< 2 Yohannis 1 >

1 Jaarsicha irraa, Gara giiftii filatamtuu fi ijoollee ishee, warra ani dhugaadhaan jaalladhu, warra ana qofa utuu hin taʼin warri dhugaa beekan hundi akkasuma jaallataniitti;
我長老致書給蒙選的主母和她的子女,就是我在真理內所愛的,不但我一個人,而且也是所有認識真理的人所愛的;
2 kunis sababii dhugaa nu keessa jiraatuu fi isa bara baraan nu wajjin jiraatu sanaatiif: (aiōn g165)
這愛的因由,就是那存在我們內,並永遠與我們同在的真理。 (aiōn g165)
3 Ayyaanni, araarrii fi nagaan Waaqa Abbaa biraa, Yesuus Kiristoos Ilma Abbaa biraas, dhugaa fi jaalalaan nu wajjin ni taʼa.
願恩寵、仁愛與平安由天主父及天父之子耶穌基督,在真理與愛情內與我們同在。
4 Ani waan ijoollee kee keessaa tokko tokko akka isaan akkuma Abbaan nu ajajetti dhugaan jiraatan argeef baayʼee gammadeera.
我很喜歡,因為我遇見了你的一些子女,照我們由天父所領受的命令,在真理內生活。
5 Ammas yaa giiftii jaallatamtuu, ani ajaja durumaa jalqabee nuuf kenname sana malee ajaja haaraa siif barreessuutti hin jiru. Akka wal jaallannuufis sin kadhadha.
主母,我現在請求你,我們應該彼此相愛;這不是我寫給你的一條新命令,而是我們從起初就有的命令。
6 Jaalallis kana: kunis ajaja isaa eegnee jiraachuu dha. Akkuma isin durumaa jalqabdanii dhageessan sana ajajni isaa akka isin jaalalaan jiraattanii dha.
我們按照他的命令生活,這就是愛;你們應在愛中生活,這就是那命令,正如你們從起初聽過的。
7 Gowwoomsitoonni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe hin amanne hedduun addunyaa seenaniiru. Namni akkanaa kam iyyuu gowwoomsituu fi farra Kiristoos.
的確,有許多迷惑人的,來到了世界上,他們不承認耶穌基督是在肉身內降世的;這樣的人就是迷惑人的,就是假基督。
8 Isin akka gatii guutuu argattan malee akka waan hojjettan sana hin dhabneef of eeggadhaa.
你們要謹慎,不要喪失你們勞苦所得的,反要領受圓滿的賞報。
9 Namni barsiisa Kiristoosiin hin jiraanne kan barsiisa sana keessaa baʼu kam iyyuu Waaqa hin qabu; namni barsiisa Kiristoosiin jiraatu hundinuu immoo Abbaas Ilmas qaba.
凡是越規而不存在基督道理內的,就沒有天主;那存在這道理內的,這人有父也有子。
10 Isin yoo namni kam iyyuu gara keessan dhufee garuu barsiisa kana hin fidin, mana keessanitti ol isa hin galchinaa yookaan isa hin simatinaa.
若有人來到你們中,不帶著這個道理,你們不要接他到家中,也不要向他請安,
11 Namni isa simatu kam iyyuu hojii isaa hamaa sana keessatti qooda qabaataatii.
因為誰若向他請安,就是有分於他的邪惡工作。
12 Ani waanan isiniif barreessu baayʼee qaba; taʼus waraqaa fi qalamiitti fayyadamuu hin barbaadu. Qooda kanaa akka gammachuun keenya guutuu taʼuuf ani gara keessan dhufee ifaan ifatti haasofnu abdiin qaba.
雖然我還有許多事,要寫給你們,但我不願意用紙用墨,只希望到你們那裏去,親口面談,好使我們的喜樂圓滿無缺。
13 Ijoolleen obboleettii kee kan filatamte sanaas nagaa siif dhaamu.
你那蒙選的姊妹的子女問候你。

< 2 Yohannis 1 >