< 2 Mootota 13 >

1 Bara mootummaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa digdamii sadaffaatti Yehooʼaahaaz ilmi Yehuu Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha torba bulche.
Anno vigesimo tertio Joas filii Ochoziæ regis Juda, regnavit Joachaz filius Jehu super Israël in Samaria decem et septem annis.
2 Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana duukaa buʼuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; cubbuu sana irraas hin deebine.
Et fecit malum coram Domino, secutusque est peccata Jeroboam filii Nabat, qui peccare fecit Israël, et non declinavit ab eis.
3 Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo Waaqaa Israaʼelitti ni bobaʼe; innis yeroo dheeraadhaaf dabarsee harka Hazaaʼeel mooticha Sooriyaattii fi harka ilma isaa Ben-Hadaadiitti isaan kenne.
Iratusque est furor Domini contra Israël, et tradidit eos in manu Hazaël regis Syriæ, et in manu Benadad filii Hazaël, cunctis diebus.
4 Yehooʼaahaaz fuula Waaqayyoo barbaaddate; Waaqayyos akka mootiin Sooriyaa sun akka malee Israaʼelin cunqurse argee kadhaa isaa dhagaʼeef.
Deprecatus est autem Joachaz faciem Domini, et audivit eum Dominus: vidit enim angustiam Israël, quia attriverat eos rex Syriæ:
5 Waaqayyos nama isaan baraaru tokko Israaʼeliif kenne; akkasiin isaan harka warra Sooriyaa jalaa ni baʼan. Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma duraatti dunkaana isaanii keessa jiraatan.
et dedit Dominus salvatorem Israëli, et liberatus est de manu regis Syriæ: habitaveruntque filii Israël in tabernaculis suis sicut heri et nudiustertius.
6 Isaan garuu cubbuu mana Yerobiʼaam kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine; ittuma fufanii keessa jiraatan. Siidaan Aasheeraas Samaariyaa keessa dhaabatee hafe.
Verumtamen non recesserunt a peccatis domus Jeroboam, qui peccare fecit Israël, sed in ipsis ambulaverunt: siquidem et lucus permansit in Samaria.
7 Loltoota Yehooʼaahaaz keessaa loltoota fardaa shantama, gaariiwwan kudhanii fi loltoota lafoo kuma kudhan malee tokko iyyuu hin hafne; mootiin Sooriyaa warra kaan hunda balleessee akkuma awwaara yeroo midhaan dhaʼanii isaan godhee tureetii.
Et non sunt derelicti Joachaz de populo nisi quinquaginta equites, et decem currus, et decem millia peditum: interfecerat enim eos rex Syriæ, et redegerat quasi pulverem in tritura areæ.
8 Wanni bara mootummaa Yehooʼaahaaz keessa hojjetame biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii?
Reliqua autem sermonum Joachaz, et universa quæ fecit, et fortitudo ejus, nonne hæc scripta sunt in libro sermonum dierum regum Israël?
9 Yehooʼaahaaz abbootii isaa wajjin boqotee Samaariyaa keessatti ni awwaalame. Yooʼaash ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Dormivitque Joachaz cum patribus suis, et sepelierunt eum in Samaria: regnavitque Joas filius ejus pro eo.
10 Bara Yooʼaash mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii torbaffaatti Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha jaʼa isaan bulche.
Anno trigesimo septimo Joas regis Juda, regnavit Joas filius Joachaz super Israël in Samaria sedecim annis.
11 Inni fuula Waaqayyoo duratti cubbuu hojjetee cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana keessaa tokko irraa iyyuu hin deebine; innis ittuma fufee cubbuu keessa jiraate.
Et fecit quod malum est in conspectu Domini: non declinavit ab omnibus peccatis Jeroboam filii Nabat, qui peccare fecit Israël, sed in ipsis ambulavit.
12 Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa, waraanni inni Amasiyaa mooticha Yihuudaa irratti deemsises kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
Reliqua autem sermonum Joas, et universa quæ fecit, et fortitudo ejus, quomodo pugnaverit contra Amasiam regem Juda, nonne hæc scripta sunt in libro sermonum dierum regum Israël?
13 Yooʼaash abbootii isaa wajjin boqotee Yerobiʼaam iddoo isaa buʼee teessoo irra taaʼe. Yooʼaash Samaariyaa keessatti mootota Israaʼel biratti ni awwaalame.
Et dormivit Joas cum patribus suis: Jeroboam autem sedit super solium ejus. Porro Joas sepultus est in Samaria cum regibus Israël.
14 Yeroo kanatti Elsaaʼi dhukkuba duʼaan isa gaʼuun dhiphachaa ture. Yooʼaash mootichi Israaʼel isa ilaaluu gad buʼee isatti booʼe. Innis, “Yaa abbaa koo! Yaa abbaa koo! Yaa gaariiwwanii fi yaa abbootii fardaa Israaʼel!” jedhee iyye.
Eliseus autem ægrotabat infirmitate, qua et mortuus est: descenditque ad eum Joas rex Israël, et flebat coram eo, dicebatque: Pater mi, pater mi, currus Israël et auriga ejus.
15 Elsaaʼi, “Iddaa fi xiyya wayii fudhadhu” jedheen; innis ni fudhate.
Et ait illi Eliseus: Affer arcum et sagittas. Cumque attulisset ad eum arcum et sagittas,
16 Elsaaʼi immoo mooticha Israaʼeliin, “Iddaa harkatti qabadhu” jedhe; inni fuunaan Elsaaʼi harka ofii isaa fuudhee harka mootichaa irra kaaʼe.
dixit ad regem Israël: Pone manum tuam super arcum. Et cum posuisset ille manum suam, superposuit Eliseus manus suas manibus regis,
17 Elsaaʼi, “Foddaa karaa baʼa biiftuu bani” jedheen; innis ni bane. Elsaaʼi, “Xiyya darbadhu!” jedhe; mootichis ni darbate. Elsaaʼis, “Xiyya moʼannoo Waaqayyoo, xiyya warra Sooriyaa moʼatu!” jedhe. Elsaaʼis, “Ati Afeeqitti warra Sooriyaa guutumaan guutuutti ni barbadeessita” jedhee labse.
et ait: Aperi fenestram orientalem. Cumque aperuisset, dixit Eliseus: Jace sagittam. Et jecit. Et ait Eliseus: Sagitta salutis Domini, et sagitta salutis contra Syriam: percutiesque Syriam in Aphec, donec consumas eam.
18 Innis ergasii, “Xiyya fudhadhu” jedheen; mootichis ni fudhate. Elsaaʼis “Lafa rukuti” jedheen; mootichis yeroo sadii lafa rukute.
Et ait: Tolle sagittas. Qui cum tulisset, rursum dixit ei: Percute jaculo terram. Et cum percussisset tribus vicibus, et stetisset,
19 Namni Waaqaa sunis isatti aaree akkana jedhe; “Ati yeroo shan yookaan jaʼa lafa rukutuu qabda; silaa warra Sooriyaa moʼattee guutumaan guutuutti isaan balleessita turte. Amma garuu yeroo sadii qofa isaan moʼatta.”
iratus est vir Dei contra eum, et ait: Si percussisses quinquies, aut sexies, sive septies, percussisses Syriam usque ad consumptionem: nunc autem tribus vicibus percuties eam.
20 Elsaaʼi duʼee awwaalame. Yeroo sana Moʼaabonni saamtonni birraa birraa dhufanii biyyattii saamu ture.
Mortuus est ergo Eliseus, et sepelierunt eum. Latrunculi autem de Moab venerunt in terram in ipso anno.
21 Gaaf tokko warri Israaʼel utuu namicha duʼe tokko awwaaluutti jiranuu garee saamtotaa tokko argan; kanaafuu reeffa namichaa awwaala Elsaaʼitti darbatan. Reeffi sun lafee Elsaaʼi tuqnaan namichi sun duʼaa kaʼee miiluma ofii isaatiin dhaabate.
Quidam autem sepelientes hominem, viderunt latrunculos, et projecerunt cadaver in sepulchro Elisei. Quod cum tetigisset ossa Elisei, revixit homo, et stetit super pedes suos.
22 Hazaaʼeel mootichi Sooriyaa bara mootummaa Yehooʼaahaaz guutuu Israaʼelin cunqurse.
Igitur Hazaël rex Syriæ afflixit Israël cunctis diebus Joachaz:
23 Waaqayyo garuu sababii kakuu Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob wajjin galee ture sanaatiif jedhee isaanii arjoome; garaas isaaniif laafee fuula isaa gara isaaniitti deebifate. Hamma harʼaattis fuula ofii isaa duraa isaan barbadeessuu yookaan gatuu hin feene.
et misertus est Dominus eorum, et reversus est ad eos propter pactum suum, quod habebat cum Abraham, et Isaac, et Jacob: et noluit disperdere eos, neque projicere penitus usque in præsens tempus.
24 Hazaaʼeel mootichi Sooriyaa duʼee Ben-Hadaad ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Mortuus est autem Hazaël rex Syriæ, et regnavit Benadad filius ejus pro eo.
25 Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz magaalaawwan inni waraana keessatti abbaa isaa Yehooʼaahaaz irraa fudhatee ture hunda Ben-Hadaad ilma Hazaaʼeel irraa deebisee fudhate. Yahooʼasis yeroo sadii isa moʼatee akkasiin magaalaawwan Israaʼel deebise.
Porro Joas filius Joachaz tulit urbes de manu Benadad filii Hazaël, quas tulerat de manu Joachaz patris sui jure prælii: tribus vicibus percussit eum Joas, et reddidit civitates Israël.

< 2 Mootota 13 >