< 2 Mootota 15 >

1 Bara mootummaa Yerobiʼaam mooticha Israaʼel keessa waggaa digdamii torbaffaatti, Azaariyaa ilmi Amasiyaa mooticha Yihuudaa sanaa mootii taʼe.
Године двадесет седме царовања Јеровоамовог над Израиљем зацари се Азарија, син Амасијин над Јудом.
2 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha jaʼa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii lama ni bulche. Maqaan haadha isaa Yekooliyaa ture; isheenis nama Yerusaalem turte.
Беше му шеснаест година кад се зацари, и царова педесет и две године у Јерусалиму. Матери му беше име Јехолија, из Јерусалима.
3 Innis akkuma abbaa isaa Amasiyaa sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete.
Он чињаше што је право пред Господом сасвим као што је чинио Амасија, отац његов.
4 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonni ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan.
Али висине не бише оборене: народ још приношаше жртве и кађаше на висинама.
5 Waaqayyos hamma gaafa inni duʼeetti mooticha lamxiidhaan dhaʼe; innis mana kophaa keessa ni jiraate. Yootaam ilmi mootichaa itti gaafatama masaraa mootummaa fudhatee saba biyyattii bulche.
А Господ удари цара, те би губав до смрти своје; и живљаше у одвојеном дому; а Јотам, син царев управљаше двором и суђаше народу у земљи.
6 Wantoonni bara mootummaa Azaariyaa keessa hojjetaman kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
А остала дела Азаријина и све што је чинио, није ли то записано у дневнику царева Јудиних?
7 Azaariyaa abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Yootaam iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
И почину Азарија код отаца својих, и погребоше га код отаца његових у граду Давидовом; а на његово се место зацари Јотам, син његов.
8 Bara mootummaa Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saddeettaffaatti Zakkaariyaas ilmi Yerobiʼaam Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee jiʼa jaʼa bulche.
Тридесет осме године царовања Азаријиног над Јудом зацари се Захарија, син Јеровоамов над Израиљем у Самарији, и царова шест месеци.
9 Innis akkuma abbaan isaa hojjete sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka warri Israaʼel hojjetan godhe sana irraa hin deebine.
И чињаше што је зло пред Господом као што су чинили оци његови; не одступи од грехова Јеровоама, сина Наватовог, којима наведе на грех Израиља.
10 Shaluum ilmi Yaabeesh sun Zakkaariyaasitti kaʼee fuuluma sabaa duratti isa ajjeesee iddoo isaa qabatee mootii taʼe.
И побуни се на њ Салум, син Јависов, и уби га пред народом и погуби га, и зацари се на његово место.
11 Wantoonni bara mootummaa Zakkaariyaas keessa hojjetaman kanneen biraa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
А остала дела Захаријина, ено записана су у дневнику царева Израиљевих.
12 Akkasiinis dubbiin Waaqayyoo kan inni “Sanyiiwwan kee hamma dhaloota Afuraffaatti teessoo Israaʼel irra ni taaʼu” jedhee Yehuutti dubbate sun ni raawwatame.
То је реч Господња коју рече Јују говорећи: Синови твоји до четвртог колена седеће на престолу Израиљевом. И зби се тако.
13 Shaluum ilmi Yaabeesh bara mootummaa Uziyaan mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee jiʼa tokko bulche.
Салум, син Јависов, зацари се тридесет девете године царовања Озијиног над Јудом, и царова месец дана у Самарији.
14 Menaaheem ilmi Gaadiis Tiirzaadhaa kaʼee Samaariyaa dhaqe. Innis Shaluum ilma Yaabeesh sana lolee Samaariyaa keessatti ajjeesee iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Јер Менајим, син Гадијев из Терсе подиже се и дође у Самарију и уби Салума, сина Јависовог у Самарији, и погуби га, и зацари се на његово место.
15 Wantoonni bara mootummaa Shaluum keessa hojjetaman biraatii fi fincilli inni hojjete kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru.
А остала дела Салумова и буна коју подиже, ето, то је записано у дневнику царева Израиљевих.
16 Yeroo sanatti, Menaaheem Tiirzaa kaʼee Tiifsaa fi warra magaalaa sana keessaa fi naannoo ishee jiraatu hunda dhaʼe; kunis sababii isaan karra banuufii didaniif. Innis Tiifsaa saamee dubartoota ulfa qaban hunda garaa baqaqse.
Тада Менајим раскопа Тапсу и поби све који беху у њој и у међама њеним од Терсе, јер му не отворише, зато их поби и све трудне жене њихове распори.
17 Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti Menaaheem ilmi Gaadii mootii Israaʼel taʼe; innis Samaariyaa keessa jiraatee waggaa kudhan bulche.
Године тридесет девете царовања Азаријиног над Јудом зацари се Менајим, син Гадијев над Израиљем, и царова десет година у Самарији.
18 Innis fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Bara biyya bulchaa ture guutuus cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.
И чињаше што је зло пред Господом, не одступи свега века свог од грехова Јеровоама, сина Наватовог којима наведе на грех Израиља.
19 Ergasiis Phuuli mootichi Asoor biyyattiitti ni duule; Menaaheem immoo akka gargaarsa isaa argate aangoo ofii isaa jalatti mootummaa turfatuuf meetii taalaantii kuma tokko kenneef.
Тада Фул, цар асирски удари на земљу, а Менајим даде Фулу хиљаду таланата сребра да би му помогао да утврди царство у својој руци.
20 Menaaheem maallaqa kana warruma Israaʼel baasise. Akka mootii Asooriif kennamuuf namni sooressi kam iyyuu meetii saqilii shantama baasuu qaba. Kanaafuu mootiin Asoor duubatti deebiʼee malee ergasii biyyattii keessa hin turre.
А те новце узе Менајим од Израиља, од свих богатих људи, да их да цару асирском, од сваког по педесет сикала. Тако се врати цар асирски, и не забави се онде у земљи.
21 Wanni bara mootummaa Menaaheem keessa hojjetame kan biraa, wanni inni hojjete hundis kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii?
А остала дела Менајимова и шта је год чинио, није ли записано у дневнику царева Израиљевих?
22 Menaaheemis abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Pheqaayaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
И почину Менајим код отаца својих, а на његово се место зацари Факија, син његов.
23 Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa shantammaffaatti Pheqaayaan ilmi Menaaheem Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama bulche.
Године педесете царовања Азаријиног над Јудом зацари се Факија, син Менајимов над Израиљем у Самарији, и царова две године.
24 Pheqaayaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.
И чињаше што је зло пред Господом, не одступи од грехова Јеровоама сина Наватовог, којима наведе на грех Израиља.
25 Ajajjoota isaa ol aantota keessaa Pheqaan ilmi Remaaliyaa isatti malate. Innis namoota Giliʼaad keessaa nama shantama fudhatee fiixee masaraa mootummaa kan Samaariyaa keessaa irratti Pheqaayaa, Argobbii fi Ariyyee ajjeese. Pheqaanis akkasiin Pheqaayaa ajjeesee iddoo isaa mootii taʼe.
И побуни се на њ Фекај син Ремалијин, војвода његов, и уби га у Самарији у царском двору, с Арговом и Аријем и с педесет људи синова Галадових; и убивши га зацари се на његово место.
26 Wanni bara mootummaa Pheqaayaa keessa hojjetame kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii?
А остала дела Факијина и шта је год чинио, ено је записано у дневнику царева Израиљевих.
27 Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessaa waggaa shantamii lammaffaatti, Pheqaan ilmi Remaaliyaa Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa digdama bulche.
Године педесет друге Азарије, цара Јудиног, зацари се Фекај син Ремалијин над Израиљем у Самарији, и царова двадесет година.
28 Innis fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.
И чињаше што је зло пред Господом, не одступи од грехова Јеровоама, сина Наватовог, којима наведе на грех Израиља.
29 Bara Pheqaa mooticha Israaʼel keessa Tiiglaat Phileeser mootichi Asoor dhufee Iiyoon, Abeel Beet Maʼaakaa, Yaanoʼaa, Qaadeshii fi Haazoor, Giliʼaadii fi Galiilaa, biyya Niftaalem hundas walumatti qabatee namootas guuree Asooritti geesse.
У време Фекаја, цара Израиљевог дође Теглат-Феласар цар асирски, и узе Ијон и Авел-Ветмаху и Јанох и Кедес и Асор и Галад и Галилеју, сву земљу Нефталимову, и пресели народ оданде у Асирију.
30 Ergasiis Hoosheeʼaa ilmi Eelaa, Pheqaa ilma Remaaliyaatti malate. Innis lolee isa ajjeesee bara mootummaa Yootaam ilma Uziyaan keessaa waggaa digdammaffaatti iddoo isaa mootii taʼe.
Тада се побуни Осија, син Илин на Фекаја, сина Ремалијиног и уби га и погуби га, и зацари се на његово место двадесете године Јотама, сина Озијиног.
31 Wanni bara mootummaa Pheqaa keessa hojjetame biraa fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii?
А остала дела Фекајева и све што је чинио, ено је записано у дневнику царева Израиљевих.
32 Bara Pheqaa ilma Remaaliyaa mooticha Israaʼel keessa waggaa lammaffaatti Yootaam ilmi Uziyaan mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe.
Друге године царовања Фекаја сина Ремалијиног над Израиљем зацари се Јотам, син Озијин над Јудом.
33 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Maqaan haadha isaa Yaruusaa ture; isheenis intala Zaadoq turte.
Беше му двадесет и пет година кад поче царовати, и царова шеснаест година у Јерусалиму. Матери му беше име Јеруса, кћи Садокова.
34 Innis akkuma abbaan isaa Uziyaan godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete.
И чињаше што је право пред Господом, сасвим чињаше како је чинио Озија, отац његов.
35 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture. Namoonnis ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa ixaanas achitti aarsaa turan. Yootaam Karra mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Ol aanu deebisee ijaare.
Али висине не бише оборене: народ још приношаше жртве и кађаше на висинама. Он начини највиша врата на дому Господњем.
36 Wantoonni bara mootummaa Yootaam keessaa hojjetaman kanneen biraatii fi wantoonni inni hojjete kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii?
А остала дела Јотамова и све што је чинио, није ли записано у дневнику царева Јудиних?
37 Bara sana keessa Waaqayyo Reziin mooticha Sooriyaatii fi Pheqaa ilma Remaaliyaa Yihuudaatti kakaasuu jalqabe.
У то време поче Господ пуштати на Јуду Ресина, цара сирског и Фекаја сина Ремалијиног.
38 Yootaam abbootii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit, magaalaa abbaa isaa keessatti isaanuma biratti ni awwaalame. Ilmi isaa Aahaaz iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
И Јотам почину код отаца својих, и би погребен код отаца својих у граду Давида оца свог; а на његово се место зацари Ахаз, син његов.

< 2 Mootota 15 >