< 2 Qorontos 8 >

1 Yaa obboloota, waaʼee ayyaana Waaqni waldoota kiristaanaa Maqedooniyaatiif kennee isin akka beektan ni barbaanna.
Uye zvino, hama, tinoda kuti muzive pamusoro penyasha dzakapiwa naMwari kukereke dzeMasedhonia.
2 Isaanis utuu dhiphina baayʼeen qoramuutti jiranuu, baayʼinni gammachuu isaaniitii fi akka malee deeguun isaanii arjummaa isaanii baayʼiseera.
Pakati pokuedzwa kukuru, mufaro wavo mukuru nokushayiwa kwavo kukuru zvakaita kuti vape zvizhinji.
3 Ani akka isaan hamma dandeettii isaanii, dandeettii isaaniitii olis fedhii isaaniitiin kennan dhugaa nan baʼaatii. Isaan guutumaan guutuutti ofuma isaaniitiin
Nokuti ndinopupura kuti vakapa napavaigona napo, uye kunyange kutopfuura pavaigona napo. Vakaita zvose izvi nokuda kwavo,
4 carraa qulqulloota tajaajiluu kana keessatti akka hirmaatan cimsanii nu kadhatan.
vakakumbirisa kwazvo kwatiri kuti vawane mukana wokugoverana nesu muushumiri uhu kuvatsvene.
5 Isaan garuu duraan dursanii Gooftaaf, ergasii immoo fedhii Waaqaatiin nuuf of kennan malee akka nu eegne hin goone.
Uye havana kuita sezvataifunga bedzi, asi kuti vakazvipa ivo pachavo kutanga kuna Ishe mushure mezvo vakazvipa kwatiri maererano nokuda kwaMwari.
6 Kanaafuu Tiitoon akkuma duraan jalqabe sana hojii arjummaa kana gama keessaniin akka fiixaan baasuuf isa kadhanne.
Saka takakumbira zvikuru Tito, kuti sezvaakanga atanga, apedzisewo basa iri renyasha kwamuri.
7 Isin garuu akkuma waan hundaan jechuunis amantiin, dubbiin, beekumsaan, tattaaffii guutuu fi jaalala nuuf qabdaniin caaltan sana, kennaa arjummaa kaaniinis akka caaltan mirkaneessaa.
Asi sezvamakagonesesa pazvinhu zvose, pakutenda, pakutaura, pakuziva, napakushingaira kwose uye nomurudo rwenyu, onaiwo kuti mugonesese munyasha idzi dzokupa.
8 Ani tattaaffii namoota kaaniitiin wal bira qabee jaalalli keessan dhugaa taʼuu isaa qoruu barbaadeeti malee isin ajajaa hin jiru.
Handisi kukurayirai, asi kuti ndinoda kuedza kutendeka kwerudo rwenyu nokukuenzanisa nokushingaira kwavamwe.
9 Isin ayyaana Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos ni beektuutii; inni utuu sooressa taʼee jiruu akka isin hiyyummaa isaatiin sooromtaniif isiniif jedhee hiyyoome.
Nokuti munoziva nyasha dzaIshe wedu Jesu Kristu, kuti kunyange zvake akanga ari mupfumi, asi nokuda kwenyu akava murombo, kuitira kuti kubudikidza nourombo hwake imi mugopfumiswa.
10 Waan kana irratti gorsi ani waaʼee waan hunda caalaa isiniif wayyuu irratti kennu kanaa dha. Isin waggaa darbe kennuu qofaan utuu hin taʼin fedhii kennuuf qabdaniinis kanneen jalqabaa turtan.
Uye herino zano rangu pane zvichakubatsirai pachinhu ichi: Gore rakapera makava vokutanga kwete pakupa chete asiwo pakuva nechishuvo chokuzviita.
11 Ammas fedhiin cimaan isin hojii sanaaf qabdan isa fiixa baasuu keessaniin akka mirkanaaʼuuf waanuma qabdaniin hojii sana fiixaan baasaa.
Zvino pedzisai basa, kuitira kuti shungu dzenyu dzokuda kuita izvi, dzienzaniswe nokuzvizadzisa kwenyu, maererano nepamunogona napo.
12 Erga fedhiin jiraate kennaan sun akkuma waan namni qabuutti fudhatama malee akka waan namni hin qabneetti miti.
Nokuti kana chido chiripo, chipo chinogamuchirwa, maererano nezvine munhu, kwete maererano nezvaasina.
13 Fedhiin keenya akka isin rakkattanii warra kaanitti immoo toluuf utuu hin taʼin akka wal qixxummaan jiraatuuf.
Chishuvo chedu hachisi chokuti vamwe varerukirwe asi imi muchiremerwa, asi kuti pave nokuenzana.
14 Akka wanti isaan irraa hafu hirʼina keessan guutuuf, yeroo ammaa wanti isin irraa hafu hirʼina isaanii ni guuta. Yoos wal qixxummaan ni jiraata;
Panguva ino kuwana kwenyu kuchavawanisa zvavanoshayiwa, kuitirawo kuti kuwana kwavo kugokuwanisaiwo zvamunoshayiwa. Ipapo pachava nokuenzana,
15 kunis akkuma, “Isa baayʼee walitti qabateef baayʼeen hin hafne; isa xinnoo walitti qabatettis wanni tokko iyyuu hin hirʼanne” jedhamee barreeffamee dha.
sezvazvakanyorwa zvichinzi: “Akaunganidza zvakawanda haana kuva nezvakawandisa, uye akaunganidza zvishoma haana kuva nezvishoma shoma.”
16 Waaqa yaaduma ani isiniif qabu garaa Tiitoo keessa kaaʼe sana nan galateeffadha.
Ndinovonga Mwari, akaisa mumwoyo maTito hanya seyandinayo kwamuri.
17 Tiitoon gorsa keenya fudhachuu qofaan utuu hin taʼin fedhii guddaan ofuma isaatiin kaʼee gara keessan dhufaa jiraatii.
Nokuti Tito haana kugamuchira chikumbiro chedu bedzi, asi kuti ari kuuyawo kwamuri nokushingaira kukuru uye nokuda kwake hake.
18 Nus obboleessa tajaajila wangeelaatiin waldoota kiristaanaa hundaan jajame sana isa wajjin ni ergina.
Uye tiri kumutumira kwamuri pamwe chete nehama inorumbidzwa nekereke dzose paushumiri hwevhangeri.
19 Kana malees inni hojii nu ulfina Gooftaatii fi fedhii gaarii qabnu mulʼisuuf hojjennu keessatti akka nu wajjin deemuuf waldoota kiristaanaatiin filatameera.
Hazvisizvo zvoga, akasarudzwawo nekereke kuti atiperekedze pakutakura chipo chatiri kundopa, kuti tikudze Ishe pachake uye kuti tiratidze shungu dzedu dzokuda kubatsira.
20 Nu kennaa arjummaa kana hojii irra oolchuu keessatti akka namni kam iyyuu maqaa nu hin balleessine of eegganna.
Tinoda kuchenjerera kuti kurege kuva nomunhu angatipa mhosva pamusoro pamabatiro atichaita chipo ichi chikuru.
21 Nu utuu fuula Gooftaa qofa duratti hin taʼin fuula namootaa durattis waan qajeelaa hojjechuuf tattaaffanna.
Nokuti tiri kuedza kwazvo kuita zvakanaka, kwete pamberi paShe chete asiwo pamberi penyu.
22 Kana malees obboleessa keenya isa nu yeroo baayʼee waan hedduun qorree nama hisataa taʼuu isaa mirkaneeffanne sana isaan wajjin ergineerra; innis waan amantii guddaa isin irraa qabuuf kan duraa caalaa ni yaada.
Pamusoro pezvo, tiri kutuma hama yedu pamwe chete navo uyo akaratidza kwatiri nenzira dzakawanda kuti anoshingaira, uye kunyanya iye zvino nokuda kwokuvimba kwake kukuru nemi.
23 Waaʼee Tiitoo irratti, inni garee koo kan na wajjin isin gidduu hojjetuu dha; waaʼee obboloota keenyaa immoo isaan bakka buʼoota waldoota kiristaanaatii fi ulfina Kiristoos.
Kana ari Tito, ndiye shamwari yangu nomubati pamwe chete neni pakati penyu; kana dziri hama dzedu, ndivo vamiririri vekereke uye kukudzwa kwaKristu.
24 Kanaafuu akka waldoonni kiristaanaa arguu dandaʼaniif dhugaa jaalala keessaniitii fi sababii nu isiniin of jajnuuf namoota kanneenitti argisiisaa.
Naizvozvo ratidzai varume ava chiratidzo chorudo rwenyu uye chikonzero chokuzvirumbidza kwenyu, kuitira kuti kereke dzigogona kuzviona.

< 2 Qorontos 8 >