< 2 Seenaa 8 >

1 Dhuma waggaa digdamaatti yeroo itti Solomoon mana qulqullummaa Waaqayyootii fi mana ofii isaa ijaaretti,
Now at the end of the twenty years during which Solomon had built the house of the LORD and his own palace,
2 Solomoon gandoota Huuraam isaaf kennee ture sana haaromsee ijaaree Israaʼeloota achi keessa ni qubachiise.
Solomon rebuilt the cities Hiram had given him and settled Israelites there.
3 Ergasii immoo Solomoon Hamaati Zoobaatti duulee ishee ni qabate.
Then Solomon went to Hamath-zobah and captured it.
4 Akkasumas gammoojjii keessatti Tadmoorii fi magaalaawwan waa itti kuusan kanneen duraan Hamaatitti ijaaree ture hunda ni ijaare.
He built Tadmor in the wilderness, in addition to all the store cities that he had built in Hamath.
5 Beet Horoon oliitii fi Beet Horoon gadii magaalaawwan daʼannoo godhee dallaa dhagaa, balbalawwanii fi danqaraawwan ittiin cufan itti tolche;
He rebuilt Upper and Lower Beth-horon as fortified cities with walls, gates, and bars,
6 kana malees Baaʼilaatii fi magaalaawwan isaa kanneen waa itti kuusan hunda, magaalaawwan gaariiwwan isaatii fi magaalaawwan fardeen isaa hunda, waanuma Yerusaalemitti, Libaanoonittii fi biyya bulchu hunda keessatti ijaaruu barbaade hundumaa ni ijaare.
as well as Baalath, all the store cities that belonged to Solomon, and all the cities for his chariots and horses —whatever he desired to build in Jerusalem, Lebanon, and throughout the land of his dominion.
7 Ammas namoota Israaʼeloota hin taʼin jechuunis Heetota, Amoorota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jalaa hafanitu jira.
As for all the people who remained of the Hittites, Amorites, Perizzites, Hivites, and Jebusites (the people who were not Israelites)—
8 Solomoonis sanyiiwwan namoota kanneen hundaa warra biyyattii keessatti hafan kanneen Israaʼeloonni hin barbadeessin sana akkuma hamma harʼaatti illee jiru kana akka isaan hojii garbummaa hojjetaniif dirqisiise.
their descendants who remained in the land, those whom the Israelites were unable to destroy—Solomon conscripted these people to be forced laborers, as they are to this day.
9 Solomoon garuu hojii isaatiif jedhee Israaʼeloota hin garboomsine; isaan loltoota isaa, abbootii duulaa, ajajjuuwwan gaariiwwanii fi abbootii fardaa isaa turan.
But Solomon did not consign any of the Israelites to slave labor, because they were his men of war, his officers and captains, and the commanders of his chariots and cavalry.
10 Isaan akkasumas qondaaltota Solomoon Mootichaa kanneen nama hojjechiisan dhibba lamaa fi shantaman keessaa qondaaltota hangafoota turan.
They were also the chief officers for King Solomon: 250 supervisors.
11 Solomoonis, “Sababii iddoon taabonni Waaqayyoo seene hundi qulqulluu taʼeef, niitiin koo masaraa mootummaa Daawit Mooticha Israaʼel keessa jiraachuu hin qabdu” jedhee intala Faraʼoon sana magaalaa Daawit keessaa baasee gara mana isheef ijaare sanaatti ni fide.
Solomon brought the daughter of Pharaoh up from the City of David to the palace he had built for her. For he said, “My wife must not live in the house of David king of Israel, because the places the ark of the LORD has entered are holy.”
12 Solomoon iddoo aarsaa kan gardaafoo mana qulqullummaa Waaqayyoo duratti ijaare sana irratti aarsaa gubamu Waaqayyoof ni dhiʼeesse;
At that time Solomon offered burnt offerings to the LORD on the altar of the LORD he had built in front of the portico.
13 kanas akkuma seera waaʼee aarsaa kan guyyaa guyyaa kan Museen Sanbataaf, Ayyaana Baatii Haaraa fi ayyaanota waggaa keessaa sadaniif jechuunis Ayyaana Maxinoo, Ayyaana Torbanootaa fi Ayyaana Daasiif kenne sanaatti ni dhiʼeesse.
He observed the daily requirement for offerings according to the commandment of Moses for Sabbaths, New Moons, and the three annual appointed feasts—the Feast of Unleavened Bread, the Feast of Weeks, and the Feast of Tabernacles.
14 Innis akkuma seera abbaa isaa Daawititti gareewwan lubootaa hojii isaaniitti, Lewwota immoo akka isaan akkuma seera guyyaa guyyaatti tajaajila galataa kennanii fi akka isaan hojii lubootaa gargaaraniif filate. Akkasumas tokkoo tokkoo karraatti garee eegdota karraa ni ramade; Daawit namni Waaqaa sun waan kana ajajeetii.
In keeping with the ordinances of his father David, Solomon appointed the divisions of the priests over their service, and the Levites for their duties to offer praise and to minister before the priests according to the daily requirement. He also appointed gatekeepers by their divisions at each gate, for this had been the command of David, the man of God.
15 Isaanis waan mootichi waaʼee mankuusaa fi waaʼee waan biraa irratti lubootaa fi Lewwota ajaje irraa hin jalʼanne.
They did not turn aside from the king’s command regarding the priests or the Levites or any matter concerning the treasuries.
16 Hojiin Solomoon hundi gaafa hundeen mana qulqullummaa Waaqayyoo buufamee jalqabee hamma dhuma manichaatti haala tolaadhaan hojjetame. Akkasiinis manni qulqullummaa Waaqayyoo ni xumurame.
Thus all the work of Solomon was carried out, from the day the foundation was laid for the house of the LORD until it was finished. So the house of the LORD was completed.
17 Ergasii Solomoon gara magaalaawwan Eziyoon Geberii fi Eelooti kanneen biyya Edoom keessa qarqara galaanaatti argaman sanaa dhaqe.
Then Solomon went to Ezion-geber and to Eloth on the coast of Edom.
18 Huuraamis dooniiwwan ajajjoonni ofii isaa kanneen galaanicha beekan ajajan ergeef. Isaanis namoota Solomoon wajjin dooniidhaan Oofiir dhaqanii warqee taalaantii dhibba afurii fi shantama fidanii Solomoon Mootichatti kennan.
So Hiram sent him ships captained by his servants, along with crews of experienced sailors. They went with Solomon’s servants to Ophir and acquired from there 450 talents of gold, which they delivered to King Solomon.

< 2 Seenaa 8 >