< 2 Mootota 11 >
1 Ataaliyaan haati Ahaaziyaa yommuu akka ilmi ishee duʼe argitetti kaatee maatii mootii guutumaan guutuutti balleessite.
Now, when, Athaliah, mother of Ahaziah, saw that her son was dead, she arose and destroyed all the seed royal.
2 Yehooshebaati intalli Yooraam mootichaa obboleettiin Ahaaziyaa sun garuu ilmaan moototaa kanneen ajjeefamuuf turan keessaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa hattee fudhatte. Isheenis Ataaliyaa jalaa isa dhoksuuf jettee isaa fi guddiftuu isaa kutaa hirribaa keessa teessifte. Kanaafuu inni hin ajjeefamne.
But Jehosheba daughter of King Joram, sister of Ahaziah, took Joash son of Ahaziah, and stole him from among the king’s sons that were being slain—him and his nurse, into the bedchamber, —so she hid him from the face of Athaliah, that he was not slain.
3 Innis bara Ataaliyaan biyya bulchaa turte hunda guddiftuu isaa wajjin mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti dhokfamee waggaa jaʼa jiraate.
And he was with her, in the house of Yahweh, hiding himself, six years, —while, Athaliah, was reigning over the land.
4 Yehooyaadaan waggaa torbaffaatti ajajjuuwwan dhibbaa, namoota Kaariittii fi eegdotatti nama ergee akka isaan mana qulqullummaa Waaqayyootii gara isaa dhufan godhe. Innis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti isaan wajjin kakuu seene. Ergasiis ilma mootii isaanitti argisiise.
But, in the seventh year, Jehoiada sent and took the captains over hundreds, of the Carian body-guard, and of the runners, and brought them unto him, in the house of Yahweh, —and, when he had solemnised a Covenant with them, and put them on oath, in the house of Yahweh, then shewed he them the king’s son;
5 Akkana jedhees isaan ajaje; “Wanni isin gochuu qabdan isa kana: Isin warri garee sadii keessa jirtan kanneen guyyaa Sanbataatiin hojiitti bobbaatan harka sadii keessaa harki tokko mana mootii,
and commanded them, saying—This, is the thing which ye must do, —A third part of you, will be coming in on the sabbath, and keeping the watch of the house of the king;
6 harka sadii keessaa harkii tokko Karra Suur, harka sadii keessaa harkii tokko immoo karra eegdota dabaree dabareedhaan mana qulqullummaa eegan dugda duubaan jiru haa eegu;
and, a third, in the side-gate; and, a third, in the gate behind the runners, —so shall ye keep the watch of the house, by turns.
7 isin warri garee lamaan kaan keessa jirtan kanneen guyyaa Sanbataatiin hojii irraa boqottan hundinuu immoo mana qulqullummaa mootiidhaaf eeguu qabdu.
And, two parts of you, are all that are going out on the sabbath, —so shall ye keep the watch of the house of Yahweh, as touching the king.
8 Tokkoon tokkoon keessan miʼa lolaa harkatti qabadhaatii mootichatti naannaʼaa dhadhaabadhaa. Namni naannoo isin jirtanitti dhiʼaatu kam iyyuu haa ajjeefamu. Lafa inni dhaqu hundatti mootichatti dhiʼoo jiraadhaa.”
Thus shall ye encompass the king round about, every man with his weapons in his hand, and, he that cometh within the ranks, let him be slain, —so be ye with the king, when he cometh out and when he goeth in.
9 Ajajjuuwwan dhibbaa sunis akkuma Yehooyaadaan lubichi ajaje sana ni godhan. Tokkoon tokkoon isaaniis namoota isaanii warra guyyaa Sanbataatiin hojiitti bobbaʼanii fi warra hojii irraa boqotan fudhatanii Yehooyaadaa lubicha bira dhufan.
And the captains of hundreds did according to all that Jehoiada the priest commanded, and they took every man his men who were coming in on the sabbath, with them who were going out on the sabbath, —and came unto Jehoiada the priest.
10 Innis eeboowwanii fi gaachanawwan Daawit Mootichaa kanneen mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa turan ajajjoota sanaaf ni kenne.
And the priest gave unto the captains of hundreds the spears and the shields which belonged to King David, —which were in the house of Yahweh.
11 Eegdonni sunis, tokkoon tokkoon isaanii miʼa lolaa harkatti qabatanii karaa kibbaatii fi karaa kaaba mana qulqullummaatiin iddoo aarsaatii fi mana qulqullummaa biratti mootichatti naannaʼanii ni dhadhaabatan.
And the runners stood, every man with his weapons in his hand, from the right corner of the house, as far as the left corner of the house, by the altar and the house, —near the king, round about.
12 Yehooyaadaanis ilma mootichaa fidee mataa isaa irra gonfoo kaaʼe; inni garagalcha kakuu itti kennee, “Inni mootii dha” jedhee labse. Isaanis isa diban; harka dhaʼaniis, “Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhanii iyyan.
Then brought he forth the king’s son, and set upon him the crown, and the testimony, and they made him king, and anointed him, —and clapped their hands, and said—May the king live!
13 Ataaliyaan yommuu waca eegdotaatii fi namootaa dhageessetti gara namoota sanaa mana qulqullummaa Waaqayyoo dhaqxe.
And, when Athaliah heard the noise of the runners, the people, then came she in unto the people, in the house of Yahweh,
14 Yeroo isheen ilaaltetti mootichi akkuma baratame sanatti utubaa bira dhaabatee ture. Qondaaltonnii fi warri malakata afuufan mooticha bira turan; namoonni biyya sanaa hundinuus gammadanii malakata afuufaa turan. Kana irratti Ataaliyaan uffata ishee tarsaaftee, “Kun maltummaa dha! Kun maltummaa dha!” jettee iyyite.
and looked, and lo! the king, standing by the pillar, as the custom was, and the captains and the trumpeters, by the king, and, all the people of the land, rejoicing, and blowing with trumpets, —so Athaliah rent her garments, and cried out—Conspiracy! conspiracy!
15 Yehooyaadaan lubichis, “Hiriira gidduudhaa baasaatii ishee fidaa; nama ishee irra dhufu kam iyyuu goraadeedhaan ajjeesaa” jedhee ajajjuuwwan dhibbaa kanneen kutaawwan loltootaa sana irratti ramadaman ajaje. Lubichi, “Isheen mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti ajjeefamuu hin qabdu” jedhee tureetii.
And Jehoiada the priest commanded the captains of hundreds—officers of the force, and said unto them—Take her forth into the inside of the ranks, and, he that cometh in after her, [ye are] to slay with the sword. For the priest said, Let her not be slain, in the house of Yahweh.
16 Kanaafuu isaan akkuma isheen balbala fardeen ittiin masaraa mootii seenan geesseen ishee qabanii achumatti ishee ni ajjeesan.
So they made way for her, and she entered the road by which the horses approached the house of the king, and was slain there.
17 Ergasiis Yehooyaadaan akka isaan saba Waaqayyoo taʼaniif jedhee Waaqayyoo fi mootii fi saba gidduutti kakuu dhaabe. Akkasumas mootichaa fi saba gidduutti kakuu ni dhaabe.
And Jehoiada solemnised a covenant between Yahweh, and the king, and the people, that they should become a people unto Yahweh, —also between the king and the people.
18 Sabni biyyattii hundinuu gara galma Baʼaal dhaqee diige. Isaanis iddoowwan aarsaatii fi waaqota tolfamoo caccabsanii hurreessanii Mataan lubicha Baʼaal sana illee iddoowwan aarsaa duratti ni ajjeesan. Ergasii Yehooyaadaan lubichi mana qulqullummaa Waaqayyotti eegdota ni ramade.
And all the people of the land entered the house of Baal, and brake it down, his altars and his images, brake they in pieces, utterly, and, Mattan the priest of Baal, they slew before the altars, —and the priest appointed officers over the house of Yahweh.
19 Innis ajajjuuwwan dhibbaa, warra Kaarii, eegdotaa fi namoota biyyattii hunda fudhatee dhaqee isaan wajjinis mana qulqullummaa Waaqayyootii mooticha gad baasanii fidanii karaa karra eegdotaatiin masaraa mootummaa seenan. Mootichis teessoo mootii irra taaʼe.
And he took the captains of hundreds and the Carian bodyguard, and the runners, and all the people of the land, and they brought down the king out of the house of Yahweh, and they came, by way of the gate of the runners, into the house of the king, —and he took his seat on the throne of the kings;
20 Saboonni biyyattii hundi ni ililchan. Sababii Ataaliyaan masaraa mootummaa keessatti goraadeedhaan ajjeefamteef magaalaan sun nagaa argatte.
and all the people of the land rejoiced, and, the city, had rest, —when they had put, Athaliah, to death with the sword, in the house of the king.
21 Yooʼaash yeroo mootii taʼee bulchuu jalqabetti nama umuriin isaa waggaa torbaa ture.
Seven years old, was Jehoash, when he began to reign.