< 2 Qorontos 3 >
1 Nu ammas of galateeffachuu jalqabnaa ree? Yookaan akka namoota tokko tokkoo xalayaa deeggarsaa gara keessanitti fiduu yookaan isin biraa argachuu nu barbaachisaa ree?
Mbe, echamba okwikumaga abhene lindi? chitakwenda jinyalubha ejokumwenda okusoka kwimwe ya bhanu, mbe echenda?
2 Xalayaan keenya kan namni hundinuu beekuu fi dubbisu kan garaa keenya keessatti barreeffame isinuma.
Emwe abhene ni inyalubha eswe inu yandikilwe mu mwoyo jeswe, inuimenyelwe no kusomwa na bhanu bhona.
3 Isin akka xalayaa Kiristoos, buʼaa tajaajila keenyaa taatan ifa; xalayaan kunis qalamiidhaan utuu hin taʼin Hafuura Waaqa jiraataatiin, gabatee dhagaa irratti utuu hin taʼin gabatee garaa namaa irratti kan barreeffamee dha.
No mwelesha ati emwe ni nyalubha okusoka ku Kristo, inu isosibwe neswe. Inuyandikilwe atali kwo bwino nawe kwo Mwoyo gwa Nyamuanga unu ali muanga. Itandikilwe ingulu ya mabhao ga mabhui, nawe ingulu ya mabhao ge mitima ja bhana munu.
4 Amantiin nu karaa Kiristoosiin fuula Waaqaa duratti qabnus kan akkanaa ti.
Niko kutyo echiikanya ku Nyamuanga okulabhila ku Kristo. Chitakwiikanya abhene chonachona okusoka kweswe.
5 Nu waan tokko illee ofii keenyaan hojjechuuf dandeettii qabna jennee miti; dandeettiin keenya garuu Waaqa irraa dhufa.
Okwiikanya kweswe okusoka ku Nyamuanga.
6 Innis akka nu tajaajiltoota kakuu haaraa taanuuf dandeettii nuu kenneera; kakuun kunis kan qubee utuu hin taʼin kan Hafuuraa ti; qubeen ni ajjeesa; Hafuurri garuu jireenya kenna.
Ni Nyamuanga unu achikolele kubha bhakosi bha indagano inyaya. Inu ni ndagano itali nyalubha nawe ni ya Mwoyo. Kwo kubha inyalubha eita, nawe omwoyo oguleta obhuanga.
7 Erga tajaajilli duʼa fide kan qubeedhaan dhagaa irratti qirixame sun hamma Israaʼeloonni sababii ulfina isaa kan irraa badaa deemu sanaatiif xiyyeeffatanii fuula Musee ilaaluu hin dandeenyetti ulfinaan dhufee,
Woli omulimu gwo kufwa gwaliga kusong'owe ingulu ya mabhui yejile kwa likusho ati abhanu bha Israeli bhatalolele kubwambilo obhusu bwa Musa. Inu ni kwo kubha likusho lyo bhusu bwae, likusho linu lyaliga elyo kuwao.
8 tajaajilli Hafuuraa immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatuu ree?
Mbe, emilimu jo mwoyo itakubha na likusho?
9 Erga tajaajilli murtii namatti fidu ulfina qabaatee, tajaajilli qajeelummaa fidu immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatu ree!
Kwo kubha okulamula kwaliga na likusho, ni lwakalinga nisakila muno kwa likusho!
10 Wanni ulfina qabeessa ture sun yommuu ulfina caalu biratti ilaalamu amma ulfina hin qabuutii.
Ni chimali ati, chiliya echochakolelwe likusho kwamba chitana likusho lindi lisima linu, kwo kubha likusho eliyongesha.
11 Erga wanni yeroodhaaf jiraatu sun ulfinaan dhufee, ulfinni isa bara baraan jiraatuu immoo hammam caalaa guddaa haa taʼu ree!
Kwo kubha chiliya chinu chaliga nichilabha chaliga na likusho, chiliya chinu ni cho kusakila echibha na likusho!
12 Kanaafuu nu abdii akkasii waan qabnuuf baayʼee ija jabaanna.
Kwo kubha chili no bwiikanyo eyo, chili no bwiikanyo muno.
13 Nu warra akka Musee isa akka sabni Israaʼel dhuma waan badaa deemu sanaa hin argineef jedhee haguuggiidhaan fuula isaa haguuggatee miti.
Obhusoka lya Musa atulileo ingulu yo bhusu base, koleleki abhanu bha Israeli bhatatula okulola kubwambilo na kubhutelo kwa likusho linu elibhula.
14 Yaadni isaanii garuu hadoodeera; isaan hamma harʼaatti iyyuu yommuu kakuu moofaa dubbisanitti haguuggiin sun isaan irraa hin fuudhamne. Inni Kiristoos qofaan irraa fuudhamaatii.
Nawe amenge gebwe galiga gegawe. Nolwo olusiku lunu olusigala ingulu yo kusomwa indagano ya kala. Ichali kutulwa abwelu, kwo kubha Kristo umwila kasosibwao kula.
15 Hamma harʼaatti illee yeroo isaan seera Musee dubbisanitti haguuggiin yaada garaa isaanii ni haguuga.
Nawe nolwo lelo, omwanya gwona gwona Musa kasomwao, kayanja ingulu ye mitima jebwe.
16 Yeroo namni kam iyyuu gara Gooftaatti deebiʼutti garuu haguuggiin sun irraa fuudhama.
Nawe omunu awo kageuka ku Lata bhugenyi, echisosibwao.
17 Gooftaan Hafuura. Iddoo Hafuurri Gooftaa jiru immoo bilisummaatu jira.
Woli Lata bhugenyi ni Mwoyo. anu kabha Mwoyo wa Lata bhugenyi, nuwo obhufule.
18 Nu warri utuu fuulli keenya hin haguugamin ulfina Gooftaa calaqqisnu hundi ulfina ittuma caalee guddachaa deemu kan Gooftaa Hafuura taʼe irraa dhufuun gara bifa isaatti geeddaramaa jirra.
Woli eswe bhona, amwi no bhusu bhutaswikiwe, obhulola likusho lya Lata bhugenyi echiingisibwa munda yo kulolya guli guli kwa likusho okusoka mu likusho okugenda andi, kutyo okusoka ku Lata bhugenyi, unu ni Mwoyo.