< 2 Qorontos 4 >
1 Kanaafuu nu araara Waaqaatiin tajaajila kana waan qabnuuf abdii hin kutannu.
我们既然蒙怜悯,受了这职分,就不丧胆,
2 Nu waan dhoksaa taʼee fi waan nama qaanessu dhiifneerra; namas hin gowwoomsinu; dubbii Waaqaas hin micciirru. Garuu dhugaa ifatti baafnee dubbachuudhaan fuula Waaqaa duratti qalbii nama hundumaatti of dhiʼeessina.
乃将那些暗昧可耻的事弃绝了;不行诡诈,不谬讲 神的道理,只将真理表明出来,好在 神面前把自己荐与各人的良心。
3 Wangeelli keenya yoo haguugame illee warra baduutti jiran jalaa haguugama;
如果我们的福音蒙蔽,就是蒙蔽在灭亡的人身上。
4 Waaqni addunyaa kanaa akka namoonni hin amanin ifa wangeela ulfina Kiristoos isa fakkaattii Waaqaa taʼe sanaa arguu hin dandeenyeef qalbii isaanii jaamseera. (aiōn )
此等不信之人被这世界的神弄瞎了心眼,不叫基督荣耀福音的光照着他们。基督本是 神的像。 (aiōn )
5 Nu akka Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼe lallabna malee of hin lallabnu; nu mataan keenya Yesuusiif jennee tajaajiltoota keessan.
我们原不是传自己,乃是传基督耶稣为主,并且自己因耶稣作你们的仆人。
6 Waaqni, “Dukkana keessaa ifni haa ifu” jedhe sun akka fuula Kiristoos irraa ifa beekumsa ulfina Waaqaa nuu kennuuf ifa isaa garaa keenya keessatti ibseeraatii.
那吩咐光从黑暗里照出来的 神,已经照在我们心里,叫我们得知 神荣耀的光显在耶稣基督的面上。
7 Garuu akka humni waan hunda caalu kun Waaqa irraa malee nu biraa hin dhufin argisiisuuf nu badhaadhummaa kana qodaa suphee keessaa qabna.
我们有这宝贝放在瓦器里,要显明这莫大的能力是出于 神,不是出于我们。
8 Nu karaa hundaan ni dhiibamna; garuu hin caccabnu; ni burjaajofna; garuu abdii hin kutannu;
我们四面受敌,却不被困住;心里作难,却不至失望;
9 ni ariʼatamna, garuu hin gatamnu; lafaan dhaʼamna, garuu hin badnu.
遭逼迫,却不被丢弃;打倒了,却不至死亡。
10 Akka jireenyi Yesuus dhagna keenyaan mulʼifamuuf nu yeroo hunda duʼa Yesuus dhagna keenyatti baannee deemna.
身上常带着耶稣的死,使耶稣的生也显明在我们身上。
11 Nu warri lubbuun jirru akka jireenyi isaa foon keenya kan duʼu keessaan mulʼifamuuf yeroo hunda Yesuusiif jennee duʼatti dabarfamnee kennamnaatii.
因为我们这活着的人是常为耶稣被交于死地,使耶稣的生在我们这必死的身上显明出来。
12 Egaa duuti nu keessatti hojjeta; jireenyi immoo isin keessatti hojjeta.
这样看来,死是在我们身上发动,生却在你们身上发动。
13 “Ani amaneera; kanaafis dubbadheera” jedhamee barreeffameera. Nu immoo sababii hafuura amantii sanaan ni amanna; kanaafis ni dubbanna;
但我们既有信心,正如经上记着说:“我因信,所以如此说话。”我们也信,所以也说话。
14 inni Gooftaa Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sun nuus Yesuus wajjin kaasee isin wajjinis fuula isaa duratti akka nu dhiʼeessu ni beekna.
自己知道那叫主耶稣复活的,也必叫我们与耶稣一同复活,并且叫我们与你们一同站在他面前。
15 Ayyaanni namoota hedduu waliin gaʼaa jiru kun ulfina Waaqaatiif galata guutee dhangalaʼu akka fiduuf wanni kun hundi buʼaa keessaniif taʼe.
凡事都是为你们,好叫恩惠因人多越发加增,感谢格外显多,以致荣耀归与 神。
16 Kanaafuu nu abdii hin kutannu. Yoo namummaan keenya inni alaan mulʼatu dhumaa deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyuma guyyaan haaromfamaa deema.
所以,我们不丧胆。外体虽然毁坏,内心却一天新似一天。
17 Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida. (aiōnios )
我们这至暂至轻的苦楚,要为我们成就极重无比、永远的荣耀。 (aiōnios )
18 Kanaafuu nu waan hin mulʼanne ilaalla malee waan mulʼatu hin ilaallu. Wanti mulʼatu waan yeroo ti; wanti hin mulʼanne garuu waan bara baraatii. (aiōnios )
原来我们不是顾念所见的,乃是顾念所不见的;因为所见的是暂时的,所不见的是永远的。 (aiōnios )