< 2 Mootota 25 >

1 Kanaafuu bara mootummaa Zedeqiyaa keessa waggaa saglaffaatti, bultii kurnaffaa jiʼa kurnaffaatti, Nebukadnezar mootiin Baabilon guutummaa loltoota isaa wajjin Yerusaalemitti duule. Innis magaalattiin ala qubatee naannoo ishee hundatti tuullaa biyyoo marse.
And it came to pass in the ninth year of his reign, in the tenth month, in the tenth day of the month, that Nebuchadnezzar king of Babylon came, he and all his army, against Jerusalem, and encamped against it; and they built forts against it round about.
2 Magaalaan sunis hamma waggaa kudha tokkoffaa bara Zedeqiyaa Mootichaatti akkuma marfamtetti turte.
So the city was besieged unto the eleventh year of king Zedekiah.
3 Bultii saglaffaa jiʼa afuraffaatti, magaalattii keessatti beelli akka malee hammaatee namni waan nyaatu tokko illee dhabe.
On the ninth day of the fourth month the famine was sore in the city, so that there was no bread for the people of the land.
4 Ergasii dallaan magaalattii cabsamee loltoonni hundinuus utuma Baabilononni magaalaa sana marsanii jiranuu karaa karra dallaa iddoo biqiltuu mootichaa bira jiru lamaan gidduu baasu sanaatiin halkaniin baʼanii baqatan. Isaanis Arabbaatti baqatan;
Then a breach was made in the city, and all the men of war fled by night by the way of the gate between the two walls, which was by the king's garden — now the Chaldeans were against the city round about — and the king went by the way of the Arabah.
5 loltoonni Baabilon garuu mooticha ariʼanii dirree Yerikoo irratti isa qaqqaban. Loltoonni isaa hundis isa irraa gargar baʼanii bibittinnaaʼanii turan;
But the army of the Chaldeans pursued after the king, and overtook him in the plains of Jericho; and all his army was scattered from him.
6 innis ni qabame. Gara mootii Baabilonitti Riiblaatti geeffamee achittis itti murame.
Then they took the king, and carried him up unto the king of Babylon to Riblah; and they gave judgment upon him.
7 Isaanis ijuma isaa duratti ilmaan Zedeqiyaa fixan; isaanis ija isaa keessaa baasanii foncaa naasiitiin hidhanii Baabilonitti isa geessan.
And they slew the sons of Zedekiah before his eyes, and put out the eyes of Zedekiah, and bound him in fetters, and carried him to Babylon.
8 Bara mootummaa Nebukadnezar mooticha Baabilon keessa waggaa kudha saglaffaatti, bultii torbaffaa jiʼa shanaffaatti, Nebuzaradaan ajajaan eegumsa mootummaa, qondaalli mootii Baabilon sun gara Yerusaalem dhufe.
Now in the fifth month, on the seventh day of the month, which was the nineteenth year of king Nebuchadnezzar, king of Babylon, came Nebuzaradan the captain of the guard, a servant of the king of Babylon, unto Jerusalem.
9 Innis mana qulqullummaa Waaqayyootti, masaraa mootummaattii fi manneen Yerusaalem hundatti ibidda qabsiise. Manneen gurguddaa hundas ni gube.
And he burnt the house of the LORD, and the king's house; and all the houses of Jerusalem, even every great man's house, burnt he with fire.
10 Loltoonni Baabilon kanneen ajajaa eegumsa mootummaa jala turan hundi dallaawwan naannoo Yerusaalem turan diigan.
And all the army of the Chaldeans, that were with the captain of the guard, broke down the walls of Jerusalem round about.
11 Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun namoota magaalaa keessatti hafanii fi warra baqatanii mootii Baabilonitti kooluu galan boojiʼee fudhate.
And the residue of the people that were left in the city, and those that fell away, that fell to the king of Babylon, and the residue of the multitude, did Nebuzaradan the captain of the guard carry away captive.
12 Ajajaan sun garuu hiyyeeyyii biyyattii keessaa gariin akka wayinii kunuunsanii fi lafa qotaniif achitti dhiise.
But the captain of the guard left of the poorest of the land to be vinedressers and husbandmen.
13 Baabilononni sun utubaawwan naasii, baattuuwwan iddoodhaa sochoʼanii fi Gaanii naasii irraa hojjetamee mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ture caccabsanii naasii sana immoo Baabilonitti geessan.
And the pillars of brass that were in the house of the LORD, and the bases and the brazen sea that were in the house of the LORD, did the Chaldeans break in pieces, and carried the brass of them to Babylon.
14 Akkasumas okkoteewwan, waan ittiin daaraa hammaaran, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, caabiiwwanii fi miʼoota naasii irraa hojjetaman kanneen tajaajila mana qulqullummaatiif oolan hunda fudhatan.
And the pots, and the shovels, and the snuffers, and the pans, and all the vessels of brass wherewith they ministered, took they away.
15 Ajajaan eegumsaa sunis girgiraawwanii fi waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan kanneen hundi isaanii warqee qulqulluu irraa yookaan meetii irraa hojjetaman fudhatee deeme.
And the fire-pans, and the basins, that which was of gold, in gold, and that which was of silver, in silver, the captain of the guard took away.
16 Ulfinni naasii kan Solomoon ittiin utubaawwan lamaan, Gaanii fi baattuuwwan iddoodhaa sochoʼaniin mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjetee ture waan madaalliin madaaluu dandaʼuu oli turan.
The two pillars, the one sea, and the bases, which Solomon had made for the house of the LORD; the brass of all these vessels was without weight.
17 Tokkoon tokkoon utubaa sanaa dhundhuma kudha saddeet ol dheerata ture. Guutuun naasii kan utubaa tokko irraas dhundhuma sadii ol dheeratee naannoon isaa guutuun sibiila wal keessa loofamee tolfamee fi roomaanii naasiitiin miidhagfamee ture. Utubaan kaanis sibiila isaa kan wal keessa loofamee tolfame wajjin kanuma fakkaata ture.
The height of the one pillar was eighteen cubits, and a capital of brass was upon it; and the height of the capital was three cubits; with network and pomegranates upon the capital round about, all of brass; and like unto these had the second pillar with network.
18 Ajajaan eegumsaa sun, Seraayaa lubicha hangafa, Sefaaniyaa lubicha Sadarkaan isatti aanuu fi eegdota balbalaa sadan hidhee fuudhee deeme.
And the captain of the guard took Seraiah the chief priest, and Zephaniah the second priest, and the three keepers of the door;
19 Warra amma illee magaalaa keessatti hafan keessaa ajajaa loltootaatii fi gorsitoota mootii shan fudhate. Akkasumas barreessaa qondaala ol aanaa ture kan saba keessaa loltummaaf namoota filatu sanaa fi namoota isaa kanneen magaalaa keessatti argaman jaatama fudhate.
and out of the city he took an officer that was set over the men of war; and five men of them that saw the king's face, who were found in the city; and the scribe of the captain of the host, who mustered the people of the land; and threescore men of the people of the land, that were found in the city.
20 Nebuzaradaan ajajaan sun hunda isaanii guuree Riiblaatti gara mooticha Baabilonitti geesse.
And Nebuzaradan the captain of the guard took them, and brought them to the king of Babylon to Riblah.
21 Mootichis achuma Riiblaat biyya Hamaati keessatti isaan ni fixe. Yihuudaanis akkasiin boojiʼamtee biyya isheetii baate.
And the king of Babylon smote them, and put them to death at Riblah in the land of Hamath. So Judah was carried away captive out of his land.
22 Nebukadnezar mootichi Baabilon akka inni namoota Yihuudaatti hambise sana bulchuuf Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam ilma Shaafaan sana muude.
And as for the people that were left in the land of Judah, whom Nebuchadnezzar king of Babylon had left, even over them he made Gedaliah the son of Ahikam, the son of Shaphan, governor.
23 Ajajjoonni loltootaa hundii fi namoonni isaanii yeroo akka mootichi Baabilon Gedaaliyaasin bulchaa kutaa biyyaa godhee muude dhagaʼanitti Gedaaliyaas bira Miisphaa dhufan; isaanis Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa, Yoohaanaan ilma Qaareyaa, Seraayaa ilma Tanhumeeti namicha Netoof sanaa, Yaazaniyaa ilma namicha Maʼakaatii fi namoota isaanii turan.
Now when all the captains of the forces, they and their men, heard that the king of Babylon had made Gedaliah governor, they came to Gedaliah to Mizpah, even Ishmael the son of Nethaniah, and Johanan the son of Kareah, and Seraiah the son of Tanhumeth the Netophathite and Jaazaniah the son of the Maacathite, they and their men.
24 Gedaaliyaasis, “Qondaaltota Baabilon hin sodaatinaa; biyyattii keessa qubadhaatii mooticha Baabilon tajaajilaa; waan gaariitu isinii taʼaatii” jedhee isaanii fi namoota isaaniitiif kakate.
And Gedaliah swore to them and to their men, and said unto them: 'Fear not because of the servants of the Chaldeans; dwell in the land, and serve the king of Babylon, and it shall be well with you.'
25 Garuu jiʼa torbaffaa keessa Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa ilma Eliishaamaa kan sanyii moototaa irraa dhalate sun namoota kudhan wajjin dhufee Gedaaliyaas, namoota Yihuudaatii fi namoota Baabilon kanneen isa wajjin Miisphaa turan fixe.
But it came to pass in the seventh month, that Ishmael the son of Nethaniah, the son of Elishama, of the seed royal, came, and ten men with him, and smote Gedaliah, that he died, and the Jews and the Chaldeans that were with him at Mizpah.
26 Kana irratti namni hundi xinnaa fi guddaan, Baabilonota sodaatee ajajjoota waraanaa wajjin gara Gibxitti baqate.
And all the people, both small and great, and the captains of the forces, arose, and came to Egypt; for they were afraid of the Chaldeans.
27 Yehooyaakiin mootiin Yihuudaa boojiʼamee waggaa soddomii torbaffaa isaatti, Eewiil Marodaak mootii Baabilon taʼe; innis wagguma sana keessa bultii digdamii torbaffaa jiʼa kudha lammaffaatti Yehooyaakiin mootii Yihuudaa sana mana hidhaatii gad dhiise.
And it came to pass in the seven and thirtieth year of the captivity of Jehoiachin king of Judah, in the twelfth month, on the seven and twentieth day of the month, that Evil-merodach king of Babylon, in the year that he began to reign, did lift up the head of Jehoiachin king of Judah out of prison.
28 Afaan tolaadhaanis isatti dubbatee barcuma ulfinaa kan barcuma mootota isa wajjin Baabilon keessa turan kaanii caalu kenneef.
And he spoke kindly to him, and set his throne above the throne of the kings that were with him in Babylon.
29 Kanaafuu Yehooyaakiin uffata isaa kan mana hidhaatti uffachaa ture sana of irraa baasee bara jireenya isaa guutuu yeroo hunda maaddii mootichaa irraa nyaate.
And he changed his prison garments, and did eat bread before him continually all the days of his life.
30 Mootichis hamma inni lubbuudhaan jiraatetti guyyuma guyyaadhaan waan isaaf barbaachisu Yehooyaakiiniif kennaa ture.
And for his allowance, there was a continual allowance given him of the king, every day a portion, all the days of his life.

< 2 Mootota 25 >