< 2 Qorontos 10 >

1 Ani Phaawulos kan yeroon isin bira jiru “Ija laafessa” yeroon isin irraa fagaadhu immoo “Ija jabeessa” taʼe garraamummaa fi gara laafina Kiristoosiin isinan kadhadha!
Sam pa jaz Pavel opominjam vas po krotkosti in tihosti Kristusovej, kteri sem pričo vas res da ponižen med vami, a kedar me ni pri vas, pa drzen proti vam.
2 Ani yeroon gara keessan dhufutti akka isin ija jabina ani warra waan nu akka yaada fooniitti jiraannu seʼan sana irratti nan qabaadha jedhee yaadu sana qabaadhu akka isin na hin goone isin kadhadha.
Prosim pa, da mi ne bo treba, kedar bom pri vas zdrzniti se s to zaupnostjo, s ktero mislim zdrzniti se na nektere, kteri mislijo, kakor da po mesu hodimo.
3 Nu yoo fooniin jiraanne iyyuu akka yaada fooniitti hin lollu.
Kajti če tudi po mesu hodimo, ne vojskujemo se po mesu,
4 Miʼi waraanaa kan nu ittiin lollu kan daʼannoo jigsuudhaaf humna Waaqaa qabuudha malee miʼa waraana foonii miti.
(Ker orožje našega vojskovanja ni meseno nego močno po Bogu za razdevanje trdnih mest),
5 Mormii fi of tuulummaa beekumsa Waaqaa irratti kaʼu hunda ni diigna; yaada hundas boojinee Kiristoosiif akka ajajamu ni goona.
Naklepe razdevajoč in vsako visokost, ktera se vzdiguje proti poznanju Božjemu; in zavjemajoč vsako pamet na poslušnost Kristusu,
6 Yommuu isin guutummaatti ajajamuu keessan raawwattanitti, nu immoo ajajamuu diduu hunda haaloo baʼuuf ni qophoofna.
In v pripravi imajoč maščevanje za vsako neposlušnost, kedar se izpolni vaša poslušnost.
7 Isin waanuma isinitti mulʼatu qofa ilaaltu. Eenyu iyyuu yoo kan Kiristoos taʼuu isaatti amane akkuma inni kan Kiristoos taʼe, nus kan Kiristoos taʼuu keenya haa hubatu.
Gledate li na to, kar vam je pred očmi? Če kdo upa v sebi, da je Kristusov, misli naj zopet v sebi, da, kakor je on Kristusov, tako smo tudi mi Kristusovi.
8 Ani taayitaa keenya kan Gooftaan akka ittiin isin diignuuf utuu hin taʼin akka ittiin isin ijaarruuf nuu kenne sanaan caalaatti yoon boone iyyuu itti hin qaanaʼu.
Kajti če se tudi kaj obilneje pohvalim z oblastjo našo, ktero nam je dal Gospod za zidanje in ne za razdevanje vaše, ne bom se osramotil.
9 Ani waanan ergaa kootiin isin sodaachisuu yaalu fakkaachuu hin barbaadu.
Da se ne bo videlo, kakor da vas strašim z listovi,
10 Namoonni tokko tokko, “Ergaan isaa ulfaataa fi cimaa dha; inni yeroo qaamaan argamutti garuu dadhabaa dha; dubbiin isaas tuffatamaa dha” jedhu.
Ker so listovi, velí, težki in jaki, ali ko je s telesom nazoči, slab je in beseda mu nič ne velja.
11 Warri akkasii akka wanni nu fagoo jiraannee barreessinuu fi wanni nu yeroo isaan wajjin jirrutti hojjennu tokkuma taʼe haa hubatan.
To naj misli, kdor je tak, da, kakoršni smo v besedi po listih nenazoči, takošni smo tudi nazoči v dejanji.
12 Nu warra of saadan tokko tokkotti of ramaduuf yookaan isaaniin of qixxeessuuf ija hin jabaannu. Isaan yeroo walii isaaniitti of madaalanii fi walii isaaniitti of qixxeessan hin hubatan.
Kajti ne drznemo se pridejati se k nekterim ali primeriti se ž njimi, kteri sami sebe povzdigujejo; nego kteri sami po sebi sami sebe merijo in primerjajo sami sebe s seboj, ne umejo.
13 Nu garuu hamma daangaa Waaqni nuu ramade kan isin bira gaʼuutti malee dandeettii keenyaa olitti of hin jajnu.
A mi se ne bomo črez nemero hvalili, nego po meri vodila, kterega nam je podelil Bog mero, da dosežemo tudi noter do vas.
14 Nu waan wangeela Kiristoos lallabaa gara keessan dhufneef, akka waan isin bira hin gaʼiniitti baayʼee hin hiixannuutii.
Kajti mi se ne stezamo predaleč, kakor da ne dosezamo do vas; za kaj tudi noter do vas smo prišli v evangelji Kristusovem;
15 Nu hojii warra kaaniin hojjetameen baayʼee of hin jajnu. Akkuma amantiin keessan guddachaa deemuun akka iddoon hojii keenyaa kan isin gidduutti argamu akka malee babalʼatu ni abdanna;
Ne hvaleč se črez nemero s tujimi trudi, ali up imajoč, kedar se pomnoži vera vaša, da se v vas poveličamo po vodilu svojem na obilnost,
16 kunis akka nu hojii duraan dursee biyya nama biraa keessatti hojjetameen utuu of hin jajin biyyoota isinii achi jiran keessatti wangeela lallabuu dandeenyuuf.
Da se onkraj vas evangelj oznani, ter se ne pohvalimo s tem, kar je po tujem vodilu narejeno.
17 Garuu, “Namni boonu Gooftaadhaan haa boonu.”
"Kdor se pa hvali, v Gospodu naj se hvali."
18 Nama Gooftaan galateessutu fudhatama argata malee namni of galateessu fudhatama hin argatuutii.
Kajti ni ta, kteri sam sebe povzdiguje, izkušen, nego ta, kogar Gospod povzdiguje.

< 2 Qorontos 10 >