< 2 Qorontos 7 >

1 Kanaafuu yaa jaallatamtoota, nu waan waadaawwan kanneen qabnuuf kottaa Waaqa sodaachaa qulqullina fiixaan baasuudhaan waan foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of qulqulleessinaa.
Therefore, beloved, since we have these promises, let us cleanse ourselves from everything that defiles body and spirit, perfecting holiness in the fear of God.
2 Isin garaa nuu balʼadhaa. Nu nama tokko illee hin yakkine; nama tokko illee amala hin balleessine; nama tokko illee gowwoomsinee waa irraa hin fudhanne.
Make room for us in your hearts. We have wronged no one, we have corrupted no one, we have exploited no one.
3 Kana jechuun koos isinitti muruuf miti; nu isin wajjin duʼuu fi jiraachuuf akka isin garaa keenya keessa jirtan ani duraan dursee himeeraatii.
I do not say this to condemn you. I have said before that you so occupy our hearts that we live and die together with you.
4 Ani guddiseen isin amanadha; guddisees isiniin nan boona. Ani baayʼee jajjabeeffameera; rakkina keenya hunda keessattis gammachuun koo hamma hin qabu.
Great is my confidence in you; great is my pride in you; I am filled with encouragement; in all our troubles my joy overflows.
5 Yeroo Maqedooniyaa dhufnettis nu qixa hundaan dhiphachaa turre malee foon keenya kun boqonnaa hin arganne; alaan lola, keessaan immoo sodaatu nurra ture.
For when we arrived in Macedonia, our bodies had no rest, but we were pressed from every direction—conflicts on the outside, fears within.
6 Waaqni warra gaddan jajjabeessu garuu dhufaatii Tiitootiin nu jajjabeesse;
But God, who comforts the downcast, comforted us by the arrival of Titus,
7 kun immoo isin isa jajjabeessuu keessaniinis malee dhufaatii isaa qofaan miti. Innis na yaaduu keessan, gadduu keessan, hinaaffaa isin naaf qabdan nutti himeera; kanaafuu ani hamma duraa caalaa gammadeera.
and not only by his arrival, but also by the comfort he had received from you. He told us about your longing, your mourning, and your zeal for me, so that I rejoiced all the more.
8 Ani yoon xalayaa kootiin isin gaddisiise illee waan kana gochuu kootiif hin gaabbu. Ani yoon gaabbe illee akka xalayaan sun isin gaddisiise nan hubadha; taʼus isin gaddisiisuun isaa yeruma gabaabaaf;
Even if I caused you sorrow by my letter, I do not regret it. Although I did regret it, I now see that my letter caused you sorrow, but only for a short time.
9 amma garuu sababii isin gadditaniif utuu hin taʼin sababii gaddi keessan gara qalbii jijjiirrachuutti isin geesseef ani nan gammada. Isin akka fedhii Waaqaatti gadditaniitii; kanaafuu isin karaa kamiin iyyuu nuun hin miidhamne.
And now I rejoice, not because you were made sorrowful, but because your sorrow led you to repentance. For you felt the sorrow that God had intended, and so were not harmed in any way by us.
10 Gaddi akka fedhii Waaqaatti taʼu qalbii jijjiirrannaa gara fayyinaatti nama geessu fida malee gaabbii hin fidu; gaddi akka fedhii addunyaatti taʼu garuu duʼa fida.
Godly sorrow brings repentance that leads to salvation without regret, but worldly sorrow brings death.
11 Gaddi akka fedhii Waaqaatti taʼe kun tattaaffii akkamii, dandeettii falmachuu akkamii, dheekkamsa akkamii, sodaa akkamii, namaa yaaduu akkamii, hinaaffaa qajeelaa akkamii, murtii qajeelaa akkamii isin keessatti akka uume mee ilaalaa! Isin waan kana irratti karaa hundaan akka qulqulloota taatan mirkaneeffattaniirtu.
Consider what this godly sorrow has produced in you: what earnestness, what eagerness to clear yourselves, what indignation, what alarm, what longing, what zeal, what vindication! In every way you have proved yourselves to be innocent in this matter.
12 Kanaafuu ani isinii barreessu iyyuu, isin fuula Waaqaa duratti hammam akka nuuf of kennitan akka ofuma keessaniin argitaniif malee sababii namicha nama miidheetiif yookaan sababii namicha miidhameetiif miti.
So even though I wrote to you, it was not on account of the one who did wrong or the one who was harmed, but rather that your earnestness on our behalf would be made clear to you in the sight of God.
13 Nuus kana hundaanuu ni jajjabaanna. Jajjabina keenyatti dabalees keessumattuu Tiitoon gammaduu isaa arginee gammanneerra; hafuurri isaa isin hundaan haaromfameeraatii.
On account of this, we are encouraged. In addition to our own encouragement, we were even more delighted by the joy of Titus. For his spirit has been refreshed by all of you.
14 Ani isiniin isatti booneen ture; isinis na hin qaanessine. Garuu akkuma wanni nu isinitti himne sun hundi dhugaa taʼe, waaʼee keessan Tiitootti boonuun keenyas akkasuma dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼeera.
Indeed, I was not embarrassed by anything I had boasted to him about you. But just as everything we said to you was true, so our boasting to Titus has proved to be true as well.
15 Innis ajajamuu hunda keessanii akkasumas sodaa fi hollannaa isin ittiin isa simattan sana yeroo yaadatutti jaalalli inni isiniif qabu isa durii caalaa dabalama.
And his affection for you is even greater when he remembers that you were all obedient as you welcomed him with fear and trembling.
16 Ani abdii guutuu isin irraa qaba; kanaafuu nan gammada.
I rejoice that I can have complete confidence in you.

< 2 Qorontos 7 >