< 2 Qorontos 10 >
1 Ani Phaawulos kan yeroon isin bira jiru “Ija laafessa” yeroon isin irraa fagaadhu immoo “Ija jabeessa” taʼe garraamummaa fi gara laafina Kiristoosiin isinan kadhadha!
Mina-ke uPawuli ngokwami ngiyalincenga ngobumnene langesisa sikaKristu, othobekileyo phakathi kwenu nxa ngikhona, kodwa nxa ngingekho ngilesibindi kini;
2 Ani yeroon gara keessan dhufutti akka isin ija jabina ani warra waan nu akka yaada fooniitti jiraannu seʼan sana irratti nan qabaadha jedhee yaadu sana qabaadhu akka isin na hin goone isin kadhadha.
ngiyalincenga-ke ukuthi, nxa ngikhona, ngingabi lesibindi ngalokhukuzimisela ebengikhunjulelwa ngakho ukuthi ngilesibindi sokumelana labanye abacabanga ngathi njengabahamba ngokwenyama.
3 Nu yoo fooniin jiraanne iyyuu akka yaada fooniitti hin lollu.
Ngoba lanxa sihamba enyameni kasilwi ngokwenyama;
4 Miʼi waraanaa kan nu ittiin lollu kan daʼannoo jigsuudhaaf humna Waaqaa qabuudha malee miʼa waraana foonii miti.
ngoba izikhali zempi yethu kayisizo zasenyameni, kodwa zilamandla ngoNkulunkulu ekubhidlizeni izinqaba,
5 Mormii fi of tuulummaa beekumsa Waaqaa irratti kaʼu hunda ni diigna; yaada hundas boojinee Kiristoosiif akka ajajamu ni goona.
sehlisa iminakano lakho konke okuziphakamisela ukumelana lolwazi lukaNkulunkulu, lemicabango yonke siyithumbela ekumlaleleni uKristu;
6 Yommuu isin guutummaatti ajajamuu keessan raawwattanitti, nu immoo ajajamuu diduu hunda haaloo baʼuuf ni qophoofna.
futhi silokulungela ukuphindisela ukungalaleli konke, nxa ukulalela kwenu sekuphelele.
7 Isin waanuma isinitti mulʼatu qofa ilaaltu. Eenyu iyyuu yoo kan Kiristoos taʼuu isaatti amane akkuma inni kan Kiristoos taʼe, nus kan Kiristoos taʼuu keenya haa hubatu.
Likhangela izinto njengokubonakala kwazo yini? Uba umuntu ezithemba yena ukuthi ungokaKristu, kabuye anakane lokhu ngaye, ukuthi njengoba yena engokaKristu, ngokunjalo lathi singabakaKristu.
8 Ani taayitaa keenya kan Gooftaan akka ittiin isin diignuuf utuu hin taʼin akka ittiin isin ijaarruuf nuu kenne sanaan caalaatti yoon boone iyyuu itti hin qaanaʼu.
Ngoba loba ngolutho olwengezelelweyo kakhulu ngingaze ngizincome futhi ngamandla ethu, eyasinika wona iNkosi ekwakheni, njalo kungabi ngokulichitha, kangiyikuyangeka;
9 Ani waanan ergaa kootiin isin sodaachisuu yaalu fakkaachuu hin barbaadu.
ukuze ngingabonakali njengolethusa ngezincwadi.
10 Namoonni tokko tokko, “Ergaan isaa ulfaataa fi cimaa dha; inni yeroo qaamaan argamutti garuu dadhabaa dha; dubbiin isaas tuffatamaa dha” jedhu.
Ngoba kuthiwa: Incwadi zakhe zinzima zilamandla; kodwa ubukhona bomzimba wakhe bubuthakathaka, lokukhuluma kwakhe kudelelekile.
11 Warri akkasii akka wanni nu fagoo jiraannee barreessinuu fi wanni nu yeroo isaan wajjin jirrutti hojjennu tokkuma taʼe haa hubatan.
Onjalo kanakane lokhu, ukuthi njengoba sinjalo ngelizwi ngezincwadi nxa singekho, lathi sinjalo ngesenzo nxa sikhona.
12 Nu warra of saadan tokko tokkotti of ramaduuf yookaan isaaniin of qixxeessuuf ija hin jabaannu. Isaan yeroo walii isaaniitti of madaalanii fi walii isaaniitti of qixxeessan hin hubatan.
Ngoba kasilasibindi sokuzibalela kumbe ukuzifananisa labathile babo abaziqhenyayo; kodwa bona bayalinganisana bodwa, njalo bayafananisana bodwa, kabaqedisisi.
13 Nu garuu hamma daangaa Waaqni nuu ramade kan isin bira gaʼuutti malee dandeettii keenyaa olitti of hin jajnu.
Kodwa thina kasisoze sizincome okwedlula amalawulo; kodwa ngesilinganiso sesigaba uNkulunkulu asabele sona, isilinganiso sokufika lakini.
14 Nu waan wangeela Kiristoos lallabaa gara keessan dhufneef, akka waan isin bira hin gaʼiniitti baayʼee hin hiixannuutii.
Ngoba kasizeluli ngokweqileyo ngokungathi kasifinyelelanga kini, ngoba sifikile lakini evangelini likaKristu;
15 Nu hojii warra kaaniin hojjetameen baayʼee of hin jajnu. Akkuma amantiin keessan guddachaa deemuun akka iddoon hojii keenyaa kan isin gidduutti argamu akka malee babalʼatu ni abdanna;
kasizincomi okwedlula amalawulo emisebenzini yabanye, kodwa silethemba lokuthi, nxa lwandile ukholo lwenu, sizakhuliswa ngokwengezelelelweyo phakathi kwenu ngesigaba sethu,
16 kunis akka nu hojii duraan dursee biyya nama biraa keessatti hojjetameen utuu of hin jajin biyyoota isinii achi jiran keessatti wangeela lallabuu dandeenyuuf.
ukutshumayela ivangeli endaweni ezingaphetsheya kwenu, singazincomi ngesigaba somunye ezintweni ezilungisiweyo.
17 Garuu, “Namni boonu Gooftaadhaan haa boonu.”
Kodwa ozincomayo, kazincome eNkosini.
18 Nama Gooftaan galateessutu fudhatama argata malee namni of galateessu fudhatama hin argatuutii.
Ngoba kayisuye ozincomayo, kodwa lowo iNkosi emncomayo, nguye ovunywayo.