< 2 Mootota 12 >

1 Bara mootummaa Yehuu keessa waggaa torbaffaatti Yooʼaash mootii taʼe; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa afurtama bulche. Maqaan haadha isaa Saabiyaa ture; isheenis nama Bersheebaa turte.
Katika mwaka wa saba wa Yehu, utawala wa Yoashi ulianza; alitawala kwa mda wa miaka arobaini huko Yerusalimu. Mama yake alikuwa anaitwa Sibia, wa Beersheba.
2 Yooʼaashis bara Yehooyaadaan lubichi isa gorsaa ture hunda waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjechaa ture.
Yoashi akafanya yaliyo mema usoni mwa Yahwe siku zote, kwa sababu Yehoyada kuhani alimfundisha.
3 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan.
Lakini sehemu ya juu haikuchukuliwa. Watu wakaendelea kutoa sadaka na kuchoma ubani kwenye sehemu za juu.
4 Yooʼaashis lubootaan akkana jedhe; “Maallaqa kennaa qulqulluu godhamee mana qulqullummaa Waaqayyootti fidame hunda jechuunis maallaqa yeroo uummanni lakkaaʼametti walitti qabame, maallaqa wareega namootaa irraa walitti qabamee fi maallaqa namoonni fedhiidhaan mana qulqullummaatti fidan walitti qabaa.
Yoashi akamwambia kuhani, “Pesa zote zilizokuja kama sadaka takatifu kwenye nyumba ya Yahwe, pesa ya matumizi pesa ya watu kadiri alivyoandikiwa kila mtu, na pesa yote aonayo moyoni mwake kuileta kwenye nyumba ya Yahwe-
5 Tokkoon tokkoon lubaa qabduu horii irraa maallaqa haa fuudhu; maallaqni kunis waan mana qulqullummaa keessaa caccabe kam iyyuu deebisanii haaromsuudhaaf hojii irra haa oolu.”
makuhani watapokea pesa kutoka miongoni mwa mmoja wa watunza pesa na kutengeneza kila sehemu itakayoonekana imeharibika kwenye hekalu.”
6 Garuu bara Yooʼaash Mootichaa keessa waggaa digdamii sadaffaatti luboonni sun amma illee mana qulqullummaa sana hin haaromsine ture.
Lakini kama mwaka wa ishirini na tatu wa mfalme Yoashi, makuhani hawakuwa wameandaa kitu chochote kwenye hekalu.
7 Kanaafuu Yooʼaash mootichi Yehooyaadaa lubichaa fi luboota kaan walitti waamee, “Isin maaliif kutaa mana qulqullummaa kan diigamaa jiru sana deebiftanii hin haaromsine? Isin siʼachi maallaqa namoota irraa guurtan of harka hin tursinaa; garuu akka manni qulqullummaa ittiin haaromfamuuf dabarsaa kennaa.”
Mfalme Yoashi akamwita Yehoyada kuhani na kuhani mwingine; akawaambia, “Kwa nini hamjaandaa kitu chochote kwenye hekalu? Sasa msichukue tena pesa kutoka kwa walipa kodi wenu, lakini chukueni kile kilichokuwa kikikusanywa kwa ajili ya matengenezo ya hekalu na uwapatia wale wanaoweza kufanya matengenezo.
8 Luboonni sunis akka lammata maallaqa waldaa irraa walitti hin qabnee fi akka mana qulqullummaa sana illee ofii isaaniitiin hin haaromsine walii galan.
Hivyo makuhani wakakubaliana wasichukue pesa tena kutoka kwa watu na wasitengeneze wenyewe.
9 Yehooyaadaan lubichi sanduuqa tokko fuudhee qadaada isaa ure. Sanduuqa sanas karra namni ittiin mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuun karaa mirgaatiin iddoo aarsaa bira kaaʼe. Luboonni balbala sana eeganis maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootiif fidamu hunda sanduuqa sana keessa buusu ture.
Badala yake, Yehoyada yule kuhani akachukua kasha, akatoboa tundu kwenye kifuniko chake, na kuliweka karibu na madhabahu, upande wa kulia kama mtu anaingia kwenye madhabahu ya Yahwe. Makuhani ambao walikuwa wakilinda mlango wa hekalu wakatumbukiza pesa zote ambazo zilizokuwa zimeletwa kwenye nyumba ya Yahwe.
10 Yommuu sanduuqni sun guututtis barreessaan mootiitii fi lubni ol aanaan dhufanii maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootti galfame sana lakkaaʼanii korojootti naqan.
Ikawa walipoona kwamba kulikuwa na pesa za kutosha kwenye kasha, mwadishi wa mfalme na kuhani mkuu wakaja na kuweka pesa kwenye mifuko na kisha kuhesabu, pesa ikaonekana kwenye nyumba ya Yahwe.
11 Erga baayʼinni maallaqa sanaa beekamee booddee isaan warra hojii mana qulqullummaa sana toʼachuuf filatamanitti kennan. Jarris namoota hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo irratti bobbaʼan jechuunis warra muka soofanii fi warra mana ijaaraniif,
Wakawapa pesa ambayo ilikuwa imepimwa kwenye mikono ya watu ambao waliokuwa wanatunza nyumba ya Yahwe. Wakawalipa mafundi seremala na wajenzi ambao walikuwa wemefanya kazi kwenye nyumba ya Yahwe,
12 warra dhagaadhaan ijaaranii fi warra dhagaa cabsaniif kaffalan. Akkasumas mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsuudhaaf jedhanii mukaa fi dhagaa soofame bitanii baasii ittiin mana qulqullummaa haaromsan hunda baasan.
na waashi na wakata mawe, kwa ajili ya kununua mbao na kukata mawe kwa ajili ya kutengenezea nyumba ya Yahwe, na yote iliyokuwa inahitajika kulipwa kwa ajili ya kuitengeneza.
13 Maallaqni mana qulqullummaatti fidame sun miʼa meetii irraa hojjetame kan akka caabii, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitii ittiin waa faffacaasan, malakata yookaan miʼa warqee yookaan meetii irraa mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjetaman biraa kamiin iyyuu tolchuuf hojii irra hin oolle;
Lakini ile pesa iliyokuwa imeletwa kwenye nyumba ya Yahwe haikulipwa kwa ajili ya vikombe vya fedha, mabeseni, au dhahabu au fedha yoyote ya vyombo.
14 maallaqni sunis namoota mana qulqullummaa sana haaromsaniif baafame.
Waliwapa hizi fedha wale ambao waliokuwa wamefanya kazi ya kutengeneza nyumba ya Yahwe.
15 Isaan sababii jarri amanamummaa guutuudhaan waan kana hojjetaniif namoota akka isaan warra mana qulqullummaa haaromsaniif kaffalaniif maallaqni itti kenname sana irraa herrega toʼachuu hin barbaanne.
Pia, hakukuhitajika zile pesa zilipwe kwa ajili ya matengenezo ili kuwajibika kwa kuwa watu walizipokea nakuzilipa kwa watenda kazi, kwa sababu hawa watu walikuwa waadilifu.
16 Maallaqni aarsaa yakkaatii fi aarsaa cubbuutiif galfame tokko iyyuu mana qulqullummaa Waaqayyootti hin fidamne; kun qooda lubootaatii.
Lakini pesa kwa ajili ya matoleo ya hatia na pesa kwa ajili ya matoleo ya dhambi hazikuwa zimeletwa kwenye hekalu la Yahwe, kwa sababu zilikuwa mali ya makuhani.
17 Yeruma kana keessa Hazaaʼeel mootiin Sooriyaa Gaatitti ol baʼee lolee ishee qabate. Ergasii immoo Yerusaaleminis loluuf itti gara gale.
Kisha Hazaeli mfalme wa Shamu akashambuliwa na kupigana dhidi ya Gathi, na kuichukua.
18 Yooʼaash mootichi Yihuudaa garuu miʼoota abbootiin isaa mootonni Yihuudaa Yehooshaafaax, Yehooraamii fi Ahaaziyaan Waaqaaf addaan baasanii fi kan inni mataan isaa Waaqaaf addaan baase, warqee kuusaa qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa hunda walitti qabee Hazaaʼeel mooticha Sooriyaatiif kenne; Hazaaʼeelis ergasii Yerusaalemii baʼee deeme.
Ndipo Hazaeli akageuka kuishambulia Yerusalemu. Yoashi mfalme wa Yuda akavichukua vitu vyote ambavyo Yehoshefati na Yehoramu na Ahazia, baba zake, wafalme wa Yuda, na kuviweka wakfu, na vile alivyokuwa ameviweka wakfu, na dhahabu zote zilizokuwa zimeonekana kwenye gala la nyumba ya Yahwe na la mfalme akawatuma kwenda kwa Ahazi mfalme wa Shamu. Kisha Hazaeli akaenda zake kutoka Yerusamu.
19 Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundinuu kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
Kama mambo mengine yanayomuhusu Yoashi, yote aliyoyafanya, je hayakuandikwa kwenye kitabu cha matukio ya wafalme wa Yuda?
20 Qondaaltonni isaa isatti malatanii karaa Siilaatti gad buʼu irratti Beet Miilootti isa ajjeesan.
Watumishi wake wakainuka na kupanga pamoja; wakamteka Yoashi katika Bethi Milo, kwenye njia ya kushukia kwa Sila.
21 Qondaaltonni isa ajjeesanis Yozaakaar ilma Shimeʼaatii fi Yehoozaabaad ilma Shoomeer turan. Innis duʼee abbootii isaa biratti Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Amasiyaa ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Yozakari mwana wa Shimeathi, na Yehozabadi mwana wa Shomeri, watumishi wake, wakamshambulia na akafa. Wakamzika Yoashi pamoja na mababu zake katika mji wa Daudi, na Amazia, mtoto wake, akawa mfalme kwenye sehemu yake.

< 2 Mootota 12 >