
12 Ajajjoota sana keessaa namni tokko akkana jedhe; “Yaa gooftaa koo mooticha, nu keessaa namni akkasii hin jiru; garuu Elsaaʼi raajicha Israaʼel keessa jiru sanatu dubbii ati diinqa kee keessatti dubbattu hunda mootii Israaʼelitti hima.”
一個臣僕答說:「我主,大王! 沒有誰支持,只有以色列的先知厄里叟,將君王在密室裏所談的事,都告訴了以色列王。」
13 Mootichi Sooriyaas, “Akka ani nama itti ergee isa qabsiisuu dandaʼuuf dhaqaatii lafa inni jiru ilaalaa” jedhee ajaje. Oduun, “Inni Dootaan keessa jira” jedhu tokkos isatti himame.
阿蘭王說:「你們去看看他在那裏,我好派人去捉拿。」有人告訴君王說:「他在多堂。」
14 Innis ergasii fardeen, gaariiwwanii fi waraana jabaa achitti ni erge. Isaanis halkaniin dhaqanii magaalaa sana marsan.
阿蘭王就打發馬隊戰車和強大的部隊前去,夜間到了那裏,將城圍住。
15 Yommuu tajaajilaan nama Waaqaa sanaa guyyaa itti aanu ganama bariin gad baʼetti humni waraanaa tokko fardeenii fi gaariiwwaniin magaalaa sana marsee ture. Tajaajilaan sunis, “Wayyoo kaa, yaa gooftaa ko, maal goonu?” jedhee gaafate.
天主的人的僕人清早起來出門時,看見軍隊車馬將城包圍了,就對先知說:「哎! 我主,我們怎麼辦﹖」
16 Raajiin sun immoo, “Hin sodaatin; warri nu wajjin jiran warra isaan wajjin jiran caalaniitii” jedhee deebise.
先知答說:「不必害怕,因為偕同我們的,比他們的還多。」
17 Elsaaʼis, “Yaa Waaqayyo, akka inni arguu dandaʼuuf ija isaa baniif” jedhee kadhate. Waaqayyos ija tajaajilaa sanaa ni bane; innis milʼatee akka gaarran sun naannoo Elsaaʼitti fardeenii fi gaariiwwan ibiddaatiin guutamanii jiran ni arge.
厄里叟就祈禱說:「上主,求你開啟他的眼,叫他看見。」上主就開了僕人的眼,他看見遍山都是火馬車,圍繞著厄里叟。
18 Diinni sun gara isaatti gad buunaan Elsaaʼi, “Jara kana jaamsi” jedhee Waaqayyoon kadhate. Kanaafuu Waaqni akkuma Elsaaʼi isa kadhate sana isaan jaamse.
敵人下到先知那裏的時候,厄里叟懇求上主說:「求你打擊這個民族,使他們眼目失明。」上主果然照厄里叟的話打擊了他們,使他們眼目失明。
19 Elsaaʼis, “Karaan sun kana miti; magaalaan sunis kana miti. Amma na duukaa buʼaa; anis nama isin barbaaddanitti isinan geessa” jedheen. Innis akkasiin Samaariyaatti isaan ni geesse.
厄里叟對他們說:「不是這條路,也不是這座城;你們跟我來,我要領你們到你們尋找的人那裏去。」於是先知領他們到了撒瑪黎雅。
20 Erga isaan magaalaa sana seenanii booddee Elsaaʼi, “Yaa Waaqayyo akka isaan arguu dandaʼaniif ija jara kanaa baniif” jedhe. Waaqayyos ija isaanii ni baneef; isaanis akka Samaariyaa keessa jiran ni argan.
他們一進了撒瑪黎雅,厄里叟就祈禱說:「上主,開啟這些人的眼睛,叫他們看見。」上主果然開了他們的眼睛;他們一看,自己竟在撒瑪黎雅城內。
21 Mootiin Israaʼelis isaan arginaan, “Yaa abbaa ko, ani isaan fixuu? Ani isaan fixuu?” jedhee Elsaaʼin ni gaafate.
以色列王看見他們,就對厄里叟說:「我父,要殺死他們嗎﹖」
22 Innis akkana jedhee deebise; “Isaan hin fixin; ati namoota boojite goraadee keetiin yookaan xiyya keetiin ni ajjeeftaa? Akka isaan nyaatanii dhuganii gara gooftaa isaaniitti deebiʼaniif nyaataa fi dhugaatii dhiʼeessiif.”
厄里叟答說:「不要殺他們;你自己用弓劍擄來的人,你豈可殺死﹖你要為這些人預備飯和水,叫他們吃喝,然後讓他們回到自己的主上那裏去。」
23 Kanaafuu inni cidha guddaa qopheesseefii erga isaan nyaatanii dhuganii booddee of irraa isaan geggeesse; isaanis gara gooftaa isaaniitti deebiʼan. Namoonni Sooriyaas ergasii deebiʼanii biyya Israaʼel hin weerarre.
君王就給他們預備了盛宴,叫他們吃了喝了,打發他們回到自己的主上那裏去。從此,阿蘭隊伍再沒有侵犯以色列地方。
24 Yeroo gabaabaa booddee, Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa loltoota isaa hunda walitti qabatee dhaqee Samaariyaa marse.
這事以後,阿蘭王本哈達得集合了他所有的軍隊,上來圍困撒瑪黎雅。
25 Beela akka malee hamaatu magaalaa sana keessa ture; waan magaalaan sun yeroo dheeraadhaaf marfamteef, mataan harree tokko meetii saqilii saddeettamatti, udaan gugee kiiloon tokko harka afur keessaa harki tokko meetii saqilii shanitti gurgurame.
撒瑪黎雅被圍困後,陷於嚴重的飢荒,甚至一個驢頭,值八十「協刻耳」銀子,四分之一「卡步」豆莢,值五「協刻耳」銀子。
26 Utuu mootiin Israaʼel dallaa dhagaa irraan darbuu dubartiin tokko, “Yaa gooftaa koo mooticha, na gargaari” jettee itti iyyite.
當以色列王從城牆上經過時,有一個婦人呼求他說:「我主大王,救救我罷! 」
27 Mootichi immoo akkana jedhee deebiseef; “Yoo Waaqayyo si hin gargaarin ani eessaan gargaarsa siif arga? Oobdii midhaanii irraa moo? Iddoo wayinii itti cuunfan irraa?”
君王答說:「如果上主不救你,我怎能救你﹖靠禾場﹖靠酒池﹖」
28 Ergasii, “Rakkoon kee maal?” jedhee ishee gaafate. Isheenis akkana jettee deebifteef; “Dubartiin kun, ‘Akka nu harʼa isa nyaannuuf mucaa kee nuu kenni; bor immoo mucaa koo nyaannaatii’ naan jette.
君王問那婦人說:「你有什麼事﹖」婦人答說:「這個女人曾對我說:把你的兒子交出來,我們今天吃;留下我的兒子,我們明天吃。
29 Kanaaf nu mucaa koo bilcheeffannee nyaanne. Guyyaa itti aanutti immoo ani, ‘Akka nu isa nyaannuuf mucaa kee nuuf kenni’ jedheen. Isheen garuu mucaa ishee ni dhokfatte.”
於是我們就把我的兒子煮著吃了。第二天我對那女人說:把你的兒子交出來給我們吃,她卻把自己的兒子藏了起來。」
30 Mootichi yommuu dubbii dubartii sanaa dhagaʼetti uffata isaa tarsaase. Utuu inni dallaa dhagaa irraan darbaa jiruu namoonni akka inni dhagna isaatti aansee wayyaa gaddaa uffatee jiru argan.
君王聽了這婦人的話,就撕裂了自己的衣服,─當他正在城牆上經過,民眾都看見了他貼身穿著苦衣,─
31 Innis, “Yoo mataan Elsaaʼi ilma Shaafaax, edana isa irra bule, Waaqni na haa adabu; adabbiin sunis akka malee natti haa cimuu!” jedhe.
說「如果沙法特的兒子厄里叟的頭,今天還留在他身上,願天主嚴厲,且加倍嚴厲地懲罰我! 」
32 Yeroo kanatti Elsaaʼi mana isaa keessa taaʼaa ture; maanguddoonnis isa wajjin tataaʼaa turan. Mootichi ergamaa tokko of dura erge; garuu utuu ergamaan sun hin dhufinuu Elsaaʼi maanguddootaan akkana jedhe; “Isin akka namichi nama ajjeesu kun mataa narraa kutuuf nama erge argituu? Kunoo yoo ergamaan sun dhufe balbala cufaatii ol seenuu dhowwaa. Kotteen gooftaa isaa isa duubaan dhagaʼamaa jira mitii?”
那時厄里叟正坐在屋裏,長老們同他坐在一起,君王派一個人在他以前去,但是這人還未來到,厄里叟就對長老們說:「你們看,這個兇手之子,竟派人來要斬我的頭。你們注意,使者來到時,你們要把門關上,把他關在門外;在他後面不就是他主上的腳步聲嗎﹖」
33 Utuma inni amma iyyuu isaan wajjin haasaʼaa jiruu, ergamaan sun gara isaa dhufe. Mootichis, “Balaan kun Waaqayyo biraa dhufe. Ani siʼachi maaliifin Waaqayyoon eega?” jedhe.
先知還同他們說話的時候,君王就下到他那裏說:「這災難是由上主來的,我對上主還有什麼指望﹖」