< 2 Mootota 17 >

1 Bara Aahaaz mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha lammaffaatti Hoosheeʼaa ilmi Eelaa Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa sagal bulche.
Katika mwaka wa kumi na moja wa Ahazi mfalme Yuda, utawala wa Hoshea mwana wa Elahi ulianza. Alitawala katika Samaria juu ya Israeli kwa muda wa miaka minane.
2 Innis fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; garuu akka mootota Israaʼel kanneen isaan dura turan sanaa miti.
Alifanya yaliyo maovu usoni pa Yahwe, ila sio kama waflme wa Israeli ambao ulikuwa kabla yake.
3 Shalmaneseer mootichi Asoor Hoosheeʼaa loluuf ol baʼe; Hooseʼaas garboomeefii gibira baaseef.
Shalmanesa mfalme wa Ashuru akamshambulia, na Hoshea akawa mtumishi na kumletea kodi.
4 Mootiin Asoor garuu akka Hoosheeʼaa gantuu taʼe hubate; Hooseʼaa Siigoor mooticha Gibxitti jaarsa araaraa ergatee ergasii akka duraan wagguma waggaan baasaa ture sana mootii Asooriif gibira baasuu dhiise. Kanaafuu Silminaasoor isa qabee mana hidhaa keessa buuse.
Kisha mfalme wa Ashuru akaona kwamba Hoshea alikuwa na njama dhidi ya yake, kwa kuwa Hoshea aliwatuma wajumbe kwa So mfalme wa Misri; pia, hakumpatia kodi mfalme wa Ashuru, kama alivyofanya mwaka hadi mwaka.
5 Ergasiis mootichi Asoor guutummaa biyyattii weerare; Samaariyaattis duulee waggaa sadii marsee ishee qabate.
Basi mfalme wa Ashuru akamfunga akamtia kifungoni. Kisha mfalme wa Ashuru akaishambulia nchi yote, akaishambulia Samaria na kuizunguka kwa miaka mitatu.
6 Bara mootummaa Hoosheeʼaa keessa waggaa saglaffaatti mootiin Asoor Samaariyaa qabatee Israaʼeloota boojiʼee Asooritti geesse. Innis Halaa keessa, Goozaan keessa, cina Laga Haaboorii fi magaalaawwan Midiyaan keessa isaan qubachiise.
Katika mwaka wa tisa wa Hoshea, mfalme wa Ashuru akaichukua Samaria na akawapeleka Israeli hadi Ashuru. Akawaweka kwenye Hala, kwenye Habori Mto wa Gozani, na katika mji wa Wamedi.
7 Wanni kun hundinuu sababii Israaʼeloonni Waaqayyo Waaqa isaanii isa Gibxii humna Faraʼoon mooticha Gibxi jalaa isaan baase sanatti cubbuu hojjetaniif taʼe; isaan waaqota biraa waaqeffatanii
Utekwaji huu ulitokea kwa sababu wana wa Israeli walifanya dhambi dhidi ya Yahwe Mungu wao, ambaye aliwaleta kutoka nchi ya Misri, kutoka chini ya mkono wa Farao mfalme wa Misri. Watu walikuwa wakiabudu miungu mingine
8 waan saboonni Waaqayyo isaan duraa ariʼee baase sun hojjetan duukaa buʼanii barteewwan hamaa mootonni Israaʼel fidanii isaan barsiisan illee fudhatan.
na kutembea katika matendo ya wamataifa ambao Yahwe aliwafukuza mbele ya watu wa Israeli, na katika matendo ya wafalme wa Israeli ambayo waliyokuwa wameyafanya.
9 Israaʼeloonni dhoksaadhaan waan qajeelaa hin taʼin Waaqayyo Waaqa isaaniitti hojjetan. Isaan magaalaawwan isaanii hunda keessatti gamoo eegumsaatii jalqabanii hamma magaalaawwan dallaa jabaa qabaniitti iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaarratan.
Wana wa Israeli wakafanya kwa siri mambo mabaya dhidi ya Yahwe Mungu wao. Wakajijengea mahala pa juu katika miji yao yote, kutoka mnara wa walinzi hadi mji wenye boma.
10 Gaarran ol dhedheeroo hunda gubbaattii fi muka lalisaa hunda jalatti fakkiiwwanii fi siidaa Aasheeraa dhaabbatan.
Pia wakasimamisha nguzo za mawe na Ashera juu ya kila mlima chini ya kila mti mbichi.
11 Isaan akkuma saboonni Waaqayyo fuula isaanii duraa ariʼee baase godhan sana iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hunda irratti ixaana aarsan. Waan hamaa aariidhaaf Waaqayyoon kakaasu illee ni hojjetan.
Huko wakafukiza ubani katika mahali pa juu pote, kama mataifa walivyokuwa wamefanya, ambao Yahwe aliwafukuza mbele yao. Waisraeli wakafanya mambo maovu ili kuchochea hasira ya Yahwe,
12 Waaqayyos, “Isin waan kana hin hojjetinaa” jedhu illee isaan waaqota tolfamoo waaqeffatan.
wakaabudu sanamu, ambazo Yahwe alizokuwa amewaambia, “Msifanye jambo hili.”
13 Waaqayyo akkana jedhee karaa raajotaatii fi ilaaltota isaa hundaatiin Israaʼelii fi Yihuudaa akeekkachiise; “Karaa keessan hamaa kana irraa deebiʼaa. Akkuma ajajawwan ani abbootii keessan ajaje hundaattii fi akkuma seera ani karaa garboota koo raajotaatiin isiniif erge sanaatti ajajaa fi seera koo eegaa.”
Bado Yahwe aliwashuhudia Israeli na Yuda kwa kila nabii na kila muonaji, kusema, “Geukeni kutoka nija zenu mbaya na kuzishika amri zangu na hukumu zangu, na kuwa makini kufuata ile sheria yote niliyowaamuru baba zenu, na ambayo niliwapelekea kwa watumishi wangu manabii.”
14 Isaan immoo dhaggeeffachuu didanii akkuma abbootii isaanii kanneen Waaqayyo Waaqa isaanii amanuu didan sanaa mataa jabaatan.
Lakini hawakuweza kusikia; badala yake walikuwa wakaidi kama baba zao ambao hawakumwamini Yahwe Mungu wao.
15 Isaan seeraa fi kakuu inni abbootii isaanii wajjin gale akkasumas akeekkachiisa inni isaaniif kenne illee fudhachuu didan. Isaan waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne duukaa buʼanii isaanis faayidaa dhaban. Isaan utuma Waaqayyo, “Waan jarri hojjetan hin hojjetinaa” jedhee isaan ajajuu saboota ollaa isaanii duukaa buʼanii waan Waaqayyo hojjechuu isaan dhowwe ni hojjetan.
Walizikataa sheria zake na lile agano ambalo alilifanya pamoja na babu zao, na hilo agano wakakubaliana wapewe. Wakafuata mambo yao yasiyofaa na wakawa hawafai. Wakawafuata mataifa ya kipagani ambao waliwazunguka, ambao Yahwe alikuwa amewaamuru wasiige.
16 Isaan ajaja Waaqayyo Waaqa isaanii hunda dhiisanii waaqota tolfamoo baqfamanii bifa jabbiitiin hojjetaman lamaa fi siidaa Aasheeraa tolfatan. Raayyaawwan samii hundaaf sagadanii Baʼaalin illee waaqeffatan.
Wakazipuuza amri zote za Yahwe Mungu wao. Wakatengeneza sanamu za kusubu za ndama wawili kuziabudu. Wakatengeza nguzo ya Ashera, na wakaziabudu nyota zote za mbinguni na Baali.
17 Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii ibiddaan guban. Warra waa himu gorsa gaafatan; falfalas hojjetanii fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjechuutti dabarsanii of kennanii dheekkamsaaf isa kakaasan.
Wakawatupia watoto wao wakike kwa wakiume kwenye moto, wakapiga ramli na uchawi, wakajiuza wenyewe kufanya yale ambayo yalikuwa maovu usoni pa Yahwe, na kuichochea hasira yake.
18 Kanaafuu Waaqayyo akka malee Israaʼelitti dheekkamee fuula isaa duraa isaan buqqise. Gosa Yihuudaa qofatu hafe;
Kwa hiyo Yahwe alikuwa na hasira na Israeli na kuwaondoa usoni mwake. Hakubakia mtu hata mmoja isipokuwa kabila la Yuda peke yake.
19 Yihuudaan iyyuu ajaja Waaqayyo Waaqa isaanii hin eegne. Isaanis bartee Israaʼeloonni itti fidan duukaa buʼan;
Hata watu wa Yuda hawakushika amri za Yahwe Mungu wao, lakini badala yake walifuata mambo hayo hayo ya kipagani ambayo Israeli walifuata.
20 kanaafuu Waaqayyo saba Israaʼel hunda ni gate; inni isaan miidhee hamma fuula isaa duraa isaan dhabamsiisutti dabarsee harka saamtotaatti isaan kenne.
Hivyo Yahwe akawakataa vizazi vyote vya Israeli; akawatesa na kuwatia kwenye mkono wa wale wenye kuwateka nyara, hadi atakapokuwa amewatupa usoni mwake.
21 Gaafa inni mana Daawit irraa Israaʼel baqaqsetti isaan Yerobiʼaam ilma Nebaat sana mootii godhatan. Yerobiʼaamis akka Israaʼeloonni Waaqayyo irraa garagalanii cubbuu guddaa hojjetan godhe.
Akawatoa Israeli kutoka kwenye mstari wa kifalme wa Daudi, na wakamfanya Yeroboamu mwana wa Nabeti mfalme. Yeroboamu akawapeleka Israeli mbali kutoka kumfuata Yahwe na kuwafanya wafanye dhambi kubwa.
22 Israaʼeloonni cubbuu Yerobiʼaam hunda keessa jiraatan malee
Wana wa Israeli wakafuata dhambi zote za Yeroboamu na hawakujiepusha nazo,
23 hamma Waaqayyo akkuma karaa garboota isaa raajotaatiin akeekkachiise sanatti fuula isaa duraa isaan buqqisutti irraa hin deebine. Kanaafuu sabni Israaʼel biyya isaatii boojuudhaan fudhatamee Asooritti geeffame; hamma harʼaattis achuma jiraata.
basi Yahwe akawaondoa Israeli kutoka usoni pake, kama alivyokuwa amesema kupitia watumishi wake wote manabii kwamba angeweza kufanya. Hivyo Israeli walichukuliwa kutoka nchi yao kwenda Ashuru, na iko hivyo hata leo.
24 Mootiin Asoor biyya Baabilonii, Kuutaadhaa, Awaadhaa, biyya Hamaatii fi Seefarwaayimii namoota fidee iddoo Israaʼelootaa buusuuf jedhee magaalaawwan Samaariyaa keessa qubachiise. Isaanis Samaariyaa fudhatanii magaalaawwan ishee keessa ni jiraatan.
Mfalme wa Ashuru akawaleta watu kutoka Babeli na kutoka Kutha, na kutoka Ava, na kutoka Hamathi na Sefarvaimu, na kuwaweka katika mji wa Samaria na kuishi katika huo mji wake.
25 Isaan yeroo achi jiraachuu jalqabanitti Waaqayyoon hin waaqeffanne; kanaafuu inni gidduu isaaniitti leencota erge; leenconnis isaan keessaa namoota muraasa galaafatan.
Ikatokea wakati walipoanza kuishi huko hawakumcha Yahwe. Hivyo Yahwe akatuma simba miongoni mwao ambao waliwaua baadhi yao.
26 Mooticha Asoorittis akkana jedhanii himan; “Namoonni ati boojitee magaalaawwan Samaariyaa keessa qubachiifte sun waan Waaqni biyya sanaa fedhu hin beekan. Inni gidduu isaaniitti leencota erge; leenconnis sababii namoonni waan Waaqni sun fedhu hin beekiniif isaan fixan.”
Basi wakaongea na mfalme wa Ashuru, wakisema, “Wale mataifa uliowaamisha na kuwaweka kwenye miji ya Samaria hawayajui mambo wanayotakiwa kuyafanya kutokana na mungu wa nchi. Hivyo alikuwa amewatuma simba kwenda kwao, na, tazama, wale simba walikuwa wakiwauua watu huko kwa sababu hawakufahamu yale mambo waliyokuwa wanatakiwa kuyafanya kwa mungu wa nchi.”
27 Kana irratti mootiin Asoor, “Luboota boojitanii Samaariyaadhaa fiddan keessaa tokko akka inni deebiʼee achi jiraatee waan Waaqni biyya sanaa fedhu namoota barsiisuuf achi deebisaa” jedhee ajaja kenne.
Kisha mfalme wa Ashuru akatoa amri, akisema, “Mchukueni mmoja wa makuhani hapo ambaye mmemleta kutoka huko, na mumwache aende na kuishi huko, na mumwache awafundishe mambo yanayotakiwa kwa mungu wa nchi.”
28 Kanaafuu luboota Samaariyaadhaa boojiʼaman keessaa tokko Beetʼeel keessa jiraatee akka isaan itti Waaqayyoon waaqeffatan barsiisuu dhufe.
Hivyo mmoja wa makuhani ambaye walimchukua kutoka Samaria akaja na kuishi katika Betheli; akawafundisha jinsi wavyotakiwa mcha Yahwe.
29 Taʼus tokkoon tokkoon gosaa magaalaa keessa jiraatutti waaqota ofii isaa tolfatee iddoowwan sagadaa kanneen warri Samaariyaa gaarran irratti hojjetanii turan sana irra dhaabe.
Watu wa kila kabila wakajifanyia miungu yao wenyewe, na kuiweka mahala pa juu ambapo Wasamaria walifanya kila kabila katika mji ambako walipoishi.
30 Warri Baabilonii dhufan Waaqa tolfamaa Sukooti Banooti, warri Kuutaadhaa dhufan Waaqa tolfamaa Nergaal, warri Hamaatii dhufan immoo Waaqa tolfamaa Ashiimaa jedhamu ni tolfatan.
Watu wa Babeli wakatengeneza Sakoth Benithi; watu wa Sakoth wakatengeneza Nergali; watu wa Hamathi wakatengeza Ashima;
31 Awwiimonni waaqota tolfamoo Nibhaazii fi Tartaaq jedhaman tolfatan; Seefarwaayimoonni immoo waaqota tolfamoo Seefarwaayim kanneen Adramelekii fi Anaamelek jedhamaniif ijoollee isaanii aarsaa godhanii ibiddaan guban.
Waavi wakatengeneza Nibhazi na Tartaki. Nao Wasefarvi wakwachoma watoto wao kwenye moto kwa Adrameleki na Anameleki, wale miungu wa Sefarvaimu.
32 Isaan Waaqayyoon waaqeffatan; garuu akka isaan iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti luboota taʼanii tajaajilaniif ofuma gidduudhaa namoota ni filatan.
Pia wakamcha Yahwe, na kuwateua kutoka miongoni mwao makuhani wa mahali pa juu, ambao waliteketeza kwa ajili yao kwenye hekalun mahali pa juu.
33 Isaan Waaqayyoon waaqeffatan; garuu akkuma bartee saboota keessaa fidaman sanaatti waaqota ofii isaanii tajaajilan.
Wakamcha Yahwe na pia kuabudu miungu yao wenyewe, sawa sawa na tamaduni za mataifa kutoka miongoni mwao waliokuwa wamewachukua.
34 Isaan hamma harʼaatti illee ittuma cichanii bartee isaanii kan qaraa sana keessa jiraatu. Isaan Waaqayyoon hin waaqeffatan yookaan labsii fi qajeelfama, seeraa fi ajaja Waaqayyo sanyiiwwan Yaaqoob kan Israaʼel jedhee moggaase sanaaf kennes duukaa hin buʼan.
Hadi siku hii ya leo wameshikilia tamaduni zao za zamani. Wala hawamwogopi Yahwe, wala hawazifuati sheria zake, torati, au amri ambazo Yahwe aliwapa watu wa Yakobo ambaye alemwita jina Israeli
35 Waaqayyo gaafa Israaʼeloota wajjin kakuu galetti akkana jedhee isaan ajaje: “Isin Waaqa biraa tokko illee hin waaqeffatinaa yookaan hin sagadinaafii; isaan hin tajaajilinaa yookaan aarsaa isaaniif hin dhiʼeessinaa.
pamoja na ambao Yahwe alifanya agano nao na kuwaamuru, “Msiiche miungu mingine, wala kuisujudia, wala kuiabudu, wala kuitolea sadaka.
36 Garuu Waaqayyo isin waaqeffachuu qabdan, isa humna jabaa fi irree diriirfameen Gibxii baasee isin fide sanaa dha. Isin isaaf sagaddanii aarsaa dhiʼeessuufii qabdu.
Lakini Yahwe, ambaye aliwatoa kutoka nchi ya Misri kwa nguvu kubwa na mkono ulionyooshwa, yeye ndiye mnayetakiwa kumwabudu, yeye ndiye manayetakiwa kumsujudia, na yeye ndiye mnayetakiwa kumtolea sadaka.
37 Isin yeroo hunda labsii fi qajeelfama, seeraa fi ajaja inni isinii barreesse sana of eeggannaadhaan eeguu qabdu. Waaqota biraa hin waaqeffatinaa.
Na sheria na hukumu, na torati na amri ambazo alizoziandika kwa ajili yenu, mtazishika milele. Hivyo msiiche miungu mingine,
38 Kakuu ani isin wajjin gale sana hin irraanfatinaa; waaqota biraa hin waaqeffatinaa.
na agano ambalo nimelifanya pamoja nanyi, hamtalisahau; wala kuicha miungu mingine.
39 Qooda kanaa Waaqayyo Waaqa keessan waaqeffadhaa; kan harka diina keessan hundaa keessaa isin baasu isumaa.”
Lakini Yahwe Mungu wenu, ndiye ambaye mtakayemcha. Atawalinda mbali na nguvu ya maadui zenu,”
40 Taʼus isaan ittuma cichanii waanuma qaraa sana hojjetan malee isa hin dhageenye.
Hawatasikia, kwasababu waliendelea kufanya yale waliyokuwa wameyafanya nyuma.
41 Yeroo namoonni kunneen Waaqayyoon waaqeffachaa jiranitti illee isaan waaqota tolfamoo isaanii tajaajilaa turan. Hamma guyyaa harʼaatti illee ijoolleen isaaniitii fi ijoolleen ijoollee isaanii ittuma fufanii akkuma abbootiin isaanii hojjetan sana hojjechaa jiru.
Hivyo haya mataifa wakamcha Yahwe na pia wakaabudu sanamu zao za kuchonga, na watoto wao wakafanya hivyo hivyo na watoto wa watoto wao. Wakaendelea kufanya yale ambayo babu zao waliyoyafanya, hata leo.

< 2 Mootota 17 >