< 2 Seenaa 6 >

1 Ergasii Solomoon akkana jedhe; “Waaqayyo akka duumessa dukkanaaʼaa keessa jiraatu dubbateera;
當時撒羅滿說:「上主曾決定:要住在幽暗之中;
2 ani mana qulqullummaa guddaa, iddoo ati bara baraan jiraattu siif ijaareera.”
我卻為你建築了一個居所,作為你永久的住處」。[撒羅滿的訓辭]
3 Utuma waldaan Israaʼel guutuun achi dhaabatuu mootichi of irra garagalee isaan eebbise.
撒羅滿轉過臉來,祝福了以色列全會眾;以色列全會眾都站著,
4 Innis akkana jedhe: “Waaqayyo Waaqni Israaʼel inni waan afaan ofii isaatiin abbaa koo Daawitiif waadaa gale sana harkuma ofii isaatiin guute sun haa eebbifamu. Innis akkana jedhee tureetii;
撒羅滿說:「上主,以色列的天主,應受讚美! 他親口對我父親達味應許過,也親手完成了說:
5 ‘Ani gaafan saba koo Gibxii baasee jalqabee akka Maqaan koo achi jiraatuuf jedhee mana qulqullummaa itti ijaarsifachuuf gosoota Israaʼel kam iyyuu keessatti magaalaa tokko illee hin filanne, yookaan akka inni bulchaa saba koo Israaʼel taʼuuf nama tokko illee hin filanne.
自從我領我的百姓出離埃及地的那天起,沒有在以色列各支派中,選擇一城,為建造一座作我名下的殿,也沒有揀選一個人作領袖,管理我的百姓以色列。
6 Amma garuu akka maqaan koo achi jiraatuuf Yerusaalemin filadheera; akka inni saba koo Israaʼelin bulchuufis Daawitin filadheera.’
可是,我選擇了耶路撒冷作為安置我名之處,揀選了達味管理我的百姓以色列。
7 “Daawit abbaan koo Maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaaruuf garaa isaatii yaada qaba ture.
我父親達味原有意為上主以色列天主的名建造一座殿,
8 Waaqayyo garuu abbaa koo Daawitiin akkana jedhe; ‘Waan mana qulqullummaa maqaa kootiif ijaaruun yaada kee keessa jiruuf, ati yaada kana garaadhaa qabaachuun kee gaarii dha.
但上主卻對我父親達味說:你有意為我的名建造一座殿,你這番心意固然很好,
9 Taʼus namni mana qulqullummaa naaf ijaaru siʼi miti; garuu ilma kee, isuma foon keetii fi dhiiga kee taʼetu ijaara; namni mana qulqullummaa Maqaa kootiif ijaaru isa.’
但不是你要建造這殿,而是你親生的兒子,他要為我的名建造這殿。
10 “Waaqayyo waadaa gale sana eegeera; akkuma Waaqayyo waadaa gale sana ani amma iddoo abbaa koo Daawit buʼee teessoo Israaʼel irra taaʼeen jira; Maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliifis mana qulqullummaa ijaareera.
現在上主實現了他所說的話,使我來繼承了我父親達味,坐上了以色列的寶座,正如上主所預許的;我也為上主以色列天主的名建造了這座殿,
11 Anis achi keessa taabota kaaʼeera; taabota sana keessa immoo kakuu Waaqayyoo kan inni saba Israaʼel wajjin galetu jira.”
將約櫃安放在裏面;約櫃內有上主與以色列子民所立的約版。」[祈禱詞]
12 Solomoon iddoo aarsaa Waaqayyoo duratti fuula guutummaa waldaa Israaʼel dura dhaabatee harka isaa ni balʼise.
以後,撒羅滿當著以色列全會眾的面,站在上主的祭壇前,伸開手,─
13 Waltajjii dhundhuma shan lafa irra dheeratu, kan dhundhuma shan balʼatee dhundhuma sadii ol dheeratu tokkos naasii irraa hojjetee walakkaa oobdii ni dhaabe; innis waltajjii sana irra dhaabatee fuula guutummaa waldaa Israaʼel duratti jilbeenfatee harka isaa gara samiitti ol ni balʼise.
因為撒羅滿製造了一座銅台,長五肘,寬五肘,高三肘,安置在庭院中央,他立在上面,當著以色列全會眾的面,屈膝跪拜,舉手向天,─
14 Akkanas jedhe: “Yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, Waaqni akka keetii ol samii keessa yookaan gad lafa irra hin jiru; ati garboota kee warra garaa guutuudhaan karaa kee irra deemaniif kakuu fi jaalala kee kan hin geeddaramne sana ni eegda.
說「上主,以色列的天主! 上天下地,沒有一個神可與你相比。你對那些一心在你面前行走的僕人,常是遵守信約,表示慈愛。
15 Ati waadaa garbicha kee abbaa koo Daawitiif galte sana eegdeerta; ati afaanuma keetiin waadaa galtee akkuma harʼa taʼee jiru kana harka keetiin fiixaan baafteerta.
你對你僕人,我父親達味所應許的,你都履行了;你親口應許的,你也親手成就了,正如今天一樣。
16 “Ammas yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, ati waan garbicha kee abbaa koo Daawitiin, ‘Yoo ilmaan kee akkuma ati goote sana waan hojjetan hunda keessatti of eeggachaa, akkuma seera kootti fuula koo dura deddeebiʼan, ati nama fuula koo dura teessoo Israaʼel irra taaʼu gonkumaa hin dhabdu’ jettee abdachiifte sana eegiif.
上主,以色列的天主! 你曾說:只要你的子孫謹守他們的道路,按照我的法律行走,如你在我面前行走一樣,你決斷不了在我前坐以色列王位的人;現在求你實踐你對你僕人,我父親達味所說的話罷!
17 Kanaafuu amma yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, dubbiin ati garbicha kee Daawitiif waadaa galte sun haa mirkanaaʼu.
上主,以色列的天主,現在求你使你向你僕人達味所應許過的話,予以實現罷!
18 “Garuu dhugumaan Waaqni nama wajjin lafa irra ni jiraataa? Samiiwwan, samiiwwan samii olii iyyuu si baachuu hin dandaʼan. Yoos manni qulqullummaa kan ani ijaare kun hammam haa xinnaatuu ree!
天主實在與人住在地上嗎﹖看,天和天上的天,尚且容不下你,何況我所建造的這座殿宇呢!
19 Taʼus yaa Waaqayyo Waaqa ko, kadhannaa fi waammata garbichi kee araara barbaaduuf dhiʼeessuuf gurra kenni. Iyyaa fi kadhannaa garbichi kee fuula kee duratti dhiʼeessu illee dhagaʼi.
上主,我的天主,請垂允你僕人的祈禱和懇求! 俯聽你僕人在你面前所發的呼號和祈禱!
20 Iji kees halkanii fi guyyaa gara mana qulqullummaa kanaa gara iddoo ati akka Maqaa kee achi kaaʼattu dubbatte sanaa haa ilaalu. Kadhannaa garbichi kee gara iddoo kanaatti fuula deebifatee kadhatu illee dhagaʼi.
願你的眼睛晝夜垂視這座殿,看顧你所說,你要安置你名的地方;求你垂聽你僕人向這地方所行的祈禱!
21 Yommuu isaan gara iddoo kanaatti fuula deebifatanii kadhatanitti waammata garbicha keetii fi kan saba kee Israaʼel dhagaʼi. Samii keessaa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi; yommuu dhageessuttis dhiifama godhi.
願你垂聽你僕人與你百姓以色列向這地方所發的哀禱,求你從天上,由你的居所,予以垂聽,垂聽和寬恕!
22 “Yoo namni tokko ollaa ofii isaatti daba hojjetee akka kakatu gaafatamee, innis dhufee mana qulqullummaa kana keessatti, fuula iddoo aarsaa keetii duratti kakate,
若有人得罪了自己的鄰人,被迫以咒詞起誓,而來到這殿內,在你祭壇前起誓,
23 ati samii irraa dhagaʼiitii garboota kee gidduutti tarkaanfii fudhadhu. Nama yakka qabu, yakka isaa matuma isaatti deebistee gatii isaa kennuufiidhaan, nama qajeelaa immoo akkuma qajeelummaa isaatti isaaf falmuudhaan garboota kee gidduutti murtii kenni.
求你由天上垂聽受理,為你的僕人伸冤:懲治惡人,照他所行的,報應在他頭上;宣告義人無罪,照他的正義酬報他。
24 “Yoo sabni kee Israaʼel sababii cubbuu sitti hojjeteef diinaan moʼatamutti, yoo inni deebiʼee maqaa keetiif ulfina kennee mana qulqullummaa kana keessatti si duratti kadhatee si waammatutti,
如果你的百姓以色列,因為得罪了你,在敵人面前被擊敗;他們如果回心轉意稱頌你的名,在這殿內向你祈禱懇求,
25 samii irraa dhagaʼiitii cubbuu saba kee Israaʼel dhiisiif; biyya isaanii fi abbootii isaaniitiif kennite sanattis deebisii isaan galchi.
願你從天上予以垂聽,寬恕你百姓以色列的罪,領他們回到你賜給他們並他們祖先的地方!
26 “Yoo sababii sabni kee cubbuu sitti hojjeteef samiiwwan cufamanii bokkaan dhabame, yoo isaan sababii ati isaan adabdeef iddoo kanatti fuula deebifatanii maqaa kee ulfeessanii cubbuu isaanii irraa deebiʼan,
幾時他們犯罪得罪了你,天空閉塞不雨,你懲罰了他們;他們如果向這地方祈禱,稱頌你的名,遠離罪過,
27 ati samii irraa dhagaʼiitii cubbuu garboota kee, saba kee Israaʼel dhiisiif. Karaa qajeelaa isaan jiraachuu qaban isaan barsiisi; biyya dhaala gootee saba keetiif kennite irrattis bokkaa roobsi.
求你從天上垂聽,赦免你僕人及你百姓以色列的罪,指給他們應走的正路,使雨降仔你賜予你百姓作為基業的地上。
28 “Yommuu beelli yookaan dhaʼichi yookaan waagiin yookaan awwaaroon yookaan hawwaannisni yookaan korophisni biyyatti dhufutti, yookaan yommuu magaalaawwan biyya isaanii kam iyyuu keessatti diinonni isaan marsanitti, yookaan yommuu balaan yookaan dhukkubni kam iyyuu dhufutti,
如果此地發生饑饉、瘟疫,五穀枯萎生霉,或遭受蝗蟲或螞蚱,或有敵人犯境圍困門下,或不拘遭受什麼災禍疾病,
29 yoo sabni kee Israaʼel rakkinaa fi dhukkubbii ofii isaa beekee isaan keessaa eenyu iyyuu gara mana qulqullummaa kanaatti harka isaa balʼisee kadhannaa yookaan waammata dhiʼeesse,
你的百姓以色列,個人或團體,如果感覺內疚和痛苦,而向這殿伸出手來祈禱哀求,
30 ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Dhiifama godhiif; si qofatu garaa namaa beekaatii, ati sababii garaa isaa beektuuf tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaa hundaatti waan isaaf malu kenni;
願你從天上,你的居所,予以俯聽寬恕,照每人的一切行為,予以賞報,因為你認識每個人的心,─唯有你認識人子的心,
31 yoo akkasii isaan bara biyya ati abbootii keenyaaf kennite keessa jiraatan hunda si sodaatanii karaa kee irra ni deemu.
使他們在你賜予我們祖先的地上,一生一世敬畏你,在你的道路上行走!
32 “Akkasumas nama ormaa kan saba kee Israaʼel hin taʼin kan maqaa kee guddichaaf, harka kee jabaa fi irree kee kan diriirfame sanaatiif jedhee biyya fagootii dhufe, yoo inni dhufee fuula isaa gara mana qulqullummaa kanaatti deebifatee kadhate,
至於那不屬於你百姓以色列的外方人,為了你的大名,你有力的手及伸開的臂,自遠方來,在這殿內祈禱,
33 ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Akka saboonni addunyaa hundinuu akkuma saba kee Israaʼel sana maqaa kee beekanii si sodaatanii fi akka isaan akka manni ani ijaare kun maqaa keetiin waamamu illee beekaniif jedhii waan namni ormaa sun si kadhatu hunda godhiif.
願你從天上,你的居所垂聽,按照外方人所請求於你的去行! 這樣,可使地上萬民都認識你的名,敬畏你,如同你的百姓以色列一樣;使他們知道我所建造的這殿,是屬於你名下的。
34 “Yommuu sabni kee diinota isaa loluuf jedhee gara ati itti isa ergitu kam iyyuu duulutti, yoo inni gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare kanaatti fuula deebifatee si kadhate,
你的人民,如果在你派遣他們走的路上與敵人交戰,而他們向你所揀選的這城,向我為你的名所建造的這殿,祈求你,
35 ati samii irraa kadhannaa isaatii fi waammata isaa dhagaʼiitii dhimma isaa isaaf raawwadhu.
願你從天上俯聽他們的祈禱和哀求,維護他們的正義!
36 “Waan namni cubbuu hin hojjenne tokko iyyuu hin jirreef yommuu isaan cubbuu sitti hojjetanitti ati isaanitti aartee diina isaan boojiʼee biyya fagootti yookaan dhiʼootti isaan geessutti dabarsitee isaan kennita;
如果他們犯罪得罪了你,─因為沒有不犯罪的人,─你向他們發怒,將他們交於仇敵,讓敵人將他們擄到遠方或近處。
37 yoo isaan biyya boojuudhaan itti geeffamanitti gaabbanii qalbii geeddaratanii, ‘Nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerra; waan hamaas hojjenneerra’ jedhanii biyya boojuu isaanii keessatti si kadhatan,
他們若在被擄往的地方,回心轉意,在充軍之地,懇求你說:我們犯了罪,我們作了惡,做了背理的事;
38 yoo isaan biyya boojuudhaan itti geeffaman sana keessatti garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan gara keetti deebiʼanii, gara biyya ati abbootii isaaniitiif kenniteetti, gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare sanaatti fuula deebifatanii si kadhatan,
如果他們在被擄充軍之地,全心全意歸向你,向你賜給他們祖先的地方,向你所揀選的這城,向我為你的名所建造的這殿祈禱,
39 ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii kadhannaa fi waammata isaanii dhagaʼiitii dhimma isaanii isaaniif raawwadhu. Saba kee kan cubbuu sitti hojjeteefis dhiifama godhi.
願你從天上,你的居所,垂聽他們的祈禱和懇求,維護他們的正義,寬恕得罪你的百姓!
40 “Ammas yaa Waaqa koo kadhannaa iddoo kanatti dhiʼaatu iji kee haa argu; gurri kees haa dhagaʼu.
現在,我的天主,願你的眼睛睜著,側耳諦聽在這地方所行的祈禱!
41 “Kanaafuu yaa Waaqayyo, yaa Waaqi,
現在,上主天主,願你起來,願你與你那大能的約櫃進入你安息之所! 上主天主,願你的司祭身披救援,願你的聖徒在幸福中歡樂!
42 Yaa Waaqayyo, Gooftaa, ati dibamaa kee hin gatin;
上主天主,求你不要摒棄你的受傅者,記念你賜予你僕人達味的慈愛! 」

< 2 Seenaa 6 >