< 2 Mootota 16 >

1 Bara mootummaa Pheqaa ilma Remaaliyaa keessa waggaa kudha torbaffaatti Aahaaz ilmi Yootaam mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe.
En la dix-septième année du règne de Phacée, fils de Romélie, Achaz, fils de Joatham, devint roi de Juda.
2 Aahaaz yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamaa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Inni akka abbaa isaa akka Daawit fuula Waaqayyoo Waaqa isaa duratti waan qajeelaa hin hojjenne.
Il avait vingt ans quand il monta sur le trône, et il régna seize ans à Jérusalem; il ne fit point ce qui est droit aux yeux du Seigneur son Dieu, aussi fidèlement que David, son aïeul.
3 Inni karaa mootota Israaʼel duukaa buʼee gochawwan jibbisiisoo saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hojjechuudhaan ilma isaa illee aarsaa godhee ibiddaan gube.
Et il marcha dans la voie des rois d'Israël; même il livra son fils aux flammes de Moloch, selon l'abomination des peuples que le Seigneur avait exterminés devant la face des fils d'Israël.
4 Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti, fiixee gaarranii irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti qalma dhiʼeessee, ixaanas aarse.
Et il immola des victimes sur les hauts lieux, sur les collines, et sous tout arbre touffu.
5 Reziin mootichi Sooriyaatii fi Pheqaan ilmi Remaaliyaa mootichi Israaʼel Yerusaalemin loluuf ol baʼanii Aahaazin marsan; garuu isa moʼachuu hin dandeenye.
Alors, Rasin, roi de Syrie, et Phacée, roi d'Israël, vinrent combattre sous les murs de Jérusalem; ils assiégèrent Achaz, mais ils ne purent prévaloir sur lui.
6 Yeroo sanatti Reziin mootichi Sooriyaa namoota Yihuudaa ariʼee baasuudhaan Eelaatin warra Sooriyaatiif deebise. Ergasiis Edoomonni Eelaatitti godaananii hamma harʼaatti achuma jiraatu.
En temps-là, Rasin reprit Elath pour la Syrie, il en chassa les Juifs, et des Iduméens y vinrent; et ils y sont demeurés jusqu'à nos jours.
7 Aahaazis akkana jedhee gara Tiiglaat Phileeser mooticha Asooritti nama erge; “Ani garbichaa fi ilma kee ti. Kottuutii harka mootii Sooriyaatii fi harka mootii Israaʼel kanneen natti duulaniitii na baasi.”
Et Achaz envoya des messagers à Theglath-Phalasar, roi des Assyriens, disant: Moi et mon fils, nous sommes tes serviteurs; viens, sauve-moi des mains du roi de Syrie, et des mains du roi d'Israël, qui se sont levés contre moi.
8 Kana irratti Aahaaz meetii fi warqee mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiruu fi kan mankuusaa qabeenya masaraa mootummaa keessatti argamu baasee kennaa godhee mootii Asooritiif ni erge.
Achaz prit l'argent et l'or qui se trouva dans les trésors, soit du temple, soit du palais, et il en fit présent au roi d'Assyrie.
9 Mootiin Asoor sunis kadhaa isaa tole jedhee Damaasqoo lolee qabate. Jiraattota ishees boojiʼee Qiiritti geesse; Reziinin immoo ni ajjeese.
Et le roi des Assyriens l'écouta; il marcha sur Damas, la prit, la dépeupla, et mit à mort le roi Rasin.
10 Aahaaz mootichi Tiiglaat Phileeser mooticha Asoor arguuf Damaasqoo dhaqe. Innis iddoo aarsaa tokko Damaasqoo keessatti argee fakkeenya isaatii fi karoora ittiin ijaaran hunda barreessee Uuriyaa lubichatti erge.
Et le roi Achaz alla dans Damas à la rencontre de Theglath-Phalasar; il vit un autel à Damas, et il envoya au prêtre Urie l'image de l'autel, ses proportions, sa structure.
11 Kanaafuu Uuriyaa lubichi akkuma karoora Aahaaz mootichi Damaasqoodhaa ergeef sana hundaatti utuu Aahaaz mootichi Damaasqoodhaa hin deebiʼin dura iddoo aarsaa sana ijaaree fixe.
Et le prêtre Urie bâtit un autel selon le modèle que le roi lui avait envoyé de Damas.
12 Mootichis yommuu Damaasqoodhaa deebiʼee iddoo aarsaa sana argetti itti dhiʼaatee irratti aarsaa dhiʼeesse.
Puis, Achaz vit l'autel et il y monta;
13 Innis aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii dhiʼeessee dhibaayyuu illee dhibaafatee dhiiga aarsaa nagaa kan ofii isaas iddoo aarsaa sana irratti ni facaase.
Il fit son holocauste, son sacrifice et sa libation, et il répandit le sang de ses hosties pacifiques offertes sur l'autel
14 Iddoo aarsaa naasii irraa hojjetamee fuula Waaqayyoo dura dhaabatee ture sanas mana qulqullummaa duraa iddoo aarsaa haaraa fi mana qulqullummaa Waaqayyoo gidduudhaa fidee gama kaabaatiin iddoo aarsaa haaraa bira kaaʼe.
D'airain qui était devant le Seigneur. Et il transporta cet autel de devant la façade du temple, du lieu entre l'autel et le temple, et il le dressa du même côté en tirant vers le nord.
15 Ergasii Aahaaz mootichi akkana jedhee Uuriyaa lubicha ajaje; “Iddoo aarsaa guddicha irratti aarsaa gubamu kan ganamaatii fi kennaa midhaanii kan galgalaa, aarsaa mootichaa kan gubamuu fi kennaa midhaanii, aarsaa namoota biyyattii hundaa kan gubamu, kennaa isaanii kan midhaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessi. Iddoo aarsaa irratti dhiiga aarsaa gubamuutii fi dhiiga qalmaa hunda facaasi. Iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetame garuu anatu ittiin gorsa gaafata.”
Ensuite, le roi Achaz donna ses ordres au prêtre Urie, disant: Tu présenteras, sur le grand autel, l'holocauste du matin, les oblations du soir, l'holocauste du roi et son oblation, l'holocauste de tout le peuple, et son oblation et sa libation; tu répandras sur le même autel tout le sang de l'holocauste et tout le sang de toute autre victime, et l'autel d'airain le matin me sera réservé.
16 Uuriyaan lubichis akkuma Aahaaz mootichi ajaje sana godhe.
Et Urie le prêtre fit tout ce que lui avait prescrit le roi Achaz.
17 Aahaaz mootichi baattuuwwan asii fi achi sochoofaman sana irraa marsaawwan buqqisee caabiiwwan dhiqannaa illee irraa baase. Gaanii sana baattuuwwan fakkii jibootaa kanneen naasii irraa hojjetaman irraa fuudhee dhagaa afamaa irra kaaʼe.
Le roi Achaz effaça les ciselures des bassins, il enleva les cuvettes qu'ils supportaient, et il ôta, pour la mettre sur une base de pierre, la mer qui reposait sur les bœufs d'airain.
18 Innis mootii Asooriif jedhee oobdii guyyaa Sanbataatiif hojjetame iddoo isaatii fuudhee karra alaa kan mootonni ittiin mana qulqullummaa Waaqayyoo seenanis ni buqqise.
Et il construisit une base pour le trône dans le temple du Seigneur, et il transporta à l'intérieur la porte extérieure par laquelle le roi entrait dans le temple, à cause du roi des Assyriens.
19 Wanni bara mootummaa Aahaaz keessa hojjetame biraatii fi wanni inni hojjete kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii?
Quant au reste de l'histoire du roi Achaz, n'est-il pas écrit au livre des Faits et gestes des rois de Juda?
20 Aahaazis abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Hisqiyaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Et Achaz s'endormit avec ses pères; il fut enseveli dans la ville de David, et son fils Ezéchias régna à sa place.

< 2 Mootota 16 >