< 2 Mootota 2 >

1 Yeroo Waaqayyo bubbeedhaan Eeliyaasin gara Samiitti ol fudhachuu gaʼetti Eeliyaasii fi Elsaaʼi Gilgaalii kaʼanii karaa deemaa turan.
Yehova ali pafupi kutenga Eliya kupita kumwamba mu kamvuluvulu, Eliya ndi Elisa anali pa ulendo wopita ku Giligala.
2 Eeliyaasis Elsaaʼiin, “Ati asuma turi; Waaqayyo Beetʼeelitti na ergeeraatii” jedhe. Elsaaʼi garuu, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu” jedheen. Kanaafuu isaan Beetʼeelitti gad buʼan.
Eliya anawuza Elisa kuti, “Iwe khala pano pakuti Yehova wandituma kuti ndipite ku Beteli.” Koma Elisa anati, “Pali Yehova wamoyo ndiponso pali inu nomwe, ineyo sindidzakusiyani.” Motero awiriwo anapita ku Beteli.
3 Ergasiis waldaan raajotaa kanneen Beetʼeel turan gara Elsaaʼi dhufanii, “Ati akka Waaqayyo harʼa gooftaa kee si biraa fudhachuuf jiru beektaa?” jedhanii ni gaafatan. Elsaaʼi immoo, “Eeyyee, ani nan beeka; garuu isin waaʼee isaa hin dubbatinaa” jedheen.
Ana a aneneri a ku Beteli anabwera kwa Elisa namufunsa kuti, “Kodi ukudziwa kuti lero Yehova akuchotsera mbuye wako?” Elisa anayankha kuti, “Inde ndikudziwa, koma musakambe zimenezi.”
4 Eeliyaasis “Yaa Elsaaʼi, ati asuma turi; Waaqayyo gara Yerikootti na ergeeraatii” jedheen. Innis, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu” jedheen. Kanaafuu isaan gara Yerikoo deeman.
Ndipo Eliya anati kwa Elisa, “Iwe khala pano pakuti Yehova wandituma kuti ndipite ku Yeriko.” Koma Elisa anayankha kuti, “Pali Yehova wamoyo ndiponso pali inu, ineyo sindidzakusiyani.” Motero awiriwo anapita ku Yeriko.
5 Waldaan raajotaa kanneen Yerikoo turan sun gara Elsaaʼi dhufanii, “Ati akka Waaqayyo harʼa gooftaa kee si biraa fudhachuuf jiru beektaa?” jedhanii gaafatan. Innis, “Eeyyee nan beeka; isin garuu waaʼee isaa hin dubbatinaa” jedheen.
Ana a aneneri amene anali ku Yeriko anapita kwa Elisa, namufunsa kuti, “Kodi ukudziwa kuti lero Yehova akuchotsera mbuye wako?” Elisa anayankha kuti, “Inde ndikudziwa, koma inu musakambe zimenezi.”
6 Eeliyaasis, “Ati asuma turi; Waaqayyo Yordaanositti na ergeeraatii” jedheen. Innis, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu” jedheen. Kanaafuu isaan lamaanuu kaʼanii deeman.
Ndipo Eliya anati kwa Elisa, “Iwe khala pano pakuti Yehova wandituma kuti ndipite ku Yorodani.” Elisa anayankha kuti, “Pali Yehova wamoyo ndiponso pali inu nomwe, ineyo sindidzakusiyani.” Motero awiriwo anapitirira ulendo wawo.
7 Isaanis Yordaanos bira dhaabatan; waldaa raajotaa keessaa namoonni shantamni dhaqanii irraa fagaatanii fuula isaanii dura dhadhaabatan.
Anthu makumi asanu mwa ana a aneneri anawatsatira nayima chapatali moyangʼanana nawo ndipo Eliya ndi Elisa anayima mʼmphepete mwa Yorodani.
8 Eeliyaasis kaabbaa isaa of irraa baasee dadachaasee ittiin bishaan dhaʼe. Bishaan sunis mirgaa fi bitaatti gargar qoodame; isaan lamaanuu lafa gogaa irra ceʼan.
Eliya anatenga chovala chake nachipinda, napanda madzi ndi chovalacho. Madziwo anagawikana, ena kwina ena kwina, ndipo awiriwo anawoloka powuma.
9 Eeliyaasis erga ceʼanii booddee Elsaaʼiin, “Mee waan ani utuu si biraa hin fudhatamin siif gochuu dandaʼu natti himi” jedhe. Elsaaʼi immoo, “Hafuurri kee dachaadhaan narra haa buʼu” jedhee deebiseef.
Atawoloka, Eliya anati kwa Elisa, “Ndifotokozere, ndikuchitire chiyani ndisanachotsedwe pamaso pako?” Elisa anayankha kuti, “Ndikupemphani kuti mundipatse magawo awiri a mphamvu za mzimu wanu wa uneneri.”
10 Eeliyaas immoo, “Ati waan rakkisaa kadhatte; taʼus yoo ati yeroo ani si biraa fudhatamutti na argite, hafuurri kun kan kee taʼa; yoo kanaa achi kan kee hin taʼu” jedheen.
Eliya anati, “Wapempha chinthu chapatali, komabe ukandiona pamene ndikuchotsedwa pamaso pako, mphamvu wapemphayi idzakhala yako, koma ukapanda kundiona sizidzachitika.”
11 Utuma isaan haasaʼaa deemanuu gaariin ibiddaa tokkoo fi fardeen ibiddaa akkuma tasaa mulʼatanii isaan lamaan gargari baasan; Eeliyaasis bubbeedhaan samiitti ol fudhatame.
Akuyenda ndi kumakambirana, mwadzidzidzi galeta lamoto ndi akavalo amoto anaonekera ndi kuwasiyanitsa awiriwo, ndipo Eliya anapita kumwamba mʼkamvuluvulu.
12 Elsaaʼi waan kana argee, “Yaa abbaa koo! Yaa abbaa koo! Gaariiwwanii fi abbootii farda Israaʼel!” jedhee sagalee ol fudhatee iyye. Elsaaʼi ergasii deebiʼee isa hin argine. Innis uffata isaa qabee iddoo lamatti gargar tarsaase.
Elisa anaona zimenezi ndipo anafuwula kuti, “Abambo anga! Abambo anga! Magaleta a Israeli ndi anthu ake okwera pa akavalo!” Ndipo Elisa sanamuonenso Eliyayo. Pamenepo Elisa anagwira zovala zake nazingʼamba pakati.
13 Innis kaabbaa Eeliyaas irraa buʼe sana fuudhee deebiʼee qarqara laga Yordaanos dhaabate.
Iye anatola chovala cha Eliya chomwe chinagwa nabwerera ndi kukayima mʼmphepete mwa Yorodani.
14 Ergasii kaabbaa Eeliyaas irraa buʼe sana fudhatee ittiin bishaan dhaʼee, “Waaqayyo Waaqni Eeliyaas sun amma eessa jira?” jedhee gaafate. Yommuu inni dhaʼetti bishaan sun mirgaa fi bitaatti gargari qoodame; Elsaaʼis ni ceʼe.
Ndipo Elisa anatenga chovala chomwe chinagwa kuchokera kwa Eliya napanda nacho madzi. Iye anafunsa kuti, “Ali kuti Mulungu wa Eliya?” Atapanda madzi, madziwo anagawika pakati, ena kwina ena kwina, ndipo iye anawoloka.
15 Waldaan raajotaa kanneen Yerikoodhaa dhufanii waan kana ilaalaa turan, “Hafuurri Eeliyaas Elsaaʼi irra buʼuutti jira” jedhan. Isaanis isa simachuudhaaf dhaqanii fuula isaa duratti lafatti gombifaman.
Ndipo ana a aneneri ochokera ku Yeriko atamuona anati, “Mzimu wa Eliya wakhazikika pa Elisa.” Ndipo anapita kukakumana naye nagwada ndi kuweramitsa mitu yawo pansi pamaso pake.
16 Akkanas jedhaniin; “Kunoo, nu tajaajiltoonni kee namoota ciccimoo shantama of biraa qabna. Isaan dhaqanii gooftaa kee haa barbaadan. Hafuurri Waaqayyoo ol isa fuudhee tulluu wayii irra yookaan sulula wayii keessa isa buuse taʼaatii.” Elsaaʼi immoo, “Akkas miti; isaan hin erginaa” jedhee deebise.
Ndipo anawuza Elisa kuti, “Ife atumiki anu tili ndi anthu amphamvu makumi asanu. Aloleni apite kuti akafunefune mbuye wanu. Mwina Mzimu wa Yehova wamutenga ndi kukamuponya ku phiri lina kapena ku chigwa china.” Elisa anayankha kuti, “Ayi, musawatume.”
17 Isaan garuu hamma inni isaan jalaa diduu qaanaʼutti isa dirqisiisan. Kana irratti inni, “Isaan ergaa” jedhe. Isaanis nama shantama ni ergan; namoonni sunis bultii sadii barbaadanii isa dhaban.
Koma anamukakamizabe mpaka Elisayo anachita manyazi moti sakanatha kukana. Choncho iye anati, “Atumizeni.” Ndipo anatumiza anthu makumi asanu amene anakafunafuna Eliya kwa masiku atatu koma sanamupeze.
18 Isaanis utuma inni Yerikoo jiruu deebiʼanii gara isaa dhufan; innis, “Ani hin deeminaa isiniin hin jennee?” jedheen.
Atabwerera kwa Elisa (chifukwa anali akanali ku Yeriko), iye anawawuza kuti, “Kodi sindinakuwuzeni kuti musapite?”
19 Namoonni magaalaa sanaa Elsaaʼiin, “Kunoo yaa gooftaa keenya, akkuma ati argitu kana haalli magaalaa kanaa namatti tola; garuu bishaan ishee faalamaa dha; lafti ishees midhaan hin baaftu” jedhan.
Anthu a mu mzindamo anati kwa Elisa, “Mbuye wathu, taonani mzinda uno uli pamalo pabwino, monga mukuoneramu, koma madzi ake ndi oyipa, nthaka yakenso ndi yosabereka.”
20 Innis, “Mee waciitii haaraa naa fidaatii soogidda itti naqaa” jedheen. Kanaafuu isaan waciitii sana itti fidan.
Iye anati, “Patseni mbale yatsopano ndipo muyikemo mchere.” Ndipo anabweretsa mbaleyo kwa iye.
21 Innis gara burqaatti gad buʼee, soogidda sana itti naqee akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani bishaan kana fayyiseera. Bishaan kun lammata duʼa hin fidu yookaan maseenummaa biyyatti hin fidu.’”
Kenaka Elisa anapita ku kasupe wa madziwo, nathiramo mchere mʼkasupemo nati, “Yehova akuti, ‘Ndachiritsa madzi awa. Madzi amenewa sadzabweretsanso imfa kapena kuchititsa kuti nthaka ikhale yosabereka.’”
22 Bishaan sunis akkuma dubbii Elsaaʼi dubbate sanaatti hamma ammaatti fayyeera.
Kotero madziwo ndi abwino mpaka lero, molingana ndi mawu amene Elisa anayankhula.
23 Ergasii Elsaaʼi kaʼee Beetʼeel dhaqe. Utuma inni karaa deemuu ijoolleen tokko magaalaa keessaa yaatee, “Namicha mataa moluu nana deemi asii! Namicha mataa moluu nana deemi asii!” jedhanii itti qoosan.
Kuchokera kumeneko Elisa anapita ku Beteli. Ndipo pamene ankayenda mu msewu, anyamata ena achichepere anatuluka mu mzindamo nʼkumamuseka. Iwo ankanena kuti, “Choka iwe, wachidazi! Choka iwe wachidazi”
24 Inni of irra garagalee isaan milʼatee maqaa Waaqayyootiin isaan abaare. Yommus amaakenni lama bosona keessaa baʼanii ijoollee sana keessaa afurtamii lama cicciranii fixan.
Iye anatembenuka nawayangʼana ndipo anawatemberera mʼdzina la Yehova. Nthawi yomweyo panatulukira zimbalangondo ziwiri kuchokera kuthengo, ndi kuphapo anyamata 42.
25 Elsaaʼis ittuma fufee gara Tulluu Qarmeloos dhaqe; achii kaʼees Samaariyaatti deebiʼe.
Ndipo iye anapita ku phiri la Karimeli. Pochoka kumeneko anabwerera ku Samariya.

< 2 Mootota 2 >