< 2 Mootota 21 >

1 Minaaseen yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii shan bulche. Maqaan haadha isaa Hefziibaa ture.
Duodecim annorum erat Manasses cum regnare coepisset, et quinquaginta quinque annis regnavit in Ierusalem: nomen matris eius Haphsiba.
2 Innis waan jibbisiisaa saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa duukaa buʼuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
Fecitque malum in conspectu Domini, iuxta idola Gentium, quas delevit Dominus a facie filiorum Israel.
3 Inni iddoowwan sagadaa kanneen abbaan isaa Hisqiyaas diigee ture sana illee deebisee ni ijaare; akkasumas akkuma Ahaab mootichi Israaʼel godhe sana Baʼaaliif iddoowwan aarsaa tolchee siidaa Aasheeraas ni dhaabe. Raayyaawwan samii hundaafis ni sagade; isaan waaqeffates.
Conversusque est, et aedificavit excelsa, quae dissipaverat Ezechias pater eius: et erexit aras Baal, et fecit lucos sicut fecerat Achab rex Israel, et adoravit omnem militiam caeli, et coluit eam.
4 Innis mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Waaqayyo, “Ani Maqaa koo Yerusaalem keessa nan dhaaba” jedhee waaʼee isaa dubbate sana keessatti iddoowwan aarsaa tolche.
Extruxitque aras in domo Domini, de qua dixit Dominus: In Ierusalem ponam nomen meum.
5 Oobdiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo lamaanuu keessattis raayyaawwan samii hundaaf iddoowwan aarsaa ni tolche.
Et extruxit altaria universae militiae caeli in duobus atriis templi Domini.
6 Inni ilma ofii isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolcha hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula Waaqayyoo duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase.
Et traduxit filium suum per ignem: et ariolatus est, et observavit auguria, et fecit pythones, et aruspices multiplicavit, ut faceret malum coram Domino, et irritaret eum.
7 Innis fakkii Asheeraa kan soofee hojjete sana fuudhee mana qulqullummaa kan Waaqayyo akkana jedhee waaʼee isaa Daawitii fi ilma isaa Solomoonii dubbatee ture sana keessa kaaʼe; “Mana qulqullummaa kana keessaa fi Yerusaalem ishee ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadhe sana keessa Maqaa koo bara baraan nan dhaaba.
Posuit quoque idolum luci, quem fecerat in templo Domini, super quod locutus est Dominus ad David, et ad Salomonem filium eius: In templo hoc, et in Ierusalem, quam elegi de cunctis tribubus Israel, ponam nomen meum in sempiternum.
8 Yoo isaan waan ani isaan ajaje hunda hojjetanii Seera garbichi koo Museen isaaniif kenne guutuu eegan, ani siʼachi akka miilli Israaʼelootaa biyya ani abbootii isaaniitiif kenne keessaa baʼee jooru hin godhu.”
Et ultra non faciam commoveri pedem Israel de terra, quam dedi patribus eorum: si tamen custodierint opere omnia quae praecepi eis, et universam legem, quam mandavit eis servus meus Moyses.
9 Namoonni garuu hin dhaggeeffanne. Minaaseen karaa irraa isaan jalʼise; kanaafuu isaan saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa balleesse sana caalaa hammina hojjetan.
Illi vero non audierunt: sed seducti sunt a Manasse, ut facerent malum super Gentes, quas contrivit Dominus a facie filiorum Israel.
10 Waaqayyo karaa garboota isaa raajotaatiin akkana jedhee dubbate;
Locutusque est Dominus in manu servorum suorum Prophetarum, dicens:
11 “Minaaseen mootichi Yihuudaa cubbuu jibbisiisaa kanneen hojjeteera. Innis Amoorota isaan dura jiraatan caalaa waan hamaa hojjete; waaqota tolfamoo isaatiinis Yihuudaa cubbuu hojjechiise.
Quia fecit Manasses rex Iuda abominationes istas pessimas, super omnia quae fecerunt Amorrhaei ante eum, et peccare fecit etiam Iudam in immunditiis suis:
12 Kanaafuu Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani waan hamaa nama isa dhagaʼu hunda suukaneessu tokko Yerusaalemii fi Yihuudaatti nan fida.
propterea haec dicit Dominus Deus Israel: Ecce ego inducam mala super Ierusalem et Iudam: ut quicumque audierit, tinniant ambae aures eius.
13 Ani funyoo Samaariyaatii fi tumbii mana Ahaab sana Yerusaalem irratti nan diriirsa. Akkuma namni caabii haxaaʼee gad gombisutti ani Yerusaalemin haxaaʼee nan gombisa.
Et extendam super Ierusalem funiculum Samariae, et pondus domus Achab: et delebo Ierusalem, sicut deleri solent tabulae: et delens vertam, et ducam crebrius stylum super faciem eius.
14 Ani hambaa dhaala koo dhiisee harka diinota isaaniitti dabarsee nan kenna. Isaanis diinota isaanii hundaan ni saamamu; ni boojiʼamus.
Dimittam vero reliquias hereditatis meae, et tradam eas in manus inimicorum eius: eruntque in vastitatem, et in rapinam cunctis adversariis suis:
15 Isaan gaafa abbootiin isaanii Gibxii baʼanii jalqabee hamma harʼaatti fuula koo duratti waan hamaa hojjechuudhaan dheekkamsaaf na kakaasaniiruutii.”
eo quod fecerint malum coram me, et perseveraverint irritantes me, ex die qua egressi sunt patres eorum ex Aegypto, usque ad hanc diem.
16 Kana caalaas Minaaseen akka warri Yihuudaa fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan godhee cubbuu isaan hojjechiisuu isaa irra iyyuu dhiiga namoota balleessaa hin qabnee baayʼee dhangalaasee akka Yerusaalem daangaa tokkoo hamma daangaa kaaniitti dhiigaan guutamtu godheera.
Insuper et sanguinem innoxium fudit Manasses multum nimis, donec impleret Ierusalem usque ad os: absque peccatis suis, quibus peccare fecit Iudam, ut faceret malum coram Domino.
17 Wantoonni bara mootummaa Minaasee keessa hojjetaman kanneen biraa, wanni inni hojjete hundi, cubbuu inni hojjete dabalatee seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
Reliqua autem sermonum Manasse, ut universa quae fecit, et peccatum eius, quod peccavit, nonne haec scripta sunt in Libro sermonum dierum regum Iuda?
18 Minaaseen abbootii isaa wajjin boqotee iddoo biqiltuu masaraa mootummaa isaa keessatti, iddoo biqiltuu Uzaa keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Aamoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Dormivitque Manasses cum patribus suis, et sepultus est in horto domus suae, in horto Oza: et regnavit Amon filius eius pro eo.
19 Aamoon yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lama bulche. Maqaan haadha isaa Meshulemet ture; isheenis intala Haaruus nama biyya Yoxbaa turte.
Viginti duorum annorum erat Amon cum regnare coepisset: duobus quoque annis regnavit in Ierusalem. nomen matris eius Messalemeth filia Harus de Ieteba.
20 Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen hojjetee ture sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
Fecitque malum in conspectu Domini, sicut fecerat Manasses pater eius.
21 Innis karaa abbaa isaa hunda irra deeme; waaqota tolfamoo abbaan isaa waaqeffate illee waaqeffatee isaaniifis sagade.
Et ambulavit in omni via, per quam ambulaverat pater eius: servivitque immunditiis, quibus servierat pater eius, et adoravit eas,
22 Inni Waaqayyo Waaqa abbootii isaa dhiise; karaa Waaqayyoo irras hin deemne.
et dereliquit Dominum Deum patrum suorum, et non ambulavit in via Domini.
23 Qondaaltonni Aamoon isatti mariʼatanii masaruma mootummaa isaa keessatti mooticha ni ajjeesan.
Tetenderuntque ei insidias servi sui, et interfecerunt regem in domo sua.
24 Kana irratti namoonni biyya sanaa warra Aamoon mootichatti malatan hunda fixanii ilma isaa Yosiyaasin immoo iddoo isaa mootii godhatan.
Percussit autem populus terrae omnes, qui coniuraverant contra regem Amon: et constituerunt sibi regem Iosiam filium eius pro eo.
25 Wanni bara mootummaa Aamoon keessa hojjetame kan biraa, wanni inni hojjetes kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii?
Reliqua autem sermonum Amon quae fecit, nonne haec scripta sunt in Libro sermonum dierum regum Iuda?
26 Innis awwaala isaa kan iddoo biqiltuu Uzaa keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Yosiyaasis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Sepelieruntque eum in sepulchro suo, in horto Oza: et regnavit Iosias filius eius pro eo.

< 2 Mootota 21 >