< 2 Qorontos 12 >

1 Yoo buʼaa qabaachuu baate iyyuu ani nan boona. Ani gara waan Gooftaan na argisiiseetii fi mulʼata isa biraa dhufeetti nan qajeela.
무익하나마 내가 부득불 자랑하노니 주의 환상과 계시를 말하리라
2 Namichi Kiristoositti jiru tokko waggaa kudha afur dura gara samii sadaffaatti ol fudhatamuu isaa nan beeka. Innis dhagna fooniitiin taʼuu fi taʼuu baachuu isaa Waaqatu beeka malee ani hin beeku.
내가 그리스도 안에 있는 한 사람을 아노니 십 사년 전에 그가 세째 하늘에 이끌려 간 자라 (그가 몸 안에 있었는지 몸 밖에 있었는지 나는 모르거니와 하나님은 아시느니라)
3 Ani nama akkanaa nan beeka; dhagna fooniitiin taʼuu fi taʼuu baachuu isaa ani hin beeku; Waaqatu beeka;
내가 이런 사람을 아노니 (그가 몸 안에 있었는지 몸 밖에 있었는지 나는 모르거니와 하나님은 아시느니라)
4 innis gara jannataatti ol fudhatamee waan hin dubbatamne kan akka namni himuuf hin eeyyamamne dhagaʼe.
그가 낙원으로 이끌려 가서 말할 수 없는 말을 들었으니 사람이 가히 이르지 못할 말이로다
5 Ani waaʼee nama akkasiitiif nan boona; garuu waaʼee dadhabbii kootii malee waaʼee ofii kootii hin boonu.
내가 이런 사람을 위하여 자랑하겠으나 나를 위하여는 약한 것들 외에 자랑치 아니하리라
6 Ani waanan dhugaa dubbachaa jiruuf yoon boonuu filadhe iyyuu hin gowwoomu. Garuu namni tokko iyyuu waan narratti arguu fi waan narraa dhagaʼu caalaa akka waaʼee koo hin yaadneef ani waan akkasii irraa ofin qusadha;
내가 만일 자랑하고자 하여도 어리석은 자가 되지 아니할 것은 내가 참말을 함이라 그러나 누가 나를 보는 바와 내게 듣는 바에 지나치게 생각할까 두려워하여 그만 두노라
7 akka ani mulʼata akka malee guddaa kanaan of hin tuulleef qoraattiin foon koo waraanu tokko, ergamaan Seexanaa akka na dhiphisuuf naa kenname.
여러 계시를 받은 것이 지극히 크므로 너무 자고(自高)하지 않게 하시려고 내 육체에 가시 곧 사단의 사자를 주셨으니 이는 나를 쳐서 너무 자고하지 않게 하려 하심이니라
8 Wanni kun akka narraa fagaatuuf siʼa sadii Gooftaa nan kadhadhe.
이것이 내게서 떠나기 위하여 내가 세 번 주께 간구하였더니
9 Inni garuu, “Ayyaanni koo si gaʼa; humni koo dadhabbii keessatti guutuu taʼaatii” naan jedhe. Kanaafuu humni Kiristoos akka narra boqotuuf waaʼee dadhabbii kootii caalchisee gammaduudhaan akka malee nan boona.
내게 이르시기를 내 은혜가 네게 족하도다! 이는 내 능력이 약한데서 온전하여짐이라 하신지라 이러므로 도리어 크게 기뻐함으로나의 여러 약한 것들에 대하여 자랑하리니 이는 그리스도의 능력으로 내게 머물게 하려 함이라
10 Ani waaʼee Kiristoosiif jedhee dadhabbii keessatti, arrabsoo keessatti, gidiraa keessatti, ariʼatama keessatti, rakkina keessattis gammaduun koo kanumaaf. Yoos ani yeroon dadhabutti nan jabaadhaatii.
그러므로 내가 그리스도를 위하여 약한 것들과, 능욕과, 궁핍과, 핍박과, 곤란을 기뻐하노니 이는 내가 약할 그 때에 곧 강함이니라
11 Ani of gowwoomseera; waan kanatti garuu isinitu na dhiibe. Ani yoon waanuma tokkotti illee hedamuu baadhe, waan “Ergamoota hangafoota” sanaa gad hin taaneef silaa isin naa dubbachuu qabdu turtan.
내가 어리석은 자가 되었으나 너희에게 억지로 시킨 것이니 내가 너희에게 칭찬을 받아야 마땅하도다 내가 아무 것도 아니나 지극히 큰 사도들보다 조금도 부족하지 아니하니라
12 Mallattoowwan ergamaa dhugaa tokko jechuunis mallattoon, hojiin dinqiitii fi raajiin isin gidduutti obsa guddaadhaan hojjetamaniiru.
사도의 표(標)된 것은 내가 너희 가운데서 모든 참음과, 표적과, 기사와, 능력을 행한 것이라
13 Ani utuu baʼaa isinitti hin taʼin hafuu kootiin alatti wanti isin ittiin waldoota kiristaanaa kaanii gad taatan maali? Yakka kana naa dhiisaa!
내 자신이 너희에게 폐를 끼치지 아니한 일밖에 다른 교회보다 부족하게 한 것이 무엇이 있느냐? 너희는 나의 이 공평치 못한 것을 용서하라
14 Ani siʼa sadaffaaf gara keessan dhufuuf qophaaʼeera; ani isinuma malee qabeenya keessan waan hin barbaanneef baʼaa isinitti hin taʼu. Warratu ijoollee isaaniitiif qabeenya kuusuu qaba malee ijoolleen warra isaaniitiif kuusuu hin qaban.
보라 이제 세 번째 너희에게 가기를 예비하였으나 너희에게 폐를 끼치지 아니하리라 나의 구하는 것은 너희 재물이 아니요 오직 너희니라 어린 아이가 부모를 위하여 재물을 저축하는 것이 아니요 이에 부모가 어린 아이를 위하여 하느니라
15 Ani waanan qabu hunda gammachuun isiniif nan kenna; ofii koo illee isiniif nan kenna. Sababii ani baayʼisee isin jaalladhuuf isin immoo xinneessitanii na jaallattuu ree?
내가 너희 영혼을 위하여 크게 기뻐함으로 재물을 허비하고 또 내 자신까지 허비하리니 너희를 더욱 사랑할 수록 나는 덜 사랑을 받겠느냐
16 Haa taʼuu malee ani baʼaa isinitti hin taane. Ani garuu waanan abshaala taʼeef malaan isin qabadhe.
하여간 어떤 이의 말이 내가 너희에게 짐을 지우지는 아니하였을지라도 공교한 자가 되어 궤계로 너희를 취하였다 하니
17 Ani namoota isinitti erge keessaa karaa isa tokkootiin illee waa isin irraa nyaadheeraa?
내가 너희에게 보낸 자 중에 누구로 너희의 이(利)를 취하더냐?
18 Ani akka Tiitoon gara keessan dhufuuf isa kadhadhe; obboleessa tokkos isa wajjin ergeera. Tiitoon waa isin irraa nyaateeraa? Nu hafuura tokkoon, karuma tokko irra deddeebiʼaa hin turree?
내가 디도를 권하고 함께 한 형제를 보내었으니 디도가 너희의 이(利)를 취하더냐 우리가 동일한 성령으로 행하지 아니하더냐 동일한 보조로 하지 아니하더냐?
19 Isin waan nu hamma ammaatti fuula keessan duratti ofii keenyaaf falmannu seetanii? Nu akka warra Kiristoositti jiraataniitti fuula Waaqaa duratti dubbanna; yaa michoota, waan kana hunda hojjechuun keenya isinuma jajjabeessuuf.
이 때까지 우리가 우리를 너희에게 변명하는 줄로 생각하는구나 우리가 그리스도 안에서 하나님 앞에 말하노라 사랑하는 자들아! 이 모든 것은 너희의 덕을 세우기 위함이니라
20 Yeroo ani gara keessan dhufutti isin akka ani fedhu taatanii hin argamtan taʼa. Yookaan ani akka isin feetan taʼee hin argamu taʼa jedheen sodaadhaatii. Wal loluun, hinaaffaan, aariin bobaʼuun, wal qooduun, maqaa nama balleessuun, hamiin, of tuulummaanii fi jeequmsi isin gidduu jiraata jedheen sodaadha.
내가 갈 때에 너희를 나의 원하는 것과 같이 보지 못하고 또 내가 너희에게 너희의 원치 않는 것과 같이 보일까 두려워하며 또 다툼과, 시기와, 분냄과, 당 짓는 것과, 중상함과, 수군수군하는 것과, 거만함과, 어지러운 것이 있을까 두려워하고
21 Yeroo ani deebiʼee gara keessan dhufutti Waaqni koo fuula keessan duratti gad na deebisa; anis waaʼee namoota baayʼee kanneen kanaan dura cubbuu hojjetanii fi xuraaʼummaa irraa, halalummaa fi jireenya gad dhiisii hamaa irraa hin deebiʼiniif nan gadda jedheen sodaadha.
또 내가 다시 갈 때에 내 하나님이 나를 너희 앞에서 낮추실까 두려워하고 또 내가 전에 죄를 지은 여러 사람의 그 행한 바 더러움과, 음란함과, 호색함을 회개치 아니함을 인하여 근심할까 두려워하노라

< 2 Qorontos 12 >