< 2 Mootota 21 >

1 Minaaseen yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii shan bulche. Maqaan haadha isaa Hefziibaa ture.
Manase alikuwa na umri wa miaka kumi na mbili wakati alipoanza kutawala; alitawala miaka hamsini na tano katika Yerusalemu. Mama yake alikuwa anaitwa Hefziba.
2 Innis waan jibbisiisaa saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa duukaa buʼuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
Alifanya maovu usoni kwa Yahwe, kama machukizo ya mataifa ambayo Yahwe aliyafukuza nje mbele ya wana wa Israeli.
3 Inni iddoowwan sagadaa kanneen abbaan isaa Hisqiyaas diigee ture sana illee deebisee ni ijaare; akkasumas akkuma Ahaab mootichi Israaʼel godhe sana Baʼaaliif iddoowwan aarsaa tolchee siidaa Aasheeraas ni dhaabe. Raayyaawwan samii hundaafis ni sagade; isaan waaqeffates.
Kwa kupajenga tena mahala pa juu ambapo Hezekia baba yake alipaharibu, na akajenga madhabahu kwa ajili ya Baali, akafanya Ashera, kama Ahabu mfalme wa Israeli alivyofanya, akasujudu kwa nyota zote za mbinguni na kuwaabudu wao.
4 Innis mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Waaqayyo, “Ani Maqaa koo Yerusaalem keessa nan dhaaba” jedhee waaʼee isaa dubbate sana keessatti iddoowwan aarsaa tolche.
Manase akajenga madhabahu za kipagani kwenye nyumba ya Yahwe, ingawaje Yahwe aliamuru, “Jina langu litakuwa Yerusalemu daima.”
5 Oobdiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo lamaanuu keessattis raayyaawwan samii hundaaf iddoowwan aarsaa ni tolche.
Akajenga madhabahu kwa ajili ya nyota zote za mbinguni katika behewa mbili za nyumba ya Yahwe.
6 Inni ilma ofii isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolcha hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula Waaqayyoo duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase.
Akamuweka mtoto wake wa kiume kwenye moto; akatazama bao ushirikina na kujishuhulisha pamoja wale ambao wenye pepo wa utambuzi na wale wachawi. Akafanya maovu mengi usoni kwa Yahwe na kuchochea hasira kwa Mungu.
7 Innis fakkii Asheeraa kan soofee hojjete sana fuudhee mana qulqullummaa kan Waaqayyo akkana jedhee waaʼee isaa Daawitii fi ilma isaa Solomoonii dubbatee ture sana keessa kaaʼe; “Mana qulqullummaa kana keessaa fi Yerusaalem ishee ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadhe sana keessa Maqaa koo bara baraan nan dhaaba.
Sanamu ya kuchongwa ya Ashera ambayo aliitnegeneza, akaiweka kwenye nyumba ya Yahwe. Nyumba hii ndiyo ambayo Yahwe alimwambia Daudi na Sulemani mwanawe; alisema: “Ni nyumba hii na katika Yerusalemu, ambayo nimeichagua kutoka makabila yote ya Isaraeli, ambako nitaliweka jina langu milele.
8 Yoo isaan waan ani isaan ajaje hunda hojjetanii Seera garbichi koo Museen isaaniif kenne guutuu eegan, ani siʼachi akka miilli Israaʼelootaa biyya ani abbootii isaaniitiif kenne keessaa baʼee jooru hin godhu.”
Sintofanya miguu ya Israeli kushindwa tena nje ya nchi ambayo niliwapa babu zao, kama tu watakuwa makini kutii yale yote niliyowaamuru, na kufuata sheria zote ambazo mtumishi wangu Musa aliwaamuru.”
9 Namoonni garuu hin dhaggeeffanne. Minaaseen karaa irraa isaan jalʼise; kanaafuu isaan saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa balleesse sana caalaa hammina hojjetan.
Lakini watu hawakusikia, na Manase akawaongoza kufanya maovu zaidi kuliko yale ya mataifa ambayo Yahwe aliyaharibu mbele ya watu wa Israeli.
10 Waaqayyo karaa garboota isaa raajotaatiin akkana jedhee dubbate;
Basi Yahwe akaongea na watumishi wake manabii, akisema,
11 “Minaaseen mootichi Yihuudaa cubbuu jibbisiisaa kanneen hojjeteera. Innis Amoorota isaan dura jiraatan caalaa waan hamaa hojjete; waaqota tolfamoo isaatiinis Yihuudaa cubbuu hojjechiise.
Kwasababu Manase mfalme wa Yuda amefanya haya machukizo, na kutenda maovu zaidi kuliko yote waliyoyatenda Waamori ambao walikuwa mbele yake walikubali, na pia aliwafanya Yuda kuasi kwa sanamu zake,
12 Kanaafuu Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani waan hamaa nama isa dhagaʼu hunda suukaneessu tokko Yerusaalemii fi Yihuudaatti nan fida.
kwa hiyo Yahwe, Mungu wa Israeli, akasema hivi: Tazama, nakaribia kuleta uovu juu ya Yerusalemu na Yuda ambayo kila mtu asikiapo kuhusu hilo, masikio yake yote yatang'aa.
13 Ani funyoo Samaariyaatii fi tumbii mana Ahaab sana Yerusaalem irratti nan diriirsa. Akkuma namni caabii haxaaʼee gad gombisutti ani Yerusaalemin haxaaʼee nan gombisa.
Nitanyoosha juu ya Yerusalemu kipimo kilichotumika dhidi ya Samaria, na kuangusha msatari utakaotumika dhidi ya nyumba ya Ahabu; Nitaifuta Yerusalemu safi, kama kufuta sahani, kuifuta na kuifunika juu chini.
14 Ani hambaa dhaala koo dhiisee harka diinota isaaniitti dabarsee nan kenna. Isaanis diinota isaanii hundaan ni saamamu; ni boojiʼamus.
Nitawatupa masalia ya urithi wangu na kuwaweka mikononi mwa maadui zao. Watakuwa nyara na mateka kwa maadui zao wote,
15 Isaan gaafa abbootiin isaanii Gibxii baʼanii jalqabee hamma harʼaatti fuula koo duratti waan hamaa hojjechuudhaan dheekkamsaaf na kakaasaniiruutii.”
kwa sababu wamefanya yaliyo maovu usoni kwangu, na kunichochea hasira, tangu siku babu zao walipotoka Misri, hadi leo.”
16 Kana caalaas Minaaseen akka warri Yihuudaa fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan godhee cubbuu isaan hojjechiisuu isaa irra iyyuu dhiiga namoota balleessaa hin qabnee baayʼee dhangalaasee akka Yerusaalem daangaa tokkoo hamma daangaa kaaniitti dhiigaan guutamtu godheera.
Aidha, Manase akazimwaga damu nyingi za wasio na hatia, hadi alipoijaza Yerusalemu kutoka upande huu kwenda mwingine kwa kifo. Hii ilikuwa ni kuongeza kwenye dhambi ambayo aliifanya Yuda kuasi, wakati walipofanya uovu mbele za Yahwe.
17 Wantoonni bara mootummaa Minaasee keessa hojjetaman kanneen biraa, wanni inni hojjete hundi, cubbuu inni hojjete dabalatee seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
Kama kwa mambo mengine yamhusuyo Manase, yote aliyoyafanya, na dhambi ambayo aliyoifanya, je haya hayajaandikwa kwenye kitabu cha matukio cha wafalme wa Yuda?
18 Minaaseen abbootii isaa wajjin boqotee iddoo biqiltuu masaraa mootummaa isaa keessatti, iddoo biqiltuu Uzaa keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Aamoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Manase akalala pamoja na babu zake na alizikwa kwenye bustani ya nyumba yake, katika bustani ya Uza. Amoni mwanawe akawa mfalme katika sehemu yake.
19 Aamoon yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lama bulche. Maqaan haadha isaa Meshulemet ture; isheenis intala Haaruus nama biyya Yoxbaa turte.
Amoni alikuwa na miaka kumi na mbili alipoanza kutawala; alitawala miaka miwili katika Yerusalemu. Mama yake alikuwa anaitwa Meshlemethi; alikuwa binti wa Haruzi wa Yotba.
20 Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen hojjetee ture sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
Alifanya yaliyo maovu usoni mwa Yahwe, kama manase baba yake alivyofanya.
21 Innis karaa abbaa isaa hunda irra deeme; waaqota tolfamoo abbaan isaa waaqeffate illee waaqeffatee isaaniifis sagade.
Amoni alifuata njia zote ambazo baba yake alizotembelea na kuabudu sanamu ambazo baba yake aliziabudu, na kuzisujudia.
22 Inni Waaqayyo Waaqa abbootii isaa dhiise; karaa Waaqayyoo irras hin deemne.
Akajitenga na Yahwe, Mungu wa baba zake, na hakutembea katika njia ya Yahwe.
23 Qondaaltonni Aamoon isatti mariʼatanii masaruma mootummaa isaa keessatti mooticha ni ajjeesan.
Watumishi wa Amoni wakafanya njama dhidi yake na kumuua mfalme kwenye nyumba yake mwenyewe.
24 Kana irratti namoonni biyya sanaa warra Aamoon mootichatti malatan hunda fixanii ilma isaa Yosiyaasin immoo iddoo isaa mootii godhatan.
Lakini watu wa nchi wakawaua watu wote waliofanya njama dhidi ya mfalme Amoni, na wakamfanya Yosia mtoto wake kuwa mfalme katika sehemu yake.
25 Wanni bara mootummaa Aamoon keessa hojjetame kan biraa, wanni inni hojjetes kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii?
Kama ilivyo kwa mambo mengine yamhusuyo Amoni yale aliyoyafanya, je hayajaandikwa kwenye kitabu cha matukio ya wafalme wa Yuda?
26 Innis awwaala isaa kan iddoo biqiltuu Uzaa keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Yosiyaasis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Watu wakamzika kwenye kaburi lake katika bustani ya Uza, na Yosia mwanawe akawa mfalme katika sehemu yake.

< 2 Mootota 21 >