< 2 Mootota 5 >

1 Naʼamaan ajajaa loltoota mooticha Sooriyaa ture. Sababii Waaqayyo karaa isaatiin warra Sooriyaatiif mooʼicha kenneef inni fuula gooftaa isaa duratti nama guddaa akka malee ulfina qabu ture. Inni loltuu jagna; garuu lamxii qaba ture.
Now Naaman, the commander of the army of the king of Aram, was a great man in his master’s sight and highly regarded, for through him the LORD had given victory to Aram. And he was a mighty man of valor, but he was a leper.
2 Bara sana keessa tuunni loltoota Sooriyaa dhaqee intala dargaggeettii gosa Israaʼel tokko boojiʼe; isheenis niitii Naʼamaan tajaajilaa turte.
At this time the Arameans had gone out in bands and had taken a young girl from the land of Israel, and she was serving Naaman’s wife.
3 Isheenis giiftii isheetiin, “Gooftaan koo utuu raajicha Samaariyaa jiru sana bira dhaqee silaa inni lamxii sana irraa isa fayyisa ture!” jette.
She said to her mistress, “If only my master would go to the prophet who is in Samaria, he would cure him of his leprosy.”
4 Naʼamaan dhaqee waan intalli Israaʼel jetteen sana gooftaa isaatti ni hime.
And Naaman went and told his master what the girl from the land of Israel had said.
5 Mootiin Sooriyaas, “Waan fedhe illee taanaan ati dhaqi; ani mootii Israaʼelitti xalayaa nan barreessaatii” jedhee deebiseef. Kanaafuu Naʼamaan meetii taalaantii kudhan, warqee saqilii kuma jaʼaa fi uffata irraa jalaa kudhan fudhatee qajeele.
“Go now,” said the king of Aram, “and I will send you with a letter to the king of Israel.” So Naaman departed, taking with him ten talents of silver, six thousand shekels of gold, and ten sets of clothing.
6 Xalayaan inni mootii Israaʼelitti geesse sun akkana jedha; “Ani akka ati lamxii irraa isa fayyiftuuf xalayaa kana wajjin tajaajilaa koo Naʼamaanin sitti ergeera.”
And the letter that he took to the king of Israel stated: “With this letter I am sending my servant Naaman, so that you may cure him of his leprosy.”
7 Mootiin Israaʼelis akkuma xalayaa sana dubbiseen uffata ofii tarsaasee akkana jedhe; “Ani Waaqaa? Ani nama ajjeesuu fi deebisee jiraachisuu nan dandaʼaa? Namichi kun maaliif akka lamxiin isaa fayyuuf nama natti erga? Mee akka inni lola natti kaasuu barbaadu ilaalaa!”
When the king of Israel read the letter, he tore his clothes and asked, “Am I God, killing and giving life, that this man expects me to cure a leper? Surely you can see that he is seeking a quarrel with me!”
8 Elsaaʼi namni Waaqaa sun akka mootiin Israaʼel uffata isaa tarsaase dhageenyaan ergaa itti ergee, “Ati maaliif uffata kee tarsaafte? Namicha sana natti ergi; innis akka Israaʼel keessa raajiin jiru ni beekaatii” jedheen.
Now when Elisha the man of God heard that the king of Israel had torn his clothes, he sent a message to the king: “Why have you torn your clothes? Please let the man come to me, and he will know that there is a prophet in Israel.”
9 Kanaafuu Naʼamaan fardeen isaatii fi gaariiwwan isaa fudhatee dhaqee balbala mana Elsaaʼi dura dhaabate.
So Naaman came with his horses and chariots and stood at the door of Elisha’s house.
10 Elsaaʼi immoo, “Dhaqii Yordaanos keessatti yeroo torba dhiqadhu; foon kee fayyee akka duraatti siif deebiʼa; atis ni qulqullooftaa” jedhee nama itti erge.
Then Elisha sent him a messenger, who said, “Go and wash yourself seven times in the Jordan, and your flesh will be restored, and you will be clean.”
11 Naʼamaan garuu aariidhaan kaʼee biraa deemee akkana jedhe; “Ani waan inni dhugumaan gara koo dhufee dhaabatee maqaa Waaqayyo Waaqa isaa waamee iddoo sana irra harka isaa qabee lamxii koo fayyisun seʼe.
But Naaman went away angry, saying, “I thought that he would surely come out, stand and call on the name of the LORD his God, and wave his hand over the spot to cure my leprosy.
12 Abaanaa fi Faarfaan lageen Damaasqoo sun bishaanota Israaʼel keessaa kam iyyuu hin caalanii? Ani isaan keessatti dhiqadhee fayyuu hin dandaʼu turee?” Kanaafuu inni akka malee aaree of irra garagalee deeme.
Are not the Abanah and Pharpar, the rivers of Damascus, better than all the waters of Israel? Could I not have washed in them and been cleansed?” So he turned and went away in a rage.
13 Tajaajiltoonni Naʼamaanis gara isaa dhaqanii, “Yaa abbaa ko, ati utuu raajiin kun waan guddaa tokko hojjedhu siin jedhee ni hojjetta mitii? Yoo inni, ‘Dhiqadhuutii qulqullaaʼi’ siin jedhe immoo hammam caalchiftee hin hojjettu ree?” jedhaniin.
Naaman’s servants, however, approached him and said, “My father, if the prophet had told you to do some great thing, would you not have done it? How much more, then, when he tells you, ‘Wash and be cleansed’?”
14 Kanaafuu inni dhaqee akkuma namni Waaqaa sun jedheenitti yeroo torba Yordaanos keessa seenee baʼe; dhagni isaas fayyee akkuma duraatti deebiʼeefii akkuma dhagna mucaa xinnaa tokkootti qulqullaaʼeef.
So Naaman went down and dipped himself in the Jordan seven times, according to the word of the man of God, and his flesh was restored and became like that of a little child, and he was clean.
15 Ergasii Naʼamaanii fi tajaajiltoonni isaa hundi gara nama Waaqaa sanaatti deebiʼan. Niʼimaanis fuula isaa dura dhaabatee, “Ani akka Israaʼel keessa malee addunyaa guutuu keessa Waaqni hin jirre amma beekeera. Kanaafuu maaloo garbicha kee irraa kennaa tokko fudhadhu” jedhe.
Then Naaman and all his attendants went back to the man of God, stood before him, and declared, “Now I know for sure that there is no God in all the earth except in Israel. So please accept a gift from your servant.”
16 Raajiin sun immoo, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa ani isa tajaajiluu sanaa, ani waan tokko illee sirraa hin fudhadhu” jedhee deebise. Yoo Naʼamaan cimsee isa kadhate iyyuu inni fudhachuu dide.
But Elisha replied, “As surely as the LORD lives, before whom I stand, I will not accept it.” And although Naaman urged him to accept it, he refused.
17 Kana irratti Naʼamaan akkana jedheen; “Yoo fudhachuu baatte immoo, maaloo akka biyyoon gaangoo lamaa ana garbicha keetiif kennamu ajaji; garbichi kee siʼachi deebiʼee Waaqayyoof malee waaqota tolfamoo biraatiif aarsaa gubamuu fi qalma hin dhiʼeessuutii.
“If you will not,” said Naaman, “please let me, your servant, be given as much soil as a pair of mules can carry. For your servant will never again make a burnt offering or a sacrifice to any other god but the LORD.
18 Garuu Waaqayyo waan tokkicha kana garbicha keetiif haa dhiisu: Gooftaan koo yommuu achitti sagaduuf mana qulqullummaa Rimoon seenutti natti irkata; anis yommuu inni sagadutti nan sagada; Waaqayyo waan kana ana garbicha keetiif haa dhiisu.”
Yet may the LORD forgive your servant this one thing: When my master goes into the temple of Rimmon to worship there, and he leans on my arm, and I bow down in the temple of Rimmon, may the LORD forgive your servant in this matter.”
19 Eelisaaʼis, “Nagaan deemi” jedheen. Erga Naʼamaan xinnoo achi fagaatee booddee,
“Go in peace,” said Elisha. But after Naaman had traveled a short distance,
20 Gehaaz tajaajilaan Elsaaʼi nama Waaqaa sanaa akkana ofiin jedhe; “Gooftaan koo utuu kennaa inni fide sana irraa hin fudhatin Naʼamaan namicha warra Arraam kana akkasumatti gad lakkise. Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani isa faana fiigeen waa irraa fudhadha.”
Gehazi, the servant of Elisha the man of God, said, “Look, my master has spared this Aramean, Naaman, while not accepting what he brought. As surely as the LORD lives, I will run after him and get something from him.”
21 Kanaafuu Gehaaz dafee Niʼimaan duukaa buʼe. Naʼamaanis yommuu akka inni gara isaatti fiigaa jiru argetti isa simachuudhaaf gaarii irraa buʼee, “Wanni hundi nagumaa?” jedhee isa gaafate.
So Gehazi pursued Naaman. And when Naaman saw him running toward him, he got down from the chariot to meet him and asked, “Is everything all right?”
22 Gehaazis akkana jedhee deebiseef; “Wanni hundinuu naguma. Gooftaan koo, ‘Kunoo ammuma waldaa raajotaa keessaa dargaggoonni lama biyya gaaraa Efreem irraa natti dhufaniiru. Maaloo meetii taalaantii tokkoo fi uffata irraa jalaa lama kenniif’ akkan siin jedhuuf na erge.”
“Everything is all right,” Gehazi replied. “My master has sent me to say, ‘I have just now discovered that two young men from the sons of the prophets have come to me from the hill country of Ephraim. Please give them a talent of silver and two sets of clothing.’”
23 Naʼamaan immoo Gehaaziin, “Akkuma fedhe illee taʼu taalaantii lama fudhadhu” jedhe. Innis akka Gehaaz waan sana fudhatuuf cimsee isa kadhate; ergasiis meetii taalaantii lama borsaa lamatti hidhee uffata irraa jalaa lama wajjin tajaajiltoota isaatti kenne. Isaanis baatanii Gehaaz dura qajeelan.
But Naaman insisted, “Please, take two talents.” And he urged Gehazi to accept them. Then he tied up two talents of silver in two bags along with two sets of clothing and gave them to two of his servants, who carried them ahead of Gehazi.
24 Gehaazis yommuu gaara bira gaʼetti waan sana hojjettoota sana harkaa fuudhee mana keessa ol kaaʼe. Namoota sanas of irraa geggeesse; isaanis kaʼanii deeman.
When Gehazi came to the hill, he took the gifts from the servants and stored them in the house. Then he dismissed the men, and they departed.
25 Innis ergasii dhaqee fuula gooftaa isaa Elsaaʼi dura dhaabate. Elsaaʼis, “Gehaaz, ati eessa turte?” jedhee gaafate. Gehaaz immoo, “Ani garbichi kee eessa iyyuu hin deemne” jedhee deebise.
When Gehazi went in and stood before his master, Elisha asked him, “Gehazi, where have you been?” “Your servant did not go anywhere,” he replied.
26 Elsaaʼi garuu akkana jedheen; “Yeroo namichi sun siʼi simachuuf gaarii isaa irraa buʼe sanatti hafuurri koo si wajjin hin turree? Yeroon kun yeroo itti maallaqa yookaan wayyaa, lafa qotiisaa ejersaa, iddoo dhaabaa wayinii, bushaayee, karra loonii yookaan garboota dhiiraa fi garboota nadheenii fudhataniidhaa?
But Elisha questioned him, “Did not my spirit go with you when the man got down from his chariot to meet you? Is this the time to accept money and clothing, olive groves and vineyards, sheep and oxen, menservants and maidservants?
27 Lamxiin Naʼamaan sun hamma bara baraatti siʼii fi sanyii keetiitti qabatee hafa.” Innis lamxaaʼee akkuma cabbii addaatee fuula Elsaaʼi duraa baʼee deeme.
Therefore, the leprosy of Naaman will cling to you and your descendants forever!” And as Gehazi left his presence, he was leprous—as white as snow.

< 2 Mootota 5 >