< 2 Seenaa 8 >

1 Dhuma waggaa digdamaatti yeroo itti Solomoon mana qulqullummaa Waaqayyootii fi mana ofii isaa ijaaretti,
Ikawa karibu ya mwisho wa miaka ishirini, kipindi ambacho Selemani alikuwa ameijenga nyumba ya Yahwe na ya kwake mwenye,
2 Solomoon gandoota Huuraam isaaf kennee ture sana haaromsee ijaaree Israaʼeloota achi keessa ni qubachiise.
kwamba Selemani akaiajenga miji ambayo Hiramu alikuwa amempa, na ndani yake akawaweka watu wa Israeli.
3 Ergasii immoo Solomoon Hamaati Zoobaatti duulee ishee ni qabate.
Selemani akauavamia Hamathzoba, akaushinda.
4 Akkasumas gammoojjii keessatti Tadmoorii fi magaalaawwan waa itti kuusan kanneen duraan Hamaatitti ijaaree ture hunda ni ijaare.
Akaijenga Tadmori katika nyika, na miji yote ya hazina, ambayo aliijenga katika Hamathi.
5 Beet Horoon oliitii fi Beet Horoon gadii magaalaawwan daʼannoo godhee dallaa dhagaa, balbalawwanii fi danqaraawwan ittiin cufan itti tolche;
Pia akaujenga Beth-horoni wa juu, na Beth-horoni wa chini, miji iliyozungushiwa kwa ukuta, malango, na makomeo.
6 kana malees Baaʼilaatii fi magaalaawwan isaa kanneen waa itti kuusan hunda, magaalaawwan gaariiwwan isaatii fi magaalaawwan fardeen isaa hunda, waanuma Yerusaalemitti, Libaanoonittii fi biyya bulchu hunda keessatti ijaaruu barbaade hundumaa ni ijaare.
Akaujenga Baalathi na miji yote ya hazina aliyoimiliki, na miji yote kwa ajili ya magari yake na miji kwa ajili ya wapanda farasi wake, na chochote alichotamani kujenga kwa ajili ya starehe zake katika Yerusalemu, katika Lebanoni, na katika nchi zote zilizokuwa chini ya utawala wake.
7 Ammas namoota Israaʼeloota hin taʼin jechuunis Heetota, Amoorota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jalaa hafanitu jira.
Kuhusu watu wengine wote ambao walikuwa wamesalia wa Wahiti, Waamori, Waperizi, Wahivi, Wayebusi, ambao hawakuwa wa Israeli,
8 Solomoonis sanyiiwwan namoota kanneen hundaa warra biyyattii keessatti hafan kanneen Israaʼeloonni hin barbadeessin sana akkuma hamma harʼaatti illee jiru kana akka isaan hojii garbummaa hojjetaniif dirqisiise.
watoto wao ambao waliachwa baada yao katika nchi, ambaoa watu wa Israeli hawakuwaangamiza—Selemani akawafanyisha kazi kwa nguvu, ndivyo walivyo hata leo.
9 Solomoon garuu hojii isaatiif jedhee Israaʼeloota hin garboomsine; isaan loltoota isaa, abbootii duulaa, ajajjuuwwan gaariiwwanii fi abbootii fardaa isaa turan.
Vile vile, Selemani hakuwafanyisha kazi kwa nguvu watu wa Israeli. Badala yake, wakawa wanajeshsi wake, maakida wake, wakuu wake, na maakida wa magari ya majeshi yake na wapanda farasi wake.
10 Isaan akkasumas qondaaltota Solomoon Mootichaa kanneen nama hojjechiisan dhibba lamaa fi shantaman keessaa qondaaltota hangafoota turan.
Pia hawa walikuwa wakuu wa wakuu wakisimamia wasimamizi waliokuwa wa mfalme Selemani, walikuwa 250, waliowasimamia watu walioifanya kazi.
11 Solomoonis, “Sababii iddoon taabonni Waaqayyoo seene hundi qulqulluu taʼeef, niitiin koo masaraa mootummaa Daawit Mooticha Israaʼel keessa jiraachuu hin qabdu” jedhee intala Faraʼoon sana magaalaa Daawit keessaa baasee gara mana isheef ijaare sanaatti ni fide.
Selemani akamleta binti Farao nje ya mji wa Daudi kwenye nyumba aaliyokuwa amemjengea, kwa maana alisema, “Mke wangu lazima asiishi kataika nyumba ya Daudi mfalme wa Israeli, kwa sababu kila linapokuja sanduku la Yahwe ni takatifu”.
12 Solomoon iddoo aarsaa kan gardaafoo mana qulqullummaa Waaqayyoo duratti ijaare sana irratti aarsaa gubamu Waaqayyoof ni dhiʼeesse;
Kisha Selemani akatoa sadaka za kuteketezwa juu ya madhabahu yake ambayo alikuwa ametengeza mbele ya ukumbi.
13 kanas akkuma seera waaʼee aarsaa kan guyyaa guyyaa kan Museen Sanbataaf, Ayyaana Baatii Haaraa fi ayyaanota waggaa keessaa sadaniif jechuunis Ayyaana Maxinoo, Ayyaana Torbanootaa fi Ayyaana Daasiif kenne sanaatti ni dhiʼeesse.
Akatoa sadaka kama ilivyohitaka katika ratiba ya kila siku; akazitoa, kwa kufuata maelekezo yaliyokuwa katika amari ya Musa, katika siku za Sabato, miezi mipya, na katika siku zilizopangwa mara tatu kila mwaka: Sikukuu ya mikate isiyochachwa, sikukuu ya majuma, na sikuku ya vibanda.
14 Innis akkuma seera abbaa isaa Daawititti gareewwan lubootaa hojii isaaniitti, Lewwota immoo akka isaan akkuma seera guyyaa guyyaatti tajaajila galataa kennanii fi akka isaan hojii lubootaa gargaaraniif filate. Akkasumas tokkoo tokkoo karraatti garee eegdota karraa ni ramade; Daawit namni Waaqaa sun waan kana ajajeetii.
Katika kuyatunza maagizo ya baba yake Daudi, Selemani akayapanga makundi ya makuhani kwenye kazi yao, na Walawi kwenye nafasi zao, ili kumsisfu Mungu na kuhudumu mbele za makuhani, kama ilivyotakiwa katika ratiba ya kila siku. Pia akawateua walinda lango kwa zamu zao kwa kila lango, kwa maana Daudi, mtu wa Mungu, alikuwa ameagiza hivyo pia.
15 Isaanis waan mootichi waaʼee mankuusaa fi waaʼee waan biraa irratti lubootaa fi Lewwota ajaje irraa hin jalʼanne.
Watu hawa hawakupotea kutoka kwenye amri ya mfalme kwa makuhani na Walawi kuhusu jambo lolote, au kuhusu vyumba vya hazina.
16 Hojiin Solomoon hundi gaafa hundeen mana qulqullummaa Waaqayyoo buufamee jalqabee hamma dhuma manichaatti haala tolaadhaan hojjetame. Akkasiinis manni qulqullummaa Waaqayyoo ni xumurame.
Kazi yote aliyoagizwa na Selemani ikakamilika, kutoka siku msingi wa nyumba ya Yahwe ulipowekwa hadi ilipokamilika. Nyumba ya Yahwe ikamalizika.
17 Ergasii Solomoon gara magaalaawwan Eziyoon Geberii fi Eelooti kanneen biyya Edoom keessa qarqara galaanaatti argaman sanaa dhaqe.
Kisha Selemani akaenda Esion geberi, na Elothi, juu ya pwani katika nchi ya Edomu.
18 Huuraamis dooniiwwan ajajjoonni ofii isaa kanneen galaanicha beekan ajajan ergeef. Isaanis namoota Solomoon wajjin dooniidhaan Oofiir dhaqanii warqee taalaantii dhibba afurii fi shantama fidanii Solomoon Mootichatti kennan.
Hiramu akatuma meli zake kupitia watumishi wake ambao walikuwa wana maji wenye uzoefu. Wakasafiri na Selemani na watumishi wa Semani hadi Ofiri. Wakachukua kutoka huko talanta 450 za dhahabu ambazo walimletea Selemani.

< 2 Seenaa 8 >