< 2 Mootota 12 >

1 Bara mootummaa Yehuu keessa waggaa torbaffaatti Yooʼaash mootii taʼe; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa afurtama bulche. Maqaan haadha isaa Saabiyaa ture; isheenis nama Bersheebaa turte.
Joash became king in the seventh year of the reign of Jehu, and he reigned in Jerusalem for forty years. His mother's name was Zibiah of Beersheba.
2 Yooʼaashis bara Yehooyaadaan lubichi isa gorsaa ture hunda waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjechaa ture.
Joash did what was right in the Lord's sight during the years that Jehoiada the priest advised him.
3 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan.
Even so, the high places were not removed—the people went on sacrificing and presenting burnt offerings at these places.
4 Yooʼaashis lubootaan akkana jedhe; “Maallaqa kennaa qulqulluu godhamee mana qulqullummaa Waaqayyootti fidame hunda jechuunis maallaqa yeroo uummanni lakkaaʼametti walitti qabame, maallaqa wareega namootaa irraa walitti qabamee fi maallaqa namoonni fedhiidhaan mana qulqullummaatti fidan walitti qabaa.
Joash told the priests, “Collect together all the money that is brought as holy offerings to the Lord's Temple, whether the census money, the money from individual vows, and the money brought as a voluntary donation to the Lord's Temple.
5 Tokkoon tokkoon lubaa qabduu horii irraa maallaqa haa fuudhu; maallaqni kunis waan mana qulqullummaa keessaa caccabe kam iyyuu deebisanii haaromsuudhaaf hojii irra haa oolu.”
Let each priest receive the money from those who give, and use it to repair whatever damage is discovered in the Temple.”
6 Garuu bara Yooʼaash Mootichaa keessa waggaa digdamii sadaffaatti luboonni sun amma illee mana qulqullummaa sana hin haaromsine ture.
But by the twenty-third year of the reign of Joash, the priests still had not repaired the damage to the Temple.
7 Kanaafuu Yooʼaash mootichi Yehooyaadaa lubichaa fi luboota kaan walitti waamee, “Isin maaliif kutaa mana qulqullummaa kan diigamaa jiru sana deebiftanii hin haaromsine? Isin siʼachi maallaqa namoota irraa guurtan of harka hin tursinaa; garuu akka manni qulqullummaa ittiin haaromfamuuf dabarsaa kennaa.”
So King Joash called together Jehoiada and the other priests and asked, “Why haven't you repaired the damage in the Temple? Don't use any more money you're given for yourselves, instead hand it over to others to repair the Temple.”
8 Luboonni sunis akka lammata maallaqa waldaa irraa walitti hin qabnee fi akka mana qulqullummaa sana illee ofii isaaniitiin hin haaromsine walii galan.
The priests agreed not to receive any more money from the people, and that they wouldn't carry out the repairs to the Temple themselves.
9 Yehooyaadaan lubichi sanduuqa tokko fuudhee qadaada isaa ure. Sanduuqa sanas karra namni ittiin mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuun karaa mirgaatiin iddoo aarsaa bira kaaʼe. Luboonni balbala sana eeganis maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootiif fidamu hunda sanduuqa sana keessa buusu ture.
Jehoiada the priest took a large wooden box, cut a hole in its lid, and placed it on the right side of the altar next to the entrance to the Lord's Temple. There the priests who guarded the doorway put all the money brought into the Lord's Temple into the collection box.
10 Yommuu sanduuqni sun guututtis barreessaan mootiitii fi lubni ol aanaan dhufanii maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootti galfame sana lakkaaʼanii korojootti naqan.
Whenever they saw there was a lot of money in the box, the king's secretary and the high priest would come, count the money brought into the Lord's Temple, and put it into bags.
11 Erga baayʼinni maallaqa sanaa beekamee booddee isaan warra hojii mana qulqullummaa sana toʼachuuf filatamanitti kennan. Jarris namoota hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo irratti bobbaʼan jechuunis warra muka soofanii fi warra mana ijaaraniif,
Then they weighed out the money and gave it to the supervisors of the work on the Lord's Temple. They paid the ones doing the work—the carpenters, builders,
12 warra dhagaadhaan ijaaranii fi warra dhagaa cabsaniif kaffalan. Akkasumas mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsuudhaaf jedhanii mukaa fi dhagaa soofame bitanii baasii ittiin mana qulqullummaa haaromsan hunda baasan.
masons, and stonecutters. They also bought the timber and blocks of cut stone needed for the repair of the Lord's Temple, and paid all the other costs of restoring the Temple.
13 Maallaqni mana qulqullummaatti fidame sun miʼa meetii irraa hojjetame kan akka caabii, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitii ittiin waa faffacaasan, malakata yookaan miʼa warqee yookaan meetii irraa mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjetaman biraa kamiin iyyuu tolchuuf hojii irra hin oolle;
However, the money collected for the Lord's Temple was not used for making silver basins, lamp trimmers, bowls, trumpets, or any items of gold or silver for the Lord's Temple.
14 maallaqni sunis namoota mana qulqullummaa sana haaromsaniif baafame.
It was used to pay the workers doing the repairs to the Lord's Temple.
15 Isaan sababii jarri amanamummaa guutuudhaan waan kana hojjetaniif namoota akka isaan warra mana qulqullummaa haaromsaniif kaffalaniif maallaqni itti kenname sana irraa herrega toʼachuu hin barbaanne.
No accounts were demanded from the men who received the money to pay the workers because they did everything honestly.
16 Maallaqni aarsaa yakkaatii fi aarsaa cubbuutiif galfame tokko iyyuu mana qulqullummaa Waaqayyootti hin fidamne; kun qooda lubootaatii.
The money from the guilt offerings and sin offerings was not collected for the Lord's Temple because it belonged to the priests.
17 Yeruma kana keessa Hazaaʼeel mootiin Sooriyaa Gaatitti ol baʼee lolee ishee qabate. Ergasii immoo Yerusaaleminis loluuf itti gara gale.
Around this time Hazael, king of Aram, went and attacked Gath, and captured it. Then he marched to attack Jerusalem.
18 Yooʼaash mootichi Yihuudaa garuu miʼoota abbootiin isaa mootonni Yihuudaa Yehooshaafaax, Yehooraamii fi Ahaaziyaan Waaqaaf addaan baasanii fi kan inni mataan isaa Waaqaaf addaan baase, warqee kuusaa qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa hunda walitti qabee Hazaaʼeel mooticha Sooriyaatiif kenne; Hazaaʼeelis ergasii Yerusaalemii baʼee deeme.
So King Joash of Judah took all the holy objects dedicated by his forefathers Jehoshaphat, Jehoram, and Ahaziah, the kings of Judah, along with all the items he had dedicated himself, and all the gold found in the treasuries of the Lord's Temple and the royal palace, and he sent everything to Hazael, king of Aram. So Hazael retreated from Jerusalem.
19 Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundinuu kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
The rest of what happened in Joash's reign and all that he did are recorded in the Book of Chronicles of the Kings of Judah.
20 Qondaaltonni isaa isatti malatanii karaa Siilaatti gad buʼu irratti Beet Miilootti isa ajjeesan.
His officials plotted against him and murdered him at Beth Millo, on the road that goes down to Silla.
21 Qondaaltonni isa ajjeesanis Yozaakaar ilma Shimeʼaatii fi Yehoozaabaad ilma Shoomeer turan. Innis duʼee abbootii isaa biratti Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Amasiyaa ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
The officials who attacked and killed him were Jozacar, son of Shimeath, and Jehozabad, son of Shomer. They buried him with his forefathers in the City of David. His son Amaziah succeeded him as king.

< 2 Mootota 12 >