< 2 Mootota 10 >

1 Yeroo sanatti Ahaab ilmaan torbaatama Samaariyaa keessaa qaba ture. Kanaafuu Yehuun xalayoota barreessee qondaaltota Yizriʼeelitti, maanguddootattii fi guddiftoota ilmaan Ahaabitti gara Samaariyaatti erge. Inni akkana jedhe;
Y TENÍA Achâb en Samaria setenta hijos; y escribió letras Jehú, y enviólas á Samaria á los principales de Jezreel, á los ancianos y á los ayos de Achâb, diciendo:
2 “Akkuma xalayaan kun isin gaʼeen, waan ilmaan gooftaa keessanii isin bira jiranii fi waan isinis gaariiwwanii fi fardeen, magaalaa jabeeffamee ijaaramee fi miʼa lolaa qabdaniif,
Luego en llegando estas letras á vosotros los que tenéis los hijos de vuestro señor, y los que tenéis carros y gente de á caballo, la ciudad pertrechada, y las armas,
3 ilmaan gooftaa keessanii keessaa kan warra kaan caaluu fi kan ni mala jettanii yaaddan filadhaatii teessoo abbaa isaa irra teessisaa. Ergasiis mana abbaa keessaniitiif lolaa.”
Mirad [cuál es] el mejor y él más recto de los hijos de vuestro señor, y ponedlo en el trono de su padre, y pelead por la casa de vuestro señor.
4 Isaan garuu akka malee sodaatanii, “Yoo mootonni lama isa hin dandaʼin nu akkamiin isa dandeenya?” waliin jedhan.
Mas ellos tuvieron gran temor, y dijeron: He aquí dos reyes no pudieron resistirle, ¿cómo le resistiremos nosotros?
5 Kanaafuu bulchaan masaraa mootummaatii fi shuumiin magaalattii, maanguddoonnii fi guddiftoonni, “Nu garboota kee ti; waan ati jettu hunda ni hojjenna. Nu nama tokko illee mootii goonee hin filannu; ati mataan kee waanuma jaallatte godhi” jedhanii ergaa kana Yehuutti ergan.
Y el mayordomo, y el presidente de la ciudad, y los ancianos, y los ayos, enviaron á decir á Jehú: Siervos tuyos somos, y haremos todo lo que nos mandares: no elegiremos por rey á ninguno; tú harás lo que bien te pareciere.
6 Yehuun immoo, “Isin yoo garee koo taatanii fi yoo naa ajajamtan, mataa ilmaan gooftaa keessanii kukkutaatii bori yeroo kanatti Yizriʼeelitti naa fidaa” jedhee xalayaa lammaffaa barreesse. Yeroo kanatti ilmaan mootii torbaatamanuu namoota magaalaa sanaa bebeekamoo kanneen isaan guddisan bira turan.
El entonces les escribió la segunda vez, diciendo: Si sois míos, y queréis obedecerme, tomad las cabezas de los varones hijos de vuestro señor, y venid mañana á estas horas á mí á Jezreel. Y los hijos del rey, setenta varones, estaban con los principales de la ciudad, que los criaban.
7 Yommuu xalayaan sun isaan gaʼetti namoonni kunneen ilmaan mootii torbaatamman sana hundumaa ni gogorraʼan. Mataa isaaniis guubootti naqanii gara Yizriʼeelitti Yehuudhaaf ni ergan.
Y como las letras llegaron á ellos, tomaron á los hijos del rey, y degollaron setenta varones, y pusieron sus cabezas en canastillos, y enviáronselas á Jezreel.
8 Ergamtichi yommuu deebiʼetti, “Isaan mataa ilmaan mootii fidaniiru” jedhee Yehuutti hime. Yehuun immoo, “Mee balbala ittiin magaalattii seenan duratti iddoo lamatti tuulaatii hamma lafti bariitutti tursaa” jedhee ajaje.
Y vino un mensajero que le dió las nuevas, diciendo: Traído han las cabezas de los hijos del rey. Y él le dijo: Ponedlas en dos montones á la entrada de la puerta hasta la mañana.
9 Yehuun guyyaa itti aanu ganamaan kaʼee gad baʼe. Fuula namoota hundaa dura dhaabatees akkana jedhe; “Isin yakka hin qabdan. Namni gooftaa kootti malatee isa ajjeese anuma; garuu warra kana hunda eenyutu fixe?
Venida la mañana, salió él, y estando en pie dijo á todo el pueblo: Vosotros sois justos: he aquí yo he conspirado contra mi señor, y lo he muerto: ¿mas quién ha muerto á todos estos?
10 Kanaafuu akka dubbiin Waaqayyo mana Ahaab irratti dubbate tokko iyyuu lafa hin buune beekaa. Waaqayyo waan karaa garbicha isaa Eeliyaasiin dubbate sana guuteera.”
Sabed ahora que de la palabra de Jehová que habló sobre la casa de Achâb, nada caerá en tierra: y que Jehová ha hecho lo que dijo por su siervo Elías.
11 Yehuunis akkasiin nama mana Ahaab keessaa Yizriʼeel keessatti hafe kam iyyuu, namoota isaa gurguddaa, michoota isaa kanneen itti dhiʼaatanii fi luboota isaa, utuu nama tokko illee hin hambisin hunda isaanii fixe.
Mató entonces Jehú á todos los que habían quedado de la casa de Achâb en Jezreel, y á todos sus príncipes, y á todos sus familiares, y á sus sacerdotes, que no le quedó ninguno.
12 Yehuun ergasii kaʼee Samaariyaa dhaqe. Innis yommuu Beet Eekad gaʼetti,
Y levantóse de allí, y vino á Samaria; y llegando él en el camino á una casa de esquileo de pastores,
13 firoota Ahaaziyaa mootii Yihuudaa keessaa namoota tokko tokko argee, “Isin eenyu?” jedhee gaafate. Isaanis, “Nu firoota Ahaaziyaa; nu maatii mootichaatii fi ilmaan haadha mootichaa dubbisuu dhufne” jedhanii deebisan.
Halló [allí] á los hermanos de Ochôzías rey de Judá, y díjoles: ¿Quién sois vosotros? Y ellos dijeron: Somos hermanos de Ochôzías, y hemos venido á saludar á los hijos del rey, y á los hijos de la reina.
14 Innis, “Utuma lubbuudhaan jiranuu isaan qabaa!” jedhee ajaje. Kanaafuu utuma isaan lubbuun jiranuu qabanii boolla bishaanii Beet Eekad biratti afurtamii lamaan isaanii gogorraʼan. Inni isaan keessaa nama tokko illee hin hambifne.
Entonces él dijo: Prendedlos vivos. Y después que los tomaron vivos, degolláronlos junto al pozo de la casa de esquileo, cuarenta y dos varones, sin dejar ninguno de ellos.
15 Erga achii deemee immoo Yehoonaadaab ilma Rekaab utuu inni gara isaa dhufuutti jiruu arge. Yehuunis isa dubbisee, “Akkuma ani gara kee jiru ati gara koo jirta moo?” jedhee isa gaafate. Yehoonaadaabis, “Ani gara kee jira” jedhee deebise. Yehuunis, “Yoo akkas taʼe harka kee natti kenni” jedheen. Innis harka isaa itti kenne. Yehuunis isa gargaaree gaariitti ol isa baase.
Partiéndose luego de allí encontróse con Jonadab hijo de Rechâb; y después que lo hubo saludado, díjole: ¿Es recto tu corazón, como el mío es recto con el tuyo? Y Jonadab dijo: Lo es. Pues que lo es, dame la mano. Y él le dió su mano. Hízolo luego subir consigo en el carro.
16 Yehuun, “Na wajjin kottuutii hinaaffaa ani Waaqayyoof qabu ilaali” jedheen. Ergasiis gaarii isaatiin isa fudhatee deeme.
Y díjole: Ven conmigo, y verás mi celo por Jehová. Pusiéronlo pues en su carro.
17 Yehuun yommuu Samaariyaa gaʼetti maatii Ahaab keessaa kanneen achitti hafan hunda fixe; innis akkuma dubbii Waaqayyo Eeliyaasitti dubbate sanaatti isaan balleesse.
Y luego que hubo [Jehú] llegado á Samaria, mató á todos los que habían quedado de Achâb en Samaria, hasta extirparlos, conforme á la palabra de Jehová, que había hablado por Elías.
18 Ergasii Yehuun saba hunda walitti waamee akkana jedheen; “Ahaab xinnuma Baʼaalin tajaajile. Yehuun garuu guddisee isa tajaajila.
Y juntó Jehú todo el pueblo, y díjoles: Achâb sirvió poco á Baal; mas Jehú lo servirá mucho.
19 Kanaafuu amma raajota Baʼaal hunda, tajaajiltoota isaa hundaa fi luboota isaa hunda walitti waamaa. Waan ani qalma guddaa isaa Baʼaaliif dhiʼeessuuf tokkoon isaanii iyyuu hin hafin. Namni hafu kam iyyuu siʼachi lubbuudhaan hin jiraatu.” Yehuun garuu tajaajiltoota Baʼaal barbadeesuudhaaf sobee akkas jedhe.
Llamadme pues luego á todos los profetas de Baal, á todos sus siervos, y á todos sus sacerdotes; que no falte uno, porque tengo un gran sacrifico para Baal; cualquiera que faltare, no vivirá. Esto hacía Jehú con astucia, para destruir á los que honraban á Baal.
20 Yehuun, “Ulfina Baʼaaliif jedhaatii yaaʼii waamaa” jedhe. Kanaafuu isaan ni labsan.
Y dijo Jehú: Santificad un día solemne á Baal. Y ellos convocaron.
21 Kana irratti inni Israaʼel guutuu keessa ergaa ergee akkasiin tajaajiltoonni Baʼaal hundinuu ni dhufan; tokkoon isaanii iyyuu hin hafne. Isaanis mana waaqeffannaa Baʼaalitti ol galan; manni sunis gama tokkoo hamma gama kaaniitti guutame.
Y envió Jehú por todo Israel, y vinieron todos los siervos de Baal, que no faltó ninguno que no viniese. Y entraron en el templo de Baal, y el templo de Baal se llenó de cabo á cabo.
22 Yehuunis namicha uffata eeguun, “Tajaajiltoota Baʼaal hundaaf uffata fidi” jedhe. Kanaafuu namichi sun wayyaa fideef.
Entonces dijo al que tenía el cargo de las vestiduras: Saca vestiduras para todos lo siervos de Baal. Y él les sacó vestimentas.
23 Yehuu fi Yehoonaadaab ilmi Rekaab sun mana waaqeffannaa Baʼaal ol seenan. Yehuunis tajaajiltoota Baʼaaliin, “Mee asii fi achi ilaalaatii akka tajaajiltoota Baʼaal malee tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko iyyuu isin wajjin as hin jirre hubadhaa” jedhe.
Y entró Jehú con Jonadab hijo de Rechâb en el templo de Baal, y dijo á los siervos de Baal: Mirad y ved que por dicha no haya aquí entre vosotros alguno de los siervos de Jehová, sino solos los siervos de Baal.
24 Kanaafuu isaan qalmaa fi aarsaa gubamu dhiʼeessuuf ol galan. Yehuun yeroo sanatti nama saddeettama ala dhaabee, “Namni warra ani harka keessanitti kennu kanneen keessaa akka tokko iyyuu miliqu godhu kam iyyuu qooda lubbuu namicha sanaa lubbuu isaa dhaba” jedhee akeekkachiisee ture.
Y como ellos entraron para hacer sacrificios y holocaustos, Jehú puso fuera ochenta hombres, y díjoles: Cualquiera que dejare vivo alguno de aquellos hombres que yo he puesto en vuestras manos, su vida será por la del otro.
25 Yehuun akkuma aarsaa gubamu sana dhiʼeessee raawwateen, “Ol seenaatii isaan fixaa; akka namni tokko iyyuu miliqu hin godhinaa” jedhee eegdotaa fi ajajjoota sana ajaje. Kanaafuu isaan goraadeedhaan warra sana cicciran. Eegdotaa fi ajajjoonni sun reeffa isaanii alatti gad dadarbatanii kutaa mana waaqeffannaa Baʼaal kan gara keessaatti ol galan.
Y después que acabaron ellos de hacer el holocausto, Jehú dijo á los de su guardia y á los capitanes: Entrad, y matadlos; que no escape ninguno. Y los hirieron á cuchillo: y dejáronlos tendidos los de la guardia y los capitanes, y fueron hasta la ciudad del templo de Baal.
26 Isaanis mana Baʼaal keessaa fakkiiwwan gad baasanii guban.
Y sacaron las estatuas de la casa de Baal, y quemáronlas.
27 Isaan fakkii Baʼaal caccabsanii mana Baʼaalis diigan. Namoonnis hamma guyyaa harʼaatti lafa itti bobbaa baʼan godhatanii itti fayyadamu.
Y quebraron la estatua de Baal, y derribaron la casa de Baal, é hiciéronla necesaria, hasta hoy.
28 Akkasiin Yehuun Israaʼel keessaa waaqeffannaa Baʼaal balleesse.
Así extinguió Jehú á Baal de Israel.
29 Taʼus inni iyyuu cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine; cubbuun kunis fakkii jabbii warqee irraa hojjetamee Beetʼeelii fi Daanitti waaqeffachuu isaanii ti.
Con todo eso Jehú no se apartó de los pecados de Jeroboam hijo de Nabat, que hizo pecar á Israel; [á saber], de en pos de los becerros de oro que estaban en Beth-el y en Dan.
30 Waaqayyos Yehuudhaan akkana jedhe; “Sababii ati waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe fiixaan baasuu keessatti waan gaarii hojjettee fi waan ani mana Ahaab irratti hojjechuuf garaadhaa qabu hunda hojjetteef sanyiiwwan kee hamma dhaloota afuraffaatti teessoo Israaʼel irra ni taaʼu.”
Y Jehová dijo á Jehú: Por cuanto has hecho bien ejecutando lo recto delante de mis ojos, é hiciste á la casa de Achâb conforme á todo lo que estaba en mi corazón, tus hijos se sentarán sobre el trono de Israel hasta la cuarta generación.
31 Taʼus Yehuun seera Waaqayyo Waaqa Israaʼel garaa guutuudhaan eeguuf of eeggannoo hin goone. Inni cubbuu Yerobiʼaam kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.
Mas Jehú no cuidó de andar en la ley de Jehová Dios de Israel con todo su corazón, ni se apartó de los pecados de Jeroboam, el que había hecho pecar á Israel.
32 Bara sana keessa Waaqayyo lafa Israaʼel irraa kukkutee xinneessuu jalqabe. Hazaaʼeelis guutummaa bulchiinsa isaanii keessatti Israaʼeloota moʼate;
En aquellos días comenzó Jehová á talar en Israel: é hiriólos Hazael en todos los términos de Israel,
33 kunis gama baʼa Yordaanosiin biyya Giliʼaad hunda jechuunis biyya Gaad, biyya Ruubeenii fi biyya Minaasee kan Aroʼeer laga Arnoon biratti argamtu sanaa jalqabee Giliʼaadii hamma Baashaaniitti jiruu dha.
Desde el Jordán al nacimiento del sol, toda la tierra de Galaad, de Gad, de Rubén, y de Manasés, desde Aroer que está junto al arroyo de Arnón, á Galaad y á Basán.
34 Wantoonni bara mootummaa Yehuu keessa hojjetaman biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
Lo demás de los hechos de Jehú, y todas las cosas que hizo, y toda su valentía, ¿no está escrito en el libro de las crónicas de los reyes de Israel?
35 Yehuun abbootii isaa wajjin boqotee Samaariyaa keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Yehooʼaahaaz iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Y durmió Jehú con sus padres, y sepultáronlo en Samaria: y reinó en su lugar Joachâz su hijo.
36 Yehuun Samaariyaa keessa taaʼee waggaa digdamii saddeet Israaʼelin bulche.
El tiempo que reinó Jehú sobre Israel en Samaria, fué veintiocho años.

< 2 Mootota 10 >