< 2 Mootota 14 >

1 Bara mootummaa Yooʼaash ilma Yooʼaahaaz mooticha Israaʼel keessa waggaa lammaffaatti Amasiyaa ilmi Iyooʼas mootii Yihuudaa taʼee bulchuu jalqabe.
In the second year of Joash son of Joahaz king of Israel began Amaziah the son of Joash king of Judah to reign.
2 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal ni bulche. Maqaan haadha isaa Yoʼaadaan ture; isheenis nama Yerusaalem turte.
He was twenty-five years old when he began to reign; and he reigned twenty-nine years in Jerusalem: and his mother's name was Jehoaddin of Jerusalem.
3 Innis waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe ni hojjete. Garuu akka abbaa isaa Daawititti miti. Inni waan hunda keessatti fakkeenya abbaa isaa Yooʼaash duukaa buʼe.
He did that which was right in the eyes of the LORD, yet not like David his father: he did according to all that Joash his father had done.
4 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonni ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan.
However the high places were not taken away: the people still sacrificed and burnt incense in the high places.
5 Inni erga jabeessee harka isaatti mootummaa qabatee booddee qondaaltota abbaa isaa mooticha ajjeesan sana fixe.
It happened, as soon as the kingdom was established in his hand, that he killed his servants who had slain the king his father:
6 Taʼus inni akka waan Kitaaba Seera Musee keessatti barreeffame kan Waaqayyo, “Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban yookaan ijoolleen sababii abbootii isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban; tokkoon tokkoon namaa sababii cubbuu ofii isaatiif duʼa” jedhee ajaje sanaatti ilmaan warra nama ajjeesan sanaa hin fixne.
but the children of the murderers he did not put to death; according to that which is written in the scroll of the law of Moses, as the LORD commanded, saying, "The fathers shall not be put to death for the children, nor the children be put to death for the fathers; but every man shall die for his own sin."
7 Namni Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota kuma kudhan moʼatee waraanaan Seelaa qabate kan maqaa isheen hamma harʼaatti ittiin waamamtu, Yoqtiʼeel jedhee moggaases isuma.
He killed of Edom in the Valley of Salt ten thousand, and took Sela by war, and called its name Joktheel, to this day.
8 Amasiyaanis, “Kottu mee waraana keessatti wal ilaallaa” jedhee qoosee gara Yooʼaash ilma Yehooʼaahaaz, ilma Yehuu, mooticha Israaʼelitti ergamoota erge.
Then Amaziah sent messengers to Jehoash, the son of Jehoahaz son of Jehu, king of Israel, saying, "Come, let us look one another in the face."
9 Yooʼaash mootichi Israaʼel garuu akkana jedhee Amasiyaa mooticha Yihuudaatiif deebii kenne; “Sokorruun Libaanoon keessaa tokko ergaa ergee birbirsaa Libaanooniin, ‘Intala kee ilma kootti heerumsiisi’ jedhe. Ergasii bineensi bosona Libaanoon keessaa tokko dhufee sokorruu sana irra miilaan deeme.
Jehoash the king of Israel sent to Amaziah king of Judah, saying, "The thistle that was in Lebanon sent to the cedar that was in Lebanon, saying, 'Give your daughter to my son as wife. Then a wild animal that was in Lebanon passed by, and trampled down the thistle.
10 Ati dhugumaan Edoomin moʼattee amma of tuulaa jirta. Moʼannoo keetiin gammadi; amma garuu mana kee taaʼi! Ati maaliif rakkina barbaaddee ofii keetii fi Yihuudaattis kufaatii fidda?”
You have indeed struck Edom, and your heart has lifted you up. Enjoy the glory of it, and stay at home; for why should you meddle to your harm, that you should fall, even you, and Judah with you?'"
11 Amasiyaa garuu dhagaʼuu dide; kanaafuu Yooʼaash mootichi Israaʼel kaʼee lola bane. Innii fi Amasiyaa mootichi Yihuudaa keessatti Beet Shemeshitti walitti baʼan.
But Amaziah would not listen. So Jehoash king of Israel went up; and he and Amaziah king of Judah looked one another in the face at Beth Shemesh, which belongs to Judah.
12 Warri Yihuudaas warra Israaʼeliin moʼatamanii tokkoon tokkoon namaas gara mana ofii isaatti baqate.
Judah was defeated by Israel; and they fled every man to his tent.
13 Yooʼaash mootichi Israaʼel, Amasiyaa mooticha Yihuudaa ilma Iyooʼas ilma Ahaaziyaa sana Beet Shemeshitti qabe. Iyooʼasis gara Yerusaalem dhaqee Karra Efreemiitii jalqabee hamma Karra Goleetti dallaa Yerusaalem kan dhagaa sana diige; kutaan diigame kun dhundhuma dhibba afur lafa irra dheerata ture.
Jehoash king of Israel took Amaziah king of Judah, the son of Jehoash the son of Ahaziah, at Beth Shemesh, and came to Jerusalem, and broke down the wall of Jerusalem from the Ephraim Gate to the Corner Gate, six hundred eighty-nine feet.
14 Innis warqee fi meetii hunda akkasumas miʼa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argamuu fi kan kuusaa qabeenya masaraa mootummaa keessaa jiru hunda fudhate; namoota boojiʼe illee fudhatee gara Samaariyaatti deebiʼe.
He took all the gold and silver, and all the vessels that were found in the house of the LORD, and in the treasures of the king's house, the hostages also, and returned to Samaria.
15 Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman kanneen biraa, wanni inni hojjetee fi jabinni isaa, waraana inni Amasiyaa mooticha Yihuudaatiin loles dabalatee kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
Now the rest of the acts of Jehoash which he did, and his might, and how he fought with Amaziah king of Judah, aren't they written in the book of the chronicles of the kings of Israel?
16 Yooʼaashis abbootii isaa wajjin boqotee mootota Israaʼel biratti Samaariyaa keessatti awwaalame. Ilmi isaa Yerobiʼaam iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Jehoash slept with his fathers, and was buried in Samaria with the kings of Israel; and Jeroboam his son reigned in his place.
17 Amasiyaa ilmi Yooʼaash mootichi Yihuudaa erga Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz mootichi Israaʼel duʼee booddee waggaa kudha shan jiraate.
Amaziah the son of Joash king of Judah lived after the death of Jehoash son of Jehoahaz king of Israel fifteen years.
18 Wantoonni bara mootummaa Amasiyaa keessa hojjetaman kanneen biraa kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
Now the rest of the acts of Amaziah, aren't they written in the book of the chronicles of the kings of Judah?
19 Isaan Yerusaalem keessatti isatti malatan; innis gara Laakkiishitti baqate; isaan immoo faanuma isaa Laakkiishitti namoota erganii achitti isa ajjeesan.
They made a conspiracy against him in Jerusalem; and he fled to Lachish: but they sent after him to Lachish, and killed him there.
20 Reeffi isaas fardatti feʼamee dhufee abbootii isaa biratti Yerusaalem keessatti Magaalaa Daawititti awwaalame.
They brought him on horses; and he was buried at Jerusalem with his fathers in the City of David.
21 Ergasii warri Yihuudaa hundinuu Azaariyaa mucaa waggaa kudha jaʼaa fuudhanii iddoo abbaa Amasiyaa sana mootii godhatan.
All the people of Judah took Azariah, who was sixteen years old, and made him king in the place of his father Amaziah.
22 Namni erga Amasiyaa abbootii isaa wajjin boqotee booddee Eelaatin deebisee ijaaree warra Yihuudaatti kenne isa.
He built Eilat, and restored it to Judah, after that the king slept with his fathers.
23 Bara Amasiyaa ilma Yooʼaash mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha shanaffaatti Yerobiʼaam ilmi Iyooʼas mooticha Israaʼel Samaariyaa keessatti mootii taʼe; innis waggaa afurtamii tokko bulche.
In the fifteenth year of Amaziah the son of Joash king of Judah, Jeroboam the son of Joash king of Israel began to reign in Samaria for forty-one years.
24 Inni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka warri Israaʼel hojjetan godhe sana irraas hin deebine.
He did that which was evil in the sight of the LORD: he did not depart from all the sins of Jeroboam the son of Nebat, with which he made Israel to sin.
25 Namni akkuma dubbii Waaqayyo Waaqa Israaʼel kan inni karaa garbicha isaa Yoonaas ilma Amitaayi, raajicha Gat Heeferii dhufee sanaatiin dubbateetti daarii biyya Israaʼel Leeboo Hamaatii jalqabee hamma Galaana Arabbaatti iddootti deebise isa ture.
He restored the border of Israel from Lebo Hamath to the sea of the Arabah, according to the word of the LORD, the God of Israel, which he spoke by his servant Jonah the son of Amittai, the prophet, who was of Gath Hepher.
26 Waaqayyo akka tokkoon tokkoon nama Israaʼel keessa jiraatuu, garbas taʼu birmaduun akka malee rakkachaa jiru arge; namni isaan gargaaru tokko iyyuu hin turre.
For the LORD saw the affliction of Israel, that it was very bitter; for there was none shut up nor left at large, neither was there any helper for Israel.
27 Waaqayyos waan maqaa Israaʼel samii jalaa nan balleessa hin jedhiniif harka Yerobiʼaam ilma Yooʼaashiitiin isaan baase.
The LORD did not say that he would blot out the name of Israel from under the sky; but he saved them by the hand of Jeroboam the son of Joash.
28 Wantoonni bara mootummaa Yerobiʼaam keessa hojjetaman biraa, wanni inni hojjete hundi, jabinni loltummaa isaa, akka inni itti Damaasqoo fi Hamaati kanneen duraan Yihuudaa jala turan sana Israaʼeliif deebisee dabalatee kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
Now the rest of the acts of Jeroboam, and all that he did, and his might, how he warred, and how he recovered Damascus, and Hamath, which had belonged to Judah, for Israel, aren't they written in the book of the chronicles of the kings of Israel?
29 Yerobiʼaam abbootii isaa mootota Israaʼel wajjin boqote; ilmi isaa Zakkaariyaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
And Jeroboam slept with his fathers, and he was buried in Samaria with the kings of Israel; and Zechariah his son reigned in his place.

< 2 Mootota 14 >