< 2 Mootota 19 >

1 Hisqiyaas mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti uffata isaa tarsaasee wayyaa gaddaas uffatee mana qulqullummaa Waaqayyoo seene.
ויהי כשמע המלך חזקיהו ויקרע את בגדיו ויתכס בשק ויבא בית יהוה׃
2 Innis Eliiyaaqiim bulchaa masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaa fi luboota dura buʼoota hundi isaanii wayyaa gaddaa uffatan Isaayyaas raajicha ilma Amoos sanatti erge.
וישלח את אליקים אשר על הבית ושבנא הספר ואת זקני הכהנים מתכסים בשקים אל ישעיהו הנביא בן אמוץ׃
3 Isaanis akkana jedhanii isatti himan; “Hisqiyaas akkana jedha; Guyyaan kun akkuma yeroo daaʼimni tokko dhalachuu gaʼee garuu dubartiin humna ittiin ciniinsifattee deessu dhabduutti guyyaa lubbamuu, kan dheekkamsaatii fi kan salphinaa ti.
ויאמרו אליו כה אמר חזקיהו יום צרה ותוכחה ונאצה היום הזה כי באו בנים עד משבר וכח אין ללדה׃
4 Waaqayyo Waaqni kee dubbii ajajaa waraanaa kan gooftaan isaa mootichi Asoor akka inni Waaqa jiraataatti qoosuuf erge sanaa hunda dhagaʼee dubbii Waaqayyo Waaqni kee dhagaʼe sanaaf jedhee isatti dheekkama taʼa. Kanaafuu ati hambaawwan hamma ammaatti jiraniif kadhadhu.”
אולי ישמע יהוה אלהיך את כל דברי רב שקה אשר שלחו מלך אשור אדניו לחרף אלהים חי והוכיח בדברים אשר שמע יהוה אלהיך ונשאת תפלה בעד השארית הנמצאה׃
5 Yommuu qondaaltonni Hisqiyaas mootichaa gara Isaayyaas dhufanitti,
ויבאו עבדי המלך חזקיהו אל ישעיהו׃
6 Isaayyaas akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa gooftaa keessanitti himaa; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ati waan dhageesse jechuunis dubbii garboonni mootii Asoor ittiin na arrabsan sana hin sodaatin.
ויאמר להם ישעיהו כה תאמרון אל אדניכם כה אמר יהוה אל תירא מפני הדברים אשר שמעת אשר גדפו נערי מלך אשור אתי׃
7 Dhaggeeffadhaa! Ani akka inni oduu wayii dhagaʼee gara biyya ofii isaatti deebiʼuuf hafuura tokko isa keessa nan kaaʼa; achittis akka inni goraadeedhaan ajjeefamu nan godha.’”
הנני נתן בו רוח ושמע שמועה ושב לארצו והפלתיו בחרב בארצו׃
8 Ajajaan waraanaas yommuu akka mootiin Asoor Laakkiishii baʼee deeme dhagaʼetti, duubatti deebiʼee utuu mootichi Libnaa lolaa jiruu argate.
וישב רב שקה וימצא את מלך אשור נלחם על לבנה כי שמע כי נסע מלכיש׃
9 Senaaheriibis akka Tiirhaaq mootichi Itoophiyaa sun isa loluuf dhufaa jiru dhagaʼe. Kanaafuu inni akkana jedhee amma illee Hisqiyaasitti ergamoota erge;
וישמע אל תרהקה מלך כוש לאמר הנה יצא להלחם אתך וישב וישלח מלאכים אל חזקיהו לאמר׃
10 “Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiin akkana jedhaa: Waaqni ati abdattu sun, ‘Yerusaalem dabarfamtee harka mootii Asooritti hin kennamtu’ jedhee si hin gowwoomsin.
כה תאמרון אל חזקיהו מלך יהודה לאמר אל ישאך אלהיך אשר אתה בטח בו לאמר לא תנתן ירושלם ביד מלך אשור׃
11 Ati waan mootonni Asoor guutumaan guutuutti isaan balleessuudhaan biyyoota hunda godhan dhageesseerta. Ati immoo ni haftaa ree?
הנה אתה שמעת את אשר עשו מלכי אשור לכל הארצות להחרימם ואתה תנצל׃
12 Waaqonni saboota abbootiin koo barbadeessan sanaa jechuunis waaqonni Goozaan, waaqonni Kaaraan, waaqonni Rezefii fi waaqonni namoota Eden kanneen Telaasaar keessa turan sanaa isaan oolchaniiruu?
ההצילו אתם אלהי הגוים אשר שחתו אבותי את גוזן ואת חרן ורצף ובני עדן אשר בתלאשר׃
13 Mootiin Hamaati, mootiin Arfaad, mootiin magaalaa Seefarwaayim yookaan mootiin Heenaa yookaan mootiin Iwaa eessa jira?”
איו מלך חמת ומלך ארפד ומלך לעיר ספרוים הנע ועוה׃
14 Hisqiyaasis ergamoota sana harkaa xalayaa fuudhee dubbifate. Ergasiis gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼee xalayaa sana fuula Waaqayyoo duratti diriirse.
ויקח חזקיהו את הספרים מיד המלאכים ויקראם ויעל בית יהוה ויפרשהו חזקיהו לפני יהוה׃
15 Hisqiyaas akkana jedhee Waaqayyoon kadhate; “Yaa Waaqayyo, Waaqa Israaʼel, kan kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Waaqa. Ati samii fi lafa uumteerta.
ויתפלל חזקיהו לפני יהוה ויאמר יהוה אלהי ישראל ישב הכרבים אתה הוא האלהים לבדך לכל ממלכות הארץ אתה עשית את השמים ואת הארץ׃
16 Yaa Waaqayyo, gurra kee as qabiitii dhagaʼi; yaa Waaqayyo ija kees banadhuu ilaali; dubbii Senaaheriib kan inni Waaqa jiraataa arrabsuuf erge kana dhaggeeffadhu.
הטה יהוה אזנך ושמע פקח יהוה עיניך וראה ושמע את דברי סנחריב אשר שלחו לחרף אלהים חי׃
17 “Yaa Waaqayyo mootonni Asoor saboota kanaa fi biyyoota isaanii balleessuun dhugaa dha.
אמנם יהוה החריבו מלכי אשור את הגוים ואת ארצם׃
18 Isaan waaqota jaraa ibiddatti naqanii barbadeessaniiru; waaqonni sun mukaa fi dhagaa harka namaatiin soofaman turan malee waaqota hin turreetii.
ונתנו את אלהיהם באש כי לא אלהים המה כי אם מעשה ידי אדם עץ ואבן ויאבדום׃
19 Kanaafuu yaa Waaqayyo Waaqa keenya, akka mootummoonni lafaa hundinuu yaa Waaqayyo, akka ati qofti Waaqa taate beekaniif harka isaatii nu baasi.”
ועתה יהוה אלהינו הושיענו נא מידו וידעו כל ממלכות הארץ כי אתה יהוה אלהים לבדך׃
20 Sana booddee Isaayyaas ilmi Amoos akkana jedhee Hisqiyaasitti ergaa erge: “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani kadhaa kee kan ati waaʼee Senaaheriib mooticha Asoor kadhatte sana dhagaʼeera.
וישלח ישעיהו בן אמוץ אל חזקיהו לאמר כה אמר יהוה אלהי ישראל אשר התפללת אלי אל סנחרב מלך אשור שמעתי׃
21 Dubbiin Waaqayyo isaan mormuudhaan dubbate kunoo kanaa dha: “‘Intalli Xiyoon Durbi Qulqullittiin si tuffattee sitti qoosti. Intalli Yerusaalem yeroo ati baqattutti mataa ishee sitti raafti.
זה הדבר אשר דבר יהוה עליו בזה לך לעגה לך בתולת בת ציון אחריך ראש הניעה בת ירושלם׃
22 Kan ati itti qoostee arrabsite sun eenyu? Ati eenyutti sagalee kee ol fudhattee of tuulummaadhaan ija ol qabatte? Qulqullichuma Israaʼel sanatti mitii!
את מי חרפת וגדפת ועל מי הרימות קול ותשא מרום עיניך על קדוש ישראל׃
23 Ati karaa ergamoota keetiitiin Gooftaatti qoosteerta. Ati akkanas jetteerta; “Ani gaariiwwan koo hedduudhaan fiixee tulluuwwaniitti, fiixee Libaanoon kan akka malee ol dheeratuttis ol baʼeera. Ani birbirsawwan isaa kanneen akka malee dhedheeroo, gaattiraawwan isaa filatamoo sanas ciccireera. Ani iddoowwan isaa kanneen akka malee ol fagoo, bosonoota isaa keessaa, mimmiidhagoo qaqqabeera.
ביד מלאכיך חרפת אדני ותאמר ברכב רכבי אני עליתי מרום הרים ירכתי לבנון ואכרת קומת ארזיו מבחור ברשיו ואבואה מלון קצה יער כרמלו׃
24 Ani biyya ormaatti boolla bishaanii qotadhee achitti bishaan dhugeera. Ani faana miilla kootiin lageen biyya Gibxi hunda gogseera.”
אני קרתי ושתיתי מים זרים ואחרב בכף פעמי כל יארי מצור׃
25 “‘Ati waan kana hin dhageenyee? Bara dheeraan dura anatu waan kana hojjete. Ani bara durii keessa waan kana nan karoorfadhe; amma immoo hojii irra oolfadheera; kunis akka ati magaalaawwan dallaa jabaa qaban diigdee tuullaa dhagaa geeddartuu dha.
הלא שמעת למרחוק אתה עשיתי למימי קדם ויצרתיה עתה הביאתיה ותהי להשות גלים נצים ערים בצרות׃
26 Namoonni isaanii humna dhabanii abdii kutataniis qaanaʼan. Isaan akkuma biqiltuu diidaa, akkuma biqiltuu kichuu tokkoo, akkuma marga mana gubbaatti biqilu kan utuu hin guddatin gubatee ti.
וישביהן קצרי יד חתו ויבשו היו עשב שדה וירק דשא חציר גגות ושדפה לפני קמה׃
27 “‘Ani garuu lafa ati jirtu, yoom akka dhuftuu fi yoom akka deemtu, akka ati akka malee natti aartu illee nan beeka.
ושבתך וצאתך ובאך ידעתי ואת התרגזך אלי׃
28 Waan ati akka malee natti aartee guggubattee of tuulummaan kee gurra koo gaʼeef, ani hokkoo koo funyaan kee keessa, luugama koo afaan kee keessa kaaʼeen akka ati karuma dhufte sana deebitu sin godha.’
יען התרגזך אלי ושאננך עלה באזני ושמתי חחי באפך ומתגי בשפתיך והשבתיך בדרך אשר באת בה׃
29 “Yaa Hisqiyaas kun mallattoo siif taʼa: “Isin waggaa kana waan ofumaan biqilu, waggaa lammaffaatti immoo waanuma isa irraa latu nyaattu. Waggaa sadaffaatti garuu facaafadhaa galfadhaa; muka wayiniis dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa.
וזה לך האות אכול השנה ספיח ובשנה השנית סחיש ובשנה השלישית זרעו וקצרו ונטעו כרמים ואכלו פרים׃
30 Ammas hambaan mootummaa Yihuudaa tokko jalaan hidda baafatee gubbaan immoo ija naqata.
ויספה פליטת בית יהודה הנשארה שרש למטה ועשה פרי למעלה׃
31 Yerusaalem keessaa hambaan tokko, Tulluu Xiyooniitii immoo gareen warra badiisa jalaa baʼe tokkoo ni dhufa. Hinaaffaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu waan kana ni raawwata:
כי מירושלם תצא שארית ופליטה מהר ציון קנאת יהוה תעשה זאת׃
32 “Kanaafuu Waaqayyo waaʼee mooticha Asoor akkana jedha: “‘Inni magaalaa kana hin seenu yookaan xiyya tokko illee asitti hin darbatu. Inni gaachana qabatee fuula isaa duratti hin dhiʼaatu yookaan tuullaa biyyoo itti hin marsu.
לכן כה אמר יהוה אל מלך אשור לא יבא אל העיר הזאת ולא יורה שם חץ ולא יקדמנה מגן ולא ישפך עליה סללה׃
33 Inni karuma dhufe sanaan ni deebiʼa; magaalaa kanas hin seenu, jedha Waaqayyo.
בדרך אשר יבא בה ישוב ואל העיר הזאת לא יבא נאם יהוה׃
34 Anis sababii ofii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee, magaalaa kana nan eega; nan oolchas.’”
וגנותי אל העיר הזאת להושיעה למעני ולמען דוד עבדי׃
35 Halkanuma sana ergamaan Waaqayyoo gad baʼee qubata warra Asoor keessatti nama kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shan fixe. Yommuu namoonni guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanitti kunoo reeffi namaa lafa guutee ture!
ויהי בלילה ההוא ויצא מלאך יהוה ויך במחנה אשור מאה שמונים וחמשה אלף וישכימו בבקר והנה כלם פגרים מתים׃
36 Kanaafuu Senaaheriib mootichi Asoor qubata sana keessaa baʼee baqate; Nanawweetti deebiʼees achi jiraate.
ויסע וילך וישב סנחריב מלך אשור וישב בנינוה׃
37 Gaaf tokko utuu inni mana sagadaa waaqa isaa Nisrook jedhamuu keessatti waaqeffachaa jiruu ilmaan isaa Adramelekii fi Sharezer goraadeedhaan isa ajjeesanii biyya Araaraatitti baqatan. Ilmi isaa Eesarhadoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
ויהי הוא משתחוה בית נסרך אלהיו ואדרמלך ושראצר הכהו בחרב והמה נמלטו ארץ אררט וימלך אסר חדן בנו תחתיו׃

< 2 Mootota 19 >