< 2 Mootota 22 >

1 Yosiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa saddeetii ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa soddomii tokko bulche. Maqaan haadha isaa Yediidaa dha; isheenis intala Adaayaa nama biyya Boozqaatii ti.
בן שמנה שנה יאשיהו במלכו ושלשים ואחת שנה מלך בירושלם ושם אמו ידידה בת עדיה מבצקת׃
2 Inni fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete; utuu mirgatti yookaan bitaatti hin gorinis karaa abbaa isaa Daawit irra deeme.
ויעש הישר בעיני יהוה וילך בכל דרך דוד אביו ולא סר ימין ושמאול׃
3 Yosiyaas mootichi bara mootummaa isaa keessa waggaa kudha saddeettaffaatti akkana jedhee Shaafaan ilma Azaliyaa ilma Meshulaam barreessaa sana gara mana qulqullummaa Waaqayyootti erge:
ויהי בשמנה עשרה שנה למלך יאשיהו שלח המלך את שפן בן אצליהו בן משלם הספר בית יהוה לאמר׃
4 “Gara Hilqiyaa lubicha ol aanaatti ol baʼiitii akka inni maallaqa gara mana qulqullummaa Waaqayyootti fidame kan warri balbala eegan namoota irraa walitti qaban sana lakkaaʼu godhi.
עלה אל חלקיהו הכהן הגדול ויתם את הכסף המובא בית יהוה אשר אספו שמרי הסף מאת העם׃
5 Maallaqni kunis namoota akka hojii mana qulqullummaa toʼataniif muudamanitti imaanaa haa kennamu. Namoonni kunneen immoo warra mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsaniif jechuunis,
ויתנה על יד עשי המלאכה המפקדים בבית יהוה ויתנו אתו לעשי המלאכה אשר בבית יהוה לחזק בדק הבית׃
6 warra muka soofaniif, warra mana ijaaranii fi warra dhagaa soofaniif haa kaffalan. Akkasumas mana qulqullummaa haaromsuuf mukaa fi dhagaa soofame ittiin haa bitan.
לחרשים ולבנים ולגדרים ולקנות עצים ואבני מחצב לחזק את הבית׃
7 Isaan garuu sababii amanamummaadhaan hojjetaniif, maallaqa imaanaa isaanitti kenname sana toʼachuun hin barbaachisu.”
אך לא יחשב אתם הכסף הנתן על ידם כי באמונה הם עשים׃
8 Hilqiyaa lubichi ol aanaan sunis, Shaafaan barreessaa sanaan, “Ani mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Kitaaba Seeraa argeen jira” jedhe. Kitaabichas Shaafaanitti kenne; Shaafaan immoo kitaaba sana ni dubbise.
ויאמר חלקיהו הכהן הגדול על שפן הספר ספר התורה מצאתי בבית יהוה ויתן חלקיה את הספר אל שפן ויקראהו׃
9 Ergasiis Shaafaan gara mootichaa dhaqee, “Qondaaltonni kee maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ture baasanii hojjettootaa fi namoota hojii mana qulqullummaa toʼatanitti imaanaa kennaniiru” jedhee hime.
ויבא שפן הספר אל המלך וישב את המלך דבר ויאמר התיכו עבדיך את הכסף הנמצא בבית ויתנהו על יד עשי המלאכה המפקדים בית יהוה׃
10 Shaafaan barreessaan sun, “Hilqiyaa lubichi kitaaba tokko natti kenneera” jedhee mootichatti hime. Shaafaanis fuula mootichaa duratti kitaaba sana dubbise.
ויגד שפן הספר למלך לאמר ספר נתן לי חלקיה הכהן ויקראהו שפן לפני המלך׃
11 Mootichis dubbii Kitaaba Seeraa sana dhageenyaan uffata isaa ni tarsaase.
ויהי כשמע המלך את דברי ספר התורה ויקרע את בגדיו׃
12 Innis ajaja kana Hilqiyaa lubichatti, Ahiiqaam ilma Shaafaanitti, Akboor ilma Miikaayaatti, Shaafaan barreessichaa fi Asaayaa tajaajilaa mootichaatti ni kenne;
ויצו המלך את חלקיה הכהן ואת אחיקם בן שפן ואת עכבור בן מיכיה ואת שפן הספר ואת עשיה עבד המלך לאמר׃
13 “Dhaqaatii waaʼee waan kitaaba argame kana keessatti barreeffamee anaaf, sabaa fi Yihuudaa hundaaf Waaqayyoon gaafadhaa. Sababii warri nuun duraa dubbii kitaabaa kanaatiif hin ajajaminiif dheekkamsi Waaqayyoo guddaan nutti bobaʼeera; isaan akka waan waaʼee keenya barreeffame sana hundaatti hin jiraanneetii.”
לכו דרשו את יהוה בעדי ובעד העם ובעד כל יהודה על דברי הספר הנמצא הזה כי גדולה חמת יהוה אשר היא נצתה בנו על אשר לא שמעו אבתינו על דברי הספר הזה לעשות ככל הכתוב עלינו׃
14 Hilqiyaa lubichi, Ahiiqaam, Akboor, Shaafaanii fi Asaayaan Huldaanaa raajittii gaafachuu dhaqan. Huldaanaan kun niitii Shaluum ilma Tiqwaa, ilma Harhaas kan eegduu uffataa ture sanaa ti. Isheenis Yerusaalem keessa Aanaa Lammaffaa keessa jiraatti turte.
וילך חלקיהו הכהן ואחיקם ועכבור ושפן ועשיה אל חלדה הנביאה אשת שלם בן תקוה בן חרחס שמר הבגדים והיא ישבת בירושלם במשנה וידברו אליה׃
15 Isheenis akkana isaaniin jette; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Namicha natti isin erge sanatti akkana jedhaa himaa.
ותאמר אליהם כה אמר יהוה אלהי ישראל אמרו לאיש אשר שלח אתכם אלי׃
16 ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani akkuma waan kitaaba mootichi Yihuudaa dubbise sana keessatti barreeffame hundaatti iddoo kanaa fi saba isaatti badiisa nan fida.
כה אמר יהוה הנני מביא רעה אל המקום הזה ועל ישביו את כל דברי הספר אשר קרא מלך יהודה׃
17 Sababii isaan na dhiisanii waaqota biraatiif ixaana aarsuudhaan waaqota tolfamoo harki isaanii tolche hundaan dheekkamsaaf na kakaasaniif, dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni bobaʼa; hin dhaamus.’
תחת אשר עזבוני ויקטרו לאלהים אחרים למען הכעיסני בכל מעשה ידיהם ונצתה חמתי במקום הזה ולא תכבה׃
18 Mootii Yihuudaa kan akka isin Waaqayyoon gaafattaniif isin erge sanatti akkana jedhaatii himaa; ‘Waaʼee dubbii ati dhageesse sanaa, Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha;
ואל מלך יהודה השלח אתכם לדרש את יהוה כה תאמרו אליו כה אמר יהוה אלהי ישראל הדברים אשר שמעת׃
19 “Sababii ati yeroo waan ani waaʼee iddoo kanaatii fi waaʼee saba isaa akka isaan abaaramanii barbadeeffaman waan hamaa dubbadhe dhageessetti garaan kee tuqamee fuula Waaqayyoo duratti gad of qabdeef, sababii uffata kee tarsaaftee fuula koo duratti boosseef, ani si dhagaʼeera” jedha Waaqayyo.
יען רך לבבך ותכנע מפני יהוה בשמעך אשר דברתי על המקום הזה ועל ישביו להיות לשמה ולקללה ותקרע את בגדיך ותבכה לפני וגם אנכי שמעתי נאם יהוה׃
20 Kanaafuu ani abbootii kee biratti walittin si qaba; atis nagumaan awwaalamta. Waan hamaa ani iddoo kana irratti fiduuf jiru hunda iji kee hin argu.’” Isaanis deebii ishee fudhatanii gara mootichaatti deebiʼan.
לכן הנני אספך על אבתיך ונאספת אל קברתיך בשלום ולא תראינה עיניך בכל הרעה אשר אני מביא על המקום הזה וישיבו את המלך דבר׃

< 2 Mootota 22 >