< 2 Mootota 20 >

1 Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Isaayyaas ilmi Amoos raajichi gara isaa dhaqee, “Waaqayyo akkana jedha; ‘Mana kee tottolfadhu; ati ni duuta malee hin fayyituutii’” jedheen.
In those days Hezekiah was ill and near death. And Isaiah the prophet, the son of Amoz, came to him, and said to him, The Lord says, Put your house in order, for your death is near.
2 Hisqiyaasis fuula isaa gara keenyan manaatti garagalfatee akkana jedhee Waaqayyoon kadhate;
Then, turning his face to the wall, he made his prayer to the Lord, saying,
3 “Yaa Waaqayyo, akka ani amanamummaa fi garaa tokkoon fuula kee dura jiraadhee waan fuula kee duratti gaarii taʼes hojjedhe yaadadhu.” Hisqiyaasis hiqqifatee ni booʼe.
O Lord, keep in mind how I have been true to you with all my heart, and have done what is good in your eyes. And Hezekiah gave way to bitter weeping.
4 Utuu Isaayyaas oobdii gara gidduu jiru sana keessaa hin baʼin dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara isaa dhufe;
Now before Isaiah had gone out of the middle of the town, the word of the Lord came to him, saying,
5 “Deebiʼii dhaqiitii akkana jedhii Hisqiyaas hoogganaa saba kootiitti himi; ‘Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; imimmaan kees argeera; ani sin fayyisa. Ati ammaa jalqabdee guyyaa sadaffaatti gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baata.
Go back and say to Hezekiah, the ruler of my people, The Lord, the God of David your father, says, Your prayer has come to my ears, and I have seen your weeping; see, I will make you well: on the third day you will go up to the house of the Lord.
6 Ani umurii kee irratti waggaa kudha shan siifan dabala. Ani siʼii fi magaalaa kana harka mooticha Asooriitii nan baasa. Ani sababii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee magaalaa kana nan eega.’”
I will give you fifteen more years of life; and I will keep you and this town safe from the hands of the king of Assyria; I will keep this town safe, for my honour, and for the honour of my servant David.
7 Kana irratti Isaayyaas, “Maxinoo harbuu tolchaa” jedhe. Isaanis qopheessanii dhullaa isaa irra kaaʼaniif; innis ni fayye.
Then Isaiah said, Take a cake of figs. So they took it and put it on his wound, and he got better.
8 Hisqiyaasis, “Akka Waaqayyo na fayyisuu fi akka ani guyyaa sadaffaatti gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼuuf maaltu mallattoo taʼa?” jedhee Isaayyaasin gaafate.
And Hezekiah said to Isaiah, What is to be the sign that the Lord will make me well, and that I will go up to the house of the Lord on the third day?
9 Isaayyaasis akkana jedhee deebise; “Akka Waaqayyo waan waadaa gale sana hojjetuuf mallattoon Waaqayyo siif kennu kunoo kanaa dha; gaaddidduun tokko tarkaanfii kudhan gara fuula duraatti haa deemuu moo yookaan tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti haa deebiʼuu?”
And Isaiah said, This is the sign the Lord will give you, that he will do what he has said; will the shade go forward ten degrees or back?
10 Hisqiyaas immoo, “Tarkaanfii kudhan gara fuula duraatti deemuun gaaddidduu tokkoof waan salphaa dha; qooda kanaa akka gaaddidduun sun tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti deebiʼu godhi” jedhe.
And Hezekiah said in answer, It is a simple thing for the shade to go forward; but let it go back ten degrees.
11 Kana irratti Isaayyaas raajichi iyyee Waaqayyoon ni kadhate; Waaqayyos akka gaaddidduun sun tarkaanfii kudhan gulantaa Aahaaz irra gara fuula duraatti deemee ture sana irraa tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti deebiʼu godhe.
Then Isaiah the prophet made prayer to the Lord, and he made the shade go back ten degrees from its position on the steps of Ahaz.
12 Yeroo sanatti Meroodak Baladaan ilmi Baladaan mootiin Baabilon sababii akka Hisqiyaas dhukkubsate dhagaʼeef xalayootaa fi kennaa ergeef.
At that time, Merodach-baladan, the son of Baladan, king of Babylon, sent letters with an offering to Hezekiah, because he had news that Hezekiah had been ill.
13 Hisqiyaasis ergamoota sana simatee waan mankuusa isaa keessa ture hunda jechuunis meetii, warqee, urgooftuu fi zayitii qulqulluu akkasumas kuusaa miʼa lolaa isaa fi waan mankuusa isaa keessatti argamu hunda isaanitti argisiise. Wanni Hisqiyaas masaraa mootummaa isaa keessaa yookaan mootummaa isaa hunda keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin turre.
And Hezekiah was glad at their coming and let them see all his store of wealth, the silver and the gold and the spices and the oil of great price, and the house of his arms, and everything there was in his stores; there was nothing in all his house or his kingdom which Hezekiah did not let them see.
14 Kana irratti Isaayyaas raajichi gara Hisqiyaas mootichaa dhaqee, “Namoonni sun maal jedhan? Isaan eessaa dhufan?” jedhee gaafate. Hisqiyaasis, “Isaan Baabilonii biyya fagoodhaa dhufan” jedhee deebise.
Then Isaiah the prophet came to King Hezekiah and said to him, What did these men say and where did they come from? And Hezekiah said, They came from a far country, even from Babylon.
15 Raajichi, “Jarri masaraa mootummaa keetii keessatti maal argan?” jedhee gaafate. Hisqiyaas immoo, “Isaan waan masaraa mootummaa koo keessa jiru hunda argan. Wanni ani mankuusa koo keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin jiru” jedheen.
And he said, What have they seen in your house? And Hezekiah said in answer, They saw everything in my house: there is nothing among my stores which I did not let them see.
16 Isaayyaasis kana irratti Hisqiyaasiin akkana jedhe; “Dubbii Waaqayyoo dhagaʼi:
And Isaiah said to Hezekiah, Give ear to the word of the Lord.
17 Yeroon itti wanni masaraa mootummaa keetii keessa jiru hundii fi wanni abbootiin kee hamma harʼaatti kuusan hundinuu saamamee gara Baabilonitti geeffamu tokko dhugumaan ni dhufa. Wanni tokko iyyuu hin hafu, jedha Waaqayyo.
Truly, days are coming when everything in your house, and whatever your fathers have put in store till this day, will be taken away to Babylon: all will be gone, says the Lord.
18 Sanyii kee keessaa namoonni tokko tokko, foonii fi dhiigni kee kanneen siif dhalatan boojiʼamanii masaraa mootummaa mooticha Baabilon keessatti xuʼaashiiwwan taʼu.”
And your sons, the offspring of your body, they will take away to be unsexed servants in the house of the king of Babylon.
19 Hisqiyaasis, “Dubbiin Waaqayyoo kan ati dubbatte kun gaarii dha” jedhee deebise. Inni, “Bara jireenya koo keessa nagaa fi tasgabbiin hin jiraatuu?” jedhee yaadee tureetii.
Then Hezekiah said to Isaiah, Good is the word of the Lord which you have said. Then he said, ... if in my time there is peace and righteousness?
20 Wantoonni bara mootummaa Hisqiyaas keessa hojjetaman kanneen biraa, jabinni isaa hundii fi akki inni itti haroo fi ujummoo ittiin bishaan harkisanii gara magaalaatti fidan hojjetes kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
Now the rest of the acts of Hezekiah, and his power, and how he made the pool and the stream, to take water into the town, are they not recorded in the book of the history of the kings of Judah?
21 Hisqiyaasis abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Minaaseen iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
And Hezekiah went to rest with his fathers; and Manasseh his son became king in his place.

< 2 Mootota 20 >