< 2 Qorontos 6 >

1 Egaa nu warri Waaqa wajjin hojjennu, akka isin ayyaana Waaqaa akka waan gatii hin qabneetti hin fudhanne isin kadhanna.
haka, tundashike muna aiki tare, na roke ku kar ku yi watsi da alherin Allah.
2 Inni, “Ani yeroo fudhatama qabutti si dhagaʼeera; guyyaa fayyinaattis si gargaareera” jedhaatii. Kunoo yeroon fudhatama qabu amma; guyyaan fayyinaas amma.
Domin ya ce, “A lokacin alheri na saurare ku, kuma a ranar ceto na agaje ku.” Yanzu ne fa, lokacin alheri. Duba, yanzu ne ranar ceto.
3 Nu akka tajaajilli keenya hin tuffatamneef, karaa nama kamii irra iyyuu gufuu hin keenyu.
Ba mu sa sanadin faduwa a gaban kowannen ku, domin ba mu so hidimarmu ta zama marar amfani.
4 Qooda kanaa nu karaa hundaan akka tajaajiltoota Waaqaatti of dhiʼeessina; obsa guddaadhaan, dhiphinaan, gidiraa fi yaaddoon,
Maimakon haka, mun tabbatar da kan mu ta wurin dukan ayyukanmu, cewa mu bayin Allah ne. Mu bayinsa ne ta wurin yawan jimiri, azaba, kunci, wahala,
5 garafamuun, mana hidhaatti galfamuun, jeequmsaan, hojii dadhabsiisaa hojjechuun, hirriba dhabuun, beelaʼuun,
duka, kurkuku, tarzoma, cikin aiki tukuru, cikin rashin barci yawancin dare, cikin yunwa,
6 qulqullaaʼummaan, hubannaan, obsaa fi gara laafinaan, Hafuura Qulqulluu fi jaalala of tuulummaa hin qabneen,
cikin tsarki, ilimi, hakuri, kirki, cikin Ruhu Mai tsarki, da sahihiyar kauna.
7 dubbii dhugaatii fi humna Waaqaatiin, miʼa waraanaa kan qajeelinaa harka mirgaatii fi harka bitaatti qabachuun,
Mu bayinsa ne cikin kalmar gaskiya, cikin ikon Allah. Muna kuma da makamai na adalci, a hanun dama da hagu.
8 ulfinaa fi salphinaan, maqaa baduu fi maqaa toluun jiraanneerra; akkasumas utuu dhugaa qabeeyyii taanee jirruu, sobduu jedhamneerra;
Muna aiki cikin daraja da rashin daraja, kushe da yabo. Ana zargin mu a kan mu mayaudara ne, duk da haka mu masu gaskiya ne.
9 beekamtoota turre; garuu akka warra hin beekaminiitti hedamne; nu duʼaa jirra; garuu kunoo ni jiraanna; ni tumamna; garuu hin ajjeefamnu;
Muna aiki kamar ba a san mu ba, gashi kuwa mu sanannu ne. Muna aiki kamar masu mutuwa-duba! -har yanzu muna raye. Muna aiki kamar wadanda aka hukunta, amma ba hukuncin kisa ba.
10 ni gaddina; garuu yeroo hunda ni gammanna; hiyyeeyyii dha; garuu namoota hedduu sooromsina; homaa hin qabnu; garuu waan hunda qabna.
Muna aiki kamar muna bakinciki, amma a koyaushe muna farinciki. Muna aiki kamar matalauta, amma muna azurta mutane dayawa. Muna aiki kamar ba mu da komai, amma mun mallaki komai.
11 Yaa warra Qorontos, nu afaan guunnee isinitti dubbanneerra; garaan keenyas isiniif banamaa dha.
Mun fada maku dukan gaskiyar, Korantiyawa, kuma zuciyar mu a bude ta ke.
12 Isinitu garaa nu dhokfate malee nu garaa isin hin dhokfanne.
Ba mu kange zukatan ku ba, ku ne kuka kange zukatanku a gare mu.
13 Ani akka waan isin ijoollee koo taataniittin isinitti dubbadha; isinis akkasuma garaa keessan balʼisaa nuu banaa.
Yanzu a sabanin haka-Ina magana da ku kamar yara-ku bude mana zukatanku.
14 Warra hin amanneen walitti hin camadaminaa. Qajeelummaa fi jalʼinni maal wal irraa qabu? Yookaan ifni dukkana wajjin tokkummaa maalii qaba?
Kada ku yi cudanya da marasa bangaskiya. Wace tarayya ke tsakanin adalci da take shari'a? Ko kuma wace zumunta ce ke tsakanin haske da duhu?
15 Kiristoosii fi Belhor gidduu walii galtee maaliitu jira? Namni amanu tokko nama hin amanne wajjin maal wal irraa qaba?
Wace yarjejeniya ke tsakanin Almasihu da Ibilis? ko kuma me ya hada masu bangaskiya da marasa bangaskiya?
16 Manni qulqullummaa Waaqaa waaqota tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba? Nu mana qulqullummaa Waaqa jiraataa ti. Waaqnis akkana jedhee dubbateera; “Ani isaan wajjin nan jiraadha; isaan gidduus nan deddeebiʼa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.”
ko wace yarjejeniya ce a tsakanin haikalin Allah da gumaka? Domin kuwa mu haikali ne na Allah mai rai, kamar yadda Allah ya ce: ''Zan zauna a cikin su, in kuma yi tafiya a tsakanin su. Zan zama Allahnsu, su kuma za su zama mutanena.”
17 Kanaafuu, “Isaan keessaa baʼaa; isaan irraas gargar foʼamaa; jedha Gooftaan. Waan xuraaʼaa hin tuqinaa, anis isinan simadha.”
Sabili da haka, ''Ku fito daga cikin su, kuma ku zama kebabbu,'' in ji Ubangiji. ''Kada ku taba kazamin abu, zan kuma karbe ku.
18 Amma illee, “Ani Abbaa isiniif nan taʼa; isinis ilmaanii fi intallan koo ni taatu; jedha Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu.”
Zan zama Uba a gare ku, ku kuma za ku zama 'ya'ya maza da mata a gare ni,'' in ji Ubangiji Mai iko duka.

< 2 Qorontos 6 >