< 2 Qorontos 3 >
1 Nu ammas of galateeffachuu jalqabnaa ree? Yookaan akka namoota tokko tokkoo xalayaa deeggarsaa gara keessanitti fiduu yookaan isin biraa argachuu nu barbaachisaa ree?
Elkezdjük-é ismét ajánlgatni magunkat? Vagy talán szükségünk van, mint némelyeknek, ajánló levelekre hozzátok, avagy tőletek?
2 Xalayaan keenya kan namni hundinuu beekuu fi dubbisu kan garaa keenya keessatti barreeffame isinuma.
A mi levelünk ti vagytok, beírva a mi szívünkbe, a melyet ismer és olvas minden ember;
3 Isin akka xalayaa Kiristoos, buʼaa tajaajila keenyaa taatan ifa; xalayaan kunis qalamiidhaan utuu hin taʼin Hafuura Waaqa jiraataatiin, gabatee dhagaa irratti utuu hin taʼin gabatee garaa namaa irratti kan barreeffamee dha.
A kik felől nyilvánvaló, hogy Krisztusnak a mi szolgálatunk által szerzett levele vagytok, nem tentával, hanem az élő Isten Lelkével írva; nem kőtáblákra, hanem a szívnek hústábláira.
4 Amantiin nu karaa Kiristoosiin fuula Waaqaa duratti qabnus kan akkanaa ti.
Ilyen bizodalmunk pedig Isten iránt a Krisztus által van.
5 Nu waan tokko illee ofii keenyaan hojjechuuf dandeettii qabna jennee miti; dandeettiin keenya garuu Waaqa irraa dhufa.
Nem mintha magunktól volnánk alkalmatosak valamit gondolni, úgy mint magunkból; ellenkezőleg a mi alkalmatos voltunk az Istentől van:
6 Innis akka nu tajaajiltoota kakuu haaraa taanuuf dandeettii nuu kenneera; kakuun kunis kan qubee utuu hin taʼin kan Hafuuraa ti; qubeen ni ajjeesa; Hafuurri garuu jireenya kenna.
A ki alkalmatosokká tett minket arra, hogy új szövetség szolgái legyünk, nem betűé, hanem léleké; mert a betű megöl, a lélek pedig megelevenít.
7 Erga tajaajilli duʼa fide kan qubeedhaan dhagaa irratti qirixame sun hamma Israaʼeloonni sababii ulfina isaa kan irraa badaa deemu sanaatiif xiyyeeffatanii fuula Musee ilaaluu hin dandeenyetti ulfinaan dhufee,
Ha pedig a halálnak betűkkel kövekbe vésett szolgálata dicsőséges vala, úgyhogy Izráel fiai nem is nézhettek Mózes orczájára arczának elmúló dicsősége miatt:
8 tajaajilli Hafuuraa immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatuu ree?
Hogyne volna még inkább dicsőséges a léleknek szolgálata?
9 Erga tajaajilli murtii namatti fidu ulfina qabaatee, tajaajilli qajeelummaa fidu immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatu ree!
Mert ha a kárhoztatás szolgálata dicsőséges, mennyivel inkább dicsőséges az igazság szolgálata?
10 Wanni ulfina qabeessa ture sun yommuu ulfina caalu biratti ilaalamu amma ulfina hin qabuutii.
Sőt a dicsőített nem is dicsőséges ebben a részben az őt meghaladó dicsőség miatt.
11 Erga wanni yeroodhaaf jiraatu sun ulfinaan dhufee, ulfinni isa bara baraan jiraatuu immoo hammam caalaa guddaa haa taʼu ree!
Mert ha dicsőséges az elmulandó, sokkal inkább dicsőséges, a mi megmarad.
12 Kanaafuu nu abdii akkasii waan qabnuuf baayʼee ija jabaanna.
Azért ilyen reménységben nagy nyiltsággal szólunk;
13 Nu warra akka Musee isa akka sabni Israaʼel dhuma waan badaa deemu sanaa hin argineef jedhee haguuggiidhaan fuula isaa haguuggatee miti.
És nem, miként Mózes, a ki leplet borított az orczájára, hogy ne lássák Izráel fiai az elmulandónak végét.
14 Yaadni isaanii garuu hadoodeera; isaan hamma harʼaatti iyyuu yommuu kakuu moofaa dubbisanitti haguuggiin sun isaan irraa hin fuudhamne. Inni Kiristoos qofaan irraa fuudhamaatii.
De megtompultak az ő elméik. Mert ugyanaz a lepel mind e mai napig ott van az ó szövetség olvasásánál felfedetlenül, mivelhogy a Krisztusban tűnik el;
15 Hamma harʼaatti illee yeroo isaan seera Musee dubbisanitti haguuggiin yaada garaa isaanii ni haguuga.
Sőt mind máig, a mikor csak olvassák Mózest, lepel borul az ő szívökre.
16 Yeroo namni kam iyyuu gara Gooftaatti deebiʼutti garuu haguuggiin sun irraa fuudhama.
Mikor pedig megtér az Úrhoz, lehull a lepel.
17 Gooftaan Hafuura. Iddoo Hafuurri Gooftaa jiru immoo bilisummaatu jira.
Az Úr pedig a Lélek; és a hol az Úrnak Lelke, ott a szabadság.
18 Nu warri utuu fuulli keenya hin haguugamin ulfina Gooftaa calaqqisnu hundi ulfina ittuma caalee guddachaa deemu kan Gooftaa Hafuura taʼe irraa dhufuun gara bifa isaatti geeddaramaa jirra.
Mi pedig az Úrnak dicsőségét mindnyájan fedetlen arczczal szemlélvén, ugyanazon ábrázatra elváltozunk, dicsőségről dicsőségre, úgy mint az Úrnak Lelkétől.