< 2 Seenaa 7 >

1 Yommuu Solomoon kadhannaa isaa fixatetti ibiddi samiidhaa gad buʼee aarsaa gubamuu fi aarsaawwan biraa nyaatee fixe; ulfinni Waaqayyoos mana qulqullummaa guute.
Als dann Salomo mit seinem Gebet zu Ende war, fuhr Feuer vom Himmel herab und verzehrte das Brandopfer und die Schlachtopfer, und die Herrlichkeit des HERRN erfüllte das Tempelhaus,
2 Sababii ulfinni Waaqayyoo mana qulqullummaa guuteef luboonni mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuu hin dandeenye.
so daß die Priester nicht in den Tempel des HERRN hineingehen konnten, weil die Herrlichkeit des HERRN den Tempel des HERRN erfüllte.
3 Israaʼeloonni hundi yommuu ibidda samiidhaa gad buʼuu fi ulfina Waaqayyoo mana qulqullummaa irratti arganitti qarqara karaa irratti jilbeenfatanii addaan lafatti gombifamuudhaan sagadan; akkana jedhaniis Waaqayyoon galateeffatan: “Inni gaarii dha; jaalalli isaas bara baraan jiraata.”
Als nun alle Israeliten das Feuer herabfahren und die Herrlichkeit des HERRN über dem Tempel ausgebreitet sahen, knieten sie, das Angesicht zur Erde geneigt, auf das Steinpflaster nieder, vollzogen die Anbetung und priesen den HERRN, daß er gütig sei und daß seine Gnade ewig währe.
4 Ergasii mootichii fi sabni hundi fuula Waaqayyoo duratti aarsaa dhiʼeessan.
Hierauf brachten der König und das ganze Volk Schlachtopfer vor dem HERRN dar,
5 Solomoon Mootichis loon kuma digdamii lama, hoolotaa fi reʼoota kuma dhibba tokkoo fi digdama aarsaa dhiʼeesse; akkasiin mootichii fi namoonni hundi mana qulqullummaa Waaqaa eebbisan.
und zwar ließ Salomo als Schlachtopfer 22000 Rinder und 120000 Stück Kleinvieh schlachten: damit weihten der König und das ganze Volk den Tempel Gottes ein,
6 Luboonni akkuma Lewwonni miʼoota faarfannaa Waaqayyo kanneen Daawit Mootichi ittiin Waaqayyoon jajachuudhaaf tolche kanneen yeroo inni, “Jaalalli isaa bara baraan ni jiraata” jedhee galateeffatutti fayyadan sana harkatti qabatanii dhaaban. Luboonnis fuullee Lewwotaa dhaabatanii malakata isaanii afuufan; Israaʼeloonni hundis dhadhaabachaa turan.
während die Priester ihres Amtes warteten und (ebenso) die Leviten mit den gottesdienstlichen Musikinstrumenten, die der König David hatte anfertigen lassen, den Lobgesang auf den HERRN vortrugen, daß seine Güte ewig währe, und die Priester ihnen gegenüber in die Trompeten stießen, während alle Israeliten dabeistanden. –
7 Solomoonis iddoo walakkaa oobdii fuula mana qulqullummaa Waaqayyoo dura jiru sanaa Waaqaaf addaan ni baase; inni sababii iddoon aarsaa kan inni naasii irraa hojjetee ture sun aarsaa gubamu, kennaa midhaanii fi cooma baachuu hin dandaʼiniif aarsaa gubamuu fi cooma aarsaa nagaa sana achumatti ni dhiʼeesse.
Damals weihte Salomo den mittleren Teil des Vorhofes, der vor dem Tempelhause des HERRN lag, zur Opferstätte; denn dort brachte er die Brandopfer und die Fettstücke der Heilsopfer dar, weil der kupferne Altar, den Salomo hatte herstellen lassen, die Brand- und Speiseopfer und die Fettstücke (der Heilsopfer) nicht fassen konnte.
8 Kanaafuu Solomoon yeroo sanatti bultii torbaaf Israaʼeloota isa wajjin turan hunda wajjin jechuunis waldaa guddicha Malkaa Leeboo Hamaatii jalqabee hamma laga Gibxitti walitti qabame wajjin ayyaana ayyaaneffate.
Auf diese Weise beging Salomo damals das Fest sieben Tage lang und ganz Israel mit ihm, eine gewaltige Festgemeinde, die zusammengekommen war von der Gegend bei Hamath an bis an den Bach Ägyptens.
9 Isaanis sababii bultii torba ayyaana eebba iddoo aarsaa ayyaaneffatanii bultii torba immoo ittuma fufanii ayyaana daasii ayyaaneffataniif bultii saddeettaffaatti wal gaʼii guddaa tokko ni godhatan.
Am achten Tage aber hielten sie eine Festversammlung; denn die Einweihung des Altars hatte man sieben Tage lang gefeiert, und das Fest dauerte auch sieben Tage.
10 Solomoonis guyyaa digdamii sadaffaa jiʼa torbaffaatti akka isaan mana isaaniitti galaniif namoota gad dhiise; isaanis sababii Waaqayyo Daawitiif, Solomoonii fi saba isaa Israaʼeliif waan gaarii godheef garaa isaaniitti gammadanii ni ililchan.
Am dreiundzwanzigsten Tage des siebten Monats aber entließ Salomo das Volk in ihre Heimat, fröhlich und wohlgemut wegen der Wohltaten, mit denen der HERR (seinen Knecht) David und Salomo und sein Volk Israel gesegnet hatte.
11 Yommuu Solomoon mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa fixee waan mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa ofii isaa keessatti hojjechuu barbaade hunda raawwatetti,
Als nun Salomo den Tempel des HERRN und den königlichen Palast vollendet und alles, was er im Tempel des HERRN und in seinem Palast hatte schaffen wollen, glücklich ausgeführt hatte,
12 Waaqayyos halkaniin isatti mulʼatee akkana jedheen: “Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; iddoo kana illee mana qulqullummaa kan aarsaan itti dhiʼeeffamu godhee ofii kootiif filadheera.
da erschien der HERR dem Salomo nachts im Traume und sagte zu ihm: »Ich habe dein Gebet gehört und diesen Ort mir zur Opferstätte erkoren.
13 “Ani yommuun akka bokkaan hin roobneef samii cufutti yookaan akka inni lafa balleessuuf hawwaannisa ergutti yookaan ani yommuun saba kootti dhaʼicha ergutti,
Wenn ich den Himmel verschließe, so daß kein Regen fällt, oder wenn ich den Heuschrecken gebiete, das Land abzufressen, oder wenn ich die Pest unter mein Volk sende
14 yoo sabni koo kan maqaa kootiin waamamu gad of qabee na kadhate, yoo inni fuula koo barbaadee karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼe, ani samii irraa dhagaʼee cubbuu isaa dhiiseefii biyya isaa nan fayyisa.
und mein Volk, das nach meinem Namen genannt ist, sich dann demütigt und (zu mir) betet und mein Angesicht sucht und sich von seinem bösen Tun bekehrt: so will ich sie vom Himmel her erhören und ihnen ihre Sünden vergeben und ihrem Lande Rettung schaffen.
15 Ammas kadhannaa iddoo kanatti dhiʼaatuuf iji koo ni banama; gurri koos ni dhagaʼa.
Fortan sollen also meine Augen offenstehen und meine Ohren aufmerken auf die Gebete an dieser Stätte.
16 Ani akka Maqaan koo bara baraan achi jiraatuuf mana qulqullummaa kana filadhee eebbiseera. Iji koo fi garaan koo yeroo hunda achuma jira.
Und nunmehr habe ich dieses Haus erwählt und zu meinem Heiligtum gemacht, damit mein Name daselbst in Ewigkeit wohnt und meine Augen und mein Herz daselbst immerdar weilen.
17 “Yoo ati akkuma Daawit abbaan kee godhe sana fuula koo dura deemtee waan ani ajaje hunda hojjette, yoo qajeelchawwanii fi seerawwan koo eegde,
Wenn du nun vor mir ebenso wandelst, wie dein Vater David es getan hat, so daß du alles tust, was ich dir geboten habe, und meine Satzungen und Rechte beobachtest,
18 ani akkuman yeroo, ‘Ati nama Israaʼelin bulchu hin dhabdu’ jedhee abbaa kee Daawit wajjin kakuu gale sana teessoo mootummaa keetii jabeessee nan dhaaba.
so will ich den Thron deines Königtums feststellen, wie ich es deinem Vater David feierlich zugesagt habe mit den Worten: ›Es soll dir nie an einem (Nachkommen) fehlen, der über Israel herrsche.‹
19 “Garuu yoo isin duubatti garagaltanii seeraa fi ajaja ani isinii kenne sana irraa gara waaqota biraa tajaajiluu fi isaan waaqeffachuu dhaqxan,
Wenn ihr aber von mir abfallt und meine Satzungen und Gebote, die ich euch zur Pflicht gemacht habe, verlaßt und anderen Göttern zu dienen und sie anzubeten anfangt,
20 ani biyya koo kanan isaaniif kenne keessaa Israaʼelin nan buqqisa; mana qulqullummaa kanan Maqaa kootiif qulqulleesse kana illee nan balfa; saboota hunda birattis waan kolfaatii fi waan qoosaa isa nan godha.
so werde ich die Israeliten aus meinem Lande, das ich ihnen gegeben habe, hinwegreißen und dieses Haus, das ich meinem Namen geheiligt habe, keines Blickes mehr würdigen und werde es für alle Völker zum Gegenstand des Hohnes und Spottes machen.
21 Manni qulqullummaa kunis tuullaa waan diigamee taʼa. Namni achiin darbu hundis, ‘Waaqayyo maaliif biyya kanaa fi mana qulqullummaa kanatti waan akkasii hojjete?’ jedhee itti qoosa.
Und so erhaben dieser Tempel auch gewesen sein mag, so sollen doch alle, die an ihm vorübergehen, sich entsetzen; und wenn sie fragen: ›Warum hat der HERR diesem Lande und diesem Hause solches Geschick widerfahren lassen?‹,
22 Namoonnis, ‘Sababiin inni balaa kana hunda isaanitti fideef waan isaan Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii kan Gibxii isaan baase sana dhiisanii, waaqota biraa hammatanii, isaanin waaqeffatanii tajaajilaniif’ jedhanii ni deebisu.”
so wird man antworten: ›Zur Strafe dafür, daß sie den HERRN, den Gott ihrer Väter, der sie aus dem Lande Ägypten hinausgeführt hatte, verlassen und sich anderen Göttern zugewandt und sie angebetet und ihnen gedient haben: darum hat er all dieses Unglück über sie kommen lassen!‹«

< 2 Seenaa 7 >