< 2 Seenaa 5 >

1 Solomoon yommuu hojiin inni mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjete hundi raawwatametti miʼoota abbaan isaa Daawit Waaqaaf addaan baase jechuunis meetii, warqee fi miʼoota hunda fidee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa kaaʼe.
Et tout l’ouvrage que Salomon fit pour la maison de l’Éternel fut achevé. Et Salomon apporta les choses saintes de David, son père, tant l’argent que l’or, et tous les ustensiles: il les mit dans les trésors de la maison de Dieu.
2 Ergasii Solomoon Xiyoon magaalaa Daawit irraa taabota kakuu Waaqayyoo ol fichisiisuudhaaf jedhee maanguddoota Israaʼel, abbootii gosootaa hundaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel Yerusaalemitti walitti waame.
Alors Salomon assembla à Jérusalem les anciens d’Israël et tous les chefs des tribus, les princes des pères des fils d’Israël, pour faire monter l’arche de l’alliance de l’Éternel, de la ville de David, qui est Sion.
3 Israaʼeloonni hundinuus jiʼa torbaffaa keessa yeroo ayyaanaatti mooticha biratti walitti qabaman.
Et tous les hommes d’Israël s’assemblèrent vers le roi, à la fête, celle du septième mois.
4 Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi achi gaʼanitti Lewwonni taaboticha ol fuudhan;
Et tous les anciens d’Israël vinrent, et les Lévites portèrent l’arche.
5 isaanis taabota sana, dunkaana wal gaʼiitii fi miʼoota qulqulleeffaman kanneen dunkaanicha keessa turan hunda ni fidan. Lewwonni luboota taʼanis baatanii ol isaan fidan;
Et ils firent monter l’arche, et la tente d’assignation, et tous les ustensiles du lieu saint qui étaient dans la tente: les sacrificateurs, les Lévites, les firent monter.
6 Solomoon Mootichii fi waldaan Israaʼel kan isa biratti walitti qabaman guutuun hoolotaa fi loon akka malee baayʼatanii galmeessuu fi lakkaaʼuun hin dandaʼamne aarsaa dhiʼeessaa isa wajjin fuula taabotaa dura turan.
Et le roi Salomon et toute l’assemblée d’Israël qui s’était réunie auprès de lui devant l’arche, sacrifiaient du menu et du gros bétail, qu’on ne pouvait nombrer ni compter à cause de [sa] multitude.
7 Luboonnis ergasii taabota kakuu Waaqayyoo sana iddoo isaa gara kutaa qulqullicha mana qulqullummaa keessaa jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanatti ol galchanii qoochoo kiirubeelii jala kaaʼan.
Et les sacrificateurs firent entrer l’arche de l’alliance de l’Éternel en son lieu, dans l’oracle de la maison, dans le lieu très saint, sous les ailes des chérubins.
8 Kiirubeeliinis iddoo taabotichaa irratti qoochoowwan isaanii babalʼisanii taabotichaa fi danqaraawwan ittiin taabota baatan ni haguugan.
Et les chérubins étendaient les ailes sur le lieu de l’arche; et les chérubins couvraient l’arche et ses barres, par-dessus.
9 Danqaraawwan kunneen waan akka malee dhedheerataniif fiixeen isaanii taaboticha biraa dhedheerattee fuula Iddoo Qulqulluu gara keessaa jiru sanaa duraa ni mulʼatu ture; garuu iddoo qulqulluu sanaa alatti hin mulʼatan ture; danqaraawwan kunneen hamma harʼaatti illee achuma jiru.
Et les barres étaient longues, de sorte que les bouts des barres se voyaient hors de l’arche sur le devant de l’oracle, mais ils ne se voyaient pas du dehors; et elles sont là jusqu’à ce jour.
10 Taabota sana keessa gabateewwan kanneen Museen Kooreebitti, iddoo Waaqayyo erga Israaʼeloonni Gibxii baʼanii booddee itti isaan wajjin kakuu seene sanatti isa keessa kaaʼe lamaan malee wanni tokko iyyuu hin turre.
Il n’y avait rien dans l’arche, sauf les deux tables que Moïse y mit en Horeb, quand l’Éternel fit alliance avec les fils d’Israël, lorsqu’ils sortirent d’Égypte.
11 Luboonnis Iddoo Qulqulluu sanaa ni baʼan. Luboonni achi turan hundinuu yoo dabareen kan isaanii taʼuu baate iyyuu of qulqulleessanii turan.
Et il arriva, comme les sacrificateurs sortaient du lieu saint (car tous les sacrificateurs qui s’y trouvaient s’étaient sanctifiés sans observer les classes),
12 Lewwonni faarfattoota turan jechuunis Asaaf, Heemaan, Yeduutuun, ilmaan isaaniitii fi firoonni isaanii wayyaa haphii quncee talbaa irraa hojjetame uffatanii iddoo aarsaa bira karaa baʼa biiftuutiin dhaabatanii kilillee kililchaa, baganaa fi kiraara taphachaa turan. Luboonni 120 kanneen malakata afuufan isaan wajjin turan.
et que les lévites, les chantres, eux tous, Asaph, et Héman, et Jeduthun, et leurs fils et leurs frères, vêtus de byssus, avec des cymbales et des luths et des harpes, se tenaient à l’orient de l’autel, et avec eux 120 sacrificateurs sonnant des trompettes,
13 Warri malakata afuufanii fi faarfattoonni Waaqayyoon leellisuu fi galateeffachuudhaaf jedhanii akkuma nama tokkootti walii galanii sagalee isaanii tokko godhatan. Isaanis malakatatti, kilillee fi miʼoota faarfannaa biraatti fayyadamanii sagalee isaanii ol fudhatanii Waaqayyoon galateeffachuudhaan: “Inni gaarii dha; jaalalli isaas bara baraan ni jiraata” jedhanii faarfatan. Ergasiis manni qulqullummaa Waaqayyoo duumessaan ni guutame;
– il arriva, lorsque les trompettes et les chantres furent comme un seul homme pour faire entendre une même voix en louant et en célébrant l’Éternel, et qu’ils élevèrent la voix avec des trompettes, et des cymbales, et des instruments de musique, en louant l’Éternel de ce qu’il est bon, parce que sa bonté demeure à toujours, [il arriva] que la maison, la maison de l’Éternel, fut remplie d’une nuée;
14 luboonnis sababii duumessa sanaatiif hojii isaanii hojjechuu hin dandeenye; ulfinni Waaqayyoo mana qulqullummaa Waaqaa guutee tureetii.
et les sacrificateurs ne pouvaient pas s’y tenir pour faire le service, à cause de la nuée, car la gloire de l’Éternel remplissait la maison de Dieu.

< 2 Seenaa 5 >