< 2 Qorontos 1 >
1 Phaawulos isa fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼee fi obboleessa keenya Xiimotewos irraa, Gara waldaa kiristaanaa Waaqaa ishee Qorontos jirtuutii fi qulqulloota Akaayaa guutuu keessa jiraatan hundumaatti:
This letter comes from Paul, an apostle of Jesus Christ according to the will of God, and from Timothy, our brother. It is sent to the church of God in Corinth, together with all of God's people throughout Achaia.
2 Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
May you have grace and peace from God our Father and the Lord Jesus Christ.
3 Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan araaraatii fi Waaqni jajjabina hundaa haa eebbifamu;
Praise be to God, the Father of our Lord Jesus Christ! He is the compassionate Father and the God of all comfort.
4 inni akka nu jajjabina Waaqa biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.
He comforts us in all our troubles, so that we can comfort those who are also in trouble with the comfort we ourselves receive from God.
5 Akkuma nu dhiphina Kiristoos keessatti baayʼee hirmaannu, akkasuma immoo karaa Kiristoosiin jajjabinni nuu baayʼata.
The more we share in Christ's sufferings, the more we receive the abundant comfort of Christ.
6 Nu yoo dhiphanne jajjabinaa fi fayyina keessaniif taʼa; nu yoo jajjabaanne jajjabina keessaniif taʼa; jajjabinni kunis kan isin yeroo dhiphina nu dhiphannu kana keessa dabartanitti obsaan dhaabachuudhaan argattanii dha.
If we are in distress, it is for your comfort and salvation. If we are being comforted, it is for your comfort, which results in you patiently bearing the same sufferings that we suffer.
7 Abdiin nu waaʼee keessaniif qabnu cimaa dha; isin akkuma dhiphina keenya keessatti hirmaattan amma immoo jajjabina keenya keessatti akka hirmaattan beeknaatii.
We have great confidence in you, knowing that as you share in our sufferings you also share in our comfort.
8 Yaa obboloota, isin waaʼee dhiphina biyya Asiyaatti nurra gaʼee akka wallaaltan hin barbaannu. Hamma lubbuudhaan jiraachuuf illee abdii kutannutti dhiphinni baachuudhaaf humna keenyaa ol taʼe nurra gaʼee tureetii.
Brothers and sisters, we won't keep you in the dark about the trouble we had in Asia. We were so overwhelmed that we were afraid we wouldn't have the strength to continue—so much so we doubted we would live through it.
9 Dhugumaanuu murtiin duʼaa nutti dhagaʼamee turre. Kun garuu akka nu Waaqa warra duʼan kaasutti malee ofii keenyatti hin amananneef taʼe.
In fact it was like a death sentence inside us. This was to stop us relying on ourselves and to trust in God who raises the dead.
10 Inni balaa duʼa akkasii jalaa nu baaseera; nu baasas. Inni ittuma fufee akka nu baasu abdii keenya isa irra kaaʼanneerra.
He saved us from a terrible death, and he will do so again. We have total confidence in God that he will continue to save us.
11 Akkuma isin kadhannaa keessaniin nu gargaartan, ayyaana kadhannaa namoota baayʼeetiif deebii taʼee nuu kenname sanaaf namoonni baayʼeen nuuf galateeffatu.
You help us by praying for us. In this way many will thank God for us because of the blessing that God will give us in response to the prayers of many.
12 Egaa wanti nu ittiin of jajnu kanaa dha: Akka nu qulqullummaa fi amanamummaa Waaqa biraa argameen fooniin keessumattuu hariiroo isin wajjin qabnuun jiraachaa turre yaadni garaa keenyaa dhugaa nuuf baʼa. Kanas akka ayyaana Waaqaatti goone malee akka ogummaa addunyaatti miti.
We take pride in the fact—and our conscience confirms it—that we have acted properly towards people, and especially to you. We have followed God's principles of holiness and sincerity, not according to worldly wisdom but through the grace of God.
13 Nu waan isin dubbisuu yookaan hubachuu hin dandeenye tokko illee isinii hin barreessinuutii. Ani akka isin hamma dhumaatti hubattan nan abdadha;
For we are not writing anything complicated that you can't read and understand. I hope you'll understand in the end,
14 innis akkuma isin gara tokko nu hubattan kana, akka guyyaa Gooftaa Yesuusitti akkuma nu isiniin of jajnu sana isinis nuun of jajuu dandeessan guutummaatti hubattanii dha.
even if you only understand part of it now, so that when the Lord comes you will be proud of us, just as we are of you.
15 Anis sababiin waan kana amaneef akka isin ayyaana lammaffaa qabaattaniif jedhee jalqabatti gara keessan dhufuu barbaade.
Because I was so sure of your confidence in me I planned to come and visit you first. That way you could have benefited twice,
16 Ani yeroon Maqedooniyaa dhaqutti isin ilaaluu fi yeroon Maqedooniyaadhaa deebiʼuttis gara keessan dhufee, akka isin yeroo ani Yihuudaa dhaqutti na ergitan barbaade.
as I would go on from you to Macedonia, and then return from Macedonia to you. Then I would have had you send me on my way to Judea.
17 Ani yeroon waan kana karoorfadhetti akka salphaattin hojjedhee? Yookaan akka yaada fooniitti yeruma tokkotti, “Eeyyee, eeyyee” fi “Waawuu, waawuu” jechuufan karoora baafadhaa ree?
Why did I change my original plan? Do you think I make my decisions lightly? Do you think that when I plan I'm like some worldly person who says Yes and No at the same time?
18 Akkuma Waaqni amanamaa taʼe dubbiin nu isinitti dubbannus “Eeyyee” fi “Waawuu” miti.
Just as God can be trusted, when we give you our word it's not both Yes and No.
19 Yesuus Kiristoos Ilmi Waaqaa inni nu jechuunis ani, Silwaanosii fi Xiimotewos isin gidduutti lallabne sun, “Eeyyee” fi “Waawuu” hin turreetii; isa keessa “Eeyyeetu” jira.
The truth of the Son of God, Jesus Christ, was announced to you by us—me, Silvanus, and Timothy—and it wasn't both Yes and No. In Christ the answer is absolutely Yes!
20 Waadaawwan Waaqaa hundinuu Kiristoosiin “Eeyyeedhaatii”. Kanaafuu nu karaa isaatiin ulfina Waaqaatiif “Ameen” jenna.
However, many promises God has made, in Christ the answer is always Yes. Through him we respond, saying Yes to the glory of God.
21 Egaa kan akka nu isin wajjin Kiristoositti jabaannee dhaabannu godhuu fi kan nu dibe Waaqa;
God has given both us and you the inner strength to stand firm in Christ. God has appointed us,
22 innis chaappaa nutti chaappessee, qabdii Hafuura Qulqulluu garaa keenya keessa kaaʼe.
placed his stamp of approval on us, and given us the guarantee of the Spirit to convince us.
23 Ani garuu isin qusachuudhaaf jecha Qorontositti hin deebine; anis akka inni dhugaa natti baʼuuf Waaqa ofitti nan waama.
I call God as my witness that it was to avoid causing you pain that I chose not to come to Corinth.
24 Nu gammachuu keessaniif isin wajjin hojjenna malee amantii keessan irratti gooftummaa hin qabnu; isin amantiin jabaattanii dhaabattaniitii.
This isn't because we want to dictate how you relate to God, but because we want to help you have a joyful experience—for it's by trusting God that you stand firm.