< 2 Mootota 4 >

1 Niitiin namicha ilmaan raajotaa keessaa tokko taʼe tokkoo sagalee ol fudhattee Elsaaʼiin akkana jette; “Dhirsi koo garbichi kee duʼeera; akka inni Waaqayyoon sodaachaa ture atuu ni beekta. Namichi liqii isa irraa qabu tokko garuu amma ilmaan koo lamaan fudhatee garboomfachuuf dhufaa jira.”
ואשה אחת מנשי בני הנביאים צעקה אל אלישע לאמר עבדך אישי מת ואתה ידעת כי עבדך היה ירא את יהוה והנשה בא לקחת את שני ילדי לו לעבדים׃
2 Elsaaʼis, “Ani akkamittin si gargaaruu dandaʼa? Mee natti himi; mana kee keessaa maal qabdaa?” jedheen. Isheenis, “Garbittiin kee zayitii xinnoo tokko malee homaa manaa hin qabdu” jettee deebifte.
ויאמר אליה אלישע מה אעשה לך הגידי לי מה יש לכי בבית ותאמר אין לשפחתך כל בבית כי אם אסוך שמן׃
3 Elsaaʼi akkana jedheen; “Dhaqiitii warra ollaa keetii hunda okkotee duwwaa hedduu kadhadhu. Muraasa hin kadhatin.
ויאמר לכי שאלי לך כלים מן החוץ מאת כל שכנכי כלים רקים אל תמעיטי׃
4 Ergasii ol galiitii ofii keetii fi ilmaan keetti balbala cufi. Okkotee hundatti zayitii naqiitii yommuu tokkoon tokkoon isaa guutamutti jalaa hiiqsi.”
ובאת וסגרת הדלת בעדך ובעד בניך ויצקת על כל הכלים האלה והמלא תסיעי׃
5 Isheenis isa biraa deemtee ofii isheettii fi ilmaan isheetti balbala cufte. Ilmaan ishee okkotee gara isheetti fidan; isheen immoo zayitii itti naqaa turte.
ותלך מאתו ותסגר הדלת בעדה ובעד בניה הם מגשים אליה והיא מיצקת׃
6 Okkoteen hundi guutamnaan isheen ilma isheetiin, “kan biraa naaf fidi” jette. Inni immoo, “Okkoteen tokko iyyuu hin hafne” jedhee deebiseef. Kana irratti zayitiin sun yaaʼuu dhiise.
ויהי כמלאת הכלים ותאמר אל בנה הגישה אלי עוד כלי ויאמר אליה אין עוד כלי ויעמד השמן׃
7 Isheen dhaqxee nama Waaqaa sanatti himte; innis, “Dhaqii zayitii sana gurguriitii liqii kee baafadhu. Atii fi ilmaan kee waan hafeen jiraachuu ni dandeessu” jedhe.
ותבא ותגד לאיש האלהים ויאמר לכי מכרי את השמן ושלמי את נשיכי ואת בניכי תחיי בנותר׃
8 Gaaf tokko Elsaaʼi kaʼee Suunam dhaqe. Dubartiin soorettiin tokko achi jiraatti turte; isheenis akka inni goree waa nyaatuuf Elsaaʼi kadhatte. Kanaafuu inni yeroo karaa sanaan darbu hunda goree waa nyaata ture.
ויהי היום ויעבר אלישע אל שונם ושם אשה גדולה ותחזק בו לאכל לחם ויהי מדי עברו יסר שמה לאכל לחם׃
9 Isheenis dhirsa isheetiin akkana jette; “Ani namichi yeroo hunda karaa keenyaan darbu kun qulqulluu nama Waaqaa akka taʼe nan beeka.
ותאמר אל אישה הנה נא ידעתי כי איש אלהים קדוש הוא עבר עלינו תמיד׃
10 Kottu mee bantii manaa irratti kutaa xinnaa tokko ijaarree siree fi minjaala, barcumaa fi ibsaa achi keessa haa keenyuuf. Ergasiis inni yeroo nu bira dhufu hunda achi jiraachuu dandaʼa.”
נעשה נא עלית קיר קטנה ונשים לו שם מטה ושלחן וכסא ומנורה והיה בבאו אלינו יסור שמה׃
11 Elsaaʼis gaaf tokko dhufee ol baʼee kutaa isaa sana keessa ciise.
ויהי היום ויבא שמה ויסר אל העליה וישכב שמה׃
12 Innis tajaajilaa isaa Gehaaziin, “Mee dubartii Suunam sana as waami” jedhe. Gehaaz ishee waamnaan isheen dhuftee fuula Elsaaʼi dura dhaabatte.
ויאמר אל גחזי נערו קרא לשונמית הזאת ויקרא לה ותעמד לפניו׃
13 Elsaaʼi immoo akkana isaan jedhe; “‘Ati nuuf jettee baayʼee dadhabdeerta. Amma maal siif haa godhu? Iddoo kee buunee mootichatti yookaan ajajaa loltootaatti siif dubbannuu?’ jedhii isheetti himi.” Ishee immoo, “Ani saba koo gidduun jiraadha” jettee deebifte.
ויאמר לו אמר נא אליה הנה חרדת אלינו את כל החרדה הזאת מה לעשות לך היש לדבר לך אל המלך או אל שר הצבא ותאמר בתוך עמי אנכי ישבת׃
14 Elsaaʼis, “Maaltu isheef godhamuu dandaʼa?” jedhee gaafate. Gehaaz immoo, “Isheen ilma hin qabdu; dhirsi ishees dulloomee jira” jedheen.
ויאמר ומה לעשות לה ויאמר גיחזי אבל בן אין לה ואישה זקן׃
15 Elsaaʼis, “Ishee waami” jedheen. Kanaafuu inni ishee waame; isheenis balbala dura dhaabatte.
ויאמר קרא לה ויקרא לה ותעמד בפתח׃
16 Elsaaʼi, “Ati waggaa dhufu keessa yeroo kanatti ilma ni hammatta” jedheen. Isheen immoo, “Akkas miti yaa gooftaa koo; yaa nama Waaqaa, ati garbittii kee hin gowwoomsin!” jette.
ויאמר למועד הזה כעת חיה אתי חבקת בן ותאמר אל אדני איש האלהים אל תכזב בשפחתך׃
17 Dubartiin sun garuu ni ulfoofte; akkuma Elsaaʼi isheetti hime sanatti waggaa itti aanu keessa yeruma sanatti ilma deesse.
ותהר האשה ותלד בן למועד הזה כעת חיה אשר דבר אליה אלישע׃
18 Mucaan sunis ni guddate; innis gaaf tokko gara warra midhaan haamanii abbaa isaa bira dhaqe.
ויגדל הילד ויהי היום ויצא אל אביו אל הקצרים׃
19 Innis abbaa isaatiin, “Mataa koo! Mataa koo!” jedhe. Abbaan isaa immoo hojjetaa tokkoon, “Baadhuutii gara haadha isaatti isa geessi” jedhe.
ויאמר אל אביו ראשי ראשי ויאמר אל הנער שאהו אל אמו׃
20 Erga hojjetaan sun fuudhee gara haadha isaati isa geessee booddee mucaan sun hamma saafaatti gudeeda haadha isaa irra taaʼee ergasii immoo ni duʼe.
וישאהו ויביאהו אל אמו וישב על ברכיה עד הצהרים וימת׃
21 Isheen ol baatee siree nama Waaqaa sanaa irra isa ciibsite; mana itti cuftees kaatee biraa deemte.
ותעל ותשכבהו על מטת איש האלהים ותסגר בעדו ותצא׃
22 Isheen dhirsa ishee waamtee, “Mee akka ani dafee gara nama Waaqaa dhaqee deebiʼuuf hojjetaa tokkoo fi harree tokko naaf ergi” jetteen.
ותקרא אל אישה ותאמר שלחה נא לי אחד מן הנערים ואחת האתנות וארוצה עד איש האלהים ואשובה׃
23 Inni immoo, “Harʼa ayyaana baatii miti yookaan Sanbata miti. Ati maaliif harʼa gara isaa dhaqxa ree?” jedheen. Isheen, “Nagumaafin dhaqa” jette.
ויאמר מדוע אתי הלכתי אליו היום לא חדש ולא שבת ותאמר שלום׃
24 Isheenis harree ishee irra kooraa kaaʼattee hojjetaa isheetiin, “Karaa qabadhu; yoo ani sitti hime malee anaaf jettee suuta hin deemsisin” jette.
ותחבש האתון ותאמר אל נערה נהג ולך אל תעצר לי לרכב כי אם אמרתי לך׃
25 Kanaafuu isheen kaatee gara Tulluu Qarmeloos nama Waaqaa sana bira dhaqxe. Namni Waaqaa sun fagootti ishee arginaan tajaajilaa isaa Gehaaziin akkana jedhe; “Ilaa! Dubartiin Suunam sun kuunnoo ti!
ותלך ותבוא אל איש האלהים אל הר הכרמל ויהי כראות איש האלהים אתה מנגד ויאמר אל גיחזי נערו הנה השונמית הלז׃
26 Fiigii ishee simadhuutii, ‘Ati fayyumaa? Dhirsi kee fayyumaa? Mucaan kee fayyumaa?’ jedhii gaafadhu.” Isheenis, “Wanni hundinuu naguma” jettee deebifte.
עתה רוץ נא לקראתה ואמר לה השלום לך השלום לאישך השלום לילד ותאמר שלום׃
27 Isheen yommuu tulluu sana irratti nama Waaqaa sana bira geessetti, jabeessitee miilla isaa qabatte. Gehaaz immoo gad dhiisisuuf dhufe; namni Waaqaa sun garuu, “Ishee hin tuqin! Isheen gadda guddaa keessa jirti; Waaqayyo garuu waan kana na dhokse; nattis hin himne” jedhe.
ותבא אל איש האלהים אל ההר ותחזק ברגליו ויגש גיחזי להדפה ויאמר איש האלהים הרפה לה כי נפשה מרה לה ויהוה העלים ממני ולא הגיד לי׃
28 Isheenis, “Yaa gooftaa koo ani ilma si kadhadheeraa? Ani, ‘Na hin gowwoomsin’ siin hin jennee?” jetteen.
ותאמר השאלתי בן מאת אדני הלא אמרתי לא תשלה אתי׃
29 Kana irratti Elsaaʼi Gehaaziin akkana jedhe; “Sabbataan mudhii kee hidhadhuutii, ulee koo harkatti qabadhuutii fiigi. Nama karaatti argite tokko illee hin dubbisin; yoo namni kam iyyuu si dubbise deebii hin kenniniif; ulee koos fuula mucaa sanaa irra kaaʼi.”
ויאמר לגיחזי חגר מתניך וקח משענתי בידך ולך כי תמצא איש לא תברכנו וכי יברכך איש לא תעננו ושמת משענתי על פני הנער׃
30 Haati daaʼima sanaa garuu, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani si dhiisee hin deemu” jette. Kanaafuu inni kaʼee ishee duukaa buʼe.
ותאמר אם הנער חי יהוה וחי נפשך אם אעזבך ויקם וילך אחריה׃
31 Gehaaz isaan dura darbee ulee sana fuula mucaa irra kaaʼe; garuu sagaleen yookaan mallattoon tokko iyyuu hin turre. Kanaaf Gehaaz gara Elsaaʼitti deebiʼee, “Mucaan hin dammaqne” jedhee itti hime.
וגחזי עבר לפניהם וישם את המשענת על פני הנער ואין קול ואין קשב וישב לקראתו ויגד לו לאמר לא הקיץ הנער׃
32 Yommuu Elsaaʼi mana gaʼetti mucaan sun duʼee siree isaa irra ciisaa ture.
ויבא אלישע הביתה והנה הנער מת משכב על מטתו׃
33 Elsaaʼis ol seenee, ofii fi mucaatti balbala cufee Waaqayyoon kadhate.
ויבא ויסגר הדלת בעד שניהם ויתפלל אל יהוה׃
34 Ergasiis siree yaabbatee, afaan isaa afaan mucaa irra, ija isaa ija mucaa irra, harka isaa harka mucaa irra kaaʼee mucicha irra ciise. Akkuma inni mucaa sana irratti diriireen dhagni mucaa hoʼuu jalqabe.
ויעל וישכב על הילד וישם פיו על פיו ועיניו על עיניו וכפיו על כפו ויגהר עליו ויחם בשר הילד׃
35 Elsaaʼi achi garagalee mana keessa asii fi achi nanaannaʼee amma illee siree yaabbatee mucaa irratti diriire. Mucaan sunis yeroo torba haxxifatee ija banate.
וישב וילך בבית אחת הנה ואחת הנה ויעל ויגהר עליו ויזורר הנער עד שבע פעמים ויפקח הנער את עיניו׃
36 Elsaaʼis Gehaazin waamee, “Dubartii Suunam sana as waami” jedhe. Innis ishee waame. Elsaaʼi yommuu isheen gara isaa dhuftetti, “Kunoo mucaa kee fudhadhu” jedheen.
ויקרא אל גיחזי ויאמר קרא אל השנמית הזאת ויקראה ותבוא אליו ויאמר שאי בנך׃
37 Isheen ol seentee, miilla isaa irratti kuftee addaan lafatti gombifamte. Ergasiis mucaa ishee fudhattee gad baate.
ותבא ותפל על רגליו ותשתחו ארצה ותשא את בנה ותצא׃
38 Elsaaʼis kaʼee Gilgaalitti deebiʼe; yeroo sanatti biyya sana keessa beelatu ture. Innis utuu waldaan raajotaa fuula isaa dura taaʼaa jiranii tajaajilaa isaatiin, “Okkotee guddicha ibiddaa irra kaaʼiitii namoota kanaaf ittoo bilcheessi” jedhe.
ואלישע שב הגלגלה והרעב בארץ ובני הנביאים ישבים לפניו ויאמר לנערו שפת הסיר הגדולה ובשל נזיד לבני הנביאים׃
39 Isaan keessaa namni tokko raafuu funaannachuuf gad baʼee wayinii bosonaa tokko arge. Wayinii bosonaa sana irraa wiillee ciree dachaa uffata isaa guuttate. Yeroo deebiʼettis buqqee sana murmuree okkotee ittoo sanatti naqe. Namni tokko iyyuu waan sana hin beeku tureetii.
ויצא אחד אל השדה ללקט ארת וימצא גפן שדה וילקט ממנו פקעת שדה מלא בגדו ויבא ויפלח אל סיר הנזיד כי לא ידעו׃
40 Ittoon sunis jaraaf dhiʼeeffame; isaan garuu akkuma nyaachuu jalqabaniin, “Yaa nama Waaqaa, okkotee kana keessa duʼatu jira!” jedhanii iyyan. Isaanis ittoo sana nyaachuu hin dandeenye.
ויצקו לאנשים לאכול ויהי כאכלם מהנזיד והמה צעקו ויאמרו מות בסיר איש האלהים ולא יכלו לאכל׃
41 Elsaaʼi, “Daakuu wayii naa fidaa” jedhe. Daakuu sanas okkoteetti naqee, “Akka nyaataniif namootaaf dhiʼeessaa” jedhe. Ergasii wanni nama miidhu tokko iyyuu okkotee sana keessatti hin argamne.
ויאמר וקחו קמח וישלך אל הסיר ויאמר צק לעם ויאכלו ולא היה דבר רע בסיר׃
42 Namichi tokko buddeena garbuu kan mataa midhaan bilchaatee irraa tolfame digdamaa fi asheetii midhaanii nama Waaqaa sanaaf fidee Baʼaal Shaaliishaadhaa dhufe. Elsaaʼis, “Akka isaan nyaataniif namootaaf kenni” jedhe.
ואיש בא מבעל שלשה ויבא לאיש האלהים לחם בכורים עשרים לחם שערים וכרמל בצקלנו ויאמר תן לעם ויאכלו׃
43 Tajaajilaan isaa immoo, “Ani akkamiinan waan kana nama dhibba tokko duratti dhiʼeessuu dandaʼa?” jedhee gaafate. Elsaaʼi garuu, “Akka isaan nyaataniif namootaaf kenni. Waaqayyo akkana jedhaatii; ‘Isaan nyaatanii hambaa illee ni qabaatu’” jedhee deebise.
ויאמר משרתו מה אתן זה לפני מאה איש ויאמר תן לעם ויאכלו כי כה אמר יהוה אכל והותר׃
44 Innis fuudhee isaan duratti dhiʼeesse; isaanis akkuma dubbii Waaqayyoo sanaatti nyaatanii hambaa hambisan.
ויתן לפניהם ויאכלו ויותרו כדבר יהוה׃

< 2 Mootota 4 >