< 2 Mootota 2 >

1 Yeroo Waaqayyo bubbeedhaan Eeliyaasin gara Samiitti ol fudhachuu gaʼetti Eeliyaasii fi Elsaaʼi Gilgaalii kaʼanii karaa deemaa turan.
It happened, when Jehovah would take up Elijah by a whirlwind into heaven, that Elijah went with Elisha from Gilgal.
2 Eeliyaasis Elsaaʼiin, “Ati asuma turi; Waaqayyo Beetʼeelitti na ergeeraatii” jedhe. Elsaaʼi garuu, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu” jedheen. Kanaafuu isaan Beetʼeelitti gad buʼan.
Elijah said to Elisha, "Please wait here, for Jehovah has sent me as far as Bethel." Elisha said, "As Jehovah lives, and as your soul lives, I will not leave you." So they went down to Bethel.
3 Ergasiis waldaan raajotaa kanneen Beetʼeel turan gara Elsaaʼi dhufanii, “Ati akka Waaqayyo harʼa gooftaa kee si biraa fudhachuuf jiru beektaa?” jedhanii ni gaafatan. Elsaaʼi immoo, “Eeyyee, ani nan beeka; garuu isin waaʼee isaa hin dubbatinaa” jedheen.
The sons of the prophets who were at Bethel came out to Elisha, and said to him, "Do you know that Jehovah will take away your master from your head today?" He said, "Yes, I know it; hold your peace."
4 Eeliyaasis “Yaa Elsaaʼi, ati asuma turi; Waaqayyo gara Yerikootti na ergeeraatii” jedheen. Innis, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu” jedheen. Kanaafuu isaan gara Yerikoo deeman.
Elijah said to him, "Elisha, please wait here, for Jehovah has sent me to Jericho." He said, "As Jehovah lives, and as your soul lives, I will not leave you." So they came to Jericho.
5 Waldaan raajotaa kanneen Yerikoo turan sun gara Elsaaʼi dhufanii, “Ati akka Waaqayyo harʼa gooftaa kee si biraa fudhachuuf jiru beektaa?” jedhanii gaafatan. Innis, “Eeyyee nan beeka; isin garuu waaʼee isaa hin dubbatinaa” jedheen.
The sons of the prophets who were at Jericho came near to Elisha, and said to him, "Do you know that Jehovah will take away your master from your head today?" He answered, "Yes, I know it. Hold your peace."
6 Eeliyaasis, “Ati asuma turi; Waaqayyo Yordaanositti na ergeeraatii” jedheen. Innis, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu” jedheen. Kanaafuu isaan lamaanuu kaʼanii deeman.
Elijah said to him, "Please wait here, for Jehovah has sent me to the Jordan." He said, "As Jehovah lives, and as your soul lives, I will not leave you." They both went on.
7 Isaanis Yordaanos bira dhaabatan; waldaa raajotaa keessaa namoonni shantamni dhaqanii irraa fagaatanii fuula isaanii dura dhadhaabatan.
Fifty men of the sons of the prophets went, and stood opposite them at a distance; and they both stood by the Jordan.
8 Eeliyaasis kaabbaa isaa of irraa baasee dadachaasee ittiin bishaan dhaʼe. Bishaan sunis mirgaa fi bitaatti gargar qoodame; isaan lamaanuu lafa gogaa irra ceʼan.
Elijah took his cloak, and wrapped it together, and struck the waters, and they were divided here and there, so that the two of them went over on dry ground.
9 Eeliyaasis erga ceʼanii booddee Elsaaʼiin, “Mee waan ani utuu si biraa hin fudhatamin siif gochuu dandaʼu natti himi” jedhe. Elsaaʼi immoo, “Hafuurri kee dachaadhaan narra haa buʼu” jedhee deebiseef.
It happened, when they had gone over, that Elijah said to Elisha, "Ask what I shall do for you, before I am taken from you." Elisha said, "Please let a double portion of your spirit be on me."
10 Eeliyaas immoo, “Ati waan rakkisaa kadhatte; taʼus yoo ati yeroo ani si biraa fudhatamutti na argite, hafuurri kun kan kee taʼa; yoo kanaa achi kan kee hin taʼu” jedheen.
He said, "You have asked a hard thing. If you see me when I am taken from you, it shall be so for you; but if not, it shall not be so."
11 Utuma isaan haasaʼaa deemanuu gaariin ibiddaa tokkoo fi fardeen ibiddaa akkuma tasaa mulʼatanii isaan lamaan gargari baasan; Eeliyaasis bubbeedhaan samiitti ol fudhatame.
It happened, as they still went on, and talked, that look, a chariot of fire and horses of fire separated them; and Elijah went up by a whirlwind into heaven.
12 Elsaaʼi waan kana argee, “Yaa abbaa koo! Yaa abbaa koo! Gaariiwwanii fi abbootii farda Israaʼel!” jedhee sagalee ol fudhatee iyye. Elsaaʼi ergasii deebiʼee isa hin argine. Innis uffata isaa qabee iddoo lamatti gargar tarsaase.
Elisha saw it, and he cried, "My father, my father, the chariots of Israel and its horsemen." He saw him no more: and he took hold of his own clothes, and tore them in two pieces.
13 Innis kaabbaa Eeliyaas irraa buʼe sana fuudhee deebiʼee qarqara laga Yordaanos dhaabate.
And he picked up the cloak of Elijah that fell from him, and went back, and stood by the bank of the Jordan.
14 Ergasii kaabbaa Eeliyaas irraa buʼe sana fudhatee ittiin bishaan dhaʼee, “Waaqayyo Waaqni Eeliyaas sun amma eessa jira?” jedhee gaafate. Yommuu inni dhaʼetti bishaan sun mirgaa fi bitaatti gargari qoodame; Elsaaʼis ni ceʼe.
And he took the cloak of Elijah that fell from him, and struck the water, and it did not divide. And he said, "Where is Jehovah, the God of Elijah, even he?" And he struck the water a second time, and they divided to the one side and to the other; and Elisha crossed over.
15 Waldaan raajotaa kanneen Yerikoodhaa dhufanii waan kana ilaalaa turan, “Hafuurri Eeliyaas Elsaaʼi irra buʼuutti jira” jedhan. Isaanis isa simachuudhaaf dhaqanii fuula isaa duratti lafatti gombifaman.
When the sons of the prophets who were at Jericho over against him saw him, they said, "The spirit of Elijah rests on Elisha." They came to meet him, and bowed themselves to the ground before him.
16 Akkanas jedhaniin; “Kunoo, nu tajaajiltoonni kee namoota ciccimoo shantama of biraa qabna. Isaan dhaqanii gooftaa kee haa barbaadan. Hafuurri Waaqayyoo ol isa fuudhee tulluu wayii irra yookaan sulula wayii keessa isa buuse taʼaatii.” Elsaaʼi immoo, “Akkas miti; isaan hin erginaa” jedhee deebise.
And they said to him, "See now, there are with your servants fifty strong men. Please let them go and seek your master. Perhaps the Spirit of Jehovah has taken him up and thrown him into the Jordan, or on some mountain, or into some valley." And he said, "Do not send them."
17 Isaan garuu hamma inni isaan jalaa diduu qaanaʼutti isa dirqisiisan. Kana irratti inni, “Isaan ergaa” jedhe. Isaanis nama shantama ni ergan; namoonni sunis bultii sadii barbaadanii isa dhaban.
When they urged him until he was ashamed, he said, "Send them." They sent therefore fifty men; and they searched for three days, but did not find him.
18 Isaanis utuma inni Yerikoo jiruu deebiʼanii gara isaa dhufan; innis, “Ani hin deeminaa isiniin hin jennee?” jedheen.
They came back to him, while he stayed at Jericho; and he said to them, "Did I not tell you not to go?"
19 Namoonni magaalaa sanaa Elsaaʼiin, “Kunoo yaa gooftaa keenya, akkuma ati argitu kana haalli magaalaa kanaa namatti tola; garuu bishaan ishee faalamaa dha; lafti ishees midhaan hin baaftu” jedhan.
The men of the city said to Elisha, "Look, please, the situation of this city is pleasant, as my lord sees; but the water is bad, and the land miscarries."
20 Innis, “Mee waciitii haaraa naa fidaatii soogidda itti naqaa” jedheen. Kanaafuu isaan waciitii sana itti fidan.
He said, "Bring me a new jar, and put salt in it." They brought it to him.
21 Innis gara burqaatti gad buʼee, soogidda sana itti naqee akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani bishaan kana fayyiseera. Bishaan kun lammata duʼa hin fidu yookaan maseenummaa biyyatti hin fidu.’”
He went out to the spring of the waters, and threw salt into it, and said, "Thus says Jehovah, 'I have healed these waters. There shall not be from there any more death or miscarrying.'"
22 Bishaan sunis akkuma dubbii Elsaaʼi dubbate sanaatti hamma ammaatti fayyeera.
So the waters were healed to this day, according to the word of Elisha which he spoke.
23 Ergasii Elsaaʼi kaʼee Beetʼeel dhaqe. Utuma inni karaa deemuu ijoolleen tokko magaalaa keessaa yaatee, “Namicha mataa moluu nana deemi asii! Namicha mataa moluu nana deemi asii!” jedhanii itti qoosan.
He went up from there to Bethel. As he was going up by the way, some youths came out of the city and mocked him, and said to him, "Go up, you baldy. Go up, you baldhead."
24 Inni of irra garagalee isaan milʼatee maqaa Waaqayyootiin isaan abaare. Yommus amaakenni lama bosona keessaa baʼanii ijoollee sana keessaa afurtamii lama cicciranii fixan.
He looked behind him and saw them, and cursed them in the name of Jehovah. Two female bears came out of the woods, and mauled forty-two of those youths.
25 Elsaaʼis ittuma fufee gara Tulluu Qarmeloos dhaqe; achii kaʼees Samaariyaatti deebiʼe.
He went from there to Mount Carmel, and from there he returned to Samaria.

< 2 Mootota 2 >