< 2 Qorontos 5 >
1 Yoo dunkaanni lafa irraa kan nu keessa jiraannu kun diigame mana Waaqni ijaare, mana bara baraa kan harka namaatiin hin ijaaramin samii irraa akka qabnu beekna. (aiōnios )
만일 땅에 있는 우리의 장막집이 무너지면 하나님께서 지으신 집 곧 손으로 지은 것이 아니요 하늘에 있는 영원한 집이 우리에게 있는 줄 아나니 (aiōnios )
2 Hammasitti mana keenya kan samii irraa sana uffachuu hawwuudhaan ni aadna;
과연 우리가 여기 있어 탄식하며 하늘로부터 오는 우리 처소로 덧입기를 간절히 사모하노니
3 nu yommuu isa ufannutti qullaa hin argamnuutii.
이렇게 입음은 벗은 자들로 발견되지 않으려 함이라
4 Nu utuma dunkaana kana keessa jirruu ni aadna; baʼaanis nutti ulfaateera; nu garuu wanni duʼa hin oolle jireenyaan akka liqimfamuuf mana keenya kan samii irraa uffachuu malee akka uffanni nurraa baafamu hin barbaannuutii.
이 장막에 있는 우리가 짐 진 것 같이 탄식하는 것은 벗고자 함이 아니요 오직 덧입고자 함이니 죽을 것이 생명에게 삼킨 바 되게 하려 함이라
5 Kan kaayyoo kanaaf nu qopheesses Waaqa isa Hafuura Qulqulluu wabii waan dhufuuf jiruu godhee akka qabdiitti nuu kenne sanaa dha.
곧 이것을 우리에게 이루게 하시고 보증으로 성령을 우리에게 주신 이는 하나님이시니라
6 Kanaaf nu yeroo hunda ija jabina qabna; hamma dhagna fooniitiin jirrutti Gooftaa irraa fagoo akka jirru beekna.
그러므로 우리가 항상 담대하여 몸에 거할 때에는 주와 따로 거하는 줄을 아노니
7 Nu amantiidhaan jiraanna malee arguun miti.
이는 우리가 믿음으로 행하고 보는 것으로 하지 아니함이로라
8 Nu ija jabina qabna; dhagna foonii kana irraa addaan baanee Gooftaa wajjin jiraachuu filanna.
우리가 담대하여 원하는 바는 차라리 몸을 떠나 주와 함께 거하는 그것이니라
9 Kanaaf nu dhagna fooniitiin jiraannus, dhagna foonii irraa fagaannus kaayyoon keenya Isa gammachiisuu dha.
그런즉 우리는 거하든지 떠나든지 주를 기쁘시게 하는 자가 되기를 힘쓰노라
10 Tokkoon tokkoon namaa yeroo dhagna fooniitiin jiraachaa turetti akka hojii tolaa yookaan hamaa hojjeteef gatii isaa argatuuf hundi keenya barcuma murtii Kiristoos duratti dhiʼaachuu qabnaatii.
이는 우리가 다 반드시 그리스도의 심판대 앞에 드러나 각각 선악간에 그 몸으로 행한 것을 따라 받으려 함이라
11 Nu Gooftaa sodaachuun maal akka taʼe waan beeknuuf namoota amansiisuuf yaalii goona. Eenyummaan keenya Waaqa biratti beekamaa dha; yaada garaa keessaniitiifis beekamaa akka taʼe nan abdadha.
우리가 주의 두려우심을 알므로 사람을 권하노니 우리가 하나님 앞에 알리워졌고 또 너희의 양심에도 알리워졌기를 바라노라
12 Nu akka isin nuun boontaniif carraa isinii kennuuf malee amma illee isin biratti of galateeffachuuf miti; kunis isin warra waan garaa keessa jiru caalaa waan ijatti mulʼatuun boonaniif deebii kennuu akka dandeessaniif.
우리가 다시 너희에게 자천하는 것이 아니요 오직 우리를 인하여 자랑할 기회를 너희에게 주어 마음으로 하지 않고 외모로 자랑하는 자들을 대하게 하려 하는 것이라
13 Nu yoo akka namoonni tokko tokko jedhan sana “qalbii dabarsine,” Waaqaaf jennee ti; yoo qalbii qabeeyyii taane immoo isiniif jennee ti.
우리가 만일 미쳤어도 하나님을 위한 것이요 만일 정신이 온전하여도 너희를 위한 것이니
14 Jaalalli Kiristoos nu dirqisiisaatii; sababiin isaas waan namni tokko nama hundaaf duʼeef namni hundi kan duʼe taʼuu isaa amansiifamneerra.
그리스도의 사랑이 우리를 강권하시는도다 우리가 생각건대 한 사람이 모든 사람을 대신하여 죽었은즉 모든 사람이 죽은 것이라
15 Innis akka warri lubbuun jiran siʼachi isa isaaniif jedhee duʼee duʼaa kaafame sanaaf malee akka ofii isaaniitiif hin jiraanneef nama hundumaaf duʼe.
저가 모든 사람을 대신하여 죽으심은 산 자들로 하여금 다시는 저희 자신을 위하여 살지 않고 오직 저희를 대신하여 죽었다가 다시 사신 자를 위하여 살게 하려 함이니라
16 Kanaafuu nu ammaa jalqabnee nama tokko iyyuu akka ilaalcha fooniitti hin ilaallu. Yoo kanaan dura akka ilaalcha addunyaatti Kiristoosin ilaalaa turre iyyuu, siʼachi akkas hin goonu.
그러므로 우리가 이제부터는 아무 사람도 육체대로 알지 아니하노라 비록 우리가 그리스도도 육체대로 알았으나 이제부터는 이같이 알지 아니하노라
17 Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.
그런즉 누구든지 그리스도 안에 있으면 새로운 피조물이라 이전 것은 지나갔으니 보라 새 것이 되었도다
18 Kun hundinuus Waaqa Kiristoosiin ofitti nu araarsee fi tajaajila araaraa nuu kenne sana irraa dhufe;
모든 것이 하나님께로 났나니 저가 그리스도로 말미암아 우리를 자기와 화목하게 하시고 또 우리에게 화목하게 하는 직책을 주셨으니
19 kunis, Waaqni cubbuu namootaa isaanitti lakkaaʼuu dhiisuudhaan Kiristoosiin addunyaa ofitti araarsaa ture jechuu dha. Innis ergaa araaraa sana imaanaa nutti kenneera.
이는 하나님께서 그리스도 안에 계시사 세상을 자기와 화목하게 하시며 저희의 죄를 저희에게 돌리지 아니하시고 화목하게 하는 말씀을 우리에게 부탁하셨느니라
20 Kanaafuu nu bakka buʼoota Kiristoos; Waaqnis karaa keenyaan isin sossobata; nus akka isin Waaqatti araaramtaniif qooda Kiristoos taanee isin kadhanna.
이러므로 우리가 그리스도를 대신하여 사신이 되어 하나님이 우리로 너희를 권면하시는 것 같이 그리스도를 대신하여 간구하노니 너희는 하나님과 화목하라
21 Akka nu isumaan qajeelummaa Waaqaa taanuuf Waaqni nuuf jedhee Kiristoos isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.
하나님이 죄를 알지도 못하신 자로 우리를 대신하여 죄를 삼으신 것은 우리로 하여금 저의 안에서 하나님의 의가 되게 하려 하심이니라